< Iyyaasuu 4 >

1 Waaqayyos erga sabni guutuun Yordaanosin ceʼee booddee, Iyyaasuudhaan akkana jedhe;
And when the people had completely passed over Jordan, the Lord spoke to Joshua, saying,
2 “Saba keessaa nama kudha lama, tokkoo tokkoo gosaa keessaa nama tokko tokko filadhuutii
Take men from the people, one of each tribe,
3 akka isaan walakkaa Yordaanos keessaa iddoo luboonni dhadhaabatan sanaa dhagoota kudha lama fuudhanii, baatanii isin wajjin deemanii iddoo isin edana bultanitti lafa kakaaʼan itti himi.”
and charge them; and you shall take out of the midst of Jordan twelve fit stones, and having carried them across together with yourselves, place them in your camp, where you shall encamp for the night.
4 Kanaafis Iyyaasuun, namoota kudha lamaan Israaʼeloota keessaa, tokkoo tokkoo gosaa keessaa tokko tokko filate sana walitti waamee
And Joshua having called twelve men of distinction among the children of Israel, one of each tribe,
5 akkana jedheen; “Taabota Waaqayyo Waaqa keessanii kana dura darbaatii walakkaa Yordaanos seenaa. Tokkoon tokkoon keessanis akkuma baayʼina gosoota Israaʼelootaatti dhagaa tokko tokko fudhattanii gatiittii keessanitti baachuu qabdu.
said to them, Advance before me in the presence of the Lord into the midst of Jordan, and each having taken up a stone from thence, let him carry it on his shoulders, according to the number of the twelve tribes of Israel:
6 Kunis akka wanni kun gidduu keessanitti mallattoo taʼuuf. Yommuu ijoolleen keessan gara fuulduraatti, ‘Dhagoonni kunneen maal argisiisu?’ jedhanii isin gaafatanitti,
that these may be to you continually for an appointed sign, that when your son asks you in future, saying, What are these stones to us?
7 akka bishaan laga Yordaanos fuula taabota kakuu Waaqayyoo duratti gargar cite itti himaa. Yommuu taabonni kun laga Yordaanos ceʼetti bishaan Yordaanos gargar cite. Dhagaawwan kunneenis saba Israaʼeliif yaadannoo bara baraa taʼu.”
then you may explain to your son, saying, The river Jordan was dried up from before the ark of the covenant of the Lord of the whole earth, when it passed it: and these stones shall be for a memorial for you for the children of Israel for ever.
8 Kanaafuu Israaʼeloonni akkuma Iyyaasuun isaan ajaje godhan. Isaanis akkuma Waaqayyo Iyyaasuutti hime sana, akkuma baayʼina gosoota Israaʼelootaatti dhagoota kudha lama walakkaa Yordaanos keessaa fuudhan; hamma iddoo qubata isaaniittis baatanii achitti lafa kaaʼatan.
And the children of Israel did so, as the Lord commanded Joshua; and they took up twelve stones out of the midst of Jordan, (as the Lord commanded Joshua, when the children of Israel had completely passed over, ) and carried these stones with them into the camp, and laid them down there.
9 Iyyaasuunis dhagoota kudha lamaan walakkaa Yordaanos keessa iddoo luboonni taabota kakuu baatan sun ijaajjaa turan sana ol dhadhaabe. Isaanis hamma harʼaatti achuma jiru.
And Joshua set also other twelve stones in Jordan itself, in the place that was under the feet of the priests that bore the ark of the covenant of the Lord; and there they are to this day.
10 Luboonni taabota kakuu baatan sunis hamma wanni Waaqayyo akka inni namootatti himuuf Iyyaasuu ajaje hundi akkuma Museen Iyyaasuu ajajetti raawwatamutti walakkaa Yordaanos keessa dhadhaabachaa turan. Namoonnis dafanii ceʼan;
And the priests that bore the ark of the covenant stood in Jordan, until Joshua [had] finished all that the Lord commanded him to report to the people; and the people hasted and passed over.
