< Yohannis 6 >
1 Wantoota kanneen booddee Yesuus Galaana Galiilaa isa Galaana Xibeeriyaas jedhamu gama ceʼe;
After these thinges, Iesus went his way ouer the sea of Galile, which is Tiberias.
2 namoonni baayʼeenis sababii mallattoo inni warra dhukkubsatan fayyisuudhaan hojjete arganiif isa duukaa buʼan.
And a great multitude followed him, because they sawe his miracles, which hee did on them that were diseased.
3 Yesuusis barattoota isaa wajjin gaaratti ol baʼee taaʼe.
Then Iesus went vp into a mountaine, and there he sate with his disciples.
4 Yeroo sana Ayyaanni Yihuudootaa, Faasiikaan dhiʼaatee ture.
Now the Passeouer, a feast of the Iewes, was neere.
5 Yesuus yommuu ol ilaaletti tuuta guddaa gara isaa dhufaa jiru tokko arge; Fiiliphoosiinis, “Namoota kanneeniif buddeena isaan nyaatan eessaa bitanna?” jedhe.
Then Iesus lift vp his eyes, and seeing that a great multitude came vnto him, hee sayde vnto Philippe, Whence shall we buy breade, that these might eate?
6 Kanas Fiiliphoosin qoruudhaaf jedhee gaafate; inni mataan isaa waan gochuu qabu beeka tureetii.
(And this he sayde to prooue him: for hee himselfe knewe what he would doe.)
7 Fiiliphoos immoo, “Akka tokkoon tokkoon isaanii waanuma xinnoo illee argataniif buddeena gaʼu bituuf diinaarii dhibba lama fudhata” jedhee deebiseef.
Philippe answered him, Two hundreth penie worth of bread is not sufficient for them, that euery one of them may take a litle.
8 Barattoota isaa keessaa tokko Indiriiyaas, obboleessi Simoon Phexros akkana jedheen;
Then saide vnto him one of his disciples, Andrew, Simon Peters brother,
9 “Gurbaan buddeena garbuu shanii fi qurxummii lama qabu tokko kunoo ti; garuu nama akkana baayʼatu kanaaf kun maali?”
There is a little boy heere, which hath fiue barlie loaues, and two fishes: but what are they among so many?
10 Yesuusis, “Namoota teessisaa” jedhe. Iddoo sanas marga baayʼeetu ture; namoonnis ni tataaʼan; dhiira gara kuma shantu achi ture.
And Iesus saide, Make ye people sit downe. (Nowe there was much grasse in that place.) Then the men sate downe in nomber, about fiue thousande.
11 Yesuusis ergasii buddeena fuudhee, galata galchee warra tataaʼaniif hamma isaan barbaadan qoqqoode. Qurxummii sana illee akkasuma godhe.
And Iesus tooke the bread, and gaue thanks, and gaue to the disciples, and the disciples, to them that were set downe: and likewise of the fishes as much as they would.
12 Innis yommuu isaan hundi nyaatanii quufanitti barattoota isaatiin, “Hurraaʼaa hambifame walitti qabaa. Wanni tokko iyyuu hin badin” jedhe.
And when they were satisfied, he said vnto his disciples, Gather vp the broken meat which remaineth, that nothing be lost.
13 Kanaafuu isaan hurraaʼaa buddeena garbuu shananii kan namoonni nyaatanii hambisan walitti qabanii gundoo kudha lama guutan.
Then they gathered it together, and filled twelue baskets with the broken meat of the fiue barly loaues, which remained vnto them that had eaten.
14 Namoonnis yommuu mallattoo Yesuus hojjete arganitti, “Kun dhugumaanuu Raajii gara addunyaa dhufuuf jiru” jedhan.
Then the men, when they had seene the miracle that Iesus did, saide, This is of a trueth that Prophet that should come into the world.
15 Yesuusis akka namoonni sun dhufanii humnaan qabanii mootii isa gochuu yaadan hubatee ammas kophaa isaa gara tulluu deeme.
When Iesus therfore perceiued that they would come, and take him to make him a King, hee departed againe into a mountaine himselfe alone.
16 Yommuu galgalaaʼetti barattoonni isaa gara galaanaatti gad buʼan;
When euen was nowe come, his disciples went downe vnto the sea,
17 achittis bidiruu yaabbatanii galaana irra gama Qifirnaahomitti qajeelan. Yeroon sun dukkana ture; Yesuus amma iyyuu gara isaanii hin dhufne ture.
And entred into a shippe, and went ouer the sea, towardes Capernaum: and nowe it was darke, and Iesus was not come to them.
18 Bubbeen jabaan isaa waan bubbisaa tureef bishaanichi ni raafame.
And the Sea arose with a great winde that blewe.
