< Iyyaasuu 11 >

1 Yaabiin mootichi Haazoor waan kana dhageenyaan Yoobaab mooticha Maadoonitti, mootota Shimroonii fi Akshaafitti ergaa ergate;
Sa’ad da Yabin sarkin Hazor ya ji wannan, sai ya aika saƙo zuwa wurin Yobab sarkin Madon, da sarkin Shimron, da Akshaf,
2 akkasumas mootota kaabaa kanneen tulluuwwan irra jiraatanitti, kanneen gama kibba Kinereetiin Arabbaa keessa jiraatanitti, kanneen gama dhiʼa biiftuutiin lafa gammoojjiitii fi Door keessa jiraatanitti ergaa ergate;
ya kuma aika zuwa ga sarakunan arewa waɗanda suke kan tuddai da kuma waɗanda suke cikin Araba a kudancin Kinneret da cikin filayen kwari, da cikin Nafot Dor a yamma;
3 Kanaʼaanota gama baʼa biiftuutii fi lixa biiftuutiin jiraatanitti, Amoorotatti, Heetotatti, Feerzotaatti Yebuusota biyya gaaraa keessa jiraatanittii fi mootota Hiiwotaa kanneen Gaara Hermoon jala biyya Miisphaa keessa jiraatanitti ergaa ergate.
ya kuma aika zuwa ga Kan’aniyawa a gabas da yamma; da kuma zuwa ga Amoriyawa, Hittiyawa da Ferizziyawa, da Yebusiyawa da suke kan tuddai; da kuma Hiwiyawa masu zama a gindin dutsen Hermon a yankin Mizfa.
4 Isaanis tuuta loltoota isaanii hunda, fardeenii fi gaariiwwan lolaa baayʼee jechuunis humna waraanaa guddaa kan akka cirracha qarqara galaanaa baayʼatu qabatanii dhufan.
Suka fito da dukan rundunansu da keken yaƙi masu yawan gaske, babbar runduna, yawansu ya yi kamar yashin bakin teku.
5 Mootonni kunneen hundi loltoota isaanii walitti makatanii Israaʼeloota waraanuuf Bishaanota Meeroon cina qubatan.
Duk sarakunan nan suka haɗa mayaƙansu tare, suka kafa sansani a bakin Ruwayen Meron don su yi yaƙi da Isra’ilawa.
6 Waaqayyo Iyyaasuudhaan akkana jedhe; “Sababii ani bor yeroo kanatti reeffa isaanii hunda dabarsee Israaʼelootatti kennuuf hin sodaatin. Ati hidda kottee fardeen isaanii kukkutee gaariiwwan isaaniis gubuu qabda.”
Ubangiji ya ce wa Yoshuwa, “Kada ka ji tsoronsu, domin war haka gobe zan ba da dukansu a hannun Isra’ilawa, za su kuwa karkashe su. Za ku gurgunta dawakansu, ku kuma ƙone keken yaƙinsu.”
7 Kanaafuu Iyyaasuu fi loltoonni isaa hundi tasuma bishaan Meeroon biratti isaanitti dhufanii isaan dhaʼan;
Sai Yoshuwa da dukan mayaƙan suka auka musu a bakin Ruwayen Meron.
8 Waaqayyos dabarsee harka Israaʼelootaatti isaan kenne. Isaanis jara moʼatanii hamma Siidoonaa Guddootti, hamma Misrefooti Maayimiitti, hamma Sulula Miisphaa kan gama baʼa biiftuutti isaan ariʼan; hamma namni hundi dhumuttis isaan dhaʼan.
Ubangiji kuwa ya ba Isra’ilawa nasara a kan su, suka ci su da yaƙi, suka fafare su har zuwa Sidon Babba, zuwa Misrefot Mayim, har zuwa Kwarin Mizfa a gabas, ba wanda suka bari da rai.
9 Iyyaasuunis akkuma Waaqayyo ajaje sana isaan godhe; innis hidda kottee fardeen isaanii kukkutee gaariiwwan isaanii kan lolaa gube.
Yoshuwa ya yi musu yadda Ubangiji ya umarta, ya gurgunta dawakansu, ya kuma ƙone keken yaƙinsu.
10 Yeroo sanatti Iyyaasuun of irra deebiʼee Asoor qabatee mootii ishee goraadeedhaan ajjeese. Haazooris magaalaa guddittii mootummoota kanneen hundumaa turte.
A lokacin nan Yoshuwa ya koma da baya ya ci Hazor da yaƙi, ya kuma kashe sarkinta da takobi. (Hazor ce babbar masarautan ƙasashen nan.)
11 Isaanis nama ishee keessa jiru hunda goraadeedhaan fixan. Waan hafuura baafatu tokko illee utuu hin hambisin guutumaan guutuutti balleessan; Iyyaasuun Haazoorinis ni gube.
Suka karkashe duk mazaunan ƙasar da takobi, ba su bar wani mai numfashi ba, suka kuma ƙona Hazor.
12 Iyyaasuun magaalaawwan moototaa hundaa fi mootota isaanii illee qabatee goraadeedhaan fixe. Innis akkuma garbichi Waaqayyoo Museen ajajetti guutumaan guutuutti isaan balleesse.
