< Yohannis 8 >

1 Yesuus garuu gara Tulluu Ejersaa dhaqe.
(Zingatia: Angalia ufafanuzi wa Yohana 7: 53 - 8: 11 hapo juu). Yesu alienda mlima wa Mizeituni.
2 Ganama bariis deebiʼee mana qulqullummaa dhufe; innis namni hundumtuu isa biratti walitti qabamnaan taaʼee isaan barsiise.
Mapema asubuhi akaja tena hekaluni, na watu wote wakamwendea; akakaa na kuwafundisha.
3 Barsiistonni seeraatii fi Fariisonni dubartii ejja irratti qabamte tokko isatti fidan. Gidduu isaaniis dhaabachiisanii,
Waandishi na Mafarisayo wakamletea mwanamke aliyekamatwa katika kitendo cha kuzini. Wakamweka katikati.
4 Yesuusiin akkana jedhan; “Yaa barsiisaa, dubartiin kun utuu ejja hojjettuu qabamte.
(Zingatia: Angalia ufafanuzi wa Yohana 7: 53 - 8: 11 hapo juu). Ndipo wakamwambia Yesu, “Mwalimu, mwanamke huyu amekamatwa katika uzinzi, katika kitendo kabisa.
5 Museen Seera keessatti akka warri akkanaa dhagaadhaan tumaman nu ajajeera. Ati immoo maal jetta?”
Sasa, katika sheria, Musa ametuamuru kuwaponda mawe watu kama hawa, unasemaje juu yake?
6 Isaanis waan ittiin isa himatan argachuuf jedhanii isa qoruudhaaf waan kana gaafatan. Yesuus garuu gad jedhee quba isaatiin lafa irratti barreessuu jalqabe.
Walisema haya ili kumtega ili kwamba wapate jambo la kumshitaki, lakini Yesu akainama chini akaandika katika ardhi kwa kidole chake.
7 Isaanis ittuma fufanii isa gaafannaan ol jedhee, “Isin keessaa namni cubbuu hin qabne dursee isheetti dhagaa haa darbatu” jedheen.
(Zingatia: Angalia ufafanuzi wa Yohana 7: 53 - 8: 11 hapo juu). Walipoendelea kumwuliza, alisimama na kuwaambia, “Yeye asiyekuwa na dhambi miongoni mwenu, awe wa kwanza kumponda mawe.”
8 Ammas gad jedhee lafa irratti barreesse.
Akainama tena chini, akaandika katika ardhi kwa kidole chake.
9 Isaanis yommuu kana dhagaʼanitti maanguddootaa jalqabanii tokko tokkoon baʼanii sokkan; Yesuus immoo dubartittii achuma dhaabattee jirtu wajjin kophaa hafe.
(Zingatia: Angalia ufafanuzi wa Yohana 7: 53 - 8: 11 hapo juu). Waliposikia hayo, waliondoka mmoja baada ya mwingine, kuanzia aliye mzee. Mwishowe Yesu aliachwa peke yake, pamoja na mwanamke aliyekuwa katikati yao.
10 Yesuusis ol jedhee, “Dubartii nana, warri si himatan meerre? Namni tokko iyyuu sitti hin murree?” jedheen.
Yesu alisimama na kumwambia, “Mwanamke, waliokushitaki wako wapi? Hakuna hata mmoja aliyekuhukumu?”
11 Isheenis, “Yaa Gooftaa, namni tokko iyyuu natti hin murre” jetteen. Yesuusis, “Anis sitti hin muruu deemi; garuu siʼachi cubbuu hin hojjetin” jedheen.]
Akasema, “Hakuna hata mmoja Bwana.” Yesu akasema, “Hata mimi sikuhukumu. Nenda njia yako; kuanzia sasa na kuendelea usitende dhambi tena.”
12 Yesuus ammas, “Ani ifa addunyaa ti. Namni na duukaa buʼu kam iyyuu ifa jireenyaa qabaata malee dukkana keessa hin deddeebiʼu” jedhee isaanitti dubbate.
