< Iyyaasuu 20 >

1 Ergasii Waaqayyo Iyyaasuudhaan akkana jedhe:
Sai Ubangiji ya ce wa Yoshuwa,
2 “Akkuma ani karaa Museetiin isin ajaje sanatti akka Israaʼeloonni magaalaawwan itti kooluu galan filatan itti himi;
“Ka gaya wa Isra’ilawa su keɓe waɗansu birane su zama biranen mafaka kamar yadda na umarce ku ta wurin Musa,
3 kunis akka namni tasuma yookaan utuu itti hin yaadin nama ajjeese kam iyyuu itti kooluu galee nama haaloo dhiigaa baasu duraa baʼuuf.
domin idan wani ya kashe wani bisa kuskure ba da niyyar yin kisankai ba, mutumin zai iya gudu zuwa can yă fake don kada a kashe shi.
4 Inni yommuu magaalaawwan sana keessaa tokkotti kooluu galutti karra magaalattii irra dhaabatee fuula maanguddoota magaalaa sanaa duratti dhimma isaa himachuu qaba. Isaanis ergasii magaalaa isaaniitti isa simatanii akka inni isaan wajjin jiraatuuf iddoo kennuufii qabu.
Lokacin da ya gudu zuwa ɗaya daga cikin biranen nan, sai yă tsaya a ƙofar birnin yă gaya wa dattawan wannan birni damuwarsa. Sa’an nan su karɓe shi su ba shi wurin zama a cikin birninsu.
5 Yoo namni haaloo dhiigaa baasu isa duukaa buʼe illee, sababii inni utuu itti hin yaadinii fi utuu duraan jibba wal irraa hin qabaatin nama ollaa isaa ajjeeseef, isaan namicha sana dabarsanii kennuu hin qaban.
In mai neman yă kashe shi don ramako ya bi shi zuwa can, ba za su miƙa shi ba domin ba da niyya ya kashe wani ba, kuma ba fushi ne ya sa ya yi kisan ba.
6 Inni hamma fuula waldaa dura qorumsaaf dhaabatuttii fi hamma lubni ol aanaan yeroo sanatti tajaajilaa ture duʼutti magaalaadhuma sana keessa jiraachuu qaba. Ergasii inni mana isaatti, gara magaalaa keessaa baqate sanaatti deebiʼuu dandaʼa.”
Zai zauna a wannan birni har sai taron jama’a sun yi masa shari’a, kuma har sai lokacin da babban firist wanda yake aiki a lokacin ya mutu, sa’an nan zai iya koma garinsa na dā.”
7 Kanaafuu isaan biyya gaaraa Niftaalem keessaa Qaadesh ishee Galiilaa keessaa sana, biyya gaaraa Efreem keessaa Sheekem, biyya gaaraa Yihuudaa keessaa immoo Kiriyaati Arbaaq kan Kebroon jedhamtu sana filatan.
Saboda haka suka keɓe Kedesh a Galili a ƙasar kan tudu ta Naftali, Shekem a ƙasar kan tudu ta Efraim, da Kiriyat Arba (wato, Hebron) a ƙasar kan tudu ta Yahuda.
8 Yordaanos gamaa karaa lixa Yerikootiin, biyya gosa Ruubeen keessaa Bezer ishee gammoojjii diriiraa keessaa sana, biyya gosa Gaad keessaa Raamooti ishee Giliʼaad keessatti argamtu, biyya gosa Minaasee keessaa immoo Goolaan ishee Baashaan keessatti argamtu sana filatan.
A hayin Urdun, gabas da Yeriko, suka keɓe Bezer ta jeji a kan tudu a cikin yankin kabilar Ruben, Ramot cikin Gileyad a kabilar Gad, da Golan cikin Bashan a kabilar Manasse.
9 Magaalaawwan akka namni tasa nama ajjeese kam iyyuu itti baqatuuf Israaʼeloota hundaa fi alagoota gidduu isaanii jiraataniif filataman kanneenii dha; kunis akka inni hamma harka waldaa jirutti namicha haaloo dhiigaa baasu sanaan hin ajjeefamneef.
In wani mutumin Isra’ila ko kuma wani baƙon da yake zama a cikinsu, ya yi kisankai cikin kuskure, zai iya gudu zuwa biranen da aka keɓe, ba za a bari mai neman ramako yă kashe shi kafin jama’a su yi masa shari’a ba.

< Iyyaasuu 20 >