< Iyyaasuu 16 >
1 Qoodni Yoosef Yordaanos Yerikoo biratti argamtu, karaa baʼa bishaanota Yerikootii kaʼee gammoojjii keessa qaxxaamuree biyya gaaraa Beetʼeelitti ol baʼa.
约瑟的子孙拈阄所得之地是从靠近耶利哥的约旦河起,以耶利哥东边的水为界:从耶利哥上去,通过山地的旷野,到伯特利;
2 Luuzi ishee Beetʼeel jedhamtu sanaa kaʼee gara biyya Arkaawotaa kan Axaaroti keessatti argamtu sanaatti ceʼa.
又从伯特利到路斯,接连到亚基人的境界,至亚他绿;
3 Achii immoo gara lixaa biyya Yafleexotaatti gad buʼee Beet Horoon gaʼee gara Geezir itti fufee galaanicha gaʼee dhaabata.
又往西下到押利提人的境界,到下伯·和 的境界,直到基色,通到海为止。
4 Akkasitti Minaasee fi Efreem, ilmaan Yoosef dhaala isaanii argatan.
约瑟的儿子玛拿西、以法莲就得了他们的地业。
5 Qoodni gosti Efreem balbala balbalaan argatte kunoo kana: Daariin dhaala isaanii gara baʼaatiin Axaaroti Adaarii kaʼee hamma Beet Horoon gara Ol aanuutti deemee
以法莲子孙的境界,按着宗族所得的,记在下面:他们地业的东界是亚他绿·亚达到上伯·和 ;
6 hamma galaanaatti itti fufa. Karaa kaabaatiin Mikmetaatii kaʼee karaa baʼaatiin gara Taanaat Shiiloo goree achiin darbee baʼa Yaanoʼaatti qajeela.
往西通到北边的密米他,又向东绕到他纳·示罗,又接连到雅挪哈的东边;
7 Ergasii immoo Yaanoʼaadhaa kaʼee Axaarotii fi Naʼaraatti gad buʼee Yerikoo irra naannaʼee Yordaanositti gad baʼa.
从雅挪哈下到亚他绿,又到拿拉,达到耶利哥,通到约旦河为止;
8 Daariin sun Tafuuʼaadhaa kaʼee gama Lixaatiin Laga Qaanaatti gad buʼee galaana gaʼee dhaabata. Dhaalli gosti Efreem balbala balbalaan argatte kanaa dha.
从他普亚往西,到加拿河,直通到海为止。这就是以法莲支派按着宗族所得的地业。
9 Daariin kun magaalaawwanii fi olloota isaanii kanneen dhaala gosa Minaasee keessatti gosa Efreemiif hambifaman hundas ni dabalata.
另外在玛拿西人地业中得了些城邑和属城的村庄。这都是分给以法莲子孙的。
10 Isaan Kanaʼaanota Geezir keessa jiraachaa turan sana ariʼanii achii hin baafne ture; hamma harʼaatti Kanaʼaanonni saba Efreem gidduu jiraatu; garuu akka hojii humnaa hojjetan dirqamu.
他们没有赶出住基色的迦南人;迦南人却住在以法莲人中间,成为做苦工的仆人,直到今日。