< Iyyaasuu 15 >

1 Qoodni gosa Yihuudaatiif balbala balbalaan ramadame hamma daarii Edoomitti, qarqara kibbaatiin immoo hamma Gammoojjii Siinitti balʼata.
猶大支派的子孫按照家族,抽籤分得的土地是在極南部,以厄東邊境為界,南至親曠野。
2 Daariin isaanii karaa kibbaa galoo galaanaa qarqara kibba Galaana soogiddaattii jalqabee
南方的邊界起自鹽海頂端,即海灣南端,
3 kibba Malkaa Aqrabiim qaxxaamuree gara Siin itti fufee hamma kibba Qaadesh Barneetti deema. Ergasiis Hezroon darbee Adaaritti ol baʼee gara Qarqaatti gora.
沿阿刻辣賓山坡之南,經親曠野,上至卡德士巴爾乃亞之南,再由此經過赫茲龍,上至阿達爾,再繞過卡爾卡,
4 Ergasii immoo achii kaʼee karaa Azimooniin darbee hamma lafa goggogaa Gibxiitti dhufee galaana gaʼee dhaabata. Daariin isaanii kan gara kibbaa kanaa dha.
穿過阿茲孟直到埃及小河,而後廷至大海:以上是他們南方的邊界。
5 Daariin gara baʼaas Galaana Soogiddaa ture; innis hamma dhuma laga Yordaanositti deema. Daariin gara kaabaa immoo galoo galaanaa kan qarqara Yordaanosii jalqabee
東方的邊界是起自鹽海直到約旦河口;北方的是起自約旦河口的海灣,
6 gara Beet Hoglaatti ol baʼee ergasii immoo karaa kaaba Beet Arabbaatiin gara Dhagaa Boohan ilma Ruubeenitti deema.
上至貝特曷革拉,經過貝特阿拉巴北部,上至勒烏本人波罕的盤石;
7 Daariin sunis ergasii Sulula Aakoor keessaa Debiiritti ol baʼee gara Gilgaal gama kibba laga sanaatiin fuullee Malkaa Adumiim sanaa kaabatti gora. Daariin kun ittuma fufee gara bishaanota Een Shemesh darbee Een Roogeelitti gad baʼa.
再由此上至德彼爾,沿阿苛爾山谷,往北轉向位於谷南的阿杜明山坡對面的革里羅特,再經默士水泉,直到洛革耳泉。
8 Ergasiis karaa kibba tabba magaalaa Yebuusotaatiin jechuunis Yerusaalemitiin baʼee Sulula Ben Hinoom irraan darba. Achiis baʼee qarqara kaaba Sulula Refaayimitti fiixee tulluu gama lixa Sulula Hinoom jirutti ol baʼe.
以後再由此由本希農山谷而上,直達耶步斯,即耶路撒冷的南側,再上至俯視本希農山谷西方的山頂,這山位於勒法因平原的北端。
9 Daariin sun ammas fiixee gaaraa irraa kaʼee gara burqaa bishaanota Neftooʼaatti qajeelee magaalaawwan Tulluu Efrooniin baʼee gara Baʼaalaatti jechuunis Kiriyaati Yeʼaariimitti gad buʼe.
再由這山頂轉向乃費托亞水泉,直到厄斐龍山,然後轉向巴阿拉,──即克黎雅特耶阿陵。
10 Ergasii Baʼaalaa irraa Tulluu Seeʼiiriitti gara lixaatti garagalee tabba kaaba Tulluu Yiʼaariim jechuunis Kesaaloon irra baʼee itti fufuudhaan Beet Shemeshitti gad buʼee Tiimnaahitti darba.
再從巴阿拉向西折向肥依爾山,繞過耶阿陵即革撒隆山脊北部,下至貝特舍默士,經過提默納,
11 Gara kaaba tabba Eqroonitti darbee Shikeroonitti goree Tulluu Baʼaalaa irra qaxxaamuruudhaan hamma Yabniʼeelitti deema. Daariin sunis galaana gaʼee dhaabate.
直至厄刻龍山脊北部,再繞過史加龍,經巴阿拉山,直到雅貝乃耳,最後至海為止。
12 Daariin gara lixaa immoo qarqara Galaana Guddaa ti. Daariiwwan akkuma balbala gosa isaaniitti saba Yihuudaa marsanis kanneenii dha.
西方的邊界以大海海濱為界:以上是猶大子孫按照家族所分得的地區四周的邊界。
13 Iyyaasuun akkuma Waaqayyo isa ajajetti, qooda Yihuudaa irraa kutee Kebroon biyya Kiriyaati Arbaaq jedhamtu sana Kaaleb ilma Yefuneetiif kenne. Arbaaq kunis abbaa Anaaq.
