< Iyyaasuu 13 >
1 Waaqayyos yeroo Iyyaasuun bara dheeraa jiraatee dulloometti akkana jedheen; “Ati amma akka malee dulloomteerta; garuu amma iyyuu lafti dhaalamuu qabu baayʼeetu jira.
Sa’ad da Yoshuwa ya tsufa, Ubangiji ya ce masa, “Ka tsufa ƙwarai, ga shi kuma akwai sauran ƙasa mai fāɗi da ba ku riga kun mallaka ba.
2 “Lafti hafe sunis kanaa dha: “guutummaa biyya Filisxeemotaatii fi Geshuurotaa,
“Ga ƙasar da ta rage, “dukan yankunan Filistiyawa da na Geshurawa.
3 karaa baʼa Gibxiitiin laga Shihoorii hamma kaaba daarii Ashqaloonitti jiru hundi akka biyya Kanaʼaanotaatti hedama. Kunis biyya Awootaa kan kutaa biyyoota bulchitoota Filisxeemotaa shanan jechuunis Gaazaa, Ashdood, Eqroon, Gitii fi Eqroon;
Daga Kogin Shihor a gabashin Masar zuwa sashen Ekron a arewa, dukan wannan ƙasa ana lissafta ta a cikin ƙasar Kan’aniyawa, ko da yake tana a sashen da sarakuna biyar na Filistiyawa na Gaza, Ashdod, Ashkeloniyawa, Gat da Ekron; na Awwiyawa.
4 karaa kibbaatiin immoo guutummaa biyya Kanaʼaanotaa, Meʼaaraa Siidoonaatii hamma Afeeqiitti biyya Amoorotaa
Daga wajen kudu kuma, dukan ƙasar Kan’aniyawa ce. Iyakarta a arewa ta fara daga Ara ta Sidoniyawa har zuwa Afek, ta zarce har zuwa iyakar Amoriyawa;
5 kan biyya Gebaalotaa ti; akkasumas karaa baʼaatiin guutummaa Libaanoon, Baʼaal Gaad kan Tulluu Hermoon jalaa hamma Leeboo Hamaatitti.
da ƙasar Gebaliyawa; da dukan Lebanon wajen gabas daga Ba’al-Gad a gindin Dutsen Hermon zuwa Lebo Hamat.
6 “Ani mataan koo jiraattota biyya gaaraa kanneen Libaanoonii hamma Misrefooti Maayimiitti jiraatan jechuunis Siidoonota hunda fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee nan baasa. Ati akkuma ani si ajajetti biyya kana akka dhaalaatti Israaʼelootaaf hiri;
“Dukan mazauna kan yankunan tuddai daga Lebanon zuwa Misrefot Mayim, wato, dukan Sidoniyawa, ni da kaina zan kore su a gaban Isra’ilawa. Ka tabbata ka raba wa Isra’ilawa ƙasar ta zama gādonsu kamar yadda na umarce ka,
7 kanas gosoota sagallanii fi walakkaa gosa Minaaseetiif dhaala godhii hiri.”
ka raba ta tă zama gādo wa kabilu tara da kuma rabin kabilar Manasse.”
8 Walakkaan gosa Minaasee kaan, gosti Ruubeenii fi gosti Gaad biyya Yordaanosiin gama baʼaa kan Museen garbichi Waaqayyoo isaaniif kennee ture sana akkuma inni isaaniif qoodetti fudhatan.
Rabin kabilar Manasse, mutanen Ruben da mutanen Gad suka karɓi rabonsu na gādo wanda Musa ya ba su a gabashin Urdun. Abin da Musa bawan Ubangiji ya ba su ke nan.
9 Biyyi sunis Aroʼeer kan qarqara Sulula Arnooniitti, argamtuu fi magaalaa walakkaa sulula sanaa keessaatii jalqabee dirree Meedebaan dabalatee hamma Diibooniitti diriira;
Wannan ya tashi daga Arower a gefen kwarin Arnon, da kuma daga garin da yake tsakiyar kwarin, ya kuma haɗa da ƙasar da take tudun Medeba har zuwa Dibon,
10 akkasumas magaalaawwan Sihoon mootii Amoorotaa kan Heshboon bulchaa ture sanaa hunda dabalatee hamma daarii Amoonotaatti diriira ture.
da dukan garuruwan Sihon sarkin Amoriyawa, wanda ya yi mulkin Heshbon, har zuwa iyakar Ammonawa.
