< Yohannis 7 >
1 Kana booddee Yesuus Galiilaa keessa deddeebiʼaa ture; sababii Yihuudoonni isa ajjeesuu barbaadaniif inni Yihuudaa keessa hin deddeebine.
Post hæc autem ambulabat Iesus in Galilæam, non enim volebat in Iudæam ambulare: quia quærebant eum Iudæi interficere.
2 Ayyaanni Daasii Yihuudootaa dhiʼaatee ture.
Erat autem in proximo dies festus Iudæorum, Scenopegia.
3 Obboloonni isaas akkana jedhaniin; “Akka barattoonni kee warri achii waan ati hojjettu arganiif kaʼiitii Yihuudaa dhaqi.
Dixerunt autem ad eum fratres eius: Transi hinc, et vade in Iudæam, ut et discipuli tui videant opera tua, quæ facis.
4 Namni utuu ifaan ifatti beekamuu barbaaduu dhoksaatti waa hojjetu hin jiruutii. Atis sababii waan kana hojjettuuf addunyaatti of mulʼisi.”
Nemo quippe in occulto quid facit, et quærit ipse in palam esse: si hæc facis, manifesta teipsum mundo.
5 Obboloonni isaa iyyuu isatti hin amanne tureetii.
Neque enim fratres eius credebant in eum.
6 Yesuusis akkana jedheen; “Yeroon koo amma illee hin geenye; isiniif garuu yeroon hundi mijaaʼaa dha.
Dicit ergo eis Iesus: Tempus meum nondum advenit: tempus autem vestrum semper est paratum.
7 Addunyaan isin jibbuu hin dandaʼu; ana garuu akka hojiin isaa hamaa taʼe waanan itti dhugaa baʼuuf na jibba.
Non potest mundus odisse vos: me autem odit: quia ego testimonium perhibeo de illo quod opera eius mala sunt.
8 Isin gara Ayyaana sanaa dhaqaa. Ani garuu waan yeroon koo amma illee hin gaʼiniif gara Ayyaanichaatti ol hin baʼu.”
Vos ascendite ad diem festum hunc, ego autem non ascendo ad diem festum istum: quia meum tempus nondum impletum est.
9 Inni waan kana isaanitti dubbatee Galiilaatti hafe.
Hæc cum dixisset, ipse mansit in Galilæa.
10 Garuu erga obboloonni isaa gara Ayyaanichaatti ol baʼanii booddee innis utuu ifaan ifatti hin taʼin dhoksaadhaan ol baʼe.
Ut autem ascenderunt fratres eius, tunc et ipse ascendit ad diem festum non manifeste, sed quasi in occulto.
11 Yihuudoonnis Ayyaanicha irratti, “Namichi sun eessa jira?” jedhanii gaafachaa isa barbaadaa turan.
Iudæi ergo quærebant eum in die festo, et dicebant: Ubi est ille?
12 Namoota gidduuttis waaʼee isaa guungummii guddaatu ture. Namoonni tokko tokko, “Inni nama gaarii dha” jedhan. Warri kaan immoo, “Akkas miti; inni nama dogoggorsa” jedhan.
Et murmur multum erat in turba de eo. Quidam enim dicebant: Quia bonus est. Alii autem dicebant: Non, sed seducit turbas.
13 Garuu waan Yihuudoota sodaataniif namni tokko iyyuu ifaan ifatti waaʼee isaa hin dubbanne.
Nemo tamen palam loquebatur de illo propter metum Iudæorum.
14 Gara walakkaa Ayyaanichaattis Yesuus mana qulqullummaa seenee barsiisuu jalqabe.
Iam autem die festo mediante, ascendit Iesus in templum, et docebat.
15 Yihuudoonnis dinqifatanii, “Namichi kun akkamitti utuu hin baratin beekumsa akkanaa qabaate?” jedhan.
Et mirabantur Iudæi, dicentes: Quomodo hic litteras scit, cum non didicerit?
16 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Barsiisni koo kan isa na ergeeti malee kan koo miti.
Respondit eis Iesus, et dixit: Mea doctrina non est mea, sed eius, qui misit me.
17 Namni fedhii Waaqaa gochuu barbaadu kam iyyuu barsiisni koo Waaqa biraa dhufuu fi dhufuu baachuu isaa yookaan ani ofuma kootiin dubbachuu fi dubbachuu baachuu koo ni beeka.
Si quis voluerit voluntatem eius facere: cognoscet de doctrina, utrum ex Deo sit, an ego a me ipso loquar.
18 Namni ofuma isaatiin dubbatu inni ofuma isaatii ulfina argachuu barbaada; namni ulfina kan isa erge sanaa barbaadu garuu inni nama dhugaa ti; jalʼinnis isa keessa hin jiru.
Qui a semetipso loquitur, gloriam propriam quærit. Qui autem quærit gloriam eius, qui misit eum, hic verax est, et iniustitia in illo non est.
