< Yohannis 9 >
1 Yesuus utuu darbuu namicha dhalootuma isaatii jalqabee jaamaa ture tokko arge.
Καὶ παράγων εἶδεν ἄνθρωπον τυφλὸν ἐκ γενετῆς.
2 Barattoonni isaas, “Yaa barsiisaa, akka namichi kun jaamaa taʼee dhalatuuf eenyutu cubbuu hojjete? Isuma moo abbaa fi haadha isaa ti?” jedhanii isa gaafatan.
καὶ ἠρώτησαν αὐτὸν οἱ μαθηταὶ αὐτοῦ λέγοντες, Ῥαββί, τίς ἥμαρτεν, οὗτος ἢ οἱ γονεῖς αὐτοῦ, ἵνα τυφλὸς γεννηθῇ;
3 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Akka hojiin Waaqaa isaan mulʼatuuf malee inni yookaan abbaa fi haati isaa cubbuu hojjetanii miti.
ἀπεκρίθη Ἰησοῦς, Οὔτε οὗτος ἥμαρτεν οὔτε οἱ γονεῖς αὐτοῦ, ἀλλ᾽ ἵνα φανερωθῇ τὰ ἔργα τοῦ θεοῦ ἐν αὐτῷ.
4 Utuu guyyaa taʼee jiruu hojii isa na ergee hojjechuun qabna. Halkan namni tokko iyyuu itti hojjechuu hin dandeenye ni dhufa.
ἡμᾶς δεῖ ἐργάζεσθαι τὰ ἔργα τοῦ πέμψαντός με ἕως ἡμέρα ἐστίν· ἔρχεται νύξ, ὅτε οὐδεὶς δύναται ἐργάζεσθαι.
5 Ani yommuun addunyaa irra jiru, ifa addunyaa ti.”
ὅταν ἐν τῷ κόσμῳ ὦ, φῶς εἰμι τοῦ κόσμου.
6 Innis erga waan kana dubbatee booddee lafatti tufee dhoqqee tolche; dhoqqee sanas ija namichaatti dibe.
ταῦτα εἰπὼν ἔπτυσεν χαμαί, καὶ ἐποίησεν πηλὸν ἐκ τοῦ πτύσματος, καὶ ἐπέχρισεν αὐτοῦ τὸν πηλὸν ἐπὶ τοὺς ὀφθαλμούς,
7 Innis namicha sanaan, “Dhaqiitii Haroo Saliihoomitti dhiqadhu” jedhe. Saliihoom jechuun kan ergame jechuu dha. Namichis dhaqee dhiqate; argaas deebiʼee dhufe.
καὶ εἶπεν αὐτῷ, Ὕπαγε νίψαι εἰς τὴν κολυμβήθραν τοῦ Σιλωάμ, (ὃ ἑρμηνεύεται, ἀπεσταλμένος). ἀπῆλθεν οὖν καὶ ἐνίψατο, καὶ ἦλθεν βλέπων.
8 Olloonni isaatii fi namoonni duraan utuu inni kadhatuu argan, “Namichi kun isuma taaʼee kadhachaa ture sana mitii?” jedhan.
Οἱ οὖν γείτονες καὶ οἱ θεωροῦντες αὐτὸν τὸ πρότερον ὅτι προσαίτης ἦν, ἔλεγον, Οὐχ οὗτός ἐστιν ὁ καθήμενος καὶ προσαιτῶν;
9 Namoonni tokko tokko, “Eeyyee, isa” jedhan. Kaan immoo, “Miti, isa fakkaata malee” jedhan. Inni garuu, “Namichi sun anuma” jedhe.
ἄλλοι ἔλεγον ὅτι Οὗτός ἐστιν· ἄλλοι ἔλεγον, Οὐχί, ἀλλ᾽ ὅμοιος αὐτῷ ἐστιν. ἐκεῖνος ἔλεγεν ὅτι Ἐγώ εἰμι.
10 Jarris, “Iji kee akkamitti baname ree?” jedhaniin.
ἔλεγον οὖν αὐτῷ, Πῶς ἠνεῴχθησάν σου οἱ ὀφθαλμοί;
11 Innis deebisee, “Namicha Yesuus jedhamutu dhoqqee tolchee ija koo dibee, ‘Gara Haroo Saliihoom dhaqiitii dhiqadhu’ naan jedhe; anis dhaqeen dhiqadhe; arguus nan dandaʼe.”