若蘇厄遵照上主的吩咐,將猶大子孫中的一部分土地,即克黎雅特阿爾巴,分給了耶孚乃的兒子加肋布。阿爾巴是阿納克的祖先,阿爾巴即是赫貝龍。
14 Kaalebis ilmaan Anaaq sadan jechuunis Sheeshaayiin, Ahiimanii fi Talmaayi sanyii Anaaq ariʼee achii baase.
加肋布從那裏趕走了阿納克的三個子孫:舍瑟、阿希曼和塔爾耳買;他們是阿納克的後代。
15 Achiis namoota biyya Debiir ishee dur Kiriyaati Seefer jedhamaa turte sana keessa jiraatanitti duule.
加肋布又從那裏上去,攻打了德彼爾固民。──德彼爾以叫克黎雅特色費爾。
16 Kaalebis, “Ani nama Kiriyaati Seefer lolee qabatutti intala koo Aaksaa nan heerumsiisa” jedhe.
加肋布說:「誰能征服或拿下克黎雅特色費爾,我便將我的女兒阿革撒給他為妻。」
17 Obboleessi Kaaleb, Otniiʼeel ilmi Qenaz magaalattii qabate; Kaalebis intala isaa Aaksaa isatti heerumsiise.
加肋布的弟兄,刻納次的兒子敖特尼奪下了那城,加肋布便將自己的女兒阿革撒給他為妻。
18 Isheenis yeroo gara Otniiʼeel dhuftetti akka inni abbaa ishee lafa qotiisaa kadhatu isa kakaafte. Kaalebis yommuu isheen harree ishee irraa buutetti, “Ani maal siif godhu?” jedhee ishee gaafate.
阿革撒快門的時候,丈夫勸她向她的們父親要求一塊田地。阿革撒一下驢,加肋布便向她說:「妳要﹖」什麼
19 Isheenis deebiftee, “Waan addaa tokko naa godhi. Akkuma Negeeb keessatti lafa naa kennite sana burqaawwan bishaaniis naa kenni” jetteen. Kaalebis burqaawwan oliitii fi gadii kenneef.
阿革撒答說:「請你給我一件禮物;即要把我安放在南方的旱地,求你也將水泉給我。」她的父親就把上泉和下泉賜給了她。
20 Dhaalli gosti Yihuudaa balbala balbalaan argate kunoo kana:
以下是猶大支派子孫.按照家族分得的產業:
21 Negeeb keessaa magaalaawwan gosa Yihuudaa kanneen qarqara kibbaatti daarii Edoom irratti argaman kanneenii dha: Qabziʼeel, Eederi, Yaaguur,
猶大支派子孫在乃革布與厄東交界的城市,有卡貝責耳、阿辣得、雅古爾、
22 Qiinaa, Diimonaa, Adiʼaadaa,
克納狄摩納、阿爾阿辣。
23 Qaadesh, Haazoor, Yitinaan,
刻德士、哈祚爾、依特南、
24 Ziif, Telem, Baʼaalooti,
齊弗、特冷、貝阿羅特、
25 Haazoor Hadaataa, Keriiyooti kan Hezroon jedhamtu sana,
哈祚爾哈達大、克黎約特赫茲龍──祚爾加達、即哈祚爾、
26 Amaam, Shemaa, Molaadaa,
阿曼、舍瑪、摩拉達、
27 Hazar Gadaa, Heshmoon, Beet Phelexi,
哈匝爾加達、赫士孟、貝特培肋特、
28 Hazar Shuuʼaal, Bersheebaa, Biziyootiyaa,
哈匝爾叔阿耳、貝爾舍巴及所屬村鎮、
29 Baʼaalaa, Iyyiim, Ezem,
巴阿拉、依因、厄曾、
30 Eltolaad, Kisiil, Hormaa,
厄耳托拉得、革息耳、曷爾瑪、
31 Siiqlaag, Madmaanaa, Saansaanaa,
漆刻拉格、瑪德瑪納、桑森納、
32 Lebaaʼoot, Shiiliihiim, Aayinii fi Rimoonii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii walumaa galatti digdamii sagal turan.
肋巴敖特、史耳新和恩黎孟:共計二十九座城巴和及所屬村鎮。
33 Karaa sulula lixa biiftuutiin immoo: Eshitaaʼol, Zoraa, Ashinaa,
在盆地有厄市陶耳、祚辣、阿市納、
34 Zaanoʼaa, Een Ganiim, Tafuuʼaa, Eenaami,
匝諾亞、恩加寧、塔普亞、厄南、
35 Yarmuuti, Adulaam, Sookoo, Azeeqaa,
雅爾慕特、阿杜藍、索苛、阿則卡、
36 Shaʼarayiim, Aaditaayim, Gedeeraa fi Gedeerootaayimii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha afur turan.