19 Museen seera isinii kenneera mitii? Isin keessaa garuu namni tokko iyyuu seera sana hin eegu. Isin maaliif na ajjeesuu barbaaddu?”
Nonne Moyses dedit vobis legem: et nemo ex vobis facit legem?
20 Jarris deebisanii, “Hafuura hamaatu si keessa jira; eenyutu si ajjeesuu barbaada?” jedhaniin.
Quid me quæritis interficere? Respondit turba, et dixit: Dæmonium habes: quis te quæret interficere?
21 Yesuusis deebisee akkana jedheen; “Ani hojii tokko hojjennaan hundi keessan dinqifattan.
Respondit Iesus, et dixit eis: Unum opus feci, et omnes miramini:
22 Museen seera dhagna qabaa isinii kenne; dhagna qabaa garuu abbootiitu jalqabe malee Musee miti; isinis Sanbataan nama dhagna qabdu.
Propterea Moyses dedit vobis circumcisionem: (non quia ex Moyse est, sed ex patribus) et in Sabbato circumciditis hominem.
23 Akka seerri Musee hin cabneef erga namni tokko Sanbataan dhagna qabachuu dandaʼee, isin maaliif sababii ani Sanbataan dhagna namaa guutuu fayyiseef natti aartu?
Si circumcisionem accipit homo in Sabbato, ut non solvatur lex Moysi: mihi indignamini quia totum hominem sanum feci in Sabbato?
24 Murtii qajeelaa kennaa malee, bifa qofa ilaaltanii hin murteessinaa.”
Nolite iudicare secundum faciem, sed iustum iudicium iudicate.
25 Kana irratti namoota Yerusaalem keessaa tokko tokko akkana jedhan; “Inni kun namicha isaan ajjeesuuf barbaadan sana mitii?
Dicebant ergo quidam ex Ierosolymis: Nonne hic est, quem quærunt interficere?
26 Kunoo inni ifatti baʼee dubbata; isaanis homaa isaan hin jenne. Abbootiin taayitaa akka inni Kiristoos taʼe sirriitti beekaniiruu laata?
Et ecce palam loquitur, et nihil ei dicunt. Numquid vere cognoverunt principes quia hic est Christus?
27 Taʼus namichi kun nama eessaa akka taʼe nu beekna. Kiristoos yommuu dhufutti garuu inni eessaa akka dhufu namni tokko iyyuu hin beeku.”
Sed hunc scimus unde sit: Christus autem cum venerit, nemo scit unde sit.
28 Yesuus utuu mana qulqullummaa keessatti barsiisuu sagalee isaa ol fudhatee akkana jedhe; “Isin na beektu; akka ani eessaa dhufe illee beektu. Ani ofii kootiin hin dhufne; inni na erge sun dhuga qabeessa. Isin garuu isa hin beektan;
Clamabat ergo Iesus in templo docens, et dicens: Et me scitis, et unde sim scitis: et a me ipso non veni, sed est verus, qui misit me, quem vos nescitis.
29 ani garuu sababiin isa biraa dhufee fi sababii inni na ergeef isa nan beeka.”
Ego scio eum: quia ab ipso sum, et ipse me misit.
30 Kana irratti isaan isa qabuu yaalan; garuu waan saʼaatiin isaa hin gaʼiniif namni tokko iyyuu harkaan isa hin tuqne.
Quærebant ergo eum apprehendere: et nemo misit in illum manus, quia nondum venerat hora eius.
31 Taʼus namoonni baayʼeen isatti amanan. Isaanis, “Kiristoos yommuu dhufutti namicha kana caalaa mallattoo hojjetaa?” jedhan.
De turba autem multi crediderunt in eum, et dicebant: Christus cum venerit, numquid plura signa faciet quam quæ hic facit?
32 Fariisonnis utuu namoonni waaʼee isaa waan akkanaa guungumanuu dhagaʼan. Luboonni hangafoonnii fi Fariisonni Yesuusin qabsiisuudhaaf eegdota mana qulqullummaa ergan.
Audierunt Pharisæi turbam murmurantem de illo hæc: et miserunt principes, et Pharisæi ministros ut apprehenderent eum.
33 Yesuusis akkana jedheen; “Ani yeroo gabaabaa isin wajjin jira; ergasii gara isa na erge sanaa nan dhaqa.
Dixit ergo eis Iesus: Adhuc modicum tempus vobiscum sum: et vado ad eum, qui me misit.
34 Isin na barbaaddu; garuu na hin argattan; iddoo ani jirus dhufuu hin dandeessan.”
Quæretis me, et non invenietis: et ubi ego sum, vos non potestis venire.
35 Yihuudoonnis akkana waliin jedhan; “Namichi kun akka nu isa hin argineef eessa dhaquu yaade laata? Gara saba keenya warra Giriikota keessa faffacaʼanii dhaqee Giriikota barsiisaa?
