< Iyyaasuu 14 >

1 Lafti Israaʼeloonni biyya Kanaʼaan keessatti akka dhaalaatti argatan kan Eleʼaazaar lubichi, Iyyaasuun ilmi Nuunitii fi hangafoonni balbala gosoota Israaʼel isaaniif qoodan kanaa dha.
ואלה אשר נחלו בני ישראל בארץ כנען--אשר נחלו אותם אלעזר הכהן ויהושע בן נון וראשי אבות המטות לבני ישראל
2 Dhaalli isaanii kunis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti ixaadhaan gosa sagalii fi walakkaa gosa tokkootiif kenname.
בגורל נחלתם כאשר צוה יהוה ביד משה לתשעת המטות וחצי המטה
3 Museen karaa baʼa Yordaanosiin gosoota lamaanii fi walakkaaf dhaala godhee kennee ture; gosa Lewwiitiif garuu warra kaan gidduutti dhaala tokko illee hin kennine;
כי נתן משה נחלת שני המטות וחצי המטה מעבר לירדן וללוים--לא נתן נחלה בתוכם
4 ilmaan Yoosef gosa lama taʼanii turaniitii; isaanis Minaasee fi Efreem. Lewwonni garuu magaalaawwan keessa jiraatan, bushaayee fi loon isaanii bobbaafatan malee qooda lafaa tokko illee hin arganne.
כי היו בני יוסף שני מטות מנשה ואפרים ולא נתנו חלק ללוים בארץ כי אם ערים לשבת ומגרשיהם למקניהם ולקנינם
5 Kanaafuu Israaʼeloonni akkuma Waaqayyo Musee ajajetti biyya sana hiratan.
כאשר צוה יהוה את משה כן עשו בני ישראל ויחלקו את הארץ
6 Ergasiis namoonni Yihuudaa Gilgaalitti gara Iyyaasuu dhufan; Kaaleb ilmi Yefunee namichi gosa Qeneez sun akkana jedheen; “Ati waan Waaqayyo Qaadesh Barnee keessatti waaʼee keetii fi waaʼee koo Musee nama Waaqaa sanatti dubbate ni beekta.
ויגשו בני יהודה אל יהושע בגלגל ויאמר אליו כלב בן יפנה הקנזי אתה ידעת את הדבר אשר דבר יהוה אל משה איש האלהים על אדותי ועל אדותיך--בקדש ברנע
7 Yeroo Museen garbichi Waaqayyoo sun akka ani biyyattii basaasuuf Qaadesh Barneetii na erge umuriin koo waggaa afurtama ture. Anis gabaasa waan mirkaneeffadhe sanaa nan fideef;
בן ארבעים שנה אנכי בשלח משה עבד יהוה אתי מקדש ברנע--לרגל את הארץ ואשב אתו דבר כאשר עם לבבי
8 obboloonni koo warri na wajjin achi dhaqan garuu akka onneen sabaa sodaadhaan baqxu godhan. Taʼus ani garaa koo guutuudhaan Waaqayyo Waaqa koo duukaa buʼe.
ואחי אשר עלו עמי המסיו את לב העם ואנכי מלאתי אחרי יהוה אלהי
9 Kanaafuu Museen gaafas akkana jedhee naa kakate; ‘Sababii ati garaa kee guutuudhaan Waaqayyo Waaqa koo duukaa buuteef, lafti miilli kee tuqe sun hamma bara baraatti dhaala keetii fi dhaala ilmaan keetii taʼa.’
וישבע משה ביום ההוא לאמר אם לא הארץ אשר דרכה רגלך בה לך תהיה לנחלה ולבניך עד עולם כי מלאת אחרי יהוה אלהי
10 “Egaa Waaqayyo akkuma waadaa gale sanatti, gaafa Museedhaan akkas jedhe kan yeroo Israaʼel gammoojjii keessa asii fi achi jooraa turee jalqabee waggaa afurtamii shan na jiraachiseera. Kanaafuu ani harʼa kunoo waggaa saddeettamii shan guuteera!
ועתה הנה החיה יהוה אותי כאשר דבר זה ארבעים וחמש שנה מאז דבר יהוה את הדבר הזה אל משה אשר הלך ישראל במדבר ועתה הנה אנכי היום בן חמש ושמנים שנה
11 Ani harʼas akkuma gaafa Museen na erge sanaa jabaa dha; ani akkuman dur ture sana amma iyyuu duula dhaquuf jabaa dha.
עודני היום חזק כאשר ביום שלח אותי משה--ככחי אז וככחי עתה למלחמה ולצאת ולבוא
12 Egaa amma biyya gaaraa kan Waaqayyo gaafa sana waadaa naa gale kana naa kenni. Ati mataan kee iyyuu akka Anaaqonni achi keessa jiraatan, akka magaalaawwan isaanii gurguddaa taʼanii fi dallaa jabaan marfaman gaafas dhageesseerta; yoo Waaqayyo na gargaare garuu ani akkuma Waaqayyo jedhe sanatti ariʼee isaan baasa.”
ועתה תנה לי את ההר הזה אשר דבר יהוה ביום ההוא כי אתה שמעת ביום ההוא כי ענקים שם וערים גדלות בצרות--אולי יהוה אותי והורשתים כאשר דבר יהוה
13 Iyyaasuunis Kaaleb ilma Yefunee eebbisee Kebroonin dhaala godhee kenneef.
ויברכהו יהושע ויתן את חברון לכלב בן יפנה לנחלה
14 Kanaafuu sababii inni garaa isaa guutuudhaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel duukaa buʼeef Kebroon hamma harʼaatti iyyuu dhaala Kaaleb ilma Yefunee namicha gosa Qeneez sanaa taatee hafte.
על כן היתה חברון לכלב בן יפנה הקנזי לנחלה עד היום הזה--יען אשר מלא אחרי יהוה אלהי ישראל
15 Kebroon duraan maqaa namicha Arbaaq jedhamu kan Anaaqota hunda keessaa nama guddaa ture tokkootiin Kiriyaati Arbaaq jedhamtee waamamaa turte. Ergasiis biyyattiin waraana irraa boqotte.
ושם חברון לפנים קרית ארבע האדם הגדול בענקים הוא והארץ שקטה ממלחמה

< Iyyaasuu 14 >