< Yohannis 3 >

1 Fariisicha Niqoodemoos jedhamu bulchaa Yihuudootaa tokkotu ture.
Now there was a man of the Pharisees named Nicodemus, a ruler of the Jews.
2 Innis halkaniin Yesuus bira dhaqee, “Yaa barsiisaa, akka ati barsiisaa Waaqa biraa dhufte taate nu beekna; nama Waaqni isa wajjin jiru malee namni mallattoo ati hojjettu kana hojjechuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiruutii” jedheen.
He came to Jesus by night and said to him, “Rabbi, we know that you are a teacher come from God, for no one can do these signs that you do, unless God is with him.”
3 Yesuusis deebisee, “Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo lammata dhalate malee mootummaa Waaqaa arguu hin dandaʼu” jedheen.
Jesus answered him, “Most certainly I tell you, unless one is born anew, he can’t see God’s Kingdom.”
4 Niqoodemoos immoo, “Namni erga dulloomee booddee akkamitti dhalachuu dandaʼa? Dhalachuuf jedhee lammata gadameessa haadha isaa keessa seenuu dandaʼaa?” jedhee gaafate.
Nicodemus said to him, “How can a man be born when he is old? Can he enter a second time into his mother’s womb and be born?”
5 Yesuusis akkana jedhee deebise; “Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo bishaanii fi Hafuura irraa dhalate malee mootummaa Waaqaatti galuu hin dandaʼu.
Jesus answered, “Most certainly I tell you, unless one is born of water and Spirit, he can’t enter into God’s Kingdom.
6 Kan foon irraa dhalate foon; kan Hafuura irraa dhalate garuu hafuura.
That which is born of the flesh is flesh. That which is born of the Spirit is spirit.
7 Jecha ani, ‘Ati lammata dhalachuu si barbaachisa siin jedhe hin dinqifatin.’
Don’t marvel that I said to you, ‘You must be born anew.’
8 Bubbeen gara fedhetti bubbisa. Atis huursuu isaa dhageessa malee akka inni eessaa dhufee fi akka inni garamitti deemu hin beektu; namni Hafuura irraa dhalate hundinuus akkanuma.”
The wind blows where it wants to, and you hear its sound, but don’t know where it comes from and where it is going. So is everyone who is born of the Spirit.”
9 Niqoodemoosis, “Kun akkamitti taʼuu dandaʼa?” jedhee gaafate.
Nicodemus answered him, “How can these things be?”
10 Yesuus akkana jedhee deebiseef; “Ati utuu barsiisaa Israaʼel taatee jirtuu waan kana hin beektuu?
Jesus answered him, “Are you the teacher of Israel, and don’t understand these things?
11 Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; nu waan beeknu dubbanna; waan argines dhugaa ni baana; isin garuu dhugaa baʼumsa keenya hin fudhattan.
Most certainly I tell you, we speak that which we know and testify of that which we have seen, and you don’t receive our witness.
12 Isin yoo ani waan addunyaa isinitti himnaan hin amanin, yoo ani waan samii isinitti hime akkamitti amantu ree?
If I told you earthly things and you don’t believe, how will you believe if I tell you heavenly things?
13 Ilma Namaa isa samii irraa gad buʼe malee eenyu iyyuu samiitti ol hin baane.
No one has ascended into heaven but he who descended out of heaven, the Son of Man, who is in heaven.
14 Akkuma Museen gammoojjii keessatti bofa fannisesana Ilmi Namaas fannifamuu qaba.
As Moses lifted up the serpent in the wilderness, even so must the Son of Man be lifted up,
15 Kunis akka namni isatti amanu hundi jireenya bara baraa qabaatuuf.” (aiōnios g166)
that whoever believes in him should not perish, but have eternal life. (aiōnios g166)
16 Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqni hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii. (aiōnios g166)
For God so loved the world, that he gave his only born Son, that whoever believes in him should not perish, but have eternal life. (aiōnios g166)
17 Waaqni karaa isaatiin addunyaa fayyisuudhaaf malee addunyaatti muruuf Ilma isaa gara addunyaatti hin ergineetii.
For God didn’t send his Son into the world to judge the world, but that the world should be saved through him.
18 Kan isatti amanutti hin muramu; kan isatti hin amanne garuu waan inni maqaa Ilma Waaqaa tokkichaatti hin amaniniif ammuma iyyuu itti murameera.
He who believes in him is not judged. He who doesn’t believe has been judged already, because he has not believed in the name of the only born Son of God.
