< Iyyaasuu 19 >
1 Ixaan lammaffaan gosa Simiʼooniif balbala balbalaan baʼe. Dhaalli isaaniis dhaala gosa Yihuudaa keessatti argama.
Und das zweite Los kam heraus für Schimeon, für den Stamm der Söhne Schimeons nach ihren Familien; und ihr Erbe war inmitten des Erbes der Söhne Judahs.
2 Kunis: Bersheebaa yookaan Shebaa, Molaadaa,
Und für sie waren in ihrem Erbe: Beer-Schaba und Scheba und Moladah;
3 Hazar Shuuʼaal, Baalaa, Ezem,
Und Chazar-Schual und Balah und Ezem;
4 Eltolaad, Betuul, Hormaa,
Und Eltholad und Bethul und Chormah;
5 Siiqlaag, Beet Markaabot, Hazar Suusaa,
Und Ziklag und Beth Marchaboth und Chazar Susah;
6 Beet Lebaaʼotii fi Shaaruheen; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha sadii turan;
Und Beth-Lebaoth und Scharuchen, dreizehn Städte und ihre Dörfer;
7 Ayin, Rimoon, Eteerii fi Ashaan, magaalaawwanii fi gandoota isaanii afran,
Ain, Rimmon und Ether und Aschan, vier Städte und ihre Dörfer;
8 akkasumas gandoota naannoo magaalaawwan kanneenii jiran kanneen hamma Baaʼilaat Biʼeeritti jechuunis hamma Raamaat ishee Negeeb keessaa sanaatti balʼata. Dhaalli gosti Simiʼoon balbala balbalaan argate kanaa dha.
Und alle Dörfer, die rings um diese Städte waren bis Baalath-Beer, Ramath-Negeb. Dies das Erbe des Stammes der Söhne Schimeons nach ihren Familien.
9 Sababii qoodni gosa Yihuudaa hamma isaan barbaadanii ol taʼeef dhaalli gosa Simiʼoon kun qooda gosa Yihuudaa irraa fudhatame. Kanaafuu gosti Simiʼoon Yihuudaa keessatti dhaala argate.
Von dem Erbteil der Söhne Judahs ward das Erbe der Söhne Schimeons; denn der Teil der Söhne Judahs war zu viel für sie und die Söhne Schimeons erbten in der Mitte ihres Erbes.
10 Ixaan sadaffaan gosa Zebuulooniif balbala balbalaan baʼe; kunis: Daariin dhaala isaanii hamma Saariiditti deema.
Und das dritte Los stieg auf für die Söhne Sebuluns nach ihren Familien und die Grenze ihres Erbes war bis Sarid;
11 Achiis karaa lixaatiin gara Mareʼaalaatti gad buʼee Dabesheetitti riiqatee hamma laga Yoqeniʼaam dura jiru sanaatti deema.
Und ihre Grenze ging hinauf gegen das Meer und Maralah und stieß an den Bach vor Jokneam.
12 Ergasiis Saariid irraa gara Kisloti Taaboor biyya baʼa biiftuutti argamtu sanaatti gara baʼaatti goree Daaberaatitti qajeelee hamma Yaafiiyaatti deema.
Und von Sarid wendete es sich herum nach Osten, nach dem Aufgang der Sonne nach der Grenze von Chisloth-Thabor und ging hinaus nach Dabrath und ging hinauf nach Japhia.
13 Achiis karaa baʼaatiin itti fufee Gat Heeferii fi Eetqaaxin dhaqa; Rimooniin gad baʼee gara Neʼaahitti gora.
Und von da ging sie hinüber nach Osten nach dem Aufgang gen Gath-Chepher, gen Itha-Kazin und ging aus nach Rimmon- Methoar, Neah;
14 Daariin sunis karaa kaabaatiin gara Hanaatoonitti goree Sulula Yiftaa Eelitti dhuma.
Und die Grenze wandte sich um dieses nördlich nach Channathon, und ihre Ausläufe waren in der Schlucht Jiphtach-El.
15 Kanneen irrattis Qaataat, Naahaalal, Shimroon, Yidalaa fi Beetlihem dabalamaniiru. Isaaniis gandoota isaanii wajjin magaalaawwan kudha lama turan.
Und Kattath und Nahalal und Schimron und Jidalah und Bethlechem, zwölf Städte und ihre Dörfer.
16 Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii dhaala gosti Zebuuloon balbala balbalaan argatee dha.
Dies ist das Erbe der Söhne Sebuluns nach ihren Familien: Diese Städte und ihre Dörfer.
17 Ixaan afuraffaan gosa Yisaakoriif balbala balbalaan baʼe.
Für Issaschar kam das vierte Los heraus, für die Söhne Issaschars nach ihren Familien.
18 Biyyi isaaniis: Yizriʼeel, Kesuloot, Suunam,
Und ihre Grenze war: Jisreel, Chessulloth und Schunem.
19 Hafaarayim, Shiiʼoon, Anaaharat,
Und Chapharajim und Schion und Anacharath;
20 Rabiit, Kishoon, Ebezi,
Und Rabbith und Kischjon und Ebez;
21 Remeet, Een Ganiim, Een Hadaa fi Beet Phaxeex.
Und Remeth und En-Gannim und En-Chaddah und Beth-Pazzez;
22 Daariin isaanii Taaboor, Shahazumaa fi Beet Shemesh tuqee Yordaanos gaʼee dhaabata. Isaanis gandoota isaanii wajjin magaalaawwan kudha jaʼa turan.
Und stieß die Grenze an Thabor und Schachazimah und Beth-Schemesch, und waren die Ausläufe ihrer Grenze am Jordan. Sechzehn Städte und ihre Dörfer.
23 Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii dhaala gosti Yisaakor balbala balbalaan argatee dha.
Das ist das Erbe des Stammes der Söhne Issaschars nach ihren Familien, die Städte und ihr Dörfer.
24 Ixaan shanaffaan gosa Aasheeriif balbala balbalaan baʼe.
Und das fünfte Los kam heraus für den Stamm der Söhne Aschers nach ihren Familien.
25 Biyyi isaaniis: Helqaat, Halii, Beten, Akshaaf,
Und ihre Grenze war: Chelkath und Chali und Beten und Achschaph.
26 Alaamelek, Amaadii fi Mishiʼaal. Daangaan sunis karaa lixaatiin Qarmeloosii fi Shiihoor Libnaat tuqa.
Und Allammelech und Amad und Mischal; und dem Meere zu stieß sie an den Karmel und an Schichor-Libnath;
27 Ergasii karaa baʼa biiftuutiin gara Beet Daagonitti goree Zebuuloonii fi Sulula Yiftaa Eelitti qabatee Kaabuulin gara bitaatti dhiisee karaa kaabaatiin Beet Emeeqii fi Neʼiiʼeelitti qajeela.
Und wandte sich zurück nach dem Aufgang der Sonne gen Beth-Dagon und stieß an Sebulun und an die Schlucht Jiphthach-El, nördlich von Beth-Emek und Negiel und ging hinaus nach Kabul zur Linken;
28 Achiis kaʼee gara Eebroon, Rehoob, gara Hamoonii fi Qaanaatti ol baʼee hamma Siidoonaa Guddichaatti deema.
Und Ebron und Rechob und Chammon und Kanah bis Zidon, der großen;
29 Daangaan sunis ergasii gara Raamaatti goree magaalaa Xiiroos kan dallaa jabaa qabu sanaa dhaqee gara Hoosaatti goree karaa Akziibiitiin galaana gaʼee dhaabata;
Und die Grenze wandte sich zurück nach Ramah und bis zur Stadt Mizbar-Zor; und die Grenze wandte sich zurück nach Chosah, und ihre Ausläufe waren nach dem Meere hin vom Landstrich nach Achsib;
30 kunis biyya Umaa, biyya Afeeqiitii fi Rehoob dabalata. Isaanis gandoota isaanii wajjin magaalaawwan digdamii lama turan.
Und Ummah und Aphek und Rechob, zweiundzwanzig Städte und ihre Dörfer.
31 Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii dhaala gosti Aasheer balbala balbalaan argatee dha.
Dies ist das Erbe des Stammes der Söhne Aschers nach ihren Familien, diese Städte und ihre Dörfer.
32 Ixaan jaʼaffaan gosa Niftaalemiif balbala balbalaan baʼe; kunis:
Für die Söhne Naphthalis kam das sechste Los heraus, für die Söhne Naphthalis nach ihren Familien.
33 Daariin isaanii Heelefii fi muka guddaa Zaʼaanaaniim keessa jiru sanaa kaʼee Adaamii Neqebii fi Yabniʼeel irraan gara Laquumiitti qajeelee Yordaanos gaʼee dhaabata.
Und ihre Grenze war von Cheleph, von Elon in Zaanannim und Adami Nekeb und Jabneel bis Lakkum, und ihre Ausläufe waren an den Jordan.
34 Daariin sun Aznoot Taabooritti qajeelee gara lixaatti goruudhaan Huuqooqi gaʼee dhaabata. Innis karaa kibbaatiin Zebuuloon, karaa lixatiin Aasheer, karaa baʼaatiin immoo Yordaanos tuqa.
Und die Grenze wandte sich zurück dem Meere zu nach Asnoth Thabor und ging von da aus nach Chukkok und stieß an Sebulun auf der Mittagseite und an Ascher stieß sie gegen das Meer, und am Jordan gegen Aufgang der Sonne an Judah.
35 Magaalaawwan dallaa jabaa qaban kanneenii dha: Zidiimi, Zeeri, Hamaati, Raqaati; Kinereeti,
Und feste Städte hatten sie: Ziddim, Zer und Chammath, Rakkath und Chinnereth.
36 Adaamaa, Raamaa, Haazoor,
Und Adamah und Ramah und Chazor.
37 Qaadesh, Edreyii, Een Haxoor,
Und Kedesch und Edrei und En-Chazor;
38 Yiroon, Migdaal Eel, Horeem, Beet Anaatii fi Beet Shemesh. Isaanis gandoota isaanii wajjin magaalaawwan kudha sagal turan.
Und Jiron und Migdal-El, Chorem und Beth-Anath und Beth-Schemesch, neunzehn Städte und ihre Dörfer.
39 Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii dhaala gosti Niftaalem balbala balbalaan argatee dha.
Dies ist das Erbe des Stammes der Söhne Naphthalis nach ihren Familien: die Städte und ihre Dörfer.
40 Ixaan torbaffaan gosa Daaniif balbala balbalaan baʼe.
Für den Stamm der Söhne Dans nach ihren Familien kam heraus das siebente Los.
41 Biyyi isaan Dhaalanis: Zoraa, Eshitaaʼol, Iir Shemesh,
Und die Grenze ihres Erbes war: Zorah und Eschthaol und Ir-Schemesch;
42 Shaʼalabiin, Ayaaloon, Yitlaa,
Und Schaalabbin und Ajalon und Jithlah;
43 Eeloon, Tiimnaahi, Eqroon,
Und Elon und Timnatha und Ekron
44 Elteqee, Gibetoon, Baaʼilaati,
Und Elthekeh und Gibbethon und Baa- lath.
45 Yihuud, Benee Beraaq, Gat Rimoon,
Und Jehud und Bene-Barak, und Gath-Rimmon;
46 Meyaarqoonii fi Raqoon Yoopheetti garagalee argamu sanaa dha.
Und Me-Jarkon und Rakkon mit der Grenze gegen Japho.
47 Ijoolleen Daan garuu sababii lafti dhaalan sun isaanitti dhiphatteef ol baʼanii Lesheemin waraananii qabatan; erga goraadeedhaan dhaʼanii booddee ishee dhuunfatan. Isaanis Lesheem keessa qubatanii Daan jedhanii maqaa abbaa isaaniitiin ishee moggaasan.
Und die Grenze der Söhne Dans ging über sie hinaus, und die Söhne Dans zogen hinauf und stritten mit Leschem und eroberten sie und schlugen sie mit der Schärfe des Schwertes und nahmen sie ein und wohnten darin, und nannten Leschem Dan nach dem Namen ihres Vaters Dan.
48 Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii dhaala gosti Daan balbala balbalaan argatee dha.
Das ist das Erbe des Stammes der Söhne Dans nach ihren Familien, diese Städte und ihre Dörfer.
49 Israaʼeloonnis erga biyyattii ixaadhaan qoodamte sana hiranii fixanii booddee gidduu isaaniitti Iyyaasuu ilma Nuunitiif dhaala kennan;
Und als sie die Erbverteilung des Landes nach seinen Grenzen vollendet hatten, da gaben die Söhne Israels Joschua, dem Sohne Nuns, ein Erbe in ihrer Mitte.
50 dhaala kanas akkuma Waaqayyo ajajetti kennan. Isaanis magaalaa inni gaafatee kennaniif; magaalaan sunis Timnaat Seeraa kan biyya gaaraa Efreemitti argamtuu dha. Innis magaalaa sana ijaaree keessa jiraate.
Nach dem Munde Jehovahs gaben sie ihm die Stadt, die er sich erbeten, Timnath-Serach, auf dem Gebirge Ephraim, und er baute die Stadt und wohnte darin.
51 Kunneen biyyoota Eleʼaazaar lubichi, Iyyaasuun ilmi Nuunitii fi hangafoonni gosoota Israaʼel Shiilootti fuula Waaqayyoo duratti balbala dunkaana wal gaʼii irratti ixaadhaan kennanii dha. Isaanis akkasiin biyyattii qooduu xumuran.
Dies sind die Erbe, die Eleasar, der Priester, und Joschua, der Sohn Nuns, und die Häupter der Väter der Stämme der Söhne Israels in Schiloh vor Jehovah am Eingang des Versammlungszeltes durch das Los zum Erbe verteilten, und sie vollendeten die Verteilung des Landes.