ἀπεκρίθη ἐκεῖνος, Ὁ ἄνθρωπος ὁ λεγόμενος Ἰησοῦς πηλὸν ἐποίησεν καὶ ἐπέχρισέν μου τοὺς ὀφθαλμούς, καὶ εἶπέν μοι ὅτι Ὕπαγε εἰς τὸν Σιλωὰμ καὶ νίψαι. ἀπελθὼν οὖν καὶ νιψάμενος, ἀνέβλεψα.
12 Isaanis, “Namichi sun eessa jira?” jedhanii isa gaafatan. Inni immoo, “Ani hin beeku” jedheen.
[καὶ] εἶπαν αὐτῷ, Ποῦ ἐστιν ἐκεῖνος; λέγει, Οὐκ οἶδα.
13 Isaanis namicha jaamaa ture sana Fariisotatti geessan.
ἄγουσιν αὐτὸν πρὸς τοὺς Φαρισαίους, τόν ποτε τυφλόν·
14 Guyyaan itti Yesuus dhoqqee tolchee ija namichaa bane Sanbata ture.
ἦν δὲ σάββατον ἐν ᾗ ἡμέρᾳ τὸν πηλὸν ἐποίησεν ὁ Ἰησοῦς καὶ ἀνέῳξεν αὐτοῦ τοὺς ὀφθαλμούς.
15 Fariisonnis namichi akkamitti akka arguu dandaʼe isa gaafatan; namichis, “Inni dhoqqee tolchee ija koo dibe; anis nan dhiqadhe; nan arges” jedheen.
πάλιν οὖν ἠρώτων αὐτὸν καὶ οἱ Φαρισαῖοι πῶς ἀνέβλεψεν. ὁ δὲ εἶπεν αὐτοῖς, Πηλὸν ἐπέθηκέν μου ἐπὶ τοὺς ὀφθαλμούς, καὶ ἐνιψάμην, καὶ βλέπω.
16 Fariisota keessaas tokko tokko, “Namichi kun waan Sanbata hin eegneef, inni Waaqa biraa hin dhufne” jedhan. Warri kaan garuu, “Cubbamaan tokko akkamitti dinqii akkanaa hojjechuu dandaʼa?” jedhan. Garaa garummaanis isaan gidduutti uumame.
ἔλεγον οὖν ἐκ τῶν Φαρισαίων τινές, Οὐκ ἔστιν οὗτος παρὰ θεοῦ ὁ ἄνθρωπος, ὅτι τὸ σάββατον οὐ τηρεῖ. Ἄλλοι ἔλεγον, Πῶς δύναται ἄνθρωπος ἁμαρτωλὸς τοιαῦτα σημεῖα ποιεῖν; καὶ σχίσμα ἦν ἐν αὐτοῖς.
17 Isaanis amma illee namicha jaamaa ture sanaan, “Waaʼee namicha ija kee siif bane sanaa maal jetta?” jedhan. Namichis deebisee, “Inni raajii dha” jedhe.
λέγουσιν οὖν τῷ τυφλῷ πάλιν, Τί σὺ λέγεις περὶ αὐτοῦ, ὅτι ἠνέωξέν σου τοὺς ὀφθαλμούς; ὁ δὲ εἶπεν ὅτι Προφήτης ἐστίν.
18 Yihuudoonnis hamma abbaa fi haadha namicha agartuu isaa argate sanaa waamanitti akka inni jaamaa turee fi akka inni agartuu isaa argate amma illee hin amanne.
Οὐκ ἐπίστευσαν οὖν οἱ Ἰουδαῖοι περὶ αὐτοῦ, ὅτι ἦν τυφλὸς καὶ ἀνέβλεψεν, ἕως ὅτου ἐφώνησαν τοὺς γονεῖς αὐτοῦ τοῦ ἀναβλέψαντος,
19 Isaanis, “Inni kun ilma keessan isuma isin jaamaa taʼee dhalate jettan sanaa? Yoos amma immoo akkamitti arguu dandaʼa ree?” jedhanii gaafatan.
καὶ ἠρώτησαν αὐτοὺς λέγοντες, Οὗτός ἐστιν ὁ υἱὸς ὑμῶν, ὃν ὑμεῖς λέγετε ὅτι τυφλὸς ἐγεννήθη; πῶς οὖν βλέπει ἄρτι;
20 Abbaa fi haati namichaas deebisanii akkana jedhan; “Akka inni ilma keenya taʼee fi akka inni jaamaa taʼee dhalate ni beekna.
