< Yohannis 5 >
1 Yeroo xinnoo booddee ayyaana Yihuudootaa tokkotu ture; Yesuusis Yerusaalemitti ol baʼe.
After these things, there was a Jewish festival, and Jesus went up to Jerusalem.
2 Yerusaalem keessa Karra Hoolaa bira haroo afaan Ibraayisxiitiin Beetizaataa jedhamu tokkotu jira; haroon sun gardaafoo shan qaba.
Now in Jerusalem by the sheep area there is a pool, which is called in Hebrew, "Beth Hesda," having five porches.
3 Gardaafoowwan sana keessas namoonni dhukkubsatan, jechuunis jaamonni, warri naafatanii fi warri dhagni irratti duʼe baayʼeen ciisanii raafama bishaanii eeggachaa turan. [
In these lay a multitude of those who were sick, blind, lame, or paralyzed.
4 Ergamaan Gooftaa yeroo yerootti gad buʼee bishaanicha ni raasa ture; raafama bishaanichaa booddee namni jalqabatti bishaan sana keessa seenu kam iyyuu dhukkuba qabu hunda irraa ni fayya ture.]
5 Namichi waggaa soddomii saddeeti dhukkubsate tokko achi ture.
A certain man was there, who had been sick for thirty-eight years.
6 Yesuusis yommuu isaa achi ciisu argee akka inni yeroo dheeraa haala kana keessa ture beeketti, “Ati fayyuu barbaaddaa?” jedhee isa gaafate.
When Jesus saw him lying there, and knew that he had been sick for a long time, he asked him, "Do you want to be made well?"
7 Dhukkubsataan sunis, “Yaa Gooftaa, ani nama na gargaaree yommuu bishaanichi raafamutti haroo sana keessa na buusu hin qabu. Yeroo ani seenuu yaaluttis namni biraa na dursee seena” jedheen.
The sick man answered him, "Sir, I have no one to put me into the pool when the water is stirred up, but while I am on my way, someone else steps down ahead of me."
8 Kana irratti Yesuus, “Kaʼi! Siree kee fudhadhuutii deemi” jedheen.
Jesus said to him, "Arise, take up your mat, and walk."
9 Namichis yeruma sana fayye; siree isaas fudhatee deeme. Guyyaan wanni kun taʼe sunis Sanbata ture;
Immediately, the man was made well, and took up his mat and walked. Now it was the Sabbath on that day.
10 Yihuudoonnis namicha fayye sanaan, “Harʼa Sanbata; seerri siree kee baachuu si dhowwa” jedhaniin.
So the Jewish leaders said to him who was cured, "It is the Sabbath. It is not lawful for you to carry the mat."
11 Inni garuu, “Namicha na fayyisetu ‘Siree kee fudhadhuu deemi’ naan jedhe” jedheen.
But he answered them, "The one who made me well, that one said to me, 'Take up your mat, and walk.'"
12 Isaanis, “Namichi siree kee fudhadhuu deemi siin jedhe sun eenyu?” jedhanii isa gaafatan.
Then they asked him, "Who is the man who said to you to pick it up and walk?"
13 Namichi fayye sun sababii Yesuus achi hiiqee tuuta iddoo sana ture keessa seeneef inni eenyu akka taʼe hin beekne.
But the one who was healed did not know who it was, for Jesus had withdrawn, a crowd being in the place.
14 Yesuusis ergasii namicha sana mana qulqullummaa keessatti argee, “Ati kunoo amma fayyiteerta. Wanni kana caalu akka sitti hin dhufneef siʼachi cubbuu hin hojjetin” jedheen.
Afterward Jesus found him in the temple, and said to him, "See, you are made well. Sin no more, so that nothing worse happens to you."
15 Namichis dhaqee kan isa fayyise Yesuus akka taʼe Yihuudootatti hime.
The man went away, and told the Jewish leaders that it was Jesus who had made him well.
16 Kanaafuu sababii inni Sanbataan waan kana hojjeteef, Yihuudoonni Yesuusin ariʼachuu jalqaban.
For this cause the Jewish leaders persecuted Jesus, because he did these things on the Sabbath.
