< Iyyaasuu 11 >
1 Yaabiin mootichi Haazoor waan kana dhageenyaan Yoobaab mooticha Maadoonitti, mootota Shimroonii fi Akshaafitti ergaa ergate;
When Jabin, king of Hazor, heard about what happened, he sent a message to Jobab, king of Madon, to the kings of Shimron and Achshaph,
2 akkasumas mootota kaabaa kanneen tulluuwwan irra jiraatanitti, kanneen gama kibba Kinereetiin Arabbaa keessa jiraatanitti, kanneen gama dhiʼa biiftuutiin lafa gammoojjiitii fi Door keessa jiraatanitti ergaa ergate;
and to the kings of the northern hill country, the Jordan Valley south of Kinnereth, the western foothills, and the foothills of Dor to the west,
3 Kanaʼaanota gama baʼa biiftuutii fi lixa biiftuutiin jiraatanitti, Amoorotatti, Heetotatti, Feerzotaatti Yebuusota biyya gaaraa keessa jiraatanittii fi mootota Hiiwotaa kanneen Gaara Hermoon jala biyya Miisphaa keessa jiraatanitti ergaa ergate.
to the kings of the Canaanites, both east and west, the Amorites, the Hittites, the Perizzites, the Jebusites in the hill country, and the Hivites living near Mount Hermon in the land of Mizpah.
4 Isaanis tuuta loltoota isaanii hunda, fardeenii fi gaariiwwan lolaa baayʼee jechuunis humna waraanaa guddaa kan akka cirracha qarqara galaanaa baayʼatu qabatanii dhufan.
All their armies assembled together, a vast horde as numberless as the sand of the seashore, together with many, many horses and chariots.
5 Mootonni kunneen hundi loltoota isaanii walitti makatanii Israaʼeloota waraanuuf Bishaanota Meeroon cina qubatan.
All these kings joined forces and set up camp beside the waters of Merom to fight against Israel.
6 Waaqayyo Iyyaasuudhaan akkana jedhe; “Sababii ani bor yeroo kanatti reeffa isaanii hunda dabarsee Israaʼelootatti kennuuf hin sodaatin. Ati hidda kottee fardeen isaanii kukkutee gaariiwwan isaaniis gubuu qabda.”
The Lord said to Joshua, “Don't be afraid because of them, for by this time tomorrow I myself will hand them all over to Israel, dead. Cripple their horses and burn their chariots.”
7 Kanaafuu Iyyaasuu fi loltoonni isaa hundi tasuma bishaan Meeroon biratti isaanitti dhufanii isaan dhaʼan;
Joshua and the Israelite army went and attacked them without warning at the waters of Merom.
8 Waaqayyos dabarsee harka Israaʼelootaatti isaan kenne. Isaanis jara moʼatanii hamma Siidoonaa Guddootti, hamma Misrefooti Maayimiitti, hamma Sulula Miisphaa kan gama baʼa biiftuutti isaan ariʼan; hamma namni hundi dhumuttis isaan dhaʼan.
The Lord handed them over to the Israelites who cut them down and chased them as far as Greater Sidon and Misrephoth Maim, and east to the valley of Mizpah, killing them until none were left.
9 Iyyaasuunis akkuma Waaqayyo ajaje sana isaan godhe; innis hidda kottee fardeen isaanii kukkutee gaariiwwan isaanii kan lolaa gube.
Afterwards Joshua did what the Lord had ordered: he crippled the horses and burned the chariots.
10 Yeroo sanatti Iyyaasuun of irra deebiʼee Asoor qabatee mootii ishee goraadeedhaan ajjeese. Haazooris magaalaa guddittii mootummoota kanneen hundumaa turte.
Then Joshua turned on Hazor. He captured it and killed its king, for Hazor was at that time the chief of all these kingdoms.
11 Isaanis nama ishee keessa jiru hunda goraadeedhaan fixan. Waan hafuura baafatu tokko illee utuu hin hambisin guutumaan guutuutti balleessan; Iyyaasuun Haazoorinis ni gube.
Joshua had all the inhabitants killed, leaving no survivors. He set it apart and completely destroyed it—no one was left alive. Then he burned down Hazor.
12 Iyyaasuun magaalaawwan moototaa hundaa fi mootota isaanii illee qabatee goraadeedhaan fixe. Innis akkuma garbichi Waaqayyoo Museen ajajetti guutumaan guutuutti isaan balleesse.