Tena Yesu akazungumza na watu akisema, “Mimi ni nuru ya ulimwengu; yeye anifuataye hatatembea gizani bali atakuwa na nuru ya uzima.”
13 Fariisonnis, “Ati waaʼee mataa keetii dhugaa baata; dhuga baʼumsi kee immoo dhugaa miti” jedhaniin.
Mafarisayo wakamwambia, “Unajishuhudia mwenyewe; ushuhuda wako siyo wa kweli.”
14 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ani yoon ofii kootiif dhugaa baʼe illee ani akkan eessaa dhufee fi akkan garam deemu waanan beekuuf dhuga baʼumsi koo dhugaa dha. Isin garuu akka ani eessaa dhufe yookaan akka ani garam deemu hin beektan.
Yesu alijibu akawaambia, “Hata kama nitajishuhudia mwenyewe, ushuhuda wangu ni kweli. Ninajua mahali nilikotoka na kule ninakoenda, lakini ninyi hamjui mahali ninapotoka au kule ninakoenda.
15 Isin akka yaada fooniitti murteessitu; ani nama tokkotti illee hin muru.
Nyinyi mnahukumu kimwili; mimi simhukumu yeyote.
16 Garuu ani yoon mure illee murtiin koo dhugaa dha; kan murus na qofa miti. Ani Abbaa na erge sana wajjinan jiraatii.
Mimi hata nikihukumu, hukumu yangu ni kweli kwa sababu siko peke yangu, bali niko pamoja na baba aliyenituma.
17 Dhuga baʼumsi nama lamaa akka dhugaa taʼe Seera keessan keessatti barreeffameera.
Ndiyo, na katika sheria yenu imeandikwa kwamba ushuhuda wa watu wawili ni kweli.
18 Ani ofii kootiif dhugaa nan baʼa; Abbaan na erges waaʼee koo dhugaa baʼa.”
Mimi ndiye ninayejishuhudia, na Baba aliyenituma ananishuhudia.”
19 Isaanis, “Abbaan kee eessa jira?” jedhanii isa gaafatan. Yesuus immoo deebisee, “Isin anas, Abbaa koos hin beektan; utuu na beektanii silaa Abbaa koos ni beektu turtan” jedhe.
Wakamwambia, “Baba yako yuko wapi?” Yesu akajibu, “mimi hamnijui wala Baba yangu hammjui; mngelikuwa mnanijua mimi, mngemjua na Baba yangu pia.”
20 Yesuus utuu mana qulqullummaa keessatti, kutaa buusiin itti kuufamu keessatti barsiisaa jiruu dubbii kana dubbate. Garuu waan saʼaatiin isaa hin gaʼiniif namni tokko iyyuu isa hin qabne.
Alisema maneno haya akiwa karibu na hazina alipokuwa akifundisha hekaluni, na hakuna hata mmoja aliyemkamata kwa sababu saa yake ilikuwa bado haijafika.
21 Yesuus amma illee, “Ani nan deema; isin na barbaaddu; cubbuu keessaniinis ni duutu. Isin iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan” isaaniin jedhe.
Basi akawaambia tena, “Ninaenda zangu; mtanitafuta na mtakufa katika dhambi zenu. Kule niendako, hamuwezi kuja.”
22 Yihuudoonnis, “‘Isin iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan’ jechuun isaa of ajjeesuufii laata?” jedhan.
Wayahudi wakasema, “Atajiua mwenyewe, yeye ambaye alisema, 'kule niendako hamuwezi kuja'?”
23 Innis ittuma fufee akkana jedhe; “Isin kan gadii ti; ani kan olii ti. Isin kan addunyaa kanaa ti; ani immoo kan addunyaa kanaa miti.
Yesu akawaambia, “Mnatoka chini; mimi natoka juu. Ninyi ni wa Ulimwengu huu; mimi si wa ulimwengu huu.
24 Akka isin cubbuu keessaniin duutan ani isinitti himeera; isin yoo akka ani isa taʼe amanuu baattan, cubbuu keessaniin ni duutu.”