17 Yesuus garuu, “Abbaan koo hamma ammaatti hojjechaa jira; anis hojjechaan jira” isaaniin jedhe.
But he answered them, "My Father is still working, so I am working, too."
18 Sababii kanaaf Yihuudoonni ittuma caalchisanii isa ajjeesuu barbaadan; inni Waaqaan of qixxeessuudhaan Waaqa iyyuu Abbaa ofii isaa godhee waamaa ture malee Sanbata qofa hin cabsine.
For this cause therefore the Jewish leaders sought all the more to kill him, because he not only broke the Sabbath, but also called God his own Father, making himself equal with God.
19 Yesuus immoo akkana jedhee deebiseef; “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; Ilmi ofii isaatiin waan tokko illee hojjechuu hin dandaʼu; inni waanuma utuu Abbaan isaa hojjetuu arge qofa hojjechuu dandaʼa; waanuma Abbaan hojjetu Ilmis akkasuma hojjetaatii.
Jesus therefore answered them, "Truly, truly, I tell you, the Son can do nothing of himself, but what he sees the Father doing. For whatever things he does, these the Son also does likewise.
20 Abbaan Ilma ni jaallataatii; waan hojjetu hundumas isatti ni argisiisa. Akka isin dinqisiifattaniifis inni hojiiwwan hojiiwwan kanneen caalan iyyuu isatti ni argisiisa.
For the Father loves the Son, and shows him all things that he himself does. He will show him greater works than these, so that you may marvel.
21 Akkuma Abbaan warra duʼan duʼaa kaasee jireenya kennuuf sana, Ilmis akkasuma abbaa fedheef jireenya ni kenna.
For as the Father raises the dead and gives them life, even so the Son also gives life to whom he desires.
22 Abbaan eenyutti illee hin muru; murtii hunda garuu Ilmatti kenneera;
For the Father judges no one, but he has given all judgment to the Son,
23 kunis akka namni hundi akkuma Abbaaf ulfina kennutti Ilmaafis ulfina kennuuf. Namni Ilmaaf ulfina hin kennine, Abbaa isa Ilma ergeefis ulfina hin kennu.
that all may honor the Son, even as they honor the Father. Whoever does not honor the Son does not honor the Father who sent him.
24 “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni dubbii koo dhagaʼu, isa na ergettis kan amanu hundi jireenya bara baraa qaba; murtiittis hin dhiʼaatu; inni duʼa jalaa gara jireenyaatti darbeera. (aiōnios )
"Truly, truly, I tell you, he who hears my word, and believes him who sent me, has everlasting life, and does not come into judgment, but has passed out of death into life. (aiōnios )
25 Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; yeroon warri duʼan itti sagalee Ilma Waaqaa dhagaʼan tokko ni dhufa; ammuma iyyuu dhufeera; warri dhagaʼanis ni jiraatu.
Truly, truly, I tell you, the hour comes, and now is, when the dead will hear the Son of God's voice; and those who hear will live.
26 Akkuma Abbaan ofuma isaatiin jireenya qabu sana, Ilmis akkasuma akka ofuma isaatiin jireenya qabaatuuf isaaf kenneeraatii.
For as the Father has life in himself, even so he gave to the Son also to have life in himself.
27 Sababii inni Ilma Namaa taʼeefis Abbaan akka inni murtii kennuuf taayitaa isaaf kenneera.
He also gave him authority to execute judgment, because he is the Son of Man.
28 “Kana hin dinqisiifatinaa; saʼaatiin itti warri awwaala keessa jiran hundi sagalee isaa dhagaʼan tokko ni dhufaatii.
Do not be amazed at this, for the hour comes, in which all that are in the tombs will hear his voice,
29 Warri waan gaarii hojjetan duʼaa kaʼuu jireenyaatiif, warri waan hamaa hojjetan immoo duʼaa kaʼuu murtiitiif duʼaa ni kaʼu.
and will come out; those who have done good, to the resurrection of life; and those who have done evil, to the resurrection of judgment.
