< Iyyaasuu 10 >

1 Adoonii-Zedeq Mootiin Yerusaalem akka Iyyaasuun Aayin qabatee guutumaan guutuutti barbadeesse, akka inni akkuma Yerikoo fi mootii ishee godhe sana Aayii fi Mootii ishee godhe, akkasumas akka namoonni Gibeʼoon Israaʼeloota wajjin walii galtee nagaa godhatanii isaan bira jiraatan dhagaʼe.
Now Adoni-zedek king of Jerusalem heard that Joshua had captured Ai and devoted it to destruction —doing to Ai and its king as he had done to Jericho and its king—and that the people of Gibeon had made peace with Israel and were living near them.
2 Sababii magaalaan Gibeʼoon akkuma magaalaa moototaa tokkootti magaalaa hangafa taateef innii fi namoonni isaa akka malee rifatan; magaalaan Gibeʼoon magaalaa Aayi caalaa guddoo turte; namoonni ishees loltoota jajjaboo turan.
So Adoni-zedek and his people were greatly alarmed, because Gibeon was a great city, like one of the royal cities; it was larger than Ai, and all its men were mighty.
3 Kanaafuu Adoonii-Zedeq mootichi Yerusaalem sun Hoohaam mooticha Kebroonitti, Phiraam mooticha Yarmuutitti, Yaafiiyaa mooticha Laakkiishii fi Debiir mooticha Egloonitti ergee,
Therefore Adoni-zedek king of Jerusalem sent word to Hoham king of Hebron, Piram king of Jarmuth, Japhia king of Lachish, and Debir king of Eglon, saying,
4 “Sababii isheen Iyyaasuu fi Israaʼel wajjin walii galtee nagaa godhatteef ol kottaatii Gibeʼoonin waraanuu na gargaaraa” jedheen.
“Come up and help me. We will attack Gibeon, because they have made peace with Joshua and the Israelites.”
5 Kanaafuu mootonni Amoorotaa shananuu jechuunis mootiin Yerusaalem, mootiin Kebroon, mootiin Yarmuut, mootiin Laakkiishii fi mootiin Egloon humna waraanaa walitti dabalatan. Isaanis loltoota isaanii hunda fudhatanii ol baʼanii Gibeʼoonin marsanii waraanan.
So the five kings of the Amorites—the kings of Jerusalem, Hebron, Jarmuth, Lachish, and Eglon—joined forces and advanced with all their armies. They camped before Gibeon and made war against it.
6 Namoonni Gibeʼoonis qubata Gilgaal gara Iyyaasuutti ergaa erganii akkana jedhaniin; “Ati garboota kee hin dhiisin. Dafii nu qaqqabiitii nu oolchi; sababii mootonni Amoorotaa kanneen biyya gaaraa keessa jiraatan hundi nu waraanuuf loltoota walitti dabalataniif nu gargaari.”
Then the men of Gibeon sent word to Joshua in the camp at Gilgal: “Do not abandon your servants. Come quickly and save us! Help us, because all the kings of the Amorites from the hill country have joined forces against us.”
7 Kanaafuu Iyyaasuun loltoota isaa hunda wajjin, namoota waraanaa jajjabeeyyii hundas dabalatee Gilgaalii ol baʼe.
So Joshua and his whole army, including all the mighty men of valor, came from Gilgal.
8 Waaqayyos Iyyaasuudhaan, “Isaan hin sodaatin; ani harka keetti dabarsee isaan kenneera. Tokkoon isaanii iyyuu fuula kee dura dhaabachuu hin dandaʼan” jedhe.
The LORD said to Joshua, “Do not be afraid of them, for I have delivered them into your hand. Not one of them shall stand against you.”
9 Kanaafuu Iyyaasuun Gilgaalii baʼee halkan guutuu deemaa bulee tasuma isaanitti dhufe.
After marching all night from Gilgal, Joshua caught them by surprise.
10 Waaqayyos fuula Israaʼelootaa duratti isaan burjaajesse; Israaʼeloonnis Gibeʼoonitti moʼannaa guddaadhaan isaan moʼatan. Karaa Beet Horoonitti geessu irra isaan ariʼaa hamma Azeeqaa fi Maqeedaatti isaan gogorraʼan.