19 Isaanis erga gara kiiloo meetira shanii yookaan jaʼaa mooqanii booddee utuu Yesuus galaana irra deemaa, bidiruu sanattis dhiʼaachaa jiruu argan; ni sodaatanis.
And when they had rowed about fiue and twentie, or thirtie furlongs, they sawe Iesus walking on the sea, and drawing neere vnto the ship: so they were afraide.
20 Inni garuu, “Anumaatii hin sodaatinaa” jedheen.
But he said vnto them, It is I: be not afraid.
21 Isaanis bidiruutti ol isa fudhachuu barbaadan; bidiruun sunis yommusuma lafa isaan dhaqaa turan sana gaʼe.
Then willingly they receiued him into the ship, and the ship was by and by at the lande, whither they went.
22 Guyyaa itti aanutti namoonni galaanicha gamatti hafanii turan akka bidiruun tokko qofti achi ture, akka Yesuus barattoota isaa wajjin bidiruu hin yaabbatinii fi akka isaan kophaa isaanii deeman hubatan.
The day following, the people which stoode on the other side of the sea, saw that there was none other ship there, saue that one, whereinto his disciples were entred, and that Iesus went not with his disciples in the ship, but that his disciples were gone alone,
23 Bidiruuwwan biraa Xibeeriyaasii kaʼanii iddoo itti Gooftaan galata galchee isaanis itti buddeena nyaatan sana bira gaʼan.
And that there came other ships from Tiberias neere vnto the place where they ate the bread, after the Lord had giuen thankes.
24 Namoonni sunis yommuu akka Yesuusii fi barattoonni isaa achi hin jirre baranitti bidiruuwwan yaabbatanii Yesuusin barbaaduuf Qifirnaahom dhaqan.
Nowe when the people sawe that Iesus was not there, neither his disciples, they also tooke shipping, and came to Capernaum, seeking for Iesus.
25 Namoonni yommuu galaanicha gamatti isa arganitti, “Yaa Barsiisaa, ati yoom as dhufte?” jedhanii isa gaafatan.
And when they had founde him on the other side of the sea, they sayde vnto him, Rabbi, when camest thou hither?
26 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; isin waan mallattoo argitaniif utuu hin taʼin, waan buddeena nyaattanii quuftaniif na barbaaddu.
Iesus answered them; and sayde, Verely, verely I say vnto you, ye seeke me not because ye sawe the miracles, but because yee ate of ye loaues, and were filled.
27 Nyaata jireenya bara baraatiif taʼu kan Ilmi Namaa isinii kennuuf dadhabaa malee nyaata baduuf hin dadhabinaa. Waaqni Abbaan chaappaa isaa kan mirkaneessu Ilma irratti rukuteeraatii.” (aiōnios )
Labour not for ye meate which perisheth, but for the meate that endureth vnto euerlasting life, which the Sonne of man shall giue vnto you: for him hath God the Father sealed. (aiōnios )
28 Isaanis, “Nu akka hojii Waaqaa hojjennuuf maal gochuu qabna?” jedhanii isa gaafatan.
Then sayde they vnto him, What shall we doe, that we might worke the workes of God?
29 Yesuusis, “Isa inni ergetti amanuun keessan kun hojii Waaqaa ti” jedhee deebiseef.
Iesus answered, and sayde vnto them, This is the woorke of God, that yee beleeue in him, whome he hath sent.
30 Kanaafuu isaan akkana jedhanii isa gaafatan; “Akka nu isa arginee si amannuuf, mallattoo maalii argisiifta? Maal hojjettas?
They sayde therefore vnto him, What signe shewest thou then, that we may see it, and beleeue thee? what doest thou woorke?
31 ‘Akka isaan nyaataniif samii irraa buddeena isaaniif kenne’ jedhamee akkuma barreeffame, abbootiin keenya gammoojjii keessatti mannaa nyaatan.”
Our fathers did eate Manna in the desart, as it is written, Hee gaue them bread from heauen to eate.
32 Yesuusis akkana jedheen; “Ani dhuguman isinitti hima; kan samii irraa buddeena isinii kenne Musee miti; kan samii irraa buddeena dhugaa isiniif kennu garuu Abbaa koo ti.
Then Iesus said vnto them, Verely, verely I say vnto you, Moses gaue you not that bread from heauen, but my Father giueth you that true bread from heauen.
33 Buddeenni Waaqaa isa samii irraa gad buʼee addunyaaf jireenya kennu sanaatii.”
For the breade of God is hee which commeth downe from heauen, and giueth life vnto the world.
34 Isaanis, “Yaa Gooftaa, yeroo hunda buddeena kana nuu kenni” jedhaniin.
Then they said vnto him, Lord, euermore giue vs this bread.
