< Yoonaas 2 >

1 Yoonaas garaa qurxummii keessaa Waaqayyoon Waaqa isaa kadhate.
Then Jonah made prayer to the Lord his God from the inside of the fish, and said,
2 Innis akkana jedhe: “Ani rakkina koo keessatti Waaqayyoon waammadhe; innis deebii naaf kenne. Ani gargaarsa barbaacha garaa siiʼool keessaa nan iyye; atis iyya koo naaf dhageesse. (Sheol h7585)
In my trouble I was crying to the Lord, and he gave me an answer; out of the deepest underworld I sent up a cry, and you gave ear to my voice. (Sheol h7585)
3 Ati tuujubatti, garaa galaanaatti gad na darbatte; lolaanis na marse; dambalii fi dhaʼaan kee hundinuu narra garagalan.
For you have put me down into the deep, into the heart of the sea; and the river was round about me; all your waves and your rolling waters went over me.
4 Anis, ‘Kunoo ani fuula kee duraa balleeffameera; taʼus ani deebiʼee gara mana qulqullummaa keetii qulqulluu sanaan ilaala’ nan jedhe.
And I said, I have been sent away from before your eyes; how may I ever again see your holy Temple?
5 Bishaanonni na haguugan; tuujubni immoo na marse; aramaan galaanaas mataatti na marame.
The waters were circling round me, even to the neck; the deep was about me; the sea-grass was twisted round my head.
6 Ani gara hundee tulluuwwaniittin gad liqimfame; balballi lafa jalaas bara baraan natti cufame. Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ati garuu lubbuu koo boolla keessaa ol baafte.
I went down to the bases of the mountains; as for the earth, her walls were about me for ever: but you have taken up my life from the underworld, O Lord my God.
7 “Yaa Waaqayyo, yeroo lubbuun koo dadhabdetti ani sin yaadadhe; kadhannaan koos gara kee gara mana qulqullummaa kee qulqullichaatti ol baʼe.
When my soul in me was overcome, I kept the memory of the Lord: and my prayer came in to you, into your holy Temple.
8 “Warri waaqota tolfamoo faayidaa hin qabnetti cichan araara Waaqaa irraa garagalu.
The worshippers of false gods have given up their only hope.
9 Ani garuu faarfannaa galataatiin aarsaa siif nan dhiʼeessa. Ani wareegan wareege sanas nan baasa. Anis, ‘Fayyinni Waaqayyo biraa dhufa’” nan jedha.
But I will make an offering to you with the voice of praise; I will give effect to my oaths. Salvation is the Lord's.
10 Waaqayyos qurxummii sana ajaje; qurxummiin sunis lafa gogaa irratti Yoonaasin tufe.
And at the Lord's order, the fish sent Jonah out of its mouth on to the dry land.

< Yoonaas 2 >