< Yohannis 8 >

1 Yesuus garuu gara Tulluu Ejersaa dhaqe.
但耶稣开始去往橄榄山。
2 Ganama bariis deebiʼee mana qulqullummaa dhufe; innis namni hundumtuu isa biratti walitti qabamnaan taaʼee isaan barsiise.
黎明时分,他返回圣殿,坐下来教导身边围坐的众人。
3 Barsiistonni seeraatii fi Fariisonni dubartii ejja irratti qabamte tokko isatti fidan. Gidduu isaaniis dhaabachiisanii,
宗教老师和法利赛人带来一个妇人,她在通奸之时被抓住,叫她站在众人面前。
4 Yesuusiin akkana jedhan; “Yaa barsiisaa, dubartiin kun utuu ejja hojjettuu qabamte.
他们就对耶稣说:“老师,这妇人在通奸的时候被抓住。
5 Museen Seera keessatti akka warri akkanaa dhagaadhaan tumaman nu ajajeera. Ati immoo maal jetta?”
摩西在律法上的裁决是:我们应该用石头将这样的妇人打死,你觉得呢?”
6 Isaanis waan ittiin isa himatan argachuuf jedhanii isa qoruudhaaf waan kana gaafatan. Yesuus garuu gad jedhee quba isaatiin lafa irratti barreessuu jalqabe.
他们这样说,其实是想找到耶稣言语中的把柄来控告他。但耶稣却弯下身,用手指在地上写字。
7 Isaanis ittuma fufanii isa gaafannaan ol jedhee, “Isin keessaa namni cubbuu hin qabne dursee isheetti dhagaa haa darbatu” jedheen.
他们不停地要求耶稣给出回答。耶稣直起身对他们说:“你们中谁没有罪,谁就可以先拿起石头打她。”
8 Ammas gad jedhee lafa irratti barreesse.
然后他又弯下身在地上写字。
9 Isaanis yommuu kana dhagaʼanitti maanguddootaa jalqabanii tokko tokkoon baʼanii sokkan; Yesuus immoo dubartittii achuma dhaabattee jirtu wajjin kophaa hafe.
听到这番话,控诉者中从最年长的那个人开始一个接一个地离开了,,最后人群中只留下耶稣和站在原地的那位妇人。
10 Yesuusis ol jedhee, “Dubartii nana, warri si himatan meerre? Namni tokko iyyuu sitti hin murree?” jedheen.
耶稣站直身问她:“他们哪儿去了?没有人留下来定你的罪吗?”
11 Isheenis, “Yaa Gooftaa, namni tokko iyyuu natti hin murre” jetteen. Yesuusis, “Anis sitti hin muruu deemi; garuu siʼachi cubbuu hin hojjetin” jedheen.]
她说:“先生,没有人。” 耶稣说:“我也不会定你的罪。走吧,不要再犯罪了。”
12 Yesuus ammas, “Ani ifa addunyaa ti. Namni na duukaa buʼu kam iyyuu ifa jireenyaa qabaata malee dukkana keessa hin deddeebiʼu” jedhee isaanitti dubbate.
耶稣又对众人说:“我就是这世界的光,如果你跟随我,就不会走进黑暗,因为你将拥有赐予你生命的光。”
13 Fariisonnis, “Ati waaʼee mataa keetii dhugaa baata; dhuga baʼumsi kee immoo dhugaa miti” jedhaniin.
法利赛人反驳:“你不能为自己作证!你所说的无法证明任何事!”
14 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ani yoon ofii kootiif dhugaa baʼe illee ani akkan eessaa dhufee fi akkan garam deemu waanan beekuuf dhuga baʼumsi koo dhugaa dha. Isin garuu akka ani eessaa dhufe yookaan akka ani garam deemu hin beektan.
