< Iyyaasuu 20 >

1 Ergasii Waaqayyo Iyyaasuudhaan akkana jedhe:
And the LORD spoke unto Joshua, saying:
2 “Akkuma ani karaa Museetiin isin ajaje sanatti akka Israaʼeloonni magaalaawwan itti kooluu galan filatan itti himi;
'Speak to the children of Israel, saying: Assign you the cities of refuge, whereof I spoke unto you by the hand of Moses;
3 kunis akka namni tasuma yookaan utuu itti hin yaadin nama ajjeese kam iyyuu itti kooluu galee nama haaloo dhiigaa baasu duraa baʼuuf.
that the manslayer that killeth any person through error and unawares may flee thither; and they shall be unto you for a refuge from the avenger of blood.
4 Inni yommuu magaalaawwan sana keessaa tokkotti kooluu galutti karra magaalattii irra dhaabatee fuula maanguddoota magaalaa sanaa duratti dhimma isaa himachuu qaba. Isaanis ergasii magaalaa isaaniitti isa simatanii akka inni isaan wajjin jiraatuuf iddoo kennuufii qabu.
And he shall flee unto one of those cities, and shall stand at the entrance of the gate of the city, and declare his cause in the ears of the elders of that city; and they shall take him into the city unto them, and give him a place, that he may dwell among them.
5 Yoo namni haaloo dhiigaa baasu isa duukaa buʼe illee, sababii inni utuu itti hin yaadinii fi utuu duraan jibba wal irraa hin qabaatin nama ollaa isaa ajjeeseef, isaan namicha sana dabarsanii kennuu hin qaban.
And if the avenger of blood pursue after him, then they shall not deliver up the manslayer into his hand; because he smote his neighbour unawares, and hated him not beforetime.
6 Inni hamma fuula waldaa dura qorumsaaf dhaabatuttii fi hamma lubni ol aanaan yeroo sanatti tajaajilaa ture duʼutti magaalaadhuma sana keessa jiraachuu qaba. Ergasii inni mana isaatti, gara magaalaa keessaa baqate sanaatti deebiʼuu dandaʼa.”
And he shall dwell in that city, until he stand before the congregation for judgment, until the death of the high priest that shall be in those days; then may the manslayer return, and come unto his own city, and unto his own house, unto the city from whence he fled.'
7 Kanaafuu isaan biyya gaaraa Niftaalem keessaa Qaadesh ishee Galiilaa keessaa sana, biyya gaaraa Efreem keessaa Sheekem, biyya gaaraa Yihuudaa keessaa immoo Kiriyaati Arbaaq kan Kebroon jedhamtu sana filatan.
And they set apart Kedesh in Galilee in the hill-country of Naphtali, and Shechem in the hill-country of Ephraim, and Kiriath-arba — the same is Hebron — in the hill-country of Judah.
8 Yordaanos gamaa karaa lixa Yerikootiin, biyya gosa Ruubeen keessaa Bezer ishee gammoojjii diriiraa keessaa sana, biyya gosa Gaad keessaa Raamooti ishee Giliʼaad keessatti argamtu, biyya gosa Minaasee keessaa immoo Goolaan ishee Baashaan keessatti argamtu sana filatan.
And beyond the Jordan at Jericho eastward, they assigned Bezer in the wilderness in the table-land out of the tribe of Reuben, and Ramoth in Gilead out of the tribe of Gad, and Golan in Bashan out of the tribe of Manasseh.
9 Magaalaawwan akka namni tasa nama ajjeese kam iyyuu itti baqatuuf Israaʼeloota hundaa fi alagoota gidduu isaanii jiraataniif filataman kanneenii dha; kunis akka inni hamma harka waldaa jirutti namicha haaloo dhiigaa baasu sanaan hin ajjeefamneef.
These were the appointed cities for all the children of Israel, and for the stranger that sojourneth among them, that whosoever killeth any person through error might flee thither, and not die by the hand of the avenger of blood, until he stood before the congregation.

< Iyyaasuu 20 >