< Iyyaasuu 23 >
1 Erga barri dheeraan darbee Waaqayyos diinota isaan marsan hunda irraa Israaʼeloota boqochiisee booddee Iyyaasuun bara dheeraa jiraatee dulloome;
An daɗe bayan da Ubangiji ya ba Isra’ilawa hutu daga dukan abokan gāban da suke kewaye da su. Yoshuwa kuwa ya tsufa, shekarunsa sun yi yawa,
2 innis Israaʼeloota hunda jechuunis maanguddoota isaanii, hooggantoota isaanii, abbootii murtii isaaniitii fi qondaaltota isaanii ofitti waamee akkana jedheen: “Kunoo ani bara dheeraa jiraadhee dulloomeera.
sai ya aika a kira Isra’ilawa duka, dattawansu, shugabanninsu, alƙalansu, da manyan ma’aikatansu, ya ce musu, “Na tsufa, shekaruna kuwa sun yi yawa,
3 Isin mataan keessanuu waan Waaqayyo Waaqni keessan isiniif jedhee saboota kana godhe hundumaa argitaniirtu; Waaqayyo Waaqa keessantu isiniif lole.
ku kanku kun ga dukan abubuwan da Ubangiji Allahnku ya yi da idanunku wa dukan ƙasashen nan, Ubangiji Allahnku shi ne wanda ya yi yaƙi dominku.
4 Akka ani itti biyya saboota hafanii jechuunis biyya saboota ani Yordaanosii jalqabee hamma lixa Galaana Guddichaatti moʼadhe sanaa hunda gosoota keessaniif dhaala godhee kenne mee yaadadhaa.
Ku tuna yadda na rarraba wa kabilanku ƙasashen nan su zama naku na gādo, dukan ƙasashen da suka rage, ƙasashen da na ci da yaƙi, tsakanin Urdun da Bahar Rum a yamma.
5 Waaqayyo Waaqni keessan mataan isaa iyyuu fuula keessan duraa ariʼee isaan baasa. Inni fuula keessan duraa dhiibee isaan baasa; isin immoo akkuma Waaqayyo Waaqni keessan isin abdachiise sanatti biyya isaanii qabattu.
Ubangiji Allahnku kansa zai kore su a madadinku. Zai fafare su a gabanku, za ku kuwa mallaki ƙasarsu, yadda Ubangiji Allah ya yi muku alkawari.
6 “Jabaadhaa dhaabadhaa; akka waan Kitaaba Seera Musee keessatti barreeffame hunda, utuu gara mirgaatti yookaan bitaatti hin jalʼatin jabeessaa eegaa.
“Ku yi ƙarfin hali, ku yi hankali, ku yi biyayya da dukan abin da aka rubuta a cikin Littafin Dokoki na Musa, ba tare da kun juya hagu ko dama ba.
7 Saboota gidduu keessanitti hafan kanneenitti hin makaminaa; maqaa waaqota isaanii hin dhaʼinaa yookaan ittiin hin kakatinaa. Waaqota sana hin tajaajilinaa yookaan isaaniif hin sagadinaa.
Kada ku haɗa kai da mutanen nan da suke zama cikinku; ba ruwanku da sunayen allolinsu, kada ku rantse da su. Kada kuwa ku bauta musu ko kuwa ku rusuna musu.
8 Garuu akkuma hamma harʼaatti gochaa turtan sana jabaadhaa Waaqayyo Waaqa keessanitti maxxanaa.
Sai dai ku riƙe Ubangiji Allahnku da kyau, yadda kuka yi har zuwa yanzu.
9 “Waaqayyo saboota gurguddaa fi humna qabeeyyii fuula keessan duraa ariʼee baaseera; hamma ammaatti namni tokko iyyuu isin dura dhaabachuu hin dandeenye.
“Ubangiji ya kori manyan ƙasashe masu ƙarfi; har wa yau ba wanda ya iya cin ku da yaƙi.
10 Sababii Waaqayyo Waaqni keessan akkuma waadaa gale sana isinii loluuf namni keessan tokkichi nama kuma tokko ariʼa.
Mutum ɗaya a cikinku ya isa yă sa mutane dubu nasu su gudu, domin Ubangiji Allahnku yana yaƙi dominku, kamar yadda ya yi alkawari.
11 Kanaafuu Waaqayyo Waaqa keessan cimsaa jaalladhaa.
Saboda haka sai ku kula da kanku sosai, ku ƙaunaci Ubangiji Allahnku.
12 “Garuu yoo isin karaa irraa jalʼattanii hambaa saboota gidduu keessan jiraatan kanneeniitti maxxantan, yoo isin isaaniin walfuutanii isaanitti makamtan,
“Amma in kuka juya baya kuka zama abokai ga waɗanda suka ragu suke zama a cikinku a ƙasashen nan, har kuka yi auratayya da su, kuka haɗa kai da su,
13 akka Waaqayyo Waaqni keessan siʼachi saboota kanneen isin duraa ariʼee hin baafne beekkadhaa. Qooda kanaa isaan hamma isin biyya gaarii Waaqayyo Waaqni keessan isiniif kenne kana keessaa dhumtanitti iddaa fi kiyyoo isinitti taʼu; dugda keessanitti qaccee, ija keessanittis qoraattii taʼu.
ku tabbata cewa Ubangiji Allahnku ba zai kore muku mutanen ƙasashen nan ba, sai ma su zama muku dutsen tuntuɓe da tarko, za su zama bulala a bayanku, ƙayayyuwa a idanunku, har sai kun hallaka daga wannan ƙasa mai kyau wadda Ubangiji Allahnku ya ba ku.
14 “Kunoo ani karaa lafa hundaa deemuufin jira. Akka waadaa gaarii Waaqayyo Waaqni keessan isiniif gale hunda keessaa tokko iyyuu utuu hin guutamin hafee hin jirre isin garaa keessan guutuu fi lubbuu keessan guutuudhaan ni beektu. Waadaan hundi guutameera; tokko iyyuu hin hirʼanne.
“Yanzu na kusa barin fuskar duniyan nan. Kun sani da dukan zuciyarku, da dukan ranku cewa, Ba ko ɗaya daga cikin alkawuran da Ubangiji Allahnku ya yi, da bai cika ba. Kowane alkawari ya cika; ba ko ɗaya da bai cika ba.
15 Garuu akkuma waadaan gaariin Waaqayyo Waaqa keessanii hundi guutame sana, Waaqayyo akkasuma waan hamaa ittiin isin sodaachise sana hunda hamma biyya gaarii isinii kenne kana irraa isin fixutti isinitti fida.
Kamar yadda Ubangiji Allahnku kuwa ya cika kowane alkawari mai kyau, haka ma ba zai fasa kawo muku bala’in da ya faɗi ba, sai ya hallaka ku daga wannan ƙasa mai kyau da ya ba ku.
16 Yoo isin kakuu Waaqayyo Waaqni keessan isin ajaje cabsitanii dhaqxanii waaqota biraa tajaajiltanii fi isaaniif sagaddan dheekkamsi Waaqayyoo isinitti bobaʼa; isinis biyya gaarii inni isinii kenne sana irraa daftanii ni baddu.”
In kuka karya alkawarin Ubangiji Allahnku wanda ya umarce ku, in kuka je kuka bauta wa waɗansu alloli, kuka rusuna musu, fushin Ubangiji zai sauko a kanku, za ku kuwa hallaka da sauri daga ƙasan nan mai kyau da ya ba ku.”