ἀπεκρίθησαν οὖν οἱ γονεῖς αὐτοῦ καὶ εἶπαν, Οἴδαμεν ὅτι οὗτός ἐστιν ὁ υἱὸς ἡμῶν καὶ ὅτι τυφλὸς ἐγεννήθη·
21 Garuu amma akkamitti akka arguu dandaʼe yookaan ija isaa eenyu akka baneef nu hin beeknu. Inni nama gaʼaa dha; waaʼee mataa isaa dubbachuu ni dandaʼa; isuma gaafadhaa.”
πῶς δὲ νῦν βλέπει οὐκ οἴδαμεν, ἢ τίς ἤνοιξεν αὐτοῦ τοὺς ὀφθαλμοὺς ἡμεῖς οὐκ οἴδαμεν· αὐτὸν ἐρωτήσατε, ἡλικίαν ἔχει· αὐτὸς περὶ ἑαυτοῦ λαλήσει.
22 Abbaa fi haati isaa sababii Yihuudoota sodaataniif waan kana jedhan; namni kam iyyuu yoo Yesuus inni Kiristoos jedhee dhugaa baʼe akka mana sagadaa keessaa ariʼamu Yihuudoonni kanaan dura walii galanii murteessanii turaniitii.
ταῦτα εἶπον οἱ γονεῖς αὐτοῦ, ὅτι ἐφοβοῦντο τοὺς Ἰουδαίους· ἤδη γὰρ συνετέθειντο οἱ Ἰουδαῖοι ἵνα ἐάν τις αὐτὸν ὁμολογήσῃ χριστόν, ἀποσυνάγωγος γένηται.
23 Kanaafuu abbaa fi haati isaa, “Inni nama gaʼaa dha; isuma gaafadhaa” jedhan.
διὰ τοῦτο οἱ γονεῖς αὐτοῦ εἶπαν ὅτι Ἡλικίαν ἔχει, αὐτὸν ἐρωτήσατε.
24 Isaanis yeroo lammaffaa namicha jaamaa ture sana waamanii, “Waaqaaf ulfina kenni. Namichi kun cubbamaa taʼuu isaa nu ni beekna” jedhaniin.
Ἐφώνησαν οὖν τὸν ἄνθρωπον ἐκ δευτέρου, ὃς ἦν τυφλός, καὶ εἶπαν αὐτῷ, Δὸς δόξαν τῷ θεῷ· ἡμεῖς οἴδαμεν ὅτι ὁ ἄνθρωπος οὗτος ἁμαρτωλός ἐστιν.
25 Innis, “Cubbamaa taʼuu fi taʼuu baachuu isaa ani hin beeku. Ani waan tokkon beeka. Ani jaamaan ture; amma garuu nan arga!” jedhee deebise.
ἀπεκρίθη οὖν ἐκεῖνος, Εἰ ἁμαρτωλός ἐστιν οὐκ οἶδα· ἓν οἶδα, ὅτι τυφλὸς ὢν ἄρτι βλέπω.
26 Isaanis, “Inni maal siif godhe? Ija kees akkamitti siif bane?” jedhanii isa gaafatan.
εἶπον οὖν αὐτῷ, Τί ἐποίησέν σοι; πῶς ἤνοιξέν σου τοὺς ὀφθαλμούς;
27 Inni immoo, “Ani kanaan dura isinitti himeera; isinis hin dhageenye. Ammas maaliif dhagaʼuu barbaaddu? Isinis barattoota isaa taʼuu barbaadduu?” jedheen.
ἀπεκρίθη αὐτοῖς, Εἶπον ὑμῖν ἤδη, καὶ οὐκ ἠκούσατε· τί πάλιν θέλετε ἀκούειν; μὴ καὶ ὑμεῖς θέλετε αὐτοῦ μαθηταὶ γενέσθαι;
28 Isaanis akkana jedhanii isa arrabsan; “Barataan namicha kanaa siʼi! Nu barattoota Musee ti!
οἱ δὲ ἐλοιδόρησαν αὐτὸν καὶ εἶπον, Σὺ μαθητὴς εἶ ἐκείνου, ἡμεῖς δὲ τοῦ Μωυσέως ἐσμὲν μαθηταί.
29 Akka Waaqni Museetti dubbate nu beekna; namichi kun garuu eessaa akka dhufe iyyuu hin beeknu.”
ἡμεῖς οἴδαμεν ὅτι Μωυσεῖ λελάληκεν ὁ θεός, τοῦτον δὲ οὐκ οἴδαμεν πόθεν ἐστίν.
30 Namichis deebisee akkana jedhe; “Inni eessaa akka dhufe wallaaluun keessan waan nama dinquu dha; garuu inni ija koo naa bane.