Kwa hiyo, naliwaambieni kuwa mtakufa katika dhambi zenu. Vinginevyo muamini kuwa MIMI NDIYE, mtakufa katika dhambi zenu”.
25 Isaanis, “Ati eenyu?” jedhanii isa gaafatan. Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Ani isuma jalqabaa kaasee isinitti dubbachaa turee dha.
Kwa hiyo wakamwambia, “Wewe ni nani?” Yesu akawaambia, Yale niliyowaambia tangu mwanzo.
26 Ani waaʼee keessan waanan jedhuu fi waanan murteessu baayʼeen qaba. Garuu inni na erge dhugaa qabeessa; anis waanan isa irraa dhagaʼe addunyaatti nan hima.”
Ninayo mambo mengi ya kuzungumza na kuhukumu juu yenu. Hata hivyo, yeye aliyenituma ni wa kweli; na mambo niliyoyasikia kutoka kwake, mambo haya nayasema kwa Ulimwengu.”
27 Isaan garuu akka inni waaʼee Abbaa isaa isaanitti himaa ture hin hubanne.
Hawakumuelewa kwamba alikuwa akiongea nao kuhusu Baba.
28 Kanaafuu Yesuus akkana isaaniin jedhe; “Yommuu Ilma Namaa ol fuutanitti akka ani isa taʼe, waanuma Abbaan na barsiisen dubbadha malee akka ani ofii kootiin homaa hin hojjennees ni beektu.
Yesu akasema, “Mtakapomwinua juu Mwana wa Mtu, ndipo mtakapojua kuwa MIMI NDIYE, na kwamba sifanyi lolote kwa nafsi yangu. Kama Baba alivyonifundisha, ninazungumza mambo haya.
29 Inni na erge na wajjin jira; sababii ani yeroo hunda waan isa gammachiisu hojjedhuuf, inni kophaa koo na hin dhiifne.”
Yeye aliyenituma yuko pamoja nami, na yeye hajaniacha peke yangu, kwani kila mara nafanya yale yanayompendeza.”
30 Utuma inni dubbatuus, namoonni baayʼeen isatti amanan.
Wakati Yesu akisema mambo haya, wengi walimwamini.
31 Yesuus Yihuudoota isatti amananiin akkana jedhe; “Yoo dubbii kootti cichitanii jiraattan isin dhuguma barattoota koo ti.
Yesu akasema kwa wale Wayahudi waliomwamini, “Ikiwa mtakaa katika neno langu, ndipo mtakuwa wanafunzi wangu kweli,
32 Dhugaas ni beektu; dhugaanis bilisa isin baasa.”
nanyi mtaijua kweli, na kweli itawaweka huru.”
33 Isaanis, “Nu sanyii Abrahaam; nu eenyumaafuu takkumaa hin garboomne. Yoos ati akkamitti bilisa baatu nuun jetta ree?” jedhaniin.
Walimjibu, “Sisi ni uzao wa Ibrahimu na kamwe hatujawahi kwa chini ya utumwa wa yeyote; utasemaje, “Tutawekwa huru?”
34 Yesuusis deebisee akkana jedhe; “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni cubbuu hojjetu hundi garbicha cubbuu ti.
Yesu aliwajibu, “Amini, amini, nawaambia, kila atendaye dhambi ni mtumwa wa dhambi.
35 Garbichi bara baraan mana hin jiraatu; ilmi garuu bara baraan ni jiraata. (aiōn g165)
Mtumwa hakai nyumbani wakati wote; mwana hudumu siku zote. (aiōn g165)
36 Kanaafuu yoo Ilmi bilisa isin baase, isin dhugumaan bilisa ni baatu.
Kwa hiyo, ikiwa Mwana akiwaweka huru, mtakuwa huru kweli kabisa.”
37 Isin sanyii Abrahaam taʼuu keessan anuu beeka. Garuu sababii dubbiin koo isin keessatti iddoo hin qabneef na ajjeesuu barbaaddu.
