< Iyyaasuu 13 >
1 Waaqayyos yeroo Iyyaasuun bara dheeraa jiraatee dulloometti akkana jedheen; “Ati amma akka malee dulloomteerta; garuu amma iyyuu lafti dhaalamuu qabu baayʼeetu jira.
約書亞年紀老邁,耶和華對他說:「你年紀老邁了,還有許多未得之地,
2 “Lafti hafe sunis kanaa dha: “guutummaa biyya Filisxeemotaatii fi Geshuurotaa,
就是非利士人的全境和基述人的全地。
3 karaa baʼa Gibxiitiin laga Shihoorii hamma kaaba daarii Ashqaloonitti jiru hundi akka biyya Kanaʼaanotaatti hedama. Kunis biyya Awootaa kan kutaa biyyoota bulchitoota Filisxeemotaa shanan jechuunis Gaazaa, Ashdood, Eqroon, Gitii fi Eqroon;
從埃及前的西曷河往北,直到以革倫的境界,就算屬迦南人之地。有非利士人五個首領所管的迦薩人、亞實突人、亞實基倫人、迦特人、以革倫人之地,並有南方亞衛人之地。
4 karaa kibbaatiin immoo guutummaa biyya Kanaʼaanotaa, Meʼaaraa Siidoonaatii hamma Afeeqiitti biyya Amoorotaa
又有迦南人的全地,並屬西頓人的米亞拉到亞弗,直到亞摩利人的境界。
5 kan biyya Gebaalotaa ti; akkasumas karaa baʼaatiin guutummaa Libaanoon, Baʼaal Gaad kan Tulluu Hermoon jalaa hamma Leeboo Hamaatitti.
還有迦巴勒人之地,並向日出的全黎巴嫩,就是從黑門山根的巴力‧迦得,直到哈馬口。
6 “Ani mataan koo jiraattota biyya gaaraa kanneen Libaanoonii hamma Misrefooti Maayimiitti jiraatan jechuunis Siidoonota hunda fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee nan baasa. Ati akkuma ani si ajajetti biyya kana akka dhaalaatti Israaʼelootaaf hiri;
山地的一切居民,從黎巴嫩直到米斯利弗‧瑪音,就是所有的西頓人,我必在以色列人面前趕出他們去。你只管照我所吩咐的,將這地拈鬮分給以色列人為業。
7 kanas gosoota sagallanii fi walakkaa gosa Minaaseetiif dhaala godhii hiri.”
現在你要把這地分給九個支派和瑪拿西半個支派為業。」
8 Walakkaan gosa Minaasee kaan, gosti Ruubeenii fi gosti Gaad biyya Yordaanosiin gama baʼaa kan Museen garbichi Waaqayyoo isaaniif kennee ture sana akkuma inni isaaniif qoodetti fudhatan.
瑪拿西那半支派和呂便、迦得二支派已經受了產業,就是耶和華的僕人摩西在約旦河東所賜給他們的:
9 Biyyi sunis Aroʼeer kan qarqara Sulula Arnooniitti, argamtuu fi magaalaa walakkaa sulula sanaa keessaatii jalqabee dirree Meedebaan dabalatee hamma Diibooniitti diriira;
是從亞嫩谷邊的亞羅珥和谷中的城,並米底巴的全平原,直到底本,
10 akkasumas magaalaawwan Sihoon mootii Amoorotaa kan Heshboon bulchaa ture sanaa hunda dabalatee hamma daarii Amoonotaatti diriira ture.
和在希實本作王亞摩利王西宏的諸城,直到亞捫人的境界;
11 Kana malees Giliʼaad, biyya Geshuurotaatii fi Maʼakaatotaa, guutummaa Tulluu Hermoonii fi guutummaa Baashaan hamma Salkaatti
又有基列地、基述人、瑪迦人的地界,並黑門全山、巴珊全地,直到撒迦;
12 jechuunis guutummaa mootummaa Oogi kan Baashaan keessaa isa Ashtaarotii fi Edreyii bulchaa ture kan sanyii Refaayimootaa keessaa isa dhumaa taʼe sanaatti diriira. Museenis isaan moʼatee biyya isaanii fudhate.
又有巴珊王噩的全國-他在亞斯他錄和以得來作王(利乏音人所存留的只剩下他)。這些地的人都是摩西所擊殺、所趕逐的。
13 Garuu sababii Israaʼeloonni ariʼanii isaan hin baasiniif Geshuuronnii fi Maʼakaatonni hamma ammaatti Israaʼeloota gidduu jiraatu.
以色列人卻沒有趕逐基述人、瑪迦人;這些人仍住在以色列中,直到今日。
14 Gosa Lewwiitiif garuu inni dhaala tokko illee hin kennine; akkuma inni waadaa isaaniif gale sanatti aarsaan ibiddaan Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif dhiʼeeffamu dhaala isaaniitii.
