< Iyyaasuu 23 >

1 Erga barri dheeraan darbee Waaqayyos diinota isaan marsan hunda irraa Israaʼeloota boqochiisee booddee Iyyaasuun bara dheeraa jiraatee dulloome;
A long time after the LORD had given Israel rest from all the enemies around them, when Joshua was old and well along in years,
2 innis Israaʼeloota hunda jechuunis maanguddoota isaanii, hooggantoota isaanii, abbootii murtii isaaniitii fi qondaaltota isaanii ofitti waamee akkana jedheen: “Kunoo ani bara dheeraa jiraadhee dulloomeera.
he summoned all Israel, including its elders, leaders, judges, and officers. “I am old and well along in years,” he said,
3 Isin mataan keessanuu waan Waaqayyo Waaqni keessan isiniif jedhee saboota kana godhe hundumaa argitaniirtu; Waaqayyo Waaqa keessantu isiniif lole.
“and you have seen everything that the LORD your God has done to all these nations for your sake, because it was the LORD your God who fought for you.
4 Akka ani itti biyya saboota hafanii jechuunis biyya saboota ani Yordaanosii jalqabee hamma lixa Galaana Guddichaatti moʼadhe sanaa hunda gosoota keessaniif dhaala godhee kenne mee yaadadhaa.
See, I have allotted as an inheritance to your tribes these remaining nations, including all the nations I have already cut off, from the Jordan westward to the Great Sea.
5 Waaqayyo Waaqni keessan mataan isaa iyyuu fuula keessan duraa ariʼee isaan baasa. Inni fuula keessan duraa dhiibee isaan baasa; isin immoo akkuma Waaqayyo Waaqni keessan isin abdachiise sanatti biyya isaanii qabattu.
The LORD your God will push them out of your way and drive them out before you, so that you can take possession of their land, as the LORD your God promised you.
6 “Jabaadhaa dhaabadhaa; akka waan Kitaaba Seera Musee keessatti barreeffame hunda, utuu gara mirgaatti yookaan bitaatti hin jalʼatin jabeessaa eegaa.
Be very strong, then, so that you can keep and obey all that is written in the Book of the Law of Moses, not turning aside from it to the right or to the left.
7 Saboota gidduu keessanitti hafan kanneenitti hin makaminaa; maqaa waaqota isaanii hin dhaʼinaa yookaan ittiin hin kakatinaa. Waaqota sana hin tajaajilinaa yookaan isaaniif hin sagadinaa.
So you are not to associate with these nations that remain among you. You must not call on the names of their gods or swear by them, and you must not serve them or bow down to them.
8 Garuu akkuma hamma harʼaatti gochaa turtan sana jabaadhaa Waaqayyo Waaqa keessanitti maxxanaa.
Instead, you shall hold fast to the LORD your God, as you have done to this day.
9 “Waaqayyo saboota gurguddaa fi humna qabeeyyii fuula keessan duraa ariʼee baaseera; hamma ammaatti namni tokko iyyuu isin dura dhaabachuu hin dandeenye.
The LORD has driven out great and powerful nations before you, and to this day no one can stand against you.
10 Sababii Waaqayyo Waaqni keessan akkuma waadaa gale sana isinii loluuf namni keessan tokkichi nama kuma tokko ariʼa.
One of you can put a thousand to flight, because the LORD your God fights for you, just as He promised.
11 Kanaafuu Waaqayyo Waaqa keessan cimsaa jaalladhaa.
Therefore watch yourselves carefully, that you love the LORD your God.
12 “Garuu yoo isin karaa irraa jalʼattanii hambaa saboota gidduu keessan jiraatan kanneeniitti maxxantan, yoo isin isaaniin walfuutanii isaanitti makamtan,
For if you turn away and cling to the rest of these nations that remain among you, and if you intermarry and associate with them,
13 akka Waaqayyo Waaqni keessan siʼachi saboota kanneen isin duraa ariʼee hin baafne beekkadhaa. Qooda kanaa isaan hamma isin biyya gaarii Waaqayyo Waaqni keessan isiniif kenne kana keessaa dhumtanitti iddaa fi kiyyoo isinitti taʼu; dugda keessanitti qaccee, ija keessanittis qoraattii taʼu.
know for sure that the LORD your God will no longer drive out these nations before you. Instead, they will become for you a snare and a trap, a scourge in your sides and thorns in your eyes, until you perish from this good land that the LORD your God has given you.
14 “Kunoo ani karaa lafa hundaa deemuufin jira. Akka waadaa gaarii Waaqayyo Waaqni keessan isiniif gale hunda keessaa tokko iyyuu utuu hin guutamin hafee hin jirre isin garaa keessan guutuu fi lubbuu keessan guutuudhaan ni beektu. Waadaan hundi guutameera; tokko iyyuu hin hirʼanne.
Now behold, today I am going the way of all the earth, and you know with all your heart and soul that not one of the good promises the LORD your God made to you has failed. Everything was fulfilled for you; not one promise has failed.
15 Garuu akkuma waadaan gaariin Waaqayyo Waaqa keessanii hundi guutame sana, Waaqayyo akkasuma waan hamaa ittiin isin sodaachise sana hunda hamma biyya gaarii isinii kenne kana irraa isin fixutti isinitti fida.
But just as every good thing the LORD your God promised you has come to pass, likewise the LORD will bring upon you the calamity He has threatened, until He has destroyed you from this good land He has given you.
16 Yoo isin kakuu Waaqayyo Waaqni keessan isin ajaje cabsitanii dhaqxanii waaqota biraa tajaajiltanii fi isaaniif sagaddan dheekkamsi Waaqayyoo isinitti bobaʼa; isinis biyya gaarii inni isinii kenne sana irraa daftanii ni baddu.”
If you transgress the covenant of the LORD your God, which He commanded you, and go and serve other gods and bow down to them, then the anger of the LORD will burn against you, and you will quickly perish from this good land He has given you.”

< Iyyaasuu 23 >