35 Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Buddeenni jireenyaa ana. Namni gara koo dhufu gonkumaa hin beelaʼu; kan anatti amanus gonkumaa hin dheebotu.
And Iesus saide vnto them, I am that bread of life: he that commeth to me, shall not hunger, and he that beleeueth in me, shall neuer thirst.
36 Akkuma ani isinitti hime isin na argitaniirtu; garuu amma iyyuu hin amantan.
But I said vnto you, that ye also haue seene me, and beleeue not.
37 Kan Abbaan naa kennu hundi gara koo ni dhufa; anis kan gara koo dhufu gonkumaa alatti hin ariʼu.
All that the Father giueth me, shall come to mee: and him that commeth to me, I cast not away.
38 Ani fedhii isa na erge sanaa guutuuf malee, fedhii koo guutachuuf samii irraa gad hin buuneetii.
For I came downe from heauen, not to do mine owne wil, but his wil which hath sent me.
39 Fedhiin isa na ergees akka ani warra inni natti kenne hunda guyyaa dhumaatti duʼaa kaasuuf malee akka ani isaan keessaa tokko illee balleessuuf miti.
And this is the Fathers will which hath sent mee, that of all which hee hath giuen mee, I should lose nothing, but shoulde raise it vp againe at the last day.
40 Fedhiin Abbaa kootiis akka namni Ilma ilaalee isatti amanu hundi jireenya bara baraa qabaatuuf; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.” (aiōnios )
And this is the will of him that sent mee, that euery man which seeth the Sonne, and beleeueth in him, should haue euerlasting life: and I will raise him vp at the last day. (aiōnios )
41 Kana irratti Yihuudoonni sababii inni, “Ani buddeena samii irraa gad buʼee dha” jedheef isatti guungumuu jalqaban.
The Iewes then murmured at him because hee sayde, I am that bread, which is come downe from heauen.
42 Isaanis, “Kun Yesuus ilma Yoosef, isa nu abbaa fi haadha isaa beeknu sana mitii? Yoos inni akkamitti, ‘Ani samii irraa gad buʼeera’ jedha ree?” jedhan.
And they said, Is not this Iesus that sonne of Ioseph, whose father and mother wee knowe? howe then sayth he, I came downe from heauen?
43 Yesuus immoo akkana jedhee deebiseef; “Walitti hin guunguminaa.
Iesus then answered, and saide vnto them, Murmure not among your selues.
44 Abbaan na erge sun isa harkisuu baannaan namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa.
No man can come to mee, except the Father, which hath sent mee, drawe him: and I will raise him vp at the last day.
45 Raajota keessatti, ‘Isaan hundi warra Waaqa irraa baratan ni taʼu’jedhamee barreeffameera. Namni Abbaa irraa dhagaʼee fi kan isa irraa barate hundi gara koo ni dhufa.
It is written in the Prophetes, And they shalbe al taught of God. Euery man therefore that hath heard, and hath learned of the Father, commeth vnto me:
46 Isa Waaqa biraa dhufe sana malee namni tokko iyyuu Abbaa hin argine; isa qofatu Abbaa arge.
Not that any man hath seene the Father, saue hee which is of God, hee hath seene the Father.
47 Ani dhuguman isinitti hima; kan amanu jireenya bara baraa qaba. (aiōnios )
Verely, verely I say vnto you, hee that beleeueth in me, hath euerlasting life. (aiōnios )
48 Buddeenni jireenyaa ana.
I am that bread of life.
49 Abbootiin keessan gammoojjii keessatti mannaa nyaatan; taʼus ni duʼan.
Your fathers did eate Manna in the wildernesse, and are dead.
50 Buddeenni samii irraa gad buʼe garuu isa kana; namni isa nyaatu gonkumaa hin duʼu.
This is that breade, which commeth downe from heauen, that hee which eateth of it, shoulde not die.
51 Buddeenni jiraataan samii irraa buʼe ana. Namni kam iyyuu yoo buddeena kana irraa nyaate bara baraan ni jiraata. Buddeenni ani jireenya addunyaatiif kennus foon koo ti.” (aiōn )
I am that liuing breade, which came downe from heauen: if any man eate of this breade, hee shall liue for euer: and the bread that I will giue, is my flesh, which I will giue for the life of the world. (aiōn )
52 Yihuudoonnis, “Namichi kun akkamitti akka nu nyaannuuf foon isaa nuu kennuu dandaʼa?” jedhanii wal falman.
Then the Iewes stroue among themselues, saying, Howe can this man giue vs his flesh to eate?
53 Yesuus immoo akkana jedheen; “Ani dhuguman isinitti hima; isin foon Ilma Namaa nyaachuu baannaan, dhiiga isaas dhuguu baannaan ofii keessaniin jireenya hin qabdan.