And the LORD threw them into confusion before Israel, who defeated them in a great slaughter at Gibeon, pursued them along the ascent to Beth-horon, and struck them down as far as Azekah and Makkedah.
11 Utuma isaan Israaʼeloota duraa karaa Beet Horooniin gara Azeeqaatti gad baqachaa jiranuu Waaqayyo samiidhaa cabbii gurguddaa itti roobse; warra goraadee Israaʼelootaatiin dhuman caalaa kanneen cabbii kanaan dhumanitu baayʼata.
As they fled before Israel along the descent from Beth-horon to Azekah, the LORD cast down on them large hailstones from the sky, and more of them were killed by the hailstones than by the swords of the Israelites.
12 Gaafa Waaqayyo Amoorota dabarsee Israaʼelootatti kenne sana Iyyaasuun fuula Israaʼelootaa duratti Waaqayyoon akkana jedhe: “Yaa aduu, Gibeʼoon gubbaa dhaabadhu; yaa jiʼa, atis Sulula Ayaaloon gubbaa dhaabadhu.”
On the day that the LORD gave the Amorites over to the Israelites, Joshua spoke to the LORD in the presence of Israel: “O sun, stand still over Gibeon, O moon, over the Valley of Aijalon.”
13 Kanaafuu hamma sabni diinota isaa haaloo baafatutti aduun idduma jirtu dhaabatte; jiʼis ni dhaabate; wanni kun Kitaaba Yaashaar keessatti barreeffameera mitii? Aduun walakkaa samii keessa dhaabattee guyyaa tokko guutuu utuu hin dhiʼin turte.
So the sun stood still and the moon stopped until the nation took vengeance upon its enemies. Is this not written in the Book of Jashar? “So the sun stopped in the middle of the sky and delayed going down about a full day.”
14 Guyyaan Waaqayyo nama dhagaʼe kan akkasii gaafasiin dura yookaan ergasii takkumaa taʼee hin beeku. Waaqayyo dhugumaan Israaʼeliif lolaa ture!
There has been no day like it before or since, when the LORD listened to the voice of a man, because the LORD fought for Israel.
15 Ergasii Iyyaasuun Israaʼeloota hunda wajjin qubata Gilgaal jiru sanatti deebiʼe.
Then Joshua returned with all Israel to the camp at Gilgal.
16 Mootonni shanan sun baqatanii holqa Maqeedaa keessatti dhokatanii turan.
Now the five kings had fled and hidden in the cave at Makkedah.
17 Akka mootonni shanan holqa Maqeedaa keessatti dhokatan Iyyaasuutti himame;
And Joshua was informed: “The five kings have been found; they are hiding in the cave at Makkedah.”
18 innis akkana jedhe; “Dhagaa guddaa isaa afaan holqa sanaatti gangalchaatii akka isaan eeganiif namoota achitti ramadaa.
So Joshua said, “Roll large stones against the mouth of the cave, and post men there to guard them.
19 Isin diinota keessan ariʼaatii karaa dugda duubaatiin rukutaa malee hin dhaabatinaa! Sababii Waaqayyo Waaqni keessan dabarsee harka keessanitti isaan kenneef akka isaan magaalaawwan isaanii seenan hin godhinaa.”
But you, do not stop there. Pursue your enemies and attack them from behind. Do not let them reach their cities, for the LORD your God has delivered them into your hand.”
20 Kanaafuu Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hamma namni muraasni hafutti guutumaan guutuutti isaan barbadeessan. Warri hafan immoo magaalaawwan isaanii kanneen jajjabeeffamanii ijaaramanitti galan.
So Joshua and the Israelites continued to inflict a terrible slaughter until they had finished them off, and the remaining survivors retreated to the fortified cities.
21 Loltoonni hundi nagumaan gara qubata Maqeedaa gara Iyyaasuutti deebiʼan; namni tokko iyyuu afaan isaa Israaʼelootatti hin bananne.
