< Iyyaasuu 22 >

1 Ergasii Iyyaasuun gosa Ruubeen, gosa Gaadii fi walakkaa gosa Minaasee walitti waamee
那時若蘇厄將勒烏本人加特人和默納協半支派的人召來,
2 akkana jedheen; “Isin waan Museen garbichi Waaqayyoo ajaje hundumaa hojjettaniirtu; waan ani isin ajaje hundas naa ajajamtaniirtu.
對他們說:「上主僕人梅瑟吩咐你們的一切,你們都遵守了,在我吩咐他們的一切事上,你們也都聽了我的話。
3 Isin bara dheeraaf, hamma harʼaatti illee obboloota keessan hin daganne; ajaja Waaqayyo Waaqni keessan isinii kennes eegdaniirtu.
這許多日子,你們從來沒有你們的的弟兄,直到今天,忠信遵守了上主你們天主的命令。
4 Waaqayyo Waaqni keessan akkuma waadaa gale sanatti obboloota keessan boqochiiseera; isin biyya Museen garbichi Waaqayyoo Yordaanos gamaa isinii kenne sanatti gara mana keessaniitti deebiʼaa.
現在上主我們的天主,照衪所應許的,使你們的弟兄獲得了安居,你們現在可返回自己的帳幕,回到上主的僕人梅瑟在約旦河東岸,賜你們為產業的地方去,
5 Garuu akka Waaqayyo Waaqa keessan jaallattaniif, akka karaa isaa hunda irra deemtaniif, akka ajajawwan isaa eegdaniif, akka isatti maxxantanii fi akka garaa keessan guutuu fi lubbuu keessan guutuudhaan isa tajaajiltaniif ajajaa fi seera Museen garbichi Waaqayyoo isinii kenne sana jabeessaa eegaa.”
只要要你們遵守上主的僕人梅瑟吩咐你們的誡命和法律:愛慕上主你們的天主,遵行衪的一切道路,謹守衪的誡命,全心人靈歸屬上主,服事上主。」
6 Ergasiis Iyyaasuun eebbisee gad isaan dhiise; isaanis gara mana isaaniitti deebiʼan.
若蘇厄於是祝福了他們,打發他們回去;他們就返回了自己的帳幕。──
7 Museen walakkaa gosa Minaaseetiif Baashaan keessaa lafa kennee ture; Iyyaasuun immoo walakkaa kaaniif Yordaanosiin gama lixaatti obboloota isaanii cinatti lafa kenne. Iyyaasuun yommuu gara mana isaaniitti isaan ergetti isaan eebbise;
梅瑟在巴商已分給了默納協半支派土地。至於另半個支派,若蘇厄在約旦河西,在他們的弟兄中,也分給了他們土地,此外,當若蘇厄打發他們回帳幕的時候,祝福了他們,
8 akkanas jedheen; “Qabeenya keessan guddaa jechuunis horii baayʼee, meetii, warqee, naasii fi sibiila akkasumas uffata baayʼee fudhadhaa galaatii boojuu diinota keessan irraa boojitan sana obboloota keessan wajjin qooddadhaa.”
向他們說:「現在你們帶著這許多財物、牛、羊、金銀、銅鐵,和大批衣服回到自己的帳幕,也要將你們從由敵人奪得的財物,分給你們的弟兄! 」
9 Kanaafuu gosti Ruubeen, gosti Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee gara biyya ofii isaanii gara Giliʼaad ishee akkuma Waaqayyo karaa Museetiin ajajetti argatan sanaatti deebiʼuuf jedhanii Shiiloo ishee Kanaʼaan keessaa sanatti Israaʼeloota dhiisanii deeman.
勒烏本人、召集人和默納協半支派的人,於是從客納罕的史羅起身,離開以色列人,回到自己得為產業的基肋阿得,即上主藉梅瑟吩咐給他們作為產業的地方。
10 Gosti Ruubeen, gostii Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee yommuu Galiilooti biyya Kanaʼaan keessaa kan Yordaanos biraa sana gaʼanitti, iddoo aarsaa guddaa isaa Yordaanos biratti tolchan.
當勒烏本人、加得和默納協半支派的人來到屬客納罕地的約旦河附近地區時,在約旦河邊築了一座祭壇,一座高大可觀的祭壇。
11 Israaʼeloonni yommuu akka isaan gama Israaʼelootaatiin daarii Kanaʼaan irratti Galiilooti ishee Yordaanos cinaa sanatti iddoo aarsaa tolchan dhagaʼanitti,
以色列人聽見說:「看,勒烏本人、加得人和默納協半支派的人,在屬客納罕地的約旦河附近地區,以色列子民境內,築了一座祭壇。」
12 guutummaan waldaa Israaʼel isaanitti duuluuf Shiilootti walitti qabaman.
以色列子民一聽說這事,全會眾便聚集在史羅,要去作戰攻打他們。
13 Kanaafuu Israaʼeloonni Fiinehaas ilma Eleʼaazaar lubichaa sana gara gosa Ruubeen, gosa Gaadii fi gara walakkaa gosa Minaasee warra Giliʼaad keessa jiraatanitti ergan.
以色列子民便委派厄肋阿匝爾的兒子丕乃哈斯司祭,到基肋阿得地方去見勒烏本人、加得人和默納協半支派人,
14 Isa wajjinis hangafoota kudhan, tokkoo tokkoo gosa Israaʼeliif nama tokko ergan; tokkoon tokkoon isaaniis hangafa balbala maatii Israaʼel.
和他們同去的尚有十位領袖,每支派一個,他們都是以色列各家族的族長。
15 Isaanis Giliʼaaditti gosa Ruubeen, gosa Gaadii fi walakkaa gosa Minaasee bira dhufanii akkana isaaniin jedhan:
他們來到基肋阿得地方,見勒烏本人、加得人和默納協半支派人,向他們說:
16 “Guutummaan waldaa Waaqayyoo akkana jedha: ‘Isin akkamitti akkanaan amanamummaa Waaqa Israaʼel wajjin qabdan sana cabsitu? Isin akkamitti Waaqayyo irraa garagaltanii isatti finciluudhaan ofii keessaniif iddoo aarsaa tolfattu?
「上主的全會眾這樣說:你們相反以色列的天主,犯這不信的罪,有什麼意思﹖為什麼你們今天離開上主,另建立祭壇,公開背叛上主﹖
17 Cubbuun Pheʼoor keessatti hojjetame sun nu hin gaʼuu? Dhaʼichi saba Waaqayyoo irra buʼu iyyuu, nu hamma harʼaatti cubbuu sana irraa of hin qulqulleessine.
以前敬拜培敖爾的罪萵為我們還不夠嗎﹖為了那個罪過,災禍降於上主的會眾,直到今天,我們還沒洗淨:
18 Isin ammas Waaqayyo irraa garagaluu keessanii? “‘Yoo isin harʼa Waaqayyotti finciltan inni immoo bori hawaasa Israaʼel hundatti ni dheekkama.
看,你們今天又要離開上主,你們今天違背上主,明天衪必向以色列全會眾發怒。
19 Yoo lafti isin qabattan sun xuroofte, gara lafa Waaqayyo iddoo dunkaanni Waaqayyoo dhaabatuu kottaatii nu wajjin lafa qoodadhaa. Garuu iddoo aarsaa Waaqayyo Waaqa keenyaa malee iddoo aarsaa biraa ofii keessanii tolfattanii Waaqayyotti yookaan nutti hin fincilinaa.
如果你們認為所得的地方不潔,可以回到上主的地方,上主帳幕的所在地,住在我們中間;決不可違背上主,激怒我們,在上主我們的祭壇以外,為自己另築祭壇。
20 Yeroo Aakaan ilmi Zaaraa waan dhowwamaa taʼe fudhachuudhaan cubbuu hojjetetti waldaa Israaʼel hundatti dheekkamsi hin dhufnee? Namni sababii cubbuu isaatiin duʼe isa qofa miti.’”
以前則辣黑的子孫阿干,在應毀滅的財物上犯了不忠之罪,雖只他一人犯罪,憤怒豈不是臨到以色列全會眾﹖死在他罪過中的不只他一人」。
21 Kana irratti gosti Ruubeen, gosti Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee akkana jedhanii hangafoota maatiiwwan Israaʼeliif deebisan;
勒烏本人、加得和默納協半支派的人,回答以色列的首長說:
22 “Waaqayyo Waaqni waaqotaa, Waaqayyo Waaqni waaqotaa ni beeka! Israaʼelis haa beeku! Yoo wanni kun Waaqayyotti finciluuf yookaan isaa ajajamuu diduuf taʼe harʼa nu hin hambisin.
「大能者天主上主,大能者天主上主清楚知道,以色列也明白:如果我們有違背或干犯上主的事,願衪今天別救我們!
23 Yoo nu Waaqayyo irraa deebiʼuuf jennee, aarsaa gubamuu fi kennaa midhaanii, yookaan aarsaa nagaa achi irratti dhiʼeessuuf iddoo aarsaa ofii keenyaa tolfannee jiraanne, Waaqayyo mataan isaa itti nu haa gaafatu.
如果我們建築這祭壇,有意離開上主,或有意在祭壇上祭全燔祭、素祭或和平祭,願上主自己懲罰我們!
24 “Sababiin nu waan kana gooneef ijoolleen keessan gara fuula duraatti ijoollee keenyaan akkana jedhu taʼa jennee sodaannee ti; ‘Isin Waaqayyo Waaqa Israaʼel irraa maali qabdu?
我們做這事,其實正是顧慮到:將來你們的子孫會對我們的子孫說:你們和上主以色列的天主有什麼關係﹖
25 Waaqayyo nuu fi isin jechuunis isin gosa Ruubeenii fi gosa Gaad gidduu Yordaanos daarii godhee dhaabeera! Isin Waaqayyo irraa qooda tokko illee hin qabdan.’ Kanaafuu ijoolleen keessan akka ijoolleen keenya Waaqayyoon sodaachuu dhiisan godhu taʼa.