19 Murtiin sunis isa kana: Ifni gara addunyaa dhufe; namoonni garuu waan hojiin isaanii hamaa tureef ifa caalaa dukkana jaallatan.
This is the judgment, that the light has come into the world, and men loved the darkness rather than the light, for their works were evil.
20 Namni waan hamaa hojjetu kam iyyuu ifa jibba; akka hojiin isaa ifatti hin baafamneefis gara ifaa hin dhufu.
For everyone who does evil hates the light and doesn’t come to the light, lest his works would be exposed.
21 Namni dhugaa hojjetu kam iyyuu garuu akka hojiin isaa akka fedhii Waaqaatti hojjetamuun isaa mulʼatuuf gara ifaa dhufa.
But he who does the truth comes to the light, that his works may be revealed, that they have been done in God.”
22 Ergasiis Yesuusii fi barattoonni isaa gara biyya Yihuudaa dhaqan; innis isaan wajjin achi ture; ni cuuphes.
After these things, Jesus came with his disciples into the land of Judea. He stayed there with them and baptized.
23 Yohannisis naannoo Saalem iddoo Enoon jedhamutti ni cuupha ture; bishaan baayʼeen achi tureetii; namoonnis achi dhaqanii cuuphamu turan.
John also was baptizing in Enon near Salim, because there was much water there. They came and were baptized;
24 Kunis utuu Yohannis mana hidhaatti hin galfamin taʼe.
for John was not yet thrown into prison.
25 Yommus barattoota Yohannisii fi Yihuudii tokko gidduutti waaʼee qulqulleeffamuu irratti wal falmiin uumame.
Therefore a dispute arose on the part of John’s disciples with some Jews about purification.
26 Isaanis Yohannis bira dhufanii, “Yaa barsiisaa, namichi si wajjin Yordaanos gama ture, kan ati waaʼee isaa dhugaa baate sun kunoo cuuphuutti jira; namni hundis gara isaa dhaquutti jira” jedhaniin.
They came to John and said to him, “Rabbi, he who was with you beyond the Jordan, to whom you have testified, behold, he baptizes, and everyone is coming to him.”
27 Yohannisis akkana jedhee deebise; “Namni yoo samii irraa isaaf kenname malee homaa fudhachuu hin dandaʼu.
John answered, “A man can receive nothing unless it has been given him from heaven.
28 Akka ani, ‘Ani Kiristoos miti; garuu isa dura nan ergame’ jedhe isin mataan keessan iyyuu dhugaa naa baatu.
You yourselves testify that I said, ‘I am not the Christ,’ but, ‘I have been sent before him.’
29 Misirrittiin kan misirrichaa ti. Miinjeen misirricha bira dhaabatuu fi isa dhaggeeffatu, yommuu sagalee misirrichaa dhagaʼutti akka malee gammada. Gammachuun sun kan koo ti; gammachuun koos amma guutuu taʼeera.
He who has the bride is the bridegroom; but the friend of the bridegroom, who stands and hears him, rejoices greatly because of the bridegroom’s voice. Therefore my joy is made full.
30 Inni guddaa taʼuu qaba; ani immoo xinnaa taʼuun qaba.
He must increase, but I must decrease.
31 “Kan olii dhufu inni hundumaa oli; inni lafaa immoo kanuma lafaa ti; waanuma lafaa dubbatas. Kan samii irraa dhufu inni hundumaa oli.
“He who comes from above is above all. He who is from the earth belongs to the earth and speaks of the earth. He who comes from heaven is above all.
32 Inni waan argee fi waan dhagaʼe dhugaa baʼa; dhuga baʼumsa isaa garuu eenyu iyyuu hin fudhatu.
What he has seen and heard, of that he testifies; and no one receives his witness.
33 Namni dhuga baʼumsa kana fudhates akka Waaqni dhugaa taʼe mirkaneesse.
He who has received his witness has set his seal to this, that God is true.
34 Inni Waaqni erge dubbii Waaqaa dubbata; Waaqnis safara malee Hafuura isaa ni kennaatii.
For he whom God has sent speaks the words of God; for God gives the Spirit without measure.
35 Abbaan Ilma ni jaallata; waan hundas harka isaatti kenneera.
The Father loves the Son, and has given all things into his hand.
36 Namni Ilmatti amanu jireenya bara baraa qaba; namni Ilmaaf hin ajajamne garuu dheekkamsa Waaqaatