< Iyyaasuu 18 >
1 Guutummaan waldaa Israaʼel Shiilootti walitti qabamee dunkaana wal gaʼii achitti dhaabate. Biyyattiin harka isaanii jala galte;
And all the meeting of the children of Israel came together at Shiloh and put up the Tent of meeting there: and the land was crushed before them.
2 taʼus amma illee gosoonni Israaʼel torba dhaala isaanii hin fudhanne ture.
But there were still seven tribes among the children of Israel who had not taken up their heritage.
3 Kanaafuu Iyyaasuun Israaʼelootaan akkana jedhe; “Isin utuu biyya Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii isinii kenne kana hin fudhatin hamma yoomiitti turtu?
Then Joshua said to the children of Israel, Why are you so slow to go in and take up your heritage in the land which the Lord, the God of your fathers, has given you?
4 Tokkoo tokkoo gosaa keessaa nama sadii sadii kennadhaa. Anis akka isaan biyya sana ilaalanii akkuma dhaala gosa hundaatti waaʼee ishee barreessaniif isaan nan erga. Isaanis ergasii gara kootti deebiʼu.
Take from among you three men from every tribe; and I will send them to go through the land and make a record of it for distribution as their heritage; then let them come back to me.
5 Isin biyya sana iddoo torbatti qoodu qabdu. Yihuudaan biyya karaa Kibbaa keessatti hafee manni Yoosef immoo biyya karaa kaabaatti hafuu qaba.
And let them make division of it into seven parts: let Judah keep inside his limit on the south, and let the children of Joseph keep inside their limit on the north.
6 Isin erga waaʼee biyya iddoo torbatti qoodamte sanaa barreessitanii booddee gabaasa natti fidaa; anis fuula Waaqayyo Waaqa keenyaa duratti ixaa isinii buusa.
And you are to have the land marked out in seven parts, and come back to me with the record; and I will make the distribution for you here by the decision of the Lord our God.
7 Gosti Lewwii garuu gidduu keessanitti qooda lafaa hin argatu; sababiin isaas tajaajilli lubummaa kan isaan Waaqayyoof kennan sun dhaala isaanii ti. Gosti Gaad, kan Ruubeenii fi walakkaan gosa Minaasee duraanuu karaa baʼa Yordaanosiin qooda isaanii argatanii jiru. Museen garbichi Waaqayyoo sun isaaniif kennee ture.”
For the Levites have no part among you; to be the Lord's priests is their heritage; and Gad and Reuben and the half-tribe of Manasseh have had their heritage on the east side of Jordan, given to them by Moses, the servant of the Lord.
8 Kanaafuu jarri karaa isaanii qabatanii qajeelan; Iyyaasuunis warra haala biyyattii barreessuu dhaqaniin akkana jedhe; “Dhaqaatii biyya sana sakattaʼaatii waaʼee ishee galmeessaa. Ergasii immoo gara koo kottaa; anis asuma Shiilootti fuula Waaqayyoo duratti ixaa isiniif nan buusa.”
So the men got up and went; and Joshua gave orders to those who went, to make a record of the land, saying, Go up and down through the land, and make a record of it and come back here to me, and I will make the distribution for you here by the decision of the Lord in Shiloh.
9 Kanaafuu namoonni sun kaʼanii biyya sana keessa dedeemanii waaʼee haala ishees magaalaa magaalaadhaan iddoo torbatti qoodanii kitaaba maramaa irratti barreessanii qubata Shiilootti gara Iyyaasuutti deebiʼan.
So the men went, travelling through the land, and made a record of it by towns in seven parts in a book, and came back to Joshua to the tent-circle at Shiloh.
10 Iyyaasuun ergasii Shiiloo keessatti fuula Waaqayyoo duratti ixaa buuseef; akkuma qooda gosa isaaniittis Israaʼelootaaf biyyattii hire.
And Joshua made the distribution for them in Shiloh by the decision of the Lord, marking out the land for the children of Israel by their divisions.
11 Ixaan jalqabaa akkuma balbala balbala isaaniitti gosa Beniyaamiif baʼe. Biyyi isaan ixaadhaan argatanis gosa Yihuudaatii fi gosa Yoosef gidduutti argama.
And the first heritage came out for the tribe of Benjamin by their families: and the limit of their heritage went between the children of Judah and the children of Joseph.
12 Karaa kaabaatiin daariin isaanii Yordaanosii kaʼee kaaba tabba Yerikoo irra darbuudhaan karaa lixaatiin biyya gaaraatti gad buʼee gammoojjii Beet Aawweniitiin baʼa.
And their limit on the north was from the Jordan, and the line goes up to the side of Jericho on the north and through the hill-country to the west, ending at the waste land of Beth-aven.
13 Achii kaʼee kibba tabba Luuzitti jechuunis Beetʼeelitti darbee gara Axaaroti Adaar kan gaara kibba Beet Horoon isa gadii sanaatti gad buʼa.
And from there the line goes south to Luz, to the side of Luz (which is Beth-el), then down to Ataroth-addar, by the mountain to the south of Beth-horon the lower.
14 Daariin sunis karaa kibbaatiin gaara Beet Horoonitti garagalee jiru sanaa kaʼee karaa lixaatiin gara kibbaatti goree magaalaa ilmaan Yihuudaa kan Kiriyaati Baʼaal jechuunis Kiriyaati Yeʼaariim gaʼa. Kunis daangaa lixaa ti.
And the limit is marked as coming round to the south on the west side from the mountain which is south of Beth-horon, and ending at Kiriath-baal (which is Kiriath-jearim), a town of the children of Judah: this is the west part.
15 Daangaan kibbaa karaa lixaatiin qarqara Kiriyaati Yeʼaariimiitii jalqaba; daangaan isaa immoo gara bishaan Neftooʼaatti gad buʼa.
And the south part is from the farthest point of Kiriath-jearim, and the line goes out to the west to the fountain of the waters of Nephtoah:
16 Daangaan sunis karaa kaaba Sulula Refaayimiitiin gara gaara Sulula Ben Hinoomitti garagalutti gad buʼa. Innis tabba kibba magaalaa Yebuusotaa biraan gara Sulula Hinoomitti itti fufee gara Een Roogeelitti gad buʼa.
And the line goes down to the farthest part of the mountain facing the valley of the son of Hinnom, which is on the north of the valley of Rephaim: from there it goes down to the valley of Hinnom, to the side of the Jebusite on the south as far as En-rogel;
17 Ergasii gara kaabaatti goree Een Shemesh dhaqa; achii kaʼees gara Geliiloot kan Malkaa Adumiimitti gara galtee jirtu sanaa itti fufee hamma Dhagaa Boohan ilma Ruubeen sanaatti gad buʼa.
And it goes to En-shemesh and on to Geliloth, opposite the way up to Adummim, and it goes down to the stone of Bohan, the son of Reuben;
18 Ammas gara tabba kaaba Arabbaatti itti fufee gara Arabbaatti gad buʼa.
And it goes on to the side facing the Arabah to the north, and down to the Arabah;
19 Ergasii tabba kaaba Beet Hoglaatti qajeelee karaa kaaba galoo Galaana Soogiddaa kan karaa kibbaatiin afaan Yordaanositti argamtuutiin baʼa. Kun daarii karaa kibbaa ti.
And on to the north side of Beth-hoglah, ending at the north inlet of the Salt Sea at the south end of Jordan; this is their limit on the south.
20 Lagni Yordaanosis karaa baʼaatiin daarii taʼa. Isaan kunneen daariiwwan dhaala ilmaan Beniyaamiitiif karaa hundaan dhaabamanii dha.
And the limit of the east part is the Jordan. This is the heritage of the children of Benjamin, marked out for their families by these limits on all sides.
21 Magaalaawwan gosti Beniyaam akkuma maatii maatii isaaniitti argatan kanneenii dha: Yerikoo, Beet Hoglaa, Eemeqi Qaziizi,
And the towns of the children of Benjamin, given to them in the order of their families, are Jericho and Beth-hoglah and Emek-kezziz
22 Beet Arabbaa, Zemaaraayim, Beetʼeel,
And Beth-arabah and Zemaraim and Beth-el
23 Aawiim, Faaraa, Ofraa,
And Avvim and Parah and Ophrah
24 Kefar Aamoonaay, Ofnii fi Gebaa dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha lama turan.
And Chephar-Ammoni and Ophni and Geba; twelve towns with their unwalled places;
25 Gibeʼoon, Raamaa, Biʼeerooti,
Gibeon and Ramah and Beeroth
26 Miisphaa, Kefiiraa, Moozaa,
And Mizpeh and Chephirah and Mozah
27 Reqem, Yirphiʼeel, Taraalaa,
And Rekem and Irpeel and Taralah
28 Zeelaa, Haaʼelef, magaalaa Yebuusotaa jechuunis Yerusaalem, Gibeʼaa fi Qiiriyaati; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha afur turan. Dhaalli gosti Beniyaam balbala balbalaan argate kana ture.
And Zela, Eleph and the Jebusite (which is Jerusalem), Gibeath and Kiriath; fourteen towns with their unwalled places. This is the heritage of the children of Benjamin by their families.