< Iyyaasuu 2 >

1 Ergasii Iyyaasuun ilmi Nuuni, “Dhaqaatii biyya sana, keessumattuu Yerikoo basaasaa” jedhee dhoksaan basaastota lama biyya Shixiimiitii erge. Isaanis deemanii mana sagaagaltittii Rahaab jedhamtu tokkoo seenanii achuma turan.
Then Joshua son of Nun secretly sent two spies from Shittim, saying, “Go, inspect the land, especially Jericho.” So they went and entered the house of a prostitute named Rahab and stayed there.
2 Mooticha Yerikoottis, “Kunoo! Israaʼeloota keessaa namoonni tokko tokko biyyattii basaasuuf galgala kana as dhufaniiru” jedhamee himame.
And it was reported to the king of Jericho: “Behold, some men of Israel have come here tonight to spy out the land.”
3 Kanaafuu mootichi Yerikoo, “Sababii isaan guutummaa biyyattii basaasuuf dhufaniif namoota gara kee dhufanii mana kee seenan sana gad baasi” jedhee dhaamsa kana Rahaabitti erge.
So the king of Jericho sent to Rahab and said, “Bring out the men who came to you and entered your house, for they have come to spy out the whole land.”
4 Dubartittiin garuu namoota lamaan fuutee dhoksite. Isheenis akkana jette; “Dhuguma namoonni gara koo dhufaniiru; ani garuu akka isaan eessaa dhufan hin beekne.
But the woman had taken the two men and hidden them. So she said, “Yes, the men did come to me, but I did not know where they had come from.
5 Isaanis galgala yommuu yeroon karri magaalattii cufamu gaʼetti baʼanii deeman. Karaa isaan deemanis ani hin beeku. Isaan qaqqabdu taʼaatii dafaa isaan duukaa buʼaa.”
At dusk, when the gate was about to close, the men went out, and I do not know which way they went. Pursue them quickly, and you may catch them!”
6 Isheen garuu gara bantii manaatti ol isaan baaftee cidii talbaa kan bantii manaa irratti tuultee turte jala isaan dhoksite.
(But Rahab had taken them up to the roof and hidden them among the stalks of flax that she had laid out there.)
7 Kanaafuu namoonni basaastota sana duukaa buʼuudhaaf karaa gara malkaa Yordaanos geessu irra buʼanii qajeelan; karri sunis akkuma duukaa buutonni sun baʼaniin cufame.
So the king’s men set out in pursuit of the spies along the road to the fords of the Jordan, and as soon as they had gone out, the gate was shut.
8 Isheenis utuu basaastonni sun buluuf hin ciciisin gara bantii manaatti ol baatee
Before the spies lay down for the night, Rahab went up on the roof
9 akkana isaaniin jette; “Ani akka Waaqayyo biyya kana isinii kennee fi akka isin sodaachuun nurra buʼes nan beeka; namni biyya kana keessa jiraatu hundinuus sababii keessaniif fuula keessan duratti sodaadhaan hollachaa jira.
and said to them, “I know that the LORD has given you this land and that the fear of you has fallen on us, so that all who dwell in the land are melting in fear of you.
10 Yommuu isin Gibxii baatanitti akka itti Waaqayyo Galaana Diimaa fuula keessan duratti gogse, waan isinis Sihoonii fi Oogi mootota Amoorotaa kanneen gama baʼa Yordaanositti guutumaan guutuutti balleessitan sana lamaan gootan dhageenyeerra.
For we have heard how the LORD dried up the waters of the Red Sea before you when you came out of Egypt, and what you did to Sihon and Og, the two kings of the Amorites across the Jordan, whom you devoted to destruction.
11 Nu yommuu waaʼee waan kanaa dhageenyetti sababii keessaniif onneen keenya baqxee abdii kutanne. Waaqayyo Waaqni keessan ol samii gubbaatti, gad lafa irrattis Waaqaatii.
When we heard this, our hearts melted and everyone’s courage failed because of you, for the LORD your God is God in the heavens above and on the earth below.