11 Kana malees Giliʼaad, biyya Geshuurotaatii fi Maʼakaatotaa, guutummaa Tulluu Hermoonii fi guutummaa Baashaan hamma Salkaatti
Haɗe da Gileyad, inda mutanen Geshur da Ma’aka suke. Dukan Dutsen Hermon, da dukan Bashan har zuwa Saleka,
12 jechuunis guutummaa mootummaa Oogi kan Baashaan keessaa isa Ashtaarotii fi Edreyii bulchaa ture kan sanyii Refaayimootaa keessaa isa dhumaa taʼe sanaatti diriira. Museenis isaan moʼatee biyya isaanii fudhate.
wato, dukan masarautar Og a Bashan, wanda ya yi mulkin Ashtarot da Edireyi, yana cikin waɗanda suke na ƙarshe da ba a kashe ba a cikin Refahiyawa. Musa ya ci su da yaƙi, ya ƙwace ƙasarsu.
13 Garuu sababii Israaʼeloonni ariʼanii isaan hin baasiniif Geshuuronnii fi Maʼakaatonni hamma ammaatti Israaʼeloota gidduu jiraatu.
Amma Isra’ilawa ba su kori mutanen Geshur da Ma’aka ba, saboda haka suka ci gaba da zama cikin Isra’ilawa har wa yau.
14 Gosa Lewwiitiif garuu inni dhaala tokko illee hin kennine; akkuma inni waadaa isaaniif gale sanatti aarsaan ibiddaan Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif dhiʼeeffamu dhaala isaaniitii.
Kabilar Lawiyawa ne kaɗai Musa bai ba ta gādo ba, gama hadayun ƙonawa da ake miƙa wa Ubangiji, Allah na Isra’ila ne gādonsu, kamar yadda ya yi musu alkawari.
15 Wanni Museen gosa Ruubeeniif, balbala balbalaan kenne kanaa dha:
Ga abin da Musa ya ba kabilar Ruben bisa ga iyalansu.
16 Biyya Aroʼeer kan qarqara Sulula Arnoon, magaalattii walakkaa sululaatii jalqabee dirree Meedebaa bira jiru hunda
Abin da ya kama daga Arower a gefen kwarin Arnon, da kuma daga garin da yake tsakiyar kwarin, da dukan ƙasar tudu kusa da Medeba
17 hamma Heshboonii fi magaalaawwan ishee kanneen dirree irra jiran hunda jechuunis Diiboon, Baamooti Baʼaal, Beet Baʼaal Meʼoon,
zuwa Heshbon, da dukan garuruwan kan tudu, haɗe da Dibon, Bamot Ba’al, Bet-Ba’al-Meyon,
18 Yaahizaa, Qidemoot, Meefiʼaat,
Yahza, Kedemot, Mefa’at,
19 Kiriyaataayim, Sibimaa, Zeret Shahari ishee gaara sululaa irratti argamtu,
Kiriyatayim, Sibma, Zeret Shahar kan tudu cikin kwari,
20 Beet Pheʼoor, tabba Phisgaatii fi Beet Yashiimoot
Bet-Feyor, gangaren Fisga da Bet-Yeshimot,
21 jechuunis magaalaawwan dirree irraa hundumaa fi guutummaa mootummaa Sihoon mooticha Amoorotaa kan Heshboon keessa jiraatee bulchaa ture hundaa ti. Museenis Sihoonii fi bulchitoota Midiyaanotaa kanneen Eewii, Reqem, Zuuri, Huurii fi Rebaa moʼate; isaanis Sihooniin walii galanii biyya sana keessa jiraachaa turan.
dukan garuruwan da suke kan tudu da dukan masarautar Sihon sarkin Amoriyawa, wanda ya yi mulki a Heshbon. Musa ya yi nasara da shi, da shugabannin Midiyawa, wato, Ewi, Rekem, Zur, Hur, da Reba, sarakunan Sihon, waɗanda suka zauna a ƙasar.
22 Israaʼeloonni warra lola keessatti ajjeefaman irratti dabalanii Balaʼaam ilma Beʼoor falfalticha sanas goraadeedhaan ajjeesan.