The whole army returned safely to Joshua in the camp at Makkedah, and no one dared to utter a word against the Israelites.
22 Iyyaasuunis, “Mee afaan holqa sanaa banaatii mootota shanan sana gad naa baasaa” jedhe.
Then Joshua said, “Open the mouth of the cave and bring those five kings out to me.”
23 Isaanis mootota shanan sana jechuunis mootii Yerusaalem, mootii Kebroon, mootii Yarmuut, mootii Laakkiishii fi mootii Egloon holqa keessaa baasanii fidan.
So they brought the five kings out of the cave—the kings of Jerusalem, Hebron, Jarmuth, Lachish, and Eglon.
24 Yommuu isaan mootota kana shanan Iyyaasuutti fidan, inni namoota Israaʼel hunda walitti waamee ajajjoota loltootaa kanneen isa wajjin dhufaniin, “Kottaatii miilla keessaniin morma mootota kanneenii irra ejjadhaa” jedhe. Isaanis gara fuula duraatti baʼanii miilla isaaniitiin morma mootota sanaa irra ejjetan.
When they had brought the kings to Joshua, he summoned all the men of Israel and said to the army commanders who had accompanied him, “Come here and put your feet on the necks of these kings.” So the commanders came forward and put their feet on their necks.
25 Iyyaasuun, “Hin sodaatinaa; abdiis hin kutatinaa. Jabaadhaa; cimaas. Wanni Waaqayyo diinota isin loluuf deemtan hunda irratti godhuuf jirus kanuma” jedheen.
“Do not be afraid or discouraged,” Joshua said. “Be strong and courageous, for the LORD will do this to all the enemies you fight.”
26 Iyyaasuun ergasii mootota sana dhaʼee ajjeesee mukkeen shan irratti isaan fannise; isaanis hamma lafti galgalooftutti akkuma muka irratti fannifamanitti turan.
After this, Joshua struck down and killed the kings, and he hung their bodies on five trees and left them there until evening.
27 Yeroo aduun dhiitetti Iyyaasuun ajaja kenne; jarris mukkeen irraa gad isaan buusanii holqa isaan keessa dhokatanii turan sanatti isaan daddarbatan. Afaan holqa sanaa irras dhagaa gurguddaa hamma guyyaa harʼaatti illee achuma jiru naqan.
At sunset Joshua ordered that they be taken down from the trees and thrown into the cave in which they had hidden. Then large stones were placed against the mouth of the cave, and the stones are there to this day.
28 Iyyaasuunis guyyuma sana Maqeedaa qabate. Innis magaalaa sanaa fi mootii ishee goraadeedhaan dhaʼee nama achi keessa jiru hunda fixe. Nama tokko iyyuu hin hambifne. Mootii Maqeedaas akkuma mootii Yerikoo godhe sana godhe.
On that day Joshua captured Makkedah and put it to the sword, along with its king. He devoted to destruction everyone in the city, leaving no survivors. So he did to the king of Makkedah as he had done to the king of Jericho.
29 Iyyaasuu fi Israaʼeloonni isa wajjin turan hundi Maqeedaadhaa baʼanii dhaqanii Libnaa lolan.
Then Joshua and all Israel with him moved on from Makkedah to Libnah and fought against Libnah.
30 Waaqayyos magaalaa sanaa fi mootii ishee dabarsee harka Israaʼelootaatti kenne. Iyyaasuun magaalattii fi nama ishee keessa jiru hunda goraadeedhaan fixe. Inni nama tokko illee achitti hin hambifne. Mootii ishee illee akkuma mootii Yerikoo godhe sana godhe.
And the LORD also delivered that city and its king into the hand of Israel, and Joshua put all the people to the sword, leaving no survivors. And he did to the king of Libnah as he had done to the king of Jericho.
31 Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundi isa wajjin Libnaadhaa kaʼanii Laakkiish dhaqan; isaanis magaalaa sana marsanii waraanan.
And Joshua and all Israel with him moved on from Libnah to Lachish. They laid siege to it and fought against it.