30 Ani ofii kootiin waan tokko illee gochuu hin dandaʼu; ani akkuman dhagaʼutti nan murteessa; ani fedhii isa na ergee malee fedhii mataa kootii waan hin barbaanneef murtiin koo qajeelaa dha.
I can of myself do nothing. As I hear, I judge, and my judgment is righteous; because I do not seek my own will, but the will of the One who sent me.
31 “Ani yoon waaʼee ofii kootii dhugaa baʼe, dhuga baʼumsi koo dhugaa miti.
"If I testify about myself, my witness is not valid.
32 Garuu kan waaʼee koo dhugaa baʼu biraa jira; anis akka dhuga baʼumsi inni waaʼee koo kennu sun dhugaa taʼe beeka.
It is another who testifies about me. I know that the testimony which he testifies about me is true.
33 “Isin Yohannisitti ergitaniirtu; innis dhugaa sanaaf, dhugaa baʼeera.
You have sent to John, and he has testified to the truth.
34 Ani dhuga baʼumsa namaa hin fudhadhu; garuu akka isin fayyitaniif wantoota kanneen nan dubbadha.
But the testimony which I receive is not from man. However, I say these things that you may be saved.
35 Yohannis ibsaa bobaʼee ifa kennu ture; isinis yeroo xinnoo ifa isaatti gammaduu barbaaddan.
He was the burning and shining lamp, and you were willing to rejoice for a while in his light.
36 “Ani garuu dhuga baʼumsa, dhuga baʼumsa Yohannis sana caalu qaba. Hojiin akka ani raawwadhuuf Abbaan natti kenne, kan ani hojjedhu kun iyyuu akka Abbaan na erge mirkaneessaatii.
But the testimony which I have is greater than that of John, for the works which the Father gave me to accomplish, the very works that I do, testify about me, that the Father has sent me.
37 Abbaan inni na erges ofii isaatii waaʼee koo dhugaa baʼeera. Isin takkumaa sagalee isaa hin dhageenye; bifa isaas takkumaa hin argine.
The Father himself, who sent me, has testified about me. You have neither heard his voice at any time, nor seen his form.
38 Isin sababii isa inni erge hin amaniniif dubbiin isaa isin keessa hin jiraatu.
You do not have his word living in you; because you do not believe him whom he sent.
39 Isin Katabbiiwwan Qulqulluudhaan jireenya bara baraa arganna jettanii waan yaaddaniif Katabbiiwwan Qulqulluu sana qorattu. Katabbiiwwan Qulqulluun kunneenis waaʼee koo dhugaa baʼu; (aiōnios )
You search the Scriptures, because you think that in them you have everlasting life; and these are they which testify about me. (aiōnios )
40 isin garuu jireenya argachuudhaaf gara koo dhufuu hin barbaaddan.
But you are unwilling to come to me so that you may have life.
41 “Ani nama irraa ulfina hin fudhadhu;
I do not receive glory from people.
42 garuu akka isin jaalala Waaqaa of keessaa hin qabne nan beeka.
But I know you, that you do not have God's love in yourselves.
43 Ani maqaa Abbaa kootiin dhufeera; isin na hin simattan; utuu namni biraa maqaa ofii isaatiin dhufee garuu isa ni simattu.
I have come in my Father's name, and you do not receive me. If another comes in his own name, you will receive him.
44 Isin yoo wal irraa ulfina argattanii ulfina Waaqa tokkicha biraa dhufu garuu hin barbaanne akkamitti amanuu dandeessu ree?
How can you believe, who receive glory from one another, and you do not seek the glory that comes from the only God?
45 “Waan ani Abbaa duratti isin himadhu hin seʼinaa. Kan isin himatu tokko jira; innis Musee isin abdattan sana.
"Do not think that I will accuse you to the Father. There is one who accuses you, even Moses, on whom you have set your hope.
46 Utuu Musee amantanii silaa anas ni amantu ture; inni waaʼee koo barreesseetii.
For if you believed Moses, you would believe me; for he wrote about me.
47 Isin erga waan inni barreesse hin amannee, dubbii koo immoo akkamitti amantu ree?”
But if you do not believe his writings, how will you believe my words?"