12 “Egaa amma sababii ani garaa isinii laafeef isinis akkasuma akka maatii kootiif garaa laaftan maqaa Waaqayyootiin naa kakadhaa. Mallattoo dhugaas naa kennaa;
Now therefore, please swear to me by the LORD that you will indeed show kindness to my family, because I showed kindness to you. Give me a sure sign
13 kunis akka isin lubbuu abbaa kootii, haadha kootii, obbolootaa fi obboleettota kootii, waan kan isaanii taʼe hundaa fi lubbuu keenya duʼa oolchitaniif.”
that you will spare the lives of my father and mother, my brothers and sisters, and all who belong to them, and that you will deliver us from death.”
14 Namoonnis, “Lubbuun keenya sababii lubbuu keessaniitiif haa badduu! Yoo isin waan nu hojjennu kana namatti himuu baattan nu yommuu Waaqayyo biyya kana nuu kennutti gara laafinaa fi amanamummaadhaan si simanna” jedhanii ishee abdachiisan.
“Our lives for your lives!” the men agreed. “If you do not report our mission, we will show you kindness and faithfulness when the LORD gives us the land.”
15 Kanaafuu isheen sababii manni isheen keessa jiraattu sun dallaa magaalattiitiin wal qabatuuf foddaa keessaan funyoodhaan gad isaan buufte.
Then Rahab let them down by a rope through the window, since the house where she lived was built into the wall of the city.
16 Isheenis akkana isaaniin jette; “Akka warri isin duukaa buʼan sun isin hin argineef gara gaarraniitti baqadhaa. Hamma isaan deebiʼanitti guyyoota sadii achitti dhokadhaa; ergasii immoo karaa keessan deemaa.”
“Go to the hill country,” she said, “so that your pursuers will not find you. Hide yourselves there for three days until they have returned; then go on your way.”
17 Namoonni sunis akkana jedhaniin; “Kakuun ati nu kakachiifte kun kan nu qabachuu dandaʼu,
The men said to her, “We will not be bound by this oath you made us swear
18 yoo ati yommuu nu biyyattii seennutti funyoo bildiimaa kana foddaa ittiin gad nu buufte kanatti hiitee abbaa keetii fi haadha kee, obboloota keetii fi maatii kee hunda mana keetti galchite qofa.
unless, when we enter the land, you have tied this scarlet cord in the window through which you let us down, and unless you have brought your father and mother and brothers and all your family into your house.
19 Namni tokko iyyuu yoo mana kee keessaa gara daandii alaatti gad baʼe, dhiigni isaa matuma isaatti deebiʼa; nu itti hin gaafatamnu. Nama si wajjin mana kee keessa jiru immoo yoo harki tokko iyyuu isa tuqe, dhiigni isaa mataa keenyatti deebiʼa.
If anyone goes out the door of your house into the street, his blood will be on his own head, and we will be innocent. But if a hand is laid on anyone with you in the house, his blood will be on our heads.
20 Garuu yoo ati waan nu hojjennu kana namatti himte, nu kakuu ati nu kakachiifte sana jalaa bilisa baana.”
And if you report our mission, we will be released from the oath you made us swear.”
21 Isheenis, “Fudhadheera; akkuma isin jettan haa taʼu” jettee deebifte. Kanaafuu isheen isaan ergite; isaanis kaʼanii deeman. Isheen funyoo bildiimaa sana foddaa sanatti hiite.
“Let it be as you say,” she replied, and she sent them away. And when they had gone, she tied the scarlet cord in the window.
22 Isaanis yommuu baʼanitti gara gaarranii deemanii hamma duukaa buutonni sun karaa irra barbaadanii isaan dhabanii deebiʼanitti guyyaa sadii achi turan.
So the spies went out into the hill country and stayed there three days, until their pursuers had returned without finding them, having searched all along the road.
23 Basaastonni lamaan sunis deebiʼanii gaarran keessaa baʼanii malkaadhaan laga ceʼuudhaan gara Iyyaasuu ilma Nuuni dhufan; waan isaan irra gaʼe hundas isatti himan.
Then the two men started back, came down from the hill country, and crossed the river. So they came to Joshua son of Nun and reported all that had happened to them.
24 Isaanis Iyyaasuudhaan, “Waaqayyo dhugumaan biyyattii guutuu harka keenyatti kenneera; namoonni hundinuus sababii keenyaaf sodaadhaan hollachaa jiru” jedhan.
“The LORD has surely delivered the entire land into our hands,” they said to Joshua. “Indeed, all who dwell in the land are melting in fear of us.”

< Iyyaasuu 2 >