沙阿辣因、阿狄塔殷、革德辣及革德洛塔殷:共計十四座城和所屬村鎮。
37 Zenaan, Hadaashaa, Migdaal Gaad,
責南、哈達沙、米革達耳加得、
38 Diliʼaan, Miisphaa, Yoqtiʼeel,
狄耳罕、米茲培、約刻特耳、
39 Laakkiish, Boozqaati, Egloon,
基士、波茲卡特、厄革隆。
40 Kaboon, Lahimaas, Kiitiliish,
加朋、拉赫瑪斯、基特里士、
41 Gedeerooti, Beet Daagon, Naʼamaa fi Maqeedaa dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha jaʼa turan.
革德洛特、貝特達貢、納阿瑪、瑪刻達:共計十六座座城和所屬村鎮。
42 Libnaa, Eteeri, Ashaan,
里貝納、厄特爾、阿商、
43 Yiftaa, Ashinaa, Neziibi,
依弗達、阿市納、乃漆布、
44 Qeyiilaa, Akziibii fi Maareeshaa dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii sagal turan.
刻依拉、阿革齊布、瑪勒沙:共計九座城和所屬村鎮;
45 Eqroon, qubatawwanii fi gandoota naannoo ishee jiran wajjin,
尚有厄刻龍和所屬城鎮。
46 akkasumas karaa lixa Eqrooniitiin qubatawwanii fi gandoota isaanii kanneen naannoo Ashdood jiran hunda,
還有從厄刻龍到海,所有靠近阿市多得所屬村鎮。
47 Ashdood, magaalaa isheetii fi gandoota ishee, Gaazaa, magaalaa isheetii fi gandoota ishee kanneen hamma Laga Gibxii fi hamma qarqara Galaana Guddichaatti jiranii dha.
阿市多得所屬城鎮,直到埃及小河;並以大海為界
48 Biyya gaaraa keessatti immoo: Shaamiir, Yatiir, Sookoo,
在山地有沙米爾,雅提爾、索苛、
49 Danaa, Kiriyaati Sanaa jechuunis Debiir,
達納、克黎雅特色費爾,即德彼爾、
50 Aanaab, Eshitmoʼaa, Aaniim,
阿納布、厄市特摩、阿寧、
51 Gooshen, hooloonii fi Giiloo dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudha tokko turan.
哥笙、曷隆和基羅:共計十一座城所屬村鎮。
52 Araab, Duumaa, Eshiʼaan,
阿辣布、、杜瑪、厄商、
53 Yaanuum, Beet Tafuuʼaa, Afeeqaa,
雅農、貝特塔普亞、阿費克、
54 Humtaa, Kebroon ishee Kiriyaati Arbaaq jedhamtuu fi Ziiʼoorii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii sagal turan.
胡默達、克黎雅特阿爾巴,即赫貝龍和漆敖爾:共計九座城所屬村鎮。
55 Maaʼoon, Qarmeloos, Ziif, Yutaa,
瑪紅、加爾默爾、齊弗、猶他、
56 Yizriʼeel, Yooqidiʼaam, Zaanoʼaa,
依次勒耳、刻約德罕、匝諾亞、
57 Qaayin, Gibeʼaa fi Tiimnaahii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii kudhan turan.
卡因、基貝亞、提默納:共計十座城所屬村鎮。
58 Halhuul, Beet Zuuri, Gedoor,
哈耳胡耳、貝特族爾、革多爾、
59 Maʼaaraati, Beet Anootii fi Elteqoonii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii jaʼa turan.
瑪阿辣特、貝特阿諾特、厄耳特孔:共計六座城所屬村鎮。特科亞、厄弗辣大即白冷、培敖爾、厄堂、谷隆、塔堂、索勒、加倫、加林、貝特爾、瑪納:共計十一座城所屬村鎮。
60 Kiriyaati Baʼaal kan Kiriyaati Yeʼaariim jedhamtuu fi Raabbaa dha; magaalaawwanii fi gandoonni ishee lama turan.
尚有克黎雅特巴爾即克黎雅特耶阿陵和阿辣巴兩座城,所屬村鎮。
61 Gammoojjii keessatti immoo: Beet Arabbaa, Midiin, Sekaakaa,
在曠野有貝特阿辣巴、
62 Niibishaan, Magaalaa Soogiddaatii fi Een Gaadii dha; magaalaawwanii fi gandoonni isaanii jaʼa turan.
尼貝商、監城和恩革狄:共計六座城所屬村鎮。
63 Sabni Yihuudaa garuu Yebuusota Yerusaalem keessa jiraachaa turan sana ariʼanii baasuu hin dandeenye; Yebuusonnis hamma harʼaatti saba Yihuudaa wajjin Yerusaalem keessa jiraatu.
至於住在耶路撒冷的耶步斯人,猶大人不能將他們趕走,因此耶步斯人直到今日,仍同猶大人一起住在耶路撒冷。

< Iyyaasuu 15 >