耶稣告诉他们:“即使我为自己作证,我的证言仍是真实。因为我知道我从哪里来,要到哪里去,但你们却不知道我从哪里来,要到哪里去。
15 Isin akka yaada fooniitti murteessitu; ani nama tokkotti illee hin muru.
你们以人类最常见的方式做出判断,但我不会做出评判。
16 Garuu ani yoon mure illee murtiin koo dhugaa dha; kan murus na qofa miti. Ani Abbaa na erge sana wajjinan jiraatii.
即使我要做出评判,我的判断也是正确的,因为并非一个人在做这件事情,派我前来的天父与我同在。
17 Dhuga baʼumsi nama lamaa akka dhugaa taʼe Seera keessan keessatti barreeffameera.
你们的律法上也写着:‘两个人的见证才有效。’
18 Ani ofii kootiif dhugaa nan baʼa; Abbaan na erges waaʼee koo dhugaa baʼa.”
我为自己作证,派我前来的天父也为我作证。”
19 Isaanis, “Abbaan kee eessa jira?” jedhanii isa gaafatan. Yesuus immoo deebisee, “Isin anas, Abbaa koos hin beektan; utuu na beektanii silaa Abbaa koos ni beektu turtan” jedhe.
他们问耶稣:“你的父在哪里?”耶稣回答:“你们不认识我或我的天父,如果你们认识我,就会认识我父。”
20 Yesuus utuu mana qulqullummaa keessatti, kutaa buusiin itti kuufamu keessatti barsiisaa jiruu dubbii kana dubbate. Garuu waan saʼaatiin isaa hin gaʼiniif namni tokko iyyuu isa hin qabne.
耶稣是在圣殿银库附近教导众人时,做出了这番解释。但没有人逮捕他,因为他的时候尚未到来。
21 Yesuus amma illee, “Ani nan deema; isin na barbaaddu; cubbuu keessaniinis ni duutu. Isin iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan” isaaniin jedhe.
耶稣又对他们说:“我要走了,你们将会寻找我,但你们会因自己的罪而死去,我要去的地方,你们无法抵达。”
22 Yihuudoonnis, “‘Isin iddoo ani dhaqu dhufuu hin dandeessan’ jechuun isaa of ajjeesuufii laata?” jedhan.
犹太人思索着,然后大声说:“他要自杀吗?他说‘我要去的地方,你们无法抵达。’是这个意思吗?”
23 Innis ittuma fufee akkana jedhe; “Isin kan gadii ti; ani kan olii ti. Isin kan addunyaa kanaa ti; ani immoo kan addunyaa kanaa miti.
耶稣告诉他们:“你们来自人间,我来自天上。你们属于这个世界,我却不属于这世界。
24 Akka isin cubbuu keessaniin duutan ani isinitti himeera; isin yoo akka ani isa taʼe amanuu baattan, cubbuu keessaniin ni duutu.”
所以我对你们说,你们会因自己的罪而死去。因为如果你们不相信我即‘我是’,你们就会因自己的罪而死去。”
25 Isaanis, “Ati eenyu?” jedhanii isa gaafatan. Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Ani isuma jalqabaa kaasee isinitti dubbachaa turee dha.
他们又问:“那你到底是谁?” 耶稣回答:“我从一开始就告诉你们的了。
26 Ani waaʼee keessan waanan jedhuu fi waanan murteessu baayʼeen qaba. Garuu inni na erge dhugaa qabeessa; anis waanan isa irraa dhagaʼe addunyaatti nan hima.”
关于你们,我有很多可以说的,我可以对你们大加谴责,但派我来此的天父讲述的却是真相,我在这个世界对你们所说的,就是从他那里听来的。”
27 Isaan garuu akka inni waaʼee Abbaa isaa isaanitti himaa ture hin hubanne.
他们不明白耶稣所说的就是天父。于是耶稣解释说:
28 Kanaafuu Yesuus akkana isaaniin jedhe; “Yommuu Ilma Namaa ol fuutanitti akka ani isa taʼe, waanuma Abbaan na barsiisen dubbadha malee akka ani ofii kootiin homaa hin hojjennees ni beektu.
“如果你们看到人子被高举,必定知道我即‘我是’,知道我的所作所为并非源于自己,我的言语都是遵循天父的教导。
29 Inni na erge na wajjin jira; sababii ani yeroo hunda waan isa gammachiisu hojjedhuuf, inni kophaa koo na hin dhiifne.”
那派我来此之人与我同在,他未弃我,因为我的所行皆令其喜悦。”
30 Utuma inni dubbatuus, namoonni baayʼeen isatti amanan.
很多人在听到耶稣的这番话后,便相信了他。
31 Yesuus Yihuudoota isatti amananiin akkana jedhe; “Yoo dubbii kootti cichitanii jiraattan isin dhuguma barattoota koo ti.