ἀπεκρίθη ὁ ἄνθρωπος καὶ εἶπεν αὐτοῖς, Ἐν τούτῳ γὰρ τὸ θαυμαστόν ἐστιν, ὅτι ὑμεῖς οὐκ οἴδατε πόθεν ἐστίν, καὶ ἤνοιξέν μου τοὺς ὀφθαλμούς.
31 Akka Waaqni cubbamoota hin dhageenye ni beekna. Inni nama isa waaqeffatuu fi fedhii isaa guutu dhagaʼa.
οἴδαμεν ὅτι ὁ θεὸς ἁμαρτωλῶν οὐκ ἀκούει, ἀλλ᾽ ἐάν τις θεοσεβὴς ᾖ καὶ τὸ θέλημα αὐτοῦ ποιῇ, τούτου ἀκούει.
32 Eenyu iyyuu ija nama jaamaa taʼee dhalate tokkoo akka bane uumama addunyaatii jalqabee hin dhagaʼamne. (aiōn )
ἐκ τοῦ αἰῶνος οὐκ ἠκούσθη ὅτι ἠνέωξέν τις ὀφθαλμοὺς τυφλοῦ γεγεννημένου. (aiōn )
33 Namichi kun utuu Waaqa biraa taʼuu baatee silaa homaa gochuu hin dandaʼu ture.”
εἰ μὴ ἦν οὗτος παρὰ θεοῦ, οὐκ ἠδύνατο ποιεῖν οὐδέν.
34 Isaanis deebisanii, “Ati kan guutummaatti cubbuun dhalatte, situ nu barsiisaa?” jedhaniin. Alattis gad isa baasan.
ἀπεκρίθησαν καὶ εἶπαν αὐτῷ, Ἐν ἁμαρτίαις σὺ ἐγεννήθης ὅλος, καὶ σὺ διδάσκεις ἡμᾶς; καὶ ἐξέβαλον αὐτὸν ἔξω.
35 Yesuusis akka isaan gad isa baasan dhagaʼe; yommuu isa argettis, “Ati Ilma Namaatti ni amantaa?” jedheen.
ἤκουσεν [ὁ] Ἰησοῦς ὅτι ἐξέβαλον αὐτὸν ἔξω, καὶ εὑρὼν αὐτὸν εἶπεν [αὐτῷ], Σὺ πιστεύεις εἰς τὸν υἱὸν τοῦ θεοῦ;
36 Namichis, “Yaa gooftaa, akka ani isatti amanuuf inni eenyu?” jedhe.
ἀπεκρίθη ἐκεῖνος καὶ εἶπεν, Καὶ τίς ἐστιν, κύριε, ἵνα πιστεύσω εἰς αὐτόν;
37 Yesuusis, “Ati amma isa argiteerta; inni si wajjin haasaʼaa jiru isuma” jedheen.
Εἶπεν αὐτῷ ὁ Ἰησοῦς, Καὶ ἑώρακας αὐτόν, καὶ ὁ λαλῶν μετὰ σοῦ ἐκεῖνός ἐστιν.
38 Namichi sunis, “Yaa Gooftaa, ani nan amana” jedhe; ni sagadeefis.
ὁ δὲ ἔφη, Πιστεύω, κύριε, καὶ προσεκύνησεν αὐτῷ.
39 Yesuus immoo, “Warri hin argine akka arganiif, warri argan immoo akka jaamaniif ani murtiif gara addunyaa kanaa dhufeera” jedhe.
καὶ εἶπεν ὁ Ἰησοῦς, Εἰς κρίμα ἐγὼ εἰς τὸν κόσμον τοῦτον ἦλθον, ἵνα οἱ μὴ βλέποντες βλέπωσιν καὶ οἱ βλέποντες τυφλοὶ γένωνται.
40 Fariisota isa wajjin turan keessaa tokko tokko waan kana jechuu isaa dhagaʼanii, “Nus jaamota mitii ree?” jedhanii gaafatan.
ἤκουσαν ἐκ τῶν Φαρισαίων ταῦτα οἱ μετ᾽ αὐτοῦ ὄντες, καὶ εἶπον αὐτῷ, Μὴ καὶ ἡμεῖς τυφλοί ἐσμεν;
41 Yesuusis, “Utuu jaamota taatanii silaa cubbuu hin qabdan ture; isin garuu, ‘Ni argina’ jettu; cubbuun keessan ni jiraata” jedheen.
εἶπεν αὐτοῖς ὁ Ἰησοῦς, Εἰ τυφλοὶ ἦτε, οὐκ ἂν εἴχετε ἁμαρτίαν· νῦν δὲ λέγετε ὅτι Βλέπομεν· ἡ ἁμαρτία ὑμῶν μένει.