32 Waaqayyos Laakkiish dabarsee harka Israaʼelootaatti kenne; Iyyaasuunis guyyaa lammaffaatti ishee qabate. Akkuma Libnaa godhe sana magaalaa sanaa fi warra ishee keessa jiraatan hunda goraadeedhaan fixe.
And the LORD delivered Lachish into the hand of Israel, and Joshua captured it on the second day. He put all the people to the sword, just as he had done to Libnah.
33 Yeroo sanatti Hooraam mootichi Geezir, Laakkiish gargaaruudhaaf dhufee ture; Iyyaasuun garuu isaa fi loltoota isaa ni moʼate; namni tokko iyyuu hin hafne.
At that time Horam king of Gezer went to help Lachish, but Joshua struck him down along with his people, leaving no survivors.
34 Ergasiis Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundi Laakkiishii kaʼanii gara Egloon dhaqan; marsaniis ishee waraanan.
So Joshua moved on from Lachish to Eglon, and all Israel with him. They laid siege to it and fought against it.
35 Guyyuma sana ishee qabatanii akkuma Laakkiish godhan sana ishee fi nama ishee keessa jiru hunda goraadeedhaan fixan.
That day they captured Eglon and put it to the sword, and Joshua devoted to destruction everyone in the city, just as he had done to Lachish.
36 Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundis isa wajjin Egloonii kaʼanii gara Kebroonitti ol baʼanii ishee waraanan.
Then Joshua and all Israel with him went up from Eglon to Hebron and fought against it.
37 Isaanis magaalattii qabatanii mootii ishee, gandoota isheetii fi nama ishee keessa jiru hunda goraadeedhaan fixan. Nama tokko iyyuu hin hambifne. Akkuma Egloon godhan sana ishee fi nama ishee keessa jiru hunda guutumaan guutuutti barbadeessan.
They captured it and put to the sword its king, all its villages, and all the people. Joshua left no survivors, just as he had done at Eglon; he devoted to destruction Hebron and everyone in it.
38 Ergasiis Iyyaasuu fi Israaʼeloonni hundi isa wajjin of irra deebiʼanii Debiirin dhaʼan.
Finally Joshua and all Israel with him turned toward Debir and fought against it.
39 Isaanis magaalattii, mootii isheetii fi gandoota ishee qabatanii goraadeedhaan fixan. Namoota ishee keessa jiraatan hundas guutumaan guutuutti fixan. Nama tokko iyyuu hin hambifne. Akkuma Libnaa, mootii isheetii fi Kebroon godhan sana Debiirii fi mootii ishee godhan.
And they captured Debir, its king, and all its villages. They put them to the sword and devoted to destruction everyone in the city, leaving no survivors. Joshua did to Debir and its king as he had done to Hebron and as he had done to Libnah and its king.
40 Iyyaasuunis akkasiin guutummaa biyya sanaa, biyya gaaraa, Negeebi, biyya gammoojjii, tabbawwan tulluutii fi mootota isaanii hundas moʼate. Inni akkuma Waaqayyo Waaqni Israaʼel ajajetti waan hafuura baafatu hunda guutumaan guutuutti balleesse malee nama tokko illee hin hambifne.
So Joshua conquered the whole region—the hill country, the Negev, the foothills, and the slopes, together with all their kings—leaving no survivors. He devoted to destruction everything that breathed, just as the LORD, the God of Israel, had commanded.
41 Iyyaasuun Qaadesh Barnee irraa jalqabee hamma Gaazaatti, guutummaa biyya Gooshen hamma Gibeʼoonitti qabate.
Joshua conquered the area from Kadesh-barnea to Gaza, and the whole region of Goshen as far as Gibeon.
42 Sababii Waaqayyo Waaqni Israaʼel Israaʼeliif loleef Iyyaasuun mootota kanneenii fi lafa isaanii loluma tokkoon moʼate.
And because the LORD, the God of Israel, fought for Israel, Joshua captured all these kings and their land in one campaign.
43 Ergasii Iyyaasuun Israaʼeloota hunda wajjin gara qubata Gilgaalitti deebiʼe.
Then Joshua returned with all Israel to the camp at Gilgal.

< Iyyaasuu 10 >