Ninajua kwamba ninyi ni uzao wa Ibrahimu; mnatafuta kuniua kwa sababu neno langu halina nafasi ndani yenu.
38 Ani waanan Abbaa koo biratti argen dubbadha; isinis waanuma abbaa keessan irraa dhageessan hojjettu.”
Ninasema mambo ambayo nimeyaona pamoja na Baba yangu, na ninyi vile vile mnafanya mambo ambayo mliyasikia kutoka kwa baba yenu.”
39 Isaanis, “Abbaan keenya Abrahaam” jedhan. Yesuus immoo akkana jedhe; “Isin utuu ijoollee Abrahaam taatanii silaa hojii Abrahaam hojjete ni hojjettu turtan.
Walijibu na kumwambia, “Baba yetu ni Abrahamu.” Yesu akawaambia, Kama mngelikuwa watoto wa Ibrahimu, mngefanya kazi za Ibrahimu.
40 Isin garuu ana nama dhugaa Waaqa irraa dhagaʼe isinitti hime ajjeesuu barbaaddu. Abrahaam waan akkasii hin hojjenne.
Hata sasa mnatafuta kuniua, mtu aliyewaambia ukweli kwamba nilisikia kutoka kwa Mungu. Abrahamu hakufanya hivi.
41 Isin waan abbaan keessan hojjete hojjettu.” Isaanis, “Nu ejjaan hin dhalanne. Abbaa tokkicha qabna; innis Waaqa” jedhaniin.
Mnafanya kazi za baba yenu.” Wakamwambia, “Hatukuzaliwa katika uzinzi, tunaye Baba mmoja, Mungu.”
42 Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Isin utuu Waaqni abbaa keessan taʼee silaa na jaallattu turtan; ani Waaqa biraa baʼeen dhufeetii. Isatu na erge malee ani ofii kootiin hin dhufne.
Yesu akawaambia, “Ikiwa Mungu ni Baba yenu, mngenipenda mimi, kwa maana nimetoka kwa Mungu; wala sikuja kwa nafsi yangu, bali yeye alinituma.
43 Wanni ani dubbadhu maaliif isinii hin galu? Sababiin isaas waan isin waan ani jedhu fudhachuu hin feeneef.
Kwa nini hamyaelewi maneno yangu? Kwa sababu hamuwezi kuvumilia kuyasikia maneno yangu.
44 Isin ijoollee abbaa keessanii ijoollee diiyaabiloos; fedhiin keessanis hawwii abbaa keessanii raawwachuu dha. Inni jalqabumaa kaasee nama ajjeesaa ture; waan dhugaan isa keessa hin jirreef inni dhugaadhaan hin jiraatu. Inni sobduu fi abbaa sobaa waan taʼeef yommuu soba dubbatutti ofuma keessaa fuudhee dubbata.
Ninyi ni wa baba yenu, shetani, na mnataka kuzitenda tamaa za baba yenu. Alikuwa mwuaji tangu mwanzo na hawezi kusimama katika kweli kwa sababu kweli haimo ndani yake. Anapoongea uongo, anaongea kutoka kwenye asili yake kwa sababu ni mwongo na baba wa uongo.
45 Isin garuu waan ani dhugaa dubbadhuuf na hin amantan!
Hata sasa, kwa sababu ninasema iliyo kweli, hamniamini.
46 Isin keessaa namni cubbuudhaan na himatu eenyu? Erga ani dhugaa dubbadhee, isin maaliif na hin amanne?
Ni nani kati yenu anayenishuhudia kuwa nina dhambi? ikiwa ninasema iliyo kweli, kwa nini hamniamini?
47 Namni kan Waaqaa taʼe kam iyyuu dubbii Waaqaa ni dhagaʼa. Isin waan kan Waaqaa hin taʼiniif hin dhageessan.”
Yeye aliye wa Mungu huyasikia maneno ya Mungu; ninyi hamyasikii kwa sababu ninyi si wa Mungu.”