于是耶稣对信他的犹太人说:“你们若遵循我的道,就真正是我的门徒。
32 Dhugaas ni beektu; dhugaanis bilisa isin baasa.”
你们将知晓真理,真理会让你们自由。”
33 Isaanis, “Nu sanyii Abrahaam; nu eenyumaafuu takkumaa hin garboomne. Yoos ati akkamitti bilisa baatu nuun jetta ree?” jedhaniin.
众人问到:“我们是亚伯拉罕的后裔,从未被奴役过,你说我们会自由,又是何意呢?”
34 Yesuusis deebisee akkana jedhe; “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni cubbuu hojjetu hundi garbicha cubbuu ti.
耶稣答道:“说实话,每个罪人都是罪的奴隶。
35 Garbichi bara baraan mana hin jiraatu; ilmi garuu bara baraan ni jiraata. (aiōn g165)
奴隶在家庭中无法拥有永远的地位,只有儿子才是家庭中永远的成员。 (aiōn g165)
36 Kanaafuu yoo Ilmi bilisa isin baase, isin dhugumaan bilisa ni baatu.
当上帝之子让你自由,你就真正获得自由。
37 Isin sanyii Abrahaam taʼuu keessan anuu beeka. Garuu sababii dubbiin koo isin keessatti iddoo hin qabneef na ajjeesuu barbaaddu.
我知道你们是亚伯拉罕的后裔,但你们不愿接收我的道,所以想杀我。
38 Ani waanan Abbaa koo biratti argen dubbadha; isinis waanuma abbaa keessan irraa dhageessan hojjettu.”
我所说的一切皆为我父显示给我的,但你们只是遵循你们的父亲行事。”
39 Isaanis, “Abbaan keenya Abrahaam” jedhan. Yesuus immoo akkana jedhe; “Isin utuu ijoollee Abrahaam taatanii silaa hojii Abrahaam hojjete ni hojjettu turtan.
他们说:“亚伯拉罕就是我们的父亲。” 耶稣说:“你们若真是亚伯拉罕的子孙,就必做亚伯拉罕所行之事。
40 Isin garuu ana nama dhugaa Waaqa irraa dhagaʼe isinitti hime ajjeesuu barbaaddu. Abrahaam waan akkasii hin hojjenne.
但现在,只因我讲述了从上帝那里听见的真理,你们便想杀我,亚伯拉罕绝不会这么做。
41 Isin waan abbaan keessan hojjete hojjettu.” Isaanis, “Nu ejjaan hin dhalanne. Abbaa tokkicha qabna; innis Waaqa” jedhaniin.
你们只是遵循你们的父亲。” 他们回答:“我们不是非法子孙,上帝是我们唯一的父亲。”
42 Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Isin utuu Waaqni abbaa keessan taʼee silaa na jaallattu turtan; ani Waaqa biraa baʼeen dhufeetii. Isatu na erge malee ani ofii kootiin hin dhufne.
耶稣说:“如果上帝真是你们的父亲,你们就该爱我,因我来自上帝,现在我就在这里。这不是我的决定,而是派我前来之人的决定。
43 Wanni ani dubbadhu maaliif isinii hin galu? Sababiin isaas waan isin waan ani jedhu fudhachuu hin feeneef.
为什么你们无法理解我的话?因为你们不肯听我所传递的讯息!
44 Isin ijoollee abbaa keessanii ijoollee diiyaabiloos; fedhiin keessanis hawwii abbaa keessanii raawwachuu dha. Inni jalqabumaa kaasee nama ajjeesaa ture; waan dhugaan isa keessa hin jirreef inni dhugaadhaan hin jiraatu. Inni sobduu fi abbaa sobaa waan taʼeef yommuu soba dubbatutti ofuma keessaa fuudhee dubbata.
你们的父是魔鬼,你们也喜欢遵循其魔鬼的欲望行事。他从一开始就是杀人犯,不讲真理,因他心里没有真理。当他说谎时便显露了他的本性,因为他就是一个说谎者,是谎言之父。
45 Isin garuu waan ani dhugaa dubbadhuuf na hin amantan!
我说的都是真理,你们却因此而不相信我!
