< Yoonaas 4 >
1 Wanni kun Yoonaasin baayʼee hin gammachiifne; inni ni aare.
Lakini hili lilimchukiza Yona naye akakasirika.
2 Akkana jedhees Waaqayyoon kadhate; “Yaa Waaqayyo wanni ani yeroo biyya koo turetti jedhe sun kanuma mitii? Wanni ani Tarshiishitti baqachuuf ariifadheefis kana. Ani akka ati Waaqa arjaa fi garaa laafessa, kan dafee hin aarree fi kan jaalalli isaa guddaa taʼe, Waaqa balaa buusuu irraa of qusatu taate nan beeka.
Basi Yona akamwomba Bwana akasema, “Ee, Bwana, hiya sio yale niliyosema wakati niliporudi katika nchi yangu? Ndiyo maana nilifanya haraka na kujaribu kukimbia Tarshishi-kwa sababu nilijua kuwa wewe ni Mungu mwenye neema, mwenye huruma, si meingi wa hasira, mwingi kwa uaminifu, na hughairi maafa.
3 Yaa Waaqayyo jiraachuu mannaa duʼuu naaf wayyaatii amma lubbuu koo fudhadhu.”
Kwa hiyo sasa, Bwana, nakuomba, uniondoe uhai wangu, kwa maana ni bora kwangu kufa kuliko kuishi.”
4 Waaqayyo garuu, “Ati aaruun kee sirriidhaa?” jedheen.
Bwana akasema, Je, ni vema kwamba umekasirika?”
5 Yoonaasis magaalattii keessaa baʼee karaa baʼa magaalattiitiin taaʼe. Innis achitti daasii tokko ijaarratee gaaddisa isaa jala taaʼee waan magaalattiin taʼuuf jirtu arguuf eege.
Kisha Yona akaondoka mjini akaketi upande wa mashariki wa jiji. Huko alifanya makao na akaketi chini yake katika kivuli ili aweze kuona mji utakuwaje.
6 Waaqayyo Waaqni biqiltuu qopheessee akka inni Yoonaasiin olitti guddatee mataa isaa irra gaaddisa buusee akka gaddi itti qabbanaaʼu godhe; Yoonaasis sababii biqiltuu sanaatiif baayʼee gammade.
Bwana Mungu aliandaa mmea na kuukuza juu ya Yona ili uwe kivuli juu ya kichwa chake ili kupunguza dhiki yake. Yona alikuwa na furaha kubwa kwa sababu ya mmea.
7 Borumtaa bariis Waaqni biqiltuun sun akka goguuf raammoo isa nyaatu itti erge.
Lakini Mungu aliandaa mdudu kulipopambazuka asubuhi iliyofuata. Alishambulia mmea na mmea ukapooza.
8 Yeroo biiftuun baatettis Waaqni bubbee baʼa biiftuu hoʼaa tokko erge; aduunis akka inni gaggabuuf mataa Yoonaasitti baate. Innis duʼuu barbaadee, “Jiraachuu mannaa duʼuu naaf wayya” jedhe.
Ikawa wakati jua lilipochomoza asubuhi, Mungu aliandaa upepo mkali wa mashariki. Pia, jua lilipiga kichwa cha Yona na akaanguka. Kisha Yona alitamani kufa. Akajiambia, “Ni bora kwangu kufa kuliko kuishi.”
9 Waaqni garuu, “Ati waaʼee biqiltuu sanaatiif aaruun kee sirriidhaa?” jedheen. Yoonaasis, “Eeyyee. Ani hamma duʼaatti utuun aare iyyuu nan barbaada” jedhe.
Kisha Mungu akamwambia Yona, “Je, ni vema wewe kuwa na hasira juu ya mmea?” Yona akasema, Ni vyema kuwa nimekasirika hata kufa.
10 Waaqayyo garuu akkana jedhe; “Ati yoo biqiltuu kana eeguu yookaan akka inni guddatu gochuu baatte illee waaʼee isaa yaaddofteerta. Biqiltuun kun halkanuma tokkoon guddatee halkanuma tokkoon duʼe.
Bwana akasema, Umeuhurumia mmea, ambao haukuufanyia kazi wala haukukua. Uliomea katika usiku na kufa usiku.
11 Nanawween garuu namoota bitaa fi mirga isaanii iyyuu gargar baasanii hin beekne kuma dhibba tokkoo fi kuma digdamaa fi loon hedduu qabdi. Ani magaalaa guddoo akkasiitiif yaaduu hin qabuu ree?”
Kwa hiyo mimi, haikunipassa kuuhurumia Ninawi, mji mkuu, ambalo kuna watu zaidi ya mia na ishirini elfu ambao hawajui tofauti kati ya mkono wao wa kulia na mkono wao wa kushoto, na pia ng'ombe wengi?