48 Yihuudoonnis deebisanii, “Ati nama Samaariyaa ti; hafuura hamaatu si keessa jira jechuun keenya dhugaa mitii?” jedhaniin.
Wayahudi wakamjibu na kumwambia, hatujasema kweli kuwa wewe ni Msamaria na una pepo?”
49 Yesuus immoo akkana jedhe; “Hafuurri hamaan na keessa hin jiru; ani Abbaa koo nan kabaja; isin garuu na hin kabajjan.
Yesu akajibu, sina pepo; lakini namheshimu Baba yangu, nanyi hamniheshimu.
50 Ani ulfina mataa koo hin barbaadu; garuu kan isa barbaadu tokkotu jira; innis Abbaa murtii ti.
Sitafuti utukufu wangu; kuna mmoja atafutaye na kuhukumu.
51 Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; eenyu iyyuu yoo dubbii koo eege bara baraan duʼa hin argu.” (aiōn g165)
Amini, amini, nawaambia, iwapo yeyote atalishika neno langu, hataona mauti kamwe.” (aiōn g165)
52 Yihuudoonnis akkana jedhaniin; “Akka hafuurri hamaan si keessa jiru nu amma barreerra. Abrahaam duʼeera; raajonnis duʼaniiru; ati garuu, ‘Eenyu iyyuu yoo dubbii koo eege bara baraan duʼa hin dhandhamu’ jetta. (aiōn g165)
Wayahudi wakamwambia, “Sasa tumejua kuwa una pepo. Abrahamu na mabii walikufa; lakini unasema, 'Ikiwa mtu atalishika neno langu, hataonja mauti'. (aiōn g165)
53 Ati abbaa keenya Abrahaam caaltaa? Inni duʼeera; raajonnis duʼaniiru. Egaa ati eenyu ofiin jetta ree?”
Wewe si mkuu kuliko baba yetu Abrahamu aliyekufa, sivyo? Manabii pia walikufa. Wewe wajifanya kuwa nani?”
54 Yesuus akkana jedhee deebise; “Ani yoon ofii kootiif ulfina kenne, ulfinni koo gatii hin qabu. Kan ulfina naa kennu Abbaa koo isuma isin Waaqa keenya jettaniin sanaa dha.
Yesu akajibu, “Ikiwa nitajitukuza mwenyewe, utukufu wangu ni bure; ni Baba yangu anayenitukuza - yule mnayemsema kuwa ni Mungu wenu.
55 Yoo isin isa beekuu baattan illee ani isa beeka. Ani utuu isa hin beeku jedhee silaa akkuma keessan sobduu nan taʼa ture. Ani garuu isa beeka; dubbii isaa illee nan eega.
Ninyi hamjamjua yeye, lakini mimi namjua yeye. Ikiwa nitasema, 'simjui,' nitakuwa kama nyinyi, muongo. Hata hivyo, ninamjua na maneno yake nimeyashika.
56 Abbaan keessan Abrahaam guyyaa koo arguuf gammadee ture; innis ni arge; ni gammades.”
Baba yenu Abrahamu alishangilia atakavyoiona siku yangu; aliiona na alifurahi.”
57 Yihuudoonnis, “Umuriin kee waggaa shantama iyyuu hin guunne; yoos Abrahaamin argiteertaa?” jedhaniin.
Wayahudi wakamwambia,”Haujafikisha umri wa miaka hamsini bado, nawe umemuona Ibrahimu?”
58 Yesuusis, “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; utuu Abrahaam hin dhalatin iyyuu ani anuma” isaaniin jedhe.
Yesu akawaambia, “Amini, amini, nawaambia, kabla Abrahamu hajazaliwa, MIMI NIKO.”
59 Kana irratti isaan isa dhaʼuuf jedhanii dhagaa guurratan; Yesuus garuu dhokatee mana qulqullummaatii baʼee deeme.
Ndipo waliokota mawe wapate kumpiga, lakini Yesu alijificha na akatoka nje ya hekalu.

< Yohannis 8 >