只是利未支派,摩西 沒有把產業分給他們。他們的產業乃是獻與耶和華-以色列上帝的火祭,正如耶和華所應許他們的。
15 Wanni Museen gosa Ruubeeniif, balbala balbalaan kenne kanaa dha:
摩西按着呂便支派的宗族分給他們產業。
16 Biyya Aroʼeer kan qarqara Sulula Arnoon, magaalattii walakkaa sululaatii jalqabee dirree Meedebaa bira jiru hunda
他們的境界是亞嫩谷邊的亞羅珥和谷中的城,靠近米底巴的全平原;
17 hamma Heshboonii fi magaalaawwan ishee kanneen dirree irra jiran hunda jechuunis Diiboon, Baamooti Baʼaal, Beet Baʼaal Meʼoon,
希實本並屬希實本平原的各城,底本、巴末‧巴力、伯‧巴力‧勉、
18 Yaahizaa, Qidemoot, Meefiʼaat,
雅雜、基底莫、米法押、
19 Kiriyaataayim, Sibimaa, Zeret Shahari ishee gaara sululaa irratti argamtu,
基列亭、西比瑪、谷中山的細列‧哈沙轄、
20 Beet Pheʼoor, tabba Phisgaatii fi Beet Yashiimoot
伯‧毗珥、毗斯迦山坡、伯‧耶西末;
21 jechuunis magaalaawwan dirree irraa hundumaa fi guutummaa mootummaa Sihoon mooticha Amoorotaa kan Heshboon keessa jiraatee bulchaa ture hundaa ti. Museenis Sihoonii fi bulchitoota Midiyaanotaa kanneen Eewii, Reqem, Zuuri, Huurii fi Rebaa moʼate; isaanis Sihooniin walii galanii biyya sana keessa jiraachaa turan.
平原的各城,並亞摩利王西宏的全國。這西宏曾在希實本作王,摩西把他和米甸的族長以未、利金、蘇珥、戶珥、利巴擊殺了;這都是住那地屬西宏為首領的。
22 Israaʼeloonni warra lola keessatti ajjeefaman irratti dabalanii Balaʼaam ilma Beʼoor falfalticha sanas goraadeedhaan ajjeesan.
那時以色列人在所殺的人中,也用刀殺了比珥的兒子術士巴蘭。
23 Daangaan Ruubeenotaa qarqara laga Yordaanos ture. Magaalaawwan kanneenii fi gandoonni isaanii akkuma balbala balbala isaaniitti dhaala gosa Ruubeen.
呂便人的境界就是約旦河與靠近約旦河的地。以上是呂便人按着宗族所得為業的諸城,並屬城的村莊。
24 Wanni Museen gosa Gaadiitiif balbala balbalaan kenne kanaa dha:
摩西按着迦得支派的宗族分給他們產業。
25 Daangaan isaaniis Yaʼizeer, magaalaawwan Giliʼaad hundumaa fi walakkaa biyya Amoonotaa kan hamma Aroʼeeritti diriiree gara baʼa Rabbaatti argamuu dha;
他們的境界是雅謝和基列的各城,並亞捫人的一半地,直到拉巴前的亞羅珥;
26 akkasuma Heshboonii jalqabee hamma Raamaatitti Miisphaa fi Betooniimitti, Mahanayiimii jalqabee hamma daangaa Debiiritti diriiruu dha;
從希實本到拉抹‧米斯巴和比多寧,又從瑪哈念到底璧的境界,
27 amma illee sulula keessa, Beet Haaraam, Beet Niimraa, Sukooti, Zaafoonii fi biyya Sihoon mootichi Heshboon bulchu kan gara baʼa Yordaanos kan hamma dhuma Galaana Kinereetitti diriiree jiru sanaa dha.
並谷中的伯‧亞蘭、伯‧寧拉、疏割、撒分,就是希實本王西宏國中的餘地,以及約旦河與靠近約旦河的地,直到基尼烈海的極邊,都在約旦河東。
28 Magaalaawwan kunneenii fi gandoonni isaanii akkuma balbala balbala isaaniitti dhaala gosa Gaad.
以上是迦得人按着宗族所得為業的諸城,並屬城的村莊。
29 Wanni Museen walakkaa gosa Minaaseetiif jechuunis walakkaa maatii sanyii Minaaseetiif balbala balbalaan kenne kanaa dha:
摩西把產業分給瑪拿西半支派,是按着瑪拿西半支派的宗族所分的。
30 Daangaa biyya Mahanayiimiitii jalqabee biyya Baashaan guutuu dabalatee naannoo bulchiinsa Oogi mooticha Baashaan jechuunis qubata Yaaʼiir kan Baashaan keessaa magaalaa jaatama,
他們的境界是從瑪哈念起,包括巴珊全地,就是巴珊王噩的全國,並在巴珊、睚珥的一切城邑,共六十個。
31 walakkaa biyya Giliʼaad, Ashtaarotii fi Edreyii, magaalaa Oogi mootichi Baashaan jiraatuutti diriira. Kunis qooda sanyii Maakiiriif ilma Minaasee jechuunis walakkaa ilmaan Maakiiriif balbala balbalaan kennamee dha.
基列的一半,並亞斯他錄、以得來,就是屬巴珊王噩國的二城,是按着宗族給瑪拿西的兒子瑪吉的一半子孫。
32 Kun dhaala Museen yeroo Yordaanos gama jechuunis gama baʼa Yerikoo dirree Moʼaab keessa ture sanatti qoodee dha.
以上是摩西在約旦河東對着耶利哥的摩押平原所分給他們的產業。
33 Gosa Lewwiitiif garuu Museen waan tokko illee hin kennine; akkuma inni waadaa isaaniif gale sanatti Waaqayyo Waaqni Israaʼel dhaala isaanii ti.
只是利未支派,摩西沒有把產業分給他們。耶和華-以色列的上帝是他們的產業,正如耶和華所應許他們的。