Dixerunt ergo Iudæi ad semetipsos: Quo hic iturus est, quia non inveniemus eum? Numquid in dispersionem Gentium iturus est, et docturus Gentes?
36 ‘Isin na barbaaddu; garuu na hin argattan; iddoo ani jirus dhufuu hin dandeessan’ jechuun isaas maal jechuu isaatii?”
Quis est hic sermo, quem dixit: Quæretis me, et non invenietis: et ubi sum ego, vos non potestis venire?
37 Guyyaa Ayyaanichi itti hobbaʼu, guyyaa guddaa sana, Yesuus kaʼee dhaabatee sagalee guddaadhaan akkana jedhe; “Eenyu iyyuu yoo dheebote, gara koo dhufee haa dhugu.
In novissimo autem die magno festivitatis stabat Iesus, et clamabat, dicens: Si quis sitit, veniat ad me, et bibat.
38 Akkuma Katabbiin Qulqulluun jedhe nama natti amanu kam iyyuu laga bishaan jireenyaatu garaa isaa keessaa burqa.”
Qui credit in me, sicut dicit Scriptura, flumina de ventre eius fluent aquæ vivæ.
39 Kunis waaʼee Hafuura Qulqulluu warri isatti amanan argachuuf jiranii dubbachuu isaa ti. Sababii Yesuus amma illee ulfina hin argatiniif Hafuuri Qulqulluun hamma yeroo sanaatti hin kennamne tureetii.
Hoc autem dixit de Spiritu, quem accepturi erant credentes in eum: nondum enim erat Spiritus datus, quia Iesus nondum erat glorificatus.
40 Namoota sana keessaa tokko tokko yommuu dubbii kana dhagaʼanitti, “Kun dhugumaanuu Raajicha” jedhan.
Ex illa ergo turba cum audissent hos sermones eius, dicebant: Hic est vere Propheta.
41 Warri kaan immoo, “Inni Kiristoosii dha” jedhan. Namoonni kaanis akkana jedhan; “Kiristoos Galiilaadhaa dhufaa?
Alii dicebant: Hic est Christus. Quidam autem dicebant: Numquid a Galilæa venit Christus?
42 Akka Kiristoos sanyii Daawit keessaa dhalatuu fi akka inni Beetlihemii, ganda Daawitii dhufu Katabbiin Qulqulluun ni dubbata mitii?”
Nonne Scriptura dicit: Quia ex semine David, et de Bethlehem castello, ubi erat David, venit Christus?
43 Akkasiin waaʼee Yesuus irratti garaa garummaan waldaa gidduutti uumame.
Dissensio itaque facta est in turba propter eum.
44 Isaan keessaas tokko tokko isa qabuu barbaadan; garuu namni tokko iyyuu harkaan isa hin tuqne.
Quidam autem ex ipsis volebant apprehendere eum: sed nemo misit super eum manus.
45 Eegdonni sun gara luboota hangafootaatii fi gara Fariisotaatti deebiʼan; isaanis, “Isin maaliif isa hin fidin?” jedhanii eegdota sana gaafatan.
Venerunt ergo ministri ad Pontifices, et Pharisæos. Et dixerunt eis illi: Quare non adduxistis illum?
46 Eegdonnis, “Takkumaa namni akka namicha kanaatti hin dubbanne” jedhanii deebisan.
Responderunt ministri: Numquam sic locutus est homo, sicut hic homo.
47 Fariisonnis deebisanii akkana jedhan, “Isinis gowwoomfamtaniirtuu?
Responderunt ergo eis Pharisæi: Numquid et vos seducti estis?
48 Bulchitoota keessaa yookaan Fariisota keessaa namni tokko iyyuu isatti amaneeraa?
Numquid ex principibus aliquis credidit in eum, aut ex Pharisæis?
49 Sabni seera hin beekne kun garuu abaaramaa dha.”
Sed turba hæc, quæ non novit legem, maledicti sunt.
50 Niqoodemoos inni duraan Yesuus bira dhaqee fi isaan keessaas tokko taʼe sun akkana isaaniin jedhe;
Dixit Nicodemus ad eos, ille, qui venit ad eum nocte, qui unus erat ex ipsis:
51 “Seerri keenya utuu isa irraa hin dhagaʼin, waan inni hojjetes utuu hin beekin nama tokkotti ni muraa?”
Numquid lex nostra iudicat hominem, nisi prius audierit ab ipso, et cognoverit quid faciat?
52 Isaanis, “Atis nama Galiilaatii? Akka raajiin Galiilaadhaa hin kaane qoradhuu bira gaʼi” jedhaniin. [
Responderunt, et dixerunt ei: Numquid et tu Galilæus es? Scrutare Scripturas, et vide quia a Galilæa propheta non surgit.
53 Ergasii isaan hundinuu gara mana isaaniitti galan.
Et reversi sunt unusquisque in domum suam.