11 akkuma hundi isaanii ceʼaniinis utuma namoonni arganuu taabonni Waaqayyootii fi luboonni gara gama kaaniitti ceʼan.
And it came to pass when all the people had passed over, that the ark of the covenant of the Lord passed over, and the stones before them.
12 Ilmaan Ruubeen, ilmaan Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee akkuma Museen isaan ajajetti miʼa lolaa hidhatanii Israaʼeloota dura gara gamaatti ceʼan.
And the sons of Ruben, and the sons of Gad, and the half tribe of Manasse passed over armed before the children of Israel, as Moses commanded them.
13 Namni gara kuma afurtamaa taʼu warraanaaf hidhatee fuula Waaqayyoo dura gara dirree Yerikootti lolaaf ceʼe.
Forty thousand armed for battle went over before the Lord to war, to the city of Jericho.
14 Waaqayyos guyyaa sana fuula Israaʼeloota hundaa duratti Iyyaasuu nama guddaa godhe; isaanis akkuma Museef ulfina kennaa turan sana bara jireenya isaa guutuu Iyyaasuufis ulfina kennan.
In that day the Lord magnified Joshua before all the people of Israel; and they feared him, as [they did] Moses, as long as he lived.
15 Ergasiis Waaqayyo Iyyaasuudhaan akkana jedhe;
And the Lord spoke to Joshua, saying,
16 “Akka isaan Yordaanos keessaa ol baʼaniif luboota taabota kakuu seeraa baatan sana ajaji.”
Charge the priests that bear the ark of the covenant of the testimony of the Lord, to go up out of Jordan.
17 Kanaafuu Iyyaasuun, “Yordaanos keessaa ol baʼaa” jedhee luboota ajaje.
And Joshua charged the priests, saying, Go up out of Jordan.
18 Luboonnis taabota kakuu Waaqayyoo baatanii laga keessaa ol baʼan. Akkuma isaan miilla isaanii lafa gogaa irra dhaabbataniin bishaan Yordaanos iddoo ofiitti deebiʼee akkuma duraanii guutee irra dhangalaʼe.
And it came to pass when the priests who bore the ark of the covenant of the Lord were gone up out of Jordan, and set their feet upon the land, [that] the water of Jordan returned impetuously to its place, and went as before over all its banks.
19 Guyyaa kurnaffaa jiʼa jalqabaatti namoonni Yordaanos keessaa ol baʼanii Gilgaal isa baʼa daarii Yerikoo keessa qubatan.
And the people went up out of Jordan on the tenth day of the first month; and the children of Israel encamped in Galgala in the region eastward from Jericho.
20 Iyyaasuunis dhagoota kudha lamaan isaan Yordaanos keessaa fuudhan sana Gilgaal keessa dhadhaabe.
And Joshua set these twelve stones which he took out of Jordan, in Galgala,
21 Innis Israaʼelootaan akkana jedhe; “Gara fuulduraatti yoo sanyiin keessan, ‘Dhagaawwan kunneen maal argisiisu?’ jedhanii abbootii isaanii gaafatan,
saying, When your sons ask you, saying, What are these stones?
22 ‘Israaʼel lafa gogaa irra Yordaanos ceʼe’ jedhaa itti himaa.
Tell your sons, that Israel went over this Jordan on dry land,
23 Waaqayyo Waaqni keessan hamma isin gamatti ceetanitti fuuluma keessan duratti Yordaanos gogsee tureetii. Waaqayyo Waaqni keessan akkuma hamma nu ceenutti Galaana Diimaa fuula keenya duratti gogse sana Yordaanosiinis gogse.
when the Lord our God had dried up the water of Jordan from before them, until they had passed over; as the Lord our God did to the Red Sea, which the Lord our God dried up from before us, until we passed over.
24 Innis akka sabni lafaa hundinuu akka harki Waaqayyoo jabaa taʼe argisiisuu fi akka isinis yeroo hunda Waaqayyo Waaqa keessan sodaattaniif waan kana hojjete.”
That all the nations of the earth might know, that the power of the Lord is mighty, and that you might worship the Lord our God in every work.

< Iyyaasuu 4 >