46 Isin keessaa namni cubbuudhaan na himatu eenyu? Erga ani dhugaa dubbadhee, isin maaliif na hin amanne?
你们中有谁能指证我有罪?我既然讲真理,你们为什么不信我?
47 Namni kan Waaqaa taʼe kam iyyuu dubbii Waaqaa ni dhagaʼa. Isin waan kan Waaqaa hin taʼiniif hin dhageessan.”
归属于上帝之人就会聆听上帝之语。你们不听,因为你们并不归属于上帝。”
48 Yihuudoonnis deebisanii, “Ati nama Samaariyaa ti; hafuura hamaatu si keessa jira jechuun keenya dhugaa mitii?” jedhaniin.
犹太人对耶稣说:“我们说你是魔鬼附体的撒玛利亚人,难道不对吗?”
49 Yesuus immoo akkana jedhe; “Hafuurri hamaan na keessa hin jiru; ani Abbaa koo nan kabaja; isin garuu na hin kabajjan.
耶稣回答:“我不是魔鬼附体。我尊敬我父,你们却侮辱我。
50 Ani ulfina mataa koo hin barbaadu; garuu kan isa barbaadu tokkotu jira; innis Abbaa murtii ti.
我来此并非追求自己的荣耀,但确有一人为我寻求荣耀,来此对人做出审判。
51 Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; eenyu iyyuu yoo dubbii koo eege bara baraan duʼa hin argu.” (aiōn g165)
告诉你们实话,遵守我的教导将永远不会死去。” (aiōn g165)
52 Yihuudoonnis akkana jedhaniin; “Akka hafuurri hamaan si keessa jiru nu amma barreerra. Abrahaam duʼeera; raajonnis duʼaniiru; ati garuu, ‘Eenyu iyyuu yoo dubbii koo eege bara baraan duʼa hin dhandhamu’ jetta. (aiōn g165)
犹太人对他说:“现在我们知道你的确是魔鬼附身。亚伯拉罕死了,先知们也死了,你居然还说‘遵守我的教导将永远不会死去’, (aiōn g165)
53 Ati abbaa keenya Abrahaam caaltaa? Inni duʼeera; raajonnis duʼaniiru. Egaa ati eenyu ofiin jetta ree?”
难道你比我们的祖先亚伯拉罕还伟大吗?他死了,先知们也死了,你把自己当做什么人呢?”
54 Yesuus akkana jedhee deebise; “Ani yoon ofii kootiif ulfina kenne, ulfinni koo gatii hin qabu. Kan ulfina naa kennu Abbaa koo isuma isin Waaqa keenya jettaniin sanaa dha.
耶稣回答:“如果我只获得自己的荣耀,那荣耀就不值一提;让我荣耀之人是上帝,正如你们所说的‘他就是上帝’。
55 Yoo isin isa beekuu baattan illee ani isa beeka. Ani utuu isa hin beeku jedhee silaa akkuma keessan sobduu nan taʼa ture. Ani garuu isa beeka; dubbii isaa illee nan eega.
你们不认识他,我却认识。如果我说不认识他,就会像你们一样说谎。但我的确认识他,也遵守他的道。
56 Abbaan keessan Abrahaam guyyaa koo arguuf gammadee ture; innis ni arge; ni gammades.”
你们的祖先亚伯拉罕,因为期待我降临的日子而充满喜悦。当看到指示便感到如此幸福。”
57 Yihuudoonnis, “Umuriin kee waggaa shantama iyyuu hin guunne; yoos Abrahaamin argiteertaa?” jedhaniin.
犹太人回答:“你还不到五十岁,怎会见过亚伯拉罕呢?”
58 Yesuusis, “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; utuu Abrahaam hin dhalatin iyyuu ani anuma” isaaniin jedhe.
耶稣说:“告诉你们实话,亚伯拉罕出生以前,我就已存在。”
59 Kana irratti isaan isa dhaʼuuf jedhanii dhagaa guurratan; Yesuus garuu dhokatee mana qulqullummaatii baʼee deeme.
于是他们捡起石头要去砸他。耶稣躲开他们,离开了圣殿。

< Yohannis 8 >