Ƙari a kan waɗanda aka kashe a yaƙi, Isra’ilawa suka kashe Bala’am ɗan Beyor da takobi don yana duba.
23 Daangaan Ruubeenotaa qarqara laga Yordaanos ture. Magaalaawwan kanneenii fi gandoonni isaanii akkuma balbala balbala isaaniitti dhaala gosa Ruubeen.
Gefen Urdun shi ne iyakar mutanen Ruben. Waɗannan garuruwa da ƙauyukansu su ne gādon mutanen Ruben, bisa ga iyalansu.
24 Wanni Museen gosa Gaadiitiif balbala balbalaan kenne kanaa dha:
Ga abin da Musa ya ba kabilar Gad, bisa ga iyalansu.
25 Daangaan isaaniis Yaʼizeer, magaalaawwan Giliʼaad hundumaa fi walakkaa biyya Amoonotaa kan hamma Aroʼeeritti diriiree gara baʼa Rabbaatti argamuu dha;
Yankin ƙasarsu ya ƙunshi Yazer, da dukan garuruwan Gileyad, da rabin ƙasar Ammonawa har zuwa Arower kusa da Rabba,
26 akkasuma Heshboonii jalqabee hamma Raamaatitti Miisphaa fi Betooniimitti, Mahanayiimii jalqabee hamma daangaa Debiiritti diriiruu dha;
da kuma daga Heshbon zuwa Ramat Mizfa da Betonim, da kuma daga Mahanayim zuwa sashen Debir,
27 amma illee sulula keessa, Beet Haaraam, Beet Niimraa, Sukooti, Zaafoonii fi biyya Sihoon mootichi Heshboon bulchu kan gara baʼa Yordaanos kan hamma dhuma Galaana Kinereetitti diriiree jiru sanaa dha.
kuma a cikin kwari, Bet-Haram, Bet-Nimra, Sukkot da Zafon da kuma sauran masarautar Sihon sarkin Heshbon (gabashin Urdun, abin da ya kama har zuwa ƙarshen Tekun Kinneret).
28 Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii akkuma balbala balbala isaaniitti dhaala gosa Gaad.
Waɗannan garuruwan da ƙauyukansu duka, gādon mutanen Gad ne, bisa ga iyalansu.
29 Wanni Museen walakkaa gosa Minaaseetiif jechuunis walakkaa maatii sanyii Minaaseetiif balbala balbalaan kenne kanaa dha:
Ga abin da Musa ya ba rabin kabilar Manasse, wato, wa rabin zuriyar Manasse, bisa ga iyalansu.
30 Daangaa biyya Mahanayiimiitii jalqabee biyya Baashaan guutuu dabalatee naannoo bulchiinsa Oogi mooticha Baashaan jechuunis qubata Yaaʼiir kan Baashaan keessaa magaalaa jaatama,
Abin da ya miƙe daga Mahanayim haɗe da dukan Bashan, da gefen masarautar Og sarkin Bashan, da dukan garuruwan Yayir guda sittin da suke a Bashan,
31 walakkaa biyya Giliʼaad, Ashtaarotii fi Edreyii, magaalaa Oogi mootichi Baashaan jiraatuutti diriira. Kunis qooda sanyii Maakiiriif ilma Minaasee jechuunis walakkaa ilmaan Maakiiriif balbala balbalaan kennamee dha.
da rabin Gileyad, da Ashtarot, Edireyi (biranen sarki Og a Bashan). Wannan shi ne rabon da zuriyar Makir ɗan Manasse suka samu, domin rabin’ya’yan Makir maza, bisa ga iyalansu.
32 Kun dhaala Museen yeroo Yordaanos gama jechuunis gama baʼa Yerikoo dirree Moʼaab keessa ture sanatti qoodee dha.
Waɗannan su ne rabon gādon da Musa ya yi lokacin da suke cikin filayen Mowab a hayin gabashin Urdun kusa da Yeriko.
33 Gosa Lewwiitiif garuu Museen waan tokko illee hin kennine; akkuma inni waadaa isaaniif gale sanatti Waaqayyo Waaqni Israaʼel dhaala isaanii ti.
Amma Musa bai ba kabilar Lawiyawa gādo ba; Ubangiji, Allah na Isra’ila, shi ne gādonsu kamar yadda ya yi musu alkawari.