天主定了約旦河為我們和你們勒烏本和和得人之間的界限,你們和上主已沒有分子。這樣你們的子孫必使我們的的子孫不再敬畏上主。
26 “Sababiin nu, ‘Kottaa qophoofnee iddoo aarsaa tokko tolfannaa; garuu iddoon aarsaa kun kan aarsaan gubamu yookaan qalmi irratti dhiʼeeffamuu miti’ jenneefis kanuma.
因此我們想:我們還是建築一座祭壇,不是為獻全燔祭,也不是為祭獻犧牲,
27 Karaa biraa immoo akka iddoon aarsaa kun akka nu aarsaa keenya kan gubamu, qalma keenyaa fi aarsaa nagaatiin iddoo qulqulluu isaatti Waaqayyoon waaqeffannuuf nu, isinii fi dhaloota dhufu gidduutti dhugaa baatuu taʼuuf. Kana booddee ijoolleen keessan ijoollee keenyaan, ‘Isin Waaqayyo irraa qooda tokko illee hin qabdan’ jechuu hin dandaʼan.
只是為在你我之間,在你我後人之間作一證據,證明我們願在上主面前以全燔祭犧牲及和平祭敬禮上主,免得日後你們的子孫對我們的子孫說:你們與上主已沒有分子o
28 “Nus akkana jenne; ‘Yoo isaan baroota dhufuuf jiran keessa nuun yookaan dhaloota keenyaan akkas jedhan, mee fakkii iddoo aarsaa Waaqayyoo kan abbootiin keenya aarsaa gubamu yookaan qalma irratti dhiʼeessuuf utuu hin taʼin akka inni nuu fi isin gidduutti dhuga baatuu taʼuuf tolchan kana ilaalaa jennaan.’
因此我們想:日後如有人對我們或我們的子孫說,我們可以說:你們試看我們的祖先所築的上主的祭壇的式樣,不是為獻全燔祭,也不是為獻犧牲,而是為作你我之間的證劇。
29 “Iddoo aarsaa Waaqayyo Waaqa keenyaa kan dunkaana isaa qulqulluu dura dhaabatu sana malee harʼa iddoo aarsaa kan aarsaan gubamu, kennaan midhaaniitii fi qalmi irratti dhiʼeeffamu kan biraa tolchuudhaan Waaqayyotti fincillee isa irraa garagaluun nurraa haa fagaatu.”
我們今天沒有意思違背上主,離開上主,在上主我們天主的帳幕前的祭壇以外,為獻全墦祭、素祭和犧牲,另建立一祭壇。」
30 Fiinehaas lubichi, qajeelchitoonni sabaatii fi hangafoonni maatiiwwan Israaʼel yommuu waan gosti Ruubeen, gosti Gaadii fi gosti Minaasee jedhan dhagaʼanitti ni gammadan.
司祭丕乃哈斯和同他同來的會眾的首領,即以色列人的族長,聽了勒烏本人、加得人和默納協人所的話,都表示滿意。
31 Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar lubichaas ijoollee Ruubeeniin, ijoollee Gaadii fi ilmaan Minaaseetiin, “Nu harʼa sababii isin waan kana keessatti Waaqayyoof amanamummaa hin dhiisiniif akka Waaqayyo nu wajjin jiru beekneerra. Isin amma Israaʼeloota harka Waaqayyoo jalaa baaftaniirtu” jedhe.
厄肋阿則爾的兒子丕乃哈司祭對勒烏本人、加得人和默納協人說:「今天我們知道上主是在我們中間,因為你們對上主沒有犯過這樣不忠信的罪,現在你們由上主手中救了以色列子民。」
32 Ergasiis Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar lubichaa fi qajeelchitoonni sun ijoollee Ruubeenii fi ijoollee Gaad wajjin Giliʼaaditti wal gaʼii godhatanii gara Kanaʼaanitti deebiʼanii oduu achii fidan Israaʼelootatti himan.
厄肋阿則爾的兒子丕乃哈司祭和首領便離開勒烏本人、加得人和默納協半支派的人,從基肋阿得地方回到客納罕地見以色列子民,給他們報告了這事。
33 Isaanis oduu kana dhagaʼanii gammadanii Waaqa galateeffatan. Lammatas itti deebiʼanii waaʼee isaanitti duuluu fi biyya gosti Ruubeenii fi gosti Gaad keessa jiraatu sana balleessuu hin dubbanne.
以色列子民對這報告都表示滿意,遂頌揚上主,不再想作戰攻打勒烏本人和加得人,毀滅他們所住的地方。
34 Gosti Ruubeenii fi gosti Gaadis maqaa kanaan iddoo aarsaa sana moggaasan: Iddoon Aarsaa kun akka Waaqayyo Waaqa taʼe Nu Gidduutti Dhugaa Baatuu dha.
勒烏本人和加得人給那祭壇起名叫「赫得,」因為他們說:「這祭壇在我們中間證明上主是真天主。」

< Iyyaasuu 22 >