Yoshuwa ya ƙwace masarautun nan duka ya kuma kashe sarakunansu da takobi, ya hallakar da su ƙaƙaf kamar yadda Musa bawan Ubangiji ya umarta.
13 Taʼus Israaʼeloonni magaalaa Haazoor ishee Iyyaasuun gube sana malee magaalaawwan tabba irratti ijaaraman tokko illee hin gubne.
Duk da haka Isra’ilawa ba su ƙone biranen da suke kan tuddai ba, sai Hazor kaɗai Yoshuwa ya ƙone.
14 Israaʼeloonni boojuu fi horii magaalaa sanaa hunda ofii isaaniitiif fudhatan; namoota hunda garuu guutumaan guutuutti goraadeedhaan fixan; nama hafuura baafatu tokko illee hin hambifne.
Isra’ilawa suka kwashi ganima da dabbobi na waɗannan birane, amma suka karkashe mutanen duka da takobi, ba su bar wani mai numfashi ba.
15 Akkuma Waaqayyo garbicha isaa Musee ajaje sana Museenis akkasuma Iyyaasuu ajaje; Iyyaasuunis akkasuma godhe; inni waan Waaqayyo Musee ajaje keessaa waan tokko illee utuu hin hojjetin hin hambifne.
Yadda Ubangiji ya umarci bawansa Musa, haka Musa ya umarci Yoshuwa, shi kuwa ya yi duk abin da Ubangiji ya umarci Musa.
16 Iyyaasuun akkasiin guutummaa biyya sanaa qabate; kunis biyya gaaraa, Negeeb hunda, guutummaa Gooshen, gammoojjii gama lixa aduu, Arabbaa fi gaarran Israaʼel gammoojjii isaanii wajjin,
Saboda haka Yoshuwa ya cinye ƙasar duka da yaƙi, dukan Negeb, duka yankin Goshen, filayen kwari na yamma, Araba da tuddai na Isra’ila da kwarinta.
17 Tulluu Halaaq kan gaara Seeʼiiritti ol kaʼuu jalqabanii hamma Baʼaal Gaad kan Tulluu Hermoon jala hamma sulula Libaanoonitti jiru boojiʼe. Innis mootota isaanii hunda gogorraʼee ajjeese.
Daga Dutsen Halak wanda ya miƙe zuwa wajajen Seyir, zuwa Ba’al-Gad a Kwarin Lebanon ƙasa da Dutsen Hermon. Ya kama sarakunansu ya karkashe su.
18 Iyyaasuunis bara dheeraa mootota kanneen hundatti waraana banaa ture.
Yoshuwa ya daɗe yana yaƙi da dukan waɗannan sarakuna.
19 Hiiwota Gibeʼoon keessa jiraatan malee magaalaan tokko iyyuu Israaʼeloota wajjin walii galtee nagaa hin godhanne; Israaʼeloonni magaalaawwan hunda waraananii qabatan.
Sai Hiwiyawa kaɗai waɗanda suke zama a Gibeyon, sauran ba ko birni ɗaya da ta yi yarjejjeniya ta salama da Isra’ilawa, Isra’ilawa kuwa suka ci dukansu da yaƙi.
20 Akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti gara laafina tokko malee isaan barbadeessuudhaan guutumaan guutuutti isaan balleessuudhaaf jedhee akka isaan Israaʼelootatti waraana bananiif kan garaa isaanii jabeesse Waaqayyo mataa isaa ti.
Gama Ubangiji ne ya taurare zukatansu waɗannan sarakuna suka yi yaƙi da Isra’ilawa don yă hallaka su gaba ɗaya, yă gamar da su ba jinƙai, yadda Ubangiji ya umarci Musa.
21 Iyyaasuun yeroo sanatti dhaqee biyya gaaraa keessaa jechuunis Kebroon, Debiirii fi Aanaab, akkasumas biyya gaaraa Yihuudaatii fi biyya gaaraa Israaʼel hunda keessaa Anaaqota barbadeesse. Iyyaasuun isaanii fi magaalaawwan isaaniis guutumaan guutuutti barbadeesse.
A lokacin nan Yoshuwa ya je ya hallaka Anakawa daga ƙasar tudu. Daga Hebron, Debir da Anab. Daga dukan ƙasar tuddai na Yahuda, da kuma dukan ƙasar tudu ta Isra’ila, Yoshuwa ya hallaka su duka da garuruwansu.
22 Gaazaa, Gaatii fi Ashdoodi malee kutaan biyya Israaʼel kan Anaaqonni keessatti hafan tokko iyyuu hin turre.
Ba a bar waɗansu Anakawa a harabar Isra’ila ba; sai dai a Gaza, Gat da Ashdod ne aka samu waɗanda suka ragu da rai.
23 Kanaafuu Iyyaasuun akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti biyya guutuu qabatee akkuma mana gosa gosa isaaniitti dhaala godhee Israaʼelootaaf kenne. Biyyattiinis akkasiin waraana irraa boqonnaa argatte.
Yoshuwa kuwa ya ƙwace dukan ƙasar yadda Ubangiji ya umarci Musa, ya ba da ita ta zama ƙasar gādo ga Isra’ilawa, kabila-kabila. Ta haka ƙasar ta huta daga yaƙi.

< Iyyaasuu 11 >