< Yoonaas 1 >

1 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Yoonaas ilma Amitaayi dhufe:
여호와의 말씀이 아밋대의 아들 요나에게 임하니라 이르시되
2 “Sababii hamminni ishee fuula koo dura dhufeef, gara Nanawwee magaalaa guddittii dhaqiitii isheedhaan mormuudhaan itti lallabi.”
너는 일어나 저 큰 성읍 니느웨로 가서 그것을 쳐서 외치라 그 악독이 내 앞에 상달하였음이니라 하시니라
3 Yoonaas garuu Waaqayyo duraa baqatee Tarshiishitti qajeele. Innis Yoopheetti gad buʼee doonii gara Tarshiish deemu tokko argate. Erga gatii geejjibaa baasee booddee Waaqayyo duraa miliquuf jedhee doonii yaabbatee Tarshiishitti imale.
그러나 요나가 여호와의 낯을 피하려고 일어나 다시스로 도망하려 하여 욥바로 내려갔더니 마침 다시스로 가는 배를 만난지라 여호와의 낯을 피하여 함께 다시스로 가려고 선가를 주고 배에 올랐더라
4 Waaqayyo bubbee jabaa tokko galaanatti erge; dambaliin akka malee jabaan tokko kaanaan dooniin sun gargar caccabuu gaʼe.
여호와께서 대풍을 대작하여 배가 거의 깨어지게 된지라
5 Warri doonii sana oofan hundinuu akka malee sodaatanii tokkoon tokkoon isaanii waaqa isaaniitti iyyatan. Isaanis baʼaa xinneessuuf jedhanii doonii irraa feʼiisa galaanatti gad dadarbatan. Yoonaas garuu garaa doonii seenee ciisee achitti hirribni guddaan isa qabe.
사공이 두려워 하여 각각 자기의 신을 부르고 또 배를 가볍게 하려고 그 가운데 물건을 바다에 던지니라 그러나 요나는 배 밑층에 내려가서 누워 깊이 잠이 든지라
6 Ajajaan doonii sanaa gara isaa dhufee, “Ati akkam akkas rafuu dandeessa? Kaʼii waaqa kee waammadhu! Tarii inni nuu dhagaʼee nus duʼa oolla taʼaatii” jedheen.
선장이 나아가서 그에게 이르되 `자는 자여 어찜이뇨 일어나서 네 하나님께 구하라 혹시 하나님이 우리를 생각하사 망하지 않게 하시리라' 하니라
7 Warri doonii oofanis, “Kottaa nama balaa kana nutti fide beekuuf ixaa buufannaatii” waliin jedhan. Isaan ixaa buufannaan ixaan sun Yoonaas irra buʼe.
그들이 서로 이르되 `자, 우리가 제비를 뽑아 이 재앙이 누구로 인하여 우리에게 임하였나 알자' 하고 곧 제비를 뽑으니 제비가 요나에게 당한지라
8 Kanaafuu isaan, “Mee nutti himi; namni balaa nutti dhufe kana hundaaf itti gaafatamu eenyu? Hojiin kee maali? Ati eessaa dhufte? Biyyi kee eessa? Ati saba kam keessaa dhalatte?” jedhanii isa gaafatan.
무리가 그에게 이르되 `청컨대 이 재앙이 무슨 연고로 우리에게 임하였는가 고하라 네 생업이 무엇이며 어디서 왔으며 고국이 어디며 어느 민족에 속하였느냐?'
9 Innis, “Ani Ibricha Waaqayyo, Waaqa isa samii, galaanaa fi lafa uume sana waaqeffatuu dha” jedhee deebise.
그가 대답하되 `나는 히브리 사람이요 바다와 육지를 지으신 하늘의 하나님 여호와를 경외하는 자로라' 하고
10 Wanni kun isaan sodaachisnaan, “Ati maal goote?” jedhanii isa gaafatan. Isaanis sababii inni duraanuu isaanitti himeef akka inni Waaqayyo duraa miliquuf baqachuutti jiru beekan.
자기가 여호와의 낯을 피함인줄을 그들에게 고하였으므로 무리가 알고 심히 두려워하여 이르되 `네가 어찌하여 이렇게 행하였느냐?' 하니라
11 Galaanni sunis ittuma caalchisee raafamaa dhufe. Kanaafuu isaan, “Nu amma galaana kana tasgabbeessuuf maal si gochuu qabna?” jedhanii isa gaafatan.
바다가 점점 흉용한지라 무리가 그에게 이르되 `우리가 너를 어떻게 하여야 바다가 우리를 위하여 잔잔하겠느냐?'
12 Innis, “Ol na fuudhaatii galaanatti na darbadhaa; ergasii galaanichi gab jedha. Ani akka dhaʼaan galaanaa hamaan kun sababii balleessaa kootiitiif dhufe nan beeka” jedhee deebise.
그가 대답하되 `나를 들어 바다에 던지라! 그리하면 바다가 너희를 위하여 잔잔하리라 너희가 이 큰 폭풍을 만난 것이 나의 연고인 줄을 내가 아노라' 하니라
13 Namoonni sun garuu qooda kanaa doonii sana gara qarqaraatti baasuuf waan dandaʼan hunda yaalan. Isaan garuu galaanni sun ittuma caalchisee raafamaa waan dhufeef baasuu hin dandeenye.
그러나 그 사람들이 힘써 노를 저어 배를 육지에 돌리고자 하다가 바다가 그들을 향하여 점점 더 흉용하므로 능히 못한지라
14 Kana irratti isaan, “Yaa Waaqayyo, ati sababii lubbuu namicha kanaatiif jettee nu hin fixin. Yaa Waaqayyo ati waan akkuma feete hojjetteef yakka lubbuu nama balleessaa hin qabnee ajjeesuu nutti hin herregin” jedhanii gara Waaqayyootti iyyatan.
무리가 여호와께 부르짖어 가로되 `여호와여! 구하고 구하오니 이 사람의 생명 까닭에 우리를 멸망시키지 마옵소서 무죄한 피를 우리에게 돌리지 마옵소서 주 여호와께서는 주의 뜻대로 행하심이니이다' 하고
15 Akkasiin Yoonaasin fuudhanii doonii irraa gad darbatan; galaanni raafamaa ture sunis gab jedhe.
요나를 들어 바다에 던지매 바다의 뛰노는 것이 곧 그친지라
16 Kana irratti namoonni sun akka malee Waaqayyoon sodaatanii aarsaa Waaqayyoof dhiʼeessan; wareegas wareeganiif.
그 사람들이 여호와를 크게 두려워하여 여호와께 제물을 드리고 서원을 하였더라
17 Waaqayyo garuu akka inni Yoonaasin liqimsuuf qurxummii guddaa tokko qopheesse; Yoonaasis guyyaa sadii fi halkan sadii garaa qurxummii sanaa keessa ture.
여호와께서 이미 큰 물고기를 예비하사 요나를 삼키게 하셨으므로 요나가 삼일 삼야를 물고기 배에 있으니라

< Yoonaas 1 >