Then Iesus saide vnto them, Verely, verely I say vnto you, Except yee eate the flesh of the Sonne of man, and drinke his blood, yee haue no life in you.
54 Namni foon koo nyaatuu fi dhiiga koo dhugu jireenya bara baraa qaba. Anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa. (aiōnios )
Whosoeuer eateth my flesh, and drinketh my blood, hath eternall life, and I will raise him vp at the last day. (aiōnios )
55 Foon koo nyaata dhugaatii; dhiigni koos dhugaatii dhugaa ti.
For my flesh is meat in deede, and my blood is drinke in deede.
56 Namni foon koo nyaatuu fi dhiiga koo dhugu hundi na keessa jiraata; anis isa keessa nan jiraadha.
Hee that eateth my flesh, and drinketh my blood, dwelleth in me, and I in him.
57 Akkuma Abbaan jiraataan na ergee anis sababii Abbaatiin jiraadhu sana, namni na nyaatus sababii kootiin ni jiraata.
As that liuing Father hath sent me, so liue I by the Father, and he that eateth me, euen he shall liue by me.
58 Buddeenni samii irraa buʼe isa kana; innis kan akka mannaa Abbootiin keessan nyaatanii duʼan sanaa miti; namni buddeena kana nyaatu bara baraan ni jiraata.” (aiōn )
This is that bread which came downe from heauen: not as your fathers haue eaten Manna, and are deade. Hee that eateth of this bread, shall liue for euer. (aiōn )
59 Innis Qifirnaahomitti utuu mana sagadaa keessatti barsiisaa jiruu waan kana dubbate.
These things spake he in the Synagogue, as he taught in Capernaum.
60 Barattoota isaa keessaa baayʼeen yommuu waan kana dhagaʼanitti, “Barsiisni kun cimaa dha; eenyutu fudhachuu dandaʼa?” jedhan.
Many therefore of his disciples (when they heard this) sayde, This is an hard saying: who can heare it?
61 Yesuusis akka barattoonni isaa waaʼee waan kanaa guunguman hubatee akkana jedheen; “Kun isin gufachiisaa ree?
But Iesus knowing in himselfe, that his disciples murmured at this, saide vnto them, Doeth this offend you?
62 Yoos yoo utuu Ilmi Namaa iddoo dur turetti ol baʼuu argitan akkam taʼinna ree?
What then if yee should see that Sonne of man ascend vp where he was before?
63 Kan jireenya kennu Hafuura; foon faayidaa hin qabu. Dubbiin ani isinitti dubbadhe Hafuura; jireenyas.
It is the spirite that quickeneth: the flesh profiteth nothing: the woordes that I speake vnto you, are spirite and life.
64 Isin keessas warri hin amanne tokko tokko jiru.” Yesuus jalqabumaa kaasee isaan keessaa eenyu akka hin amaninii fi eenyu akka dabarsee isa kennu ni beeka tureetii.
But there are some of you that beleeue not: for Iesus knewe from the beginning, which they were that beleeued not, and who shoulde betray him.
65 Innis ittuma fufee, “Sababiin ani, ‘Yoo Abbaa biraa isaaf kenname malee namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu’ isiniin jedheefis kanuma” jedhe.
And hee saide, Therefore saide I vnto you, that no man can come vnto mee, except it be giuen vnto him of my Father.
66 Yeroo kanaa jalqabee barattoota isaa keessaa baayʼeen duubatti deebiʼan; ergasiis isa wajjin hin deemne.
From that time, many of his disciples went backe, and walked no more with him.
67 Yesuusis warra Kudha Lamaaniin, “Isinis deemuu barbaadduu?” jedhee gaafate.
Then sayde Iesus to the twelue, Will yee also goe away?
68 Simoon Phexrosis akkana jedhee deebise; “Yaa Gooftaa, gara eenyuu deemna? Ati dubbii jireenya bara baraa qabdaa. (aiōnios )
Then Simon Peter answered him, Master, to whome shall we goe? thou hast the wordes of eternall life: (aiōnios )
69 Nu akka ati Qulqullicha Waaqaa taate amanneerra; beekneerras.”
And we beleeue and knowe that thou art that Christ that Sonne of the liuing God.
70 Yesuusis deebisee, “Anumatu Kudha Lamaan keessan filate mitii? Taʼus isin keessaa inni tokko diiyaabiloosii dha!” jedhe.
Iesus answered them, Haue not I chosen you twelue, and one of you is a deuill?
71 Innis waaʼee Yihuudaa ilma Simoon Keeriyotichaa dubbate; Yihuudaan warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼus Yesuusin dabarsee kennuuf tureetii!
Now he spake it of Iudas Iscariot the sonne of Simon: for hee it was that shoulde betraie him, though he was one of the twelue.