< Iyyaasuu 24 >
1 Iyyaasuunis ergasii gosoota Israaʼel hunda Sheekemitti walitti qabe. Innis maanguddoota, hooggantoota, abbootii murtii fi qondaaltota Israaʼel walitti waame; isaanis fuula Waaqaa duratti dhiʼaatan.
Und Josua versammelte alle Stämme Israels nach Sichem, und er berief die Ältesten von Israel und seine Häupter und seine Richter und seine Vorsteher; und sie stellten sich vor Gott.
2 Iyyaasuun saba hundaan akkana jedhe; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Abbootiin keessan bara durii, Taaraa abbaa Abrahaamii fi Naahoor dabalatanii Laga gama jiraatanii waaqota biraa waaqeffatan.
Und Josua sprach zu dem ganzen Volke: So spricht Jehova, der Gott Israels: Eure Väter wohnten vor alters jenseit des Stromes, [d. h. des Euphrat] Tarah, der Vater Abrahams und der Vater Nahors, und sie dienten anderen Göttern.
3 Ani garuu abbaa keessan Abrahaam biyya Laga gamaatii fuudhee biyya Kanaʼaan keessa isa dabarsee sanyii baayʼee kenneef. Ani Yisihaaqin isaafan kenne;
Und ich nahm Abraham, euren Vater, von jenseit des Stromes und ließ ihn durch das ganze Land Kanaan wandern, und ich mehrte seinen Samen und gab ihm Isaak.
4 Yisihaaqiif immoo Yaaqoobii fi Esaawun kenne. Biyyaa gaaraa Seeʼiir Esaawufin kenne; Yaaqoobii fi ilmaan isaa garuu Gibxitti gad buʼan.
Und dem Isaak gab ich Jakob und Esau; und dem Esau gab ich das Gebirge Seir, es zu besitzen; und Jakob und seine Söhne zogen nach Ägypten hinab.
5 “‘Anis Musee fi Aroon ergee waanan achitti hojjedheen namoota Gibxi dhaʼichaan dhaʼee achii isin baase.
Und ich sandte Mose und Aaron und schlug Ägypten, so wie ich in seiner Mitte getan habe; und danach führte ich euch heraus.
6 Yeroo ani abbootii keessan biyya Gibxi keessaa baasetti, isin gara galaanaa dhuftan; warri Gibxi immoo gaariiwwan lolaatii fi warra fardeen yaabbataniin hamma Galaana Diimaatti isaan hordofan.
Und ich führte eure Väter aus Ägypten hinweg, und ihr kamet an das Meer; und die Ägypter jagten euren Vätern nach mit Wagen und mit Reitern bis an das Schilfmeer.
7 Isaan gargaarsa barbaaduuf Waaqayyotti iyyatan; innis isaanii fi warra Gibxi gidduu dukkana buuse; warra Gibxitti galaana fidee isaan ukkaamse. Isin waan ani warra Gibxi godhe ijuma keessaniin argitan. Ergasiis isin bara dheeraa gammoojjii keessa jiraattan.
Da schrieen sie zu Jehova, und er setzte Finsternis zwischen euch und die Ägypter und führte das Meer über sie und bedeckte sie; und eure Augen haben gesehen, was ich an den Ägyptern getan habe. Und ihr wohntet in der Wüste eine lange Zeit.
8 “‘Anis biyya Amoorota gama baʼa Yordaanos jiraachaa turan sanaatti isin nan fide. Isaanis isin lolan; ani garuu dabarsee harka keessanitti isaan kenne. Ani fuula keessan duraa isaan nan barbadeesse; isinis biyya isaanii qabattan.
Und ich brachte euch in das Land der Amoriter, die jenseit des Jordan wohnten, und sie stritten wider euch; und ich gab sie in eure Hand, und ihr nahmet ihr Land in Besitz, und ich vertilgte sie vor euch.
9 Baalaaq ilmi Ziphoori mootichi Moʼaab sun yeroo Israaʼelitti duuluuf qophaaʼetti akka inni isin abaaruuf Balaʼaam ilma Beʼooritti dhaamsa ergate.
Da stand Balak auf, der Sohn Zippors, der König von Moab, und stritt wider Israel; und er sandte hin und ließ Bileam, den Sohn Beors, rufen, um euch zu verfluchen.
10 Ani garuu Balaʼaamin hin dhaggeeffanne; kanaafuu inni irra deddeebiʼee isin eebbise; anis harka isaa keessaa isin nan baase.
Aber ich wollte nicht auf Bileam hören, und er segnete euch vielmehr; und ich errettete euch aus seiner Hand.
11 “‘Isinis ergasii laga Yordaanos ceetanii Yerikoo dhuftan. Jiraattonni Yerikoos akkuma Amooronni, Feerzonni, Kanaʼaanonni, Heetonni, Girgaashonni, Hiiwonnii fi Yebuusonni godhan sana isin lolan; ani garuu dabarseen harka keessanitti isaan kenne.
Und ihr zoget über den Jordan und kamet nach Jericho; und die Bürger von Jericho und die Amoriter und die Perisiter und die Kanaaniter und die Hethiter und die Girgasiter und die Hewiter und die Jebusiter stritten wider euch, und ich gab sie in eure Hand.
12 Ani sonsa isaanii fi mootota Amoorotaa lamaan fuula keessan duraa ariʼee baasu isin dura nan erge. Isin goraadee keessanii fi iddaa keessaniin isaan hin ariine.
Und ich sandte die Hornissen vor euch her, und sie vertrieben sie vor euch, die beiden Könige der Amoriter; nicht mit deinem Schwert und nicht mit deinem Bogen.
13 Ani akkasiin biyya isin itti hin dadhabinii fi magaalaa isin hin ijaarin isiniifan kenne; isinis isaan keessa jiraattanii iddoo dhaabaa wayiniitii fi muka ejersaa kan ofii keessanii hin dhaabin irraa nyaattan.’
Und ich habe euch ein Land gegeben, um das du dich nicht gemüht, und Städte, die ihr nicht gebaut habt, und ihr wohnet darin; von Weinbergen und Olivenbäumen, die ihr nicht gepflanzt habt, esset ihr. -
14 “Egaa Waaqayyoon sodaadhaatii amanamummaa guutuudhaan isa tajaajilaa. Waaqota abbootiin keessan Laga gamaa fi biyya Gibxitti waaqeffatan sana gataatii Waaqayyoon tajaajilaa.
Und nun fürchet Jehova und dienet ihm in Vollkommenheit [O. Lauterkeit, Aufrichtigkeit] und in Wahrheit; und tut die Götter hinweg, welchen eure Väter jenseit des Stromes und in Ägypten gedient haben, und dienet Jehova.
15 Isin garuu yoo Waaqayyoon tajaajiluu hin barbaanne, waaqota abbootiin keessan Laga gamatti tajaajilaa turan sana yookaan waaqota Amoorotaa biyya isaanii keessa jiraattan kanneenii keessaa harʼa filadhaa. Anii fi manni koo garuu Waaqayyoon waaqeffanna.”
Und wenn es übel ist in euren Augen, Jehova zu dienen, so erwählet euch heute, wem ihr dienen wollt, ob den Göttern, welchen eure Väter gedient haben, die jenseit des Stromes wohnten, oder den Göttern der Amoriter, in deren Land ihr wohnet. Ich aber und mein Haus, wir wollen Jehova dienen!
16 Sabnis akkana jedhee deebiseef; “Waaqota biraa tajaajiluudhaaf jennee Waaqayyoon dhiisuun nurraa haa fagaatu!
Und das Volk antwortete und sprach: Fern sei es von uns, Jehova zu verlassen, um anderen Göttern zu dienen!
17 Kan biyya Gibxi, biyya garbummaa sana keessaa nuu fi abbootii keenya baasee waan mallattoowwan gurguddaa sana ija keenya duratti hojjete Waaqayyo Waaqa keenyaa dha. Inni karaa keenya hunda irrattii fi saboota nu gidduu isaanii tarre sana hunda gidduutti nu eege.
Denn Jehova, unser Gott, ist es, der uns und unsere Väter aus dem Lande Ägypten, aus dem Hause der Knechtschaft, heraufgeführt hat, und der vor unseren Augen diese großen Zeichen getan und uns behütet hat auf dem ganzen Wege, auf dem wir gegangen, und unter all den Völkern, durch deren Mitte wir gezogen sind.
18 Waaqayyo saboota hunda, Amoorota biyya sana keessa jiraachaa turanis fuula keenya duraa ariʼee baase. Sababii inni Waaqa keenya taʼeef nu Waaqayyoon tajaajilla.”
Und Jehova hat alle Völker und die Amoriter, die Bewohner des Landes, vor uns vertrieben. Auch wir wollen Jehova dienen, denn er ist unser Gott!
19 Iyyaasuunis sabaan akkana jedhe; “Isin Waaqayyoon tajaajiluu hin dandeessan. Inni Waaqa qulqulluu dha. Inni Waaqa hinaafuu dha. Inni fincila keessanii fi cubbuu keessan isinii hin dhiisu.
Und Josua sprach zu dem Volke: Ihr könnet Jehova nicht dienen; denn er ist ein heiliger Gott, er ist ein eifernder Gott; [El] er wird eure Übertretung [Eig. euren Abfall] und eure Sünden nicht vergeben.
20 Yoo isin Waaqayyoon dhiiftanii waaqota ormaa tajaajiltan, inni erguma waan gaarii isinii godhee booddee garagalee balaa isinitti buusee isin balleessa.”
Wenn ihr Jehova verlasset und fremden Göttern dienet, so wird er sich wenden und euch Übles tun und euch vernichten, nachdem er euch Gutes getan hat.
21 Namoonni garuu Iyyaasuudhaan, “Lakki! Nu Waaqayyoon tajaajilla” jedhan.
Und das Volk sprach zu Josua: Nein, sondern Jehova wollen wir dienen!
22 Iyyaasuunis deebisee, “Isin akka Waaqayyoon tajaajiluu filattan ofii keessanitti dhugaa baatota taataniirtu” jedheen. Isaanis deebisanii, “Eeyyee, nu dhugaa baatota” jedhan.
Da sprach Josua zu dem Volke: Ihr seid Zeugen gegen euch, daß ihr selbst euch Jehova erwählt habt, um ihm zu dienen. Und sie sprachen: Wir sind Zeugen!
23 Kana irratti Iyyaasuun, “Yoos amma waaqota ormaa kanneen isin gidduu jiran sana baasaa gataatii garaa keessan Waaqayyo Waaqa Israaʼelitti kennaa” jedheen.
So tut nun die fremden Götter hinweg, die in eurer Mitte sind, und neiget euer Herz zu Jehova, dem Gott Israels.
24 Sabnis Iyyaasuudhaan, “Nu Waaqayyo Waaqa keenya tajaajilla; ni ajajamnaafis” jedhe.
Und das Volk sprach zu Josua: Jehova, unserem Gott, wollen wir dienen und auf seine Stimme hören!
25 Iyyaasuun guyyaa sana sabaaf kakuu galee Sheekemitti ajajaa fi seera baase.
Und Josua machte einen Bund mit dem Volke an selbigem Tage und stellte ihm Satzung und Recht zu Sichem.
26 Innis waan kana Kitaaba Seera Waaqaa keessatti barreesse. Dhagaa guddaa tokkos fuudhee iddoo qulqulluu Waaqayyoo biratti qilxuu tokko jala dhaabe.
Und Josua schrieb diese Worte in das Buch des Gesetzes Gottes; und er nahm einen großen Stein und richtete ihn daselbst auf unter der Terebinthe, die bei dem Heiligtum Jehovas steht. [Vergl. 1. Mose 12,6. 7;35,4]
27 Inni nama hundaan akkana jedhe; “Kunoo! Dhagaan kun dhugaa nutti baʼaa. Inni dubbii Waaqayyo nutti dubbate hunda dhagaʼeera. Yoo isin Waaqa keessaniif hin amanamin dhagaan kun dhugaa isinitti baʼa.”
Und Josua sprach zu dem ganzen Volke: Siehe, dieser Stein soll Zeuge gegen uns sein; denn er hat alle Worte Jehovas gehört, die er mit uns geredet hat; und er soll Zeuge gegen euch sein, damit ihr euren Gott nicht verleugnet.
28 Kanaafuu Iyyaasuun tokkoo tokkoo namaa gara dhaala mataa mataa isaatti erge.
Und Josua entließ das Volk, einen jeden in sein Erbteil.
29 Sana booddee Iyyaasuun ilmi Nuuni, garbichi Waaqayyoo sun, waggaa dhibba tokkoo fi kudhanitti duʼe.
Und es geschah nach diesen Dingen, da starb Josua, der Sohn Nuns, der Knecht Jehovas, hundertzehn Jahre alt;
30 Isaanis lafa dhaala isaa, Timnaat Seeraa kan biyya gaaraa Efreem keessatti karaa kaaba Tulluu Gaʼaashitti argamtu sanatti isa awwaalan.
und man begrub ihn im Gebiete seines Erbteils zu Timnath-Serach auf dem Gebirge Ephraim, nördlich vom Berge Gaasch.
31 Sabni Israaʼel bara jireenya Iyyaasuu guutuu fi bara maanguddoota erga inni duʼee as hafanii jiraatanii waan Waaqayyo Israaʼeliif godhe hunda arganii keessa Waaqayyoon tajaajileera.
Und Israel diente Jehova alle Tage Josuas und alle Tage der Ältesten, welche ihre Tage nach Josua verlängerten, und die das ganze Werk Jehovas kannten, das er für Israel getan hatte.
32 Lafeen Yoosef kan Israaʼeloonni biyya Gibxii baasanii fidanis Sheekemitti lafa Yaaqoob meetii dhibba tokkoon ilmaan Hamoor, abbaa Sheekem irraa bitee sanatti awwaalame. Lafti kunis dhaala sanyii Yoosef taʼe.
Und die Gebeine Josephs, welche die Kinder Israel aus Ägypten heraufgebracht hatten, begruben sie zu Sichem auf dem Stück Feld, welches Jakob von den Söhnen Hemors, des Vaters Sichems, gekauft hatte um hundert Kesita; und sie wurden den Kindern Joseph zum Erbteil.
33 Eleʼaazaar ilmi Aroonis duʼee Gibeʼaa lafa biyya gaaraa Efreem kan ilma isaa Fiinehaasiif ixaadhaan kenname keessatti awwaalame.
Und Eleasar, der Sohn Aarons, starb; und sie begruben ihn auf dem Hügel seines Sohnes Pinehas, [O. in Gibea, der Stadt seines Sohnes Pinehas] der ihm gegeben worden war auf dem Gebirge Ephraim.