< Yoonaas 1 >

1 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Yoonaas ilma Amitaayi dhufe:
Yehova anayankhula ndi Yona mwana wa Amitai kuti,
2 “Sababii hamminni ishee fuula koo dura dhufeef, gara Nanawwee magaalaa guddittii dhaqiitii isheedhaan mormuudhaan itti lallabi.”
“Nyamuka, pita ku mzinda waukulu wa Ninive ndipo ukalalikire motsutsana nawo, chifukwa zoyipa zawo zafika pamaso panga.”
3 Yoonaas garuu Waaqayyo duraa baqatee Tarshiishitti qajeele. Innis Yoopheetti gad buʼee doonii gara Tarshiish deemu tokko argate. Erga gatii geejjibaa baasee booddee Waaqayyo duraa miliquuf jedhee doonii yaabbatee Tarshiishitti imale.
Koma Yona anathawa Yehova ndi kulowera ku Tarisisi. Anapita ku Yopa, kumene anapeza sitima yapamadzi yopita ku Tarisisi. Atagula chiphaso, anakwera sitimayo kupita ku Tarisisi kuthawa Yehova.
4 Waaqayyo bubbee jabaa tokko galaanatti erge; dambaliin akka malee jabaan tokko kaanaan dooniin sun gargar caccabuu gaʼe.
Koma Yehova anatumiza chimphepo champhamvu pa nyanja, ndipo panauka namondwe wamphamvu amene anafuna kuphwanya sitimayo.
5 Warri doonii sana oofan hundinuu akka malee sodaatanii tokkoon tokkoon isaanii waaqa isaaniitti iyyatan. Isaanis baʼaa xinneessuuf jedhanii doonii irraa feʼiisa galaanatti gad dadarbatan. Yoonaas garuu garaa doonii seenee ciisee achitti hirribni guddaan isa qabe.
Onse oyendetsa sitimayo anachita mantha ndipo aliyense anayamba kupemphera kwa mulungu wake. Ndipo anaponya katundu mʼnyanja kuti sitimayo ipepuke. Koma Yona pa nthawiyi nʼkuti atatsikira mʼkatikati mwa sitimayo kumene anagona tulo tofa nato.
6 Ajajaan doonii sanaa gara isaa dhufee, “Ati akkam akkas rafuu dandeessa? Kaʼii waaqa kee waammadhu! Tarii inni nuu dhagaʼee nus duʼa oolla taʼaatii” jedheen.
Mkulu wa oyendetsa sitimayo anapita kwa iye ndipo anati, “Kodi iwe, nʼchifukwa chiyani ukugona? Dzuka pemphera kwa mulungu wako! Mwina adzatithandiza, ndipo sitidzawonongeka.”
7 Warri doonii oofanis, “Kottaa nama balaa kana nutti fide beekuuf ixaa buufannaatii” waliin jedhan. Isaan ixaa buufannaan ixaan sun Yoonaas irra buʼe.
Ndipo oyendetsa sitimayo anayamba kuwuzana kuti, “Bwerani, tichite maere kuti tipeze amene wabweretsa tsoka limeneli.” Iwo anachita maerewo ndipo anagwera Yona.
8 Kanaafuu isaan, “Mee nutti himi; namni balaa nutti dhufe kana hundaaf itti gaafatamu eenyu? Hojiin kee maali? Ati eessaa dhufte? Biyyi kee eessa? Ati saba kam keessaa dhalatte?” jedhanii isa gaafatan.
Tsono anamufunsa kuti, “Tatiwuze, tsoka limeneli latigwera chifukwa chiyani? Umagwira ntchito yanji? Ukuchokera kuti? Kwanu nʼkuti? Ndiwe mtundu wanji wa anthu?”
9 Innis, “Ani Ibricha Waaqayyo, Waaqa isa samii, galaanaa fi lafa uume sana waaqeffatuu dha” jedhee deebise.
Iye anayankha kuti, “Ndine Mhebri, ndipo ndimapembedza Yehova, Mulungu Wakumwamba, amene analenga nyanja ndi mtunda.”
10 Wanni kun isaan sodaachisnaan, “Ati maal goote?” jedhanii isa gaafatan. Isaanis sababii inni duraanuu isaanitti himeef akka inni Waaqayyo duraa miliquuf baqachuutti jiru beekan.
Izi zinawachititsa mantha kwambiri ndipo anafunsa kuti, “Kodi wachita chiyani?” (Iwo ankadziwa kuti iyeyo amathawa Yehova, chifukwa nʼkuti atawawuza kale).
11 Galaanni sunis ittuma caalchisee raafamaa dhufe. Kanaafuu isaan, “Nu amma galaana kana tasgabbeessuuf maal si gochuu qabna?” jedhanii isa gaafatan.
Namondwe ananka nakulirakulirabe pa nyanjapo. Tsono anamufunsa iye kuti, “Kodi tikuchite chiyani kuti nyanjayi ikhale bata?”
12 Innis, “Ol na fuudhaatii galaanatti na darbadhaa; ergasii galaanichi gab jedha. Ani akka dhaʼaan galaanaa hamaan kun sababii balleessaa kootiitiif dhufe nan beeka” jedhee deebise.
Iye anayankha kuti, “Nyamuleni ndi kundiponya mʼnyanjamu ndipo nyanjayi ikhala bata. Ndikudziwa kuti wolakwa ndine nʼchifukwa chake chimphepo champhamvuchi chabwera pa inu.”
13 Namoonni sun garuu qooda kanaa doonii sana gara qarqaraatti baasuuf waan dandaʼan hunda yaalan. Isaan garuu galaanni sun ittuma caalchisee raafamaa waan dhufeef baasuu hin dandeenye.
Komabe oyendetsa sitimayo anayesetsa kupalasa kwambiri kuti abwerere ku mtunda koma analephera ndithu poti nyanja inawinduka kwambiri kuposa poyamba paja
14 Kana irratti isaan, “Yaa Waaqayyo, ati sababii lubbuu namicha kanaatiif jettee nu hin fixin. Yaa Waaqayyo ati waan akkuma feete hojjetteef yakka lubbuu nama balleessaa hin qabnee ajjeesuu nutti hin herregin” jedhanii gara Waaqayyootti iyyatan.
Pamenepo iwo anafuwulira kwa Yehova nati, “Inu Yehova, musalole kuti ife tife chifukwa cha moyo wa munthu uyu. Musatizenge mlandu wa kupha munthu wosalakwa, pakuti ife tachita monga mwakufuna kwanu, Inu Yehova.”
15 Akkasiin Yoonaasin fuudhanii doonii irraa gad darbatan; galaanni raafamaa ture sunis gab jedhe.
Ndipo anatenga Yona namuponya mʼnyanja, ndipo nyanja yowindukayo inakhala bata.
16 Kana irratti namoonni sun akka malee Waaqayyoon sodaatanii aarsaa Waaqayyoof dhiʼeessan; wareegas wareeganiif.
Anthuwo ataona zimenezi anachita mantha akulu ndi Yehova, ndipo anapereka nsembe kwa Yehova nalumbira kuti adzatumikira Yehovayo.
17 Waaqayyo garuu akka inni Yoonaasin liqimsuuf qurxummii guddaa tokko qopheesse; Yoonaasis guyyaa sadii fi halkan sadii garaa qurxummii sanaa keessa ture.
Koma Yehova anatuma nsomba yayikulu kuti imeze Yona. Motero Yona anakhala mʼmimba mwa nsombayo masiku atatu, usana ndi usiku.

< Yoonaas 1 >