Joshua captured all these towns and killed their kings. He set them apart and completely destroyed them, as Moses the servant of the Lord had ordered.
13 Taʼus Israaʼeloonni magaalaa Haazoor ishee Iyyaasuun gube sana malee magaalaawwan tabba irratti ijaaraman tokko illee hin gubne.
However, Israel did not burn any of the towns built on mounds, except Hazor, which Joshua did burn.
14 Israaʼeloonni boojuu fi horii magaalaa sanaa hunda ofii isaaniitiif fudhatan; namoota hunda garuu guutumaan guutuutti goraadeedhaan fixan; nama hafuura baafatu tokko illee hin hambifne.
The Israelites did take for themselves all the plunder and livestock from these towns. But they killed all the inhabitants, destroying them all so none were left alive.
15 Akkuma Waaqayyo garbicha isaa Musee ajaje sana Museenis akkasuma Iyyaasuu ajaje; Iyyaasuunis akkasuma godhe; inni waan Waaqayyo Musee ajaje keessaa waan tokko illee utuu hin hojjetin hin hambifne.
As the Lord had instructed Moses, so Moses had instructed Joshua. Joshua did what he had been told—he did everything that the Lord had instructed Moses.
16 Iyyaasuun akkasiin guutummaa biyya sanaa qabate; kunis biyya gaaraa, Negeeb hunda, guutummaa Gooshen, gammoojjii gama lixa aduu, Arabbaa fi gaarran Israaʼel gammoojjii isaanii wajjin,
So Joshua conquered the whole land—the hill country, the Negev, all the land of Goshen, the western foothills, the Jordan Valley, the mountains of Israel, and the eastern foothills.
17 Tulluu Halaaq kan gaara Seeʼiiritti ol kaʼuu jalqabanii hamma Baʼaal Gaad kan Tulluu Hermoon jala hamma sulula Libaanoonitti jiru boojiʼe. Innis mootota isaanii hunda gogorraʼee ajjeese.
This covered land from Mount Halak leading to Seir in the south, right up to Baal Gad in the north, below Mount Hermon in the valley of Lebanon. Joshua captured and killed all their kings.
18 Iyyaasuunis bara dheeraa mootota kanneen hundatti waraana banaa ture.
Joshua fought a long war with all these kings.
19 Hiiwota Gibeʼoon keessa jiraatan malee magaalaan tokko iyyuu Israaʼeloota wajjin walii galtee nagaa hin godhanne; Israaʼeloonni magaalaawwan hunda waraananii qabatan.
Not a single town made peace with the Israelites except the Hivites, the inhabitants of Gibeon. All the rest were conquered in battle.
20 Akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti gara laafina tokko malee isaan barbadeessuudhaan guutumaan guutuutti isaan balleessuudhaaf jedhee akka isaan Israaʼelootatti waraana bananiif kan garaa isaanii jabeesse Waaqayyo mataa isaa ti.
For the Lord made them stubborn, wanting to fight the Israelites so that they might be set apart and completely destroyed, wiped out without mercy, as the Lord had instructed Moses.
21 Iyyaasuun yeroo sanatti dhaqee biyya gaaraa keessaa jechuunis Kebroon, Debiirii fi Aanaab, akkasumas biyya gaaraa Yihuudaatii fi biyya gaaraa Israaʼel hunda keessaa Anaaqota barbadeesse. Iyyaasuun isaanii fi magaalaawwan isaaniis guutumaan guutuutti barbadeesse.
During this time Joshua also annihilated the descendants of Anak living in the hill country of Hebron, Debir, and Anab, and all the hill country of Judah and Israel. Joshua set apart and completely destroyed their towns,
22 Gaazaa, Gaatii fi Ashdoodi malee kutaan biyya Israaʼel kan Anaaqonni keessatti hafan tokko iyyuu hin turre.
and there were no descendants of Anak left in the land of Israel, only some in Gaza, Gath, and Ashdod.
23 Kanaafuu Iyyaasuun akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti biyya guutuu qabatee akkuma mana gosa gosa isaaniitti dhaala godhee Israaʼelootaaf kenne. Biyyattiinis akkasiin waraana irraa boqonnaa argatte.
So Joshua took the entire land in accordance with what the Lord had instructed Moses, giving it to Israel to own as it was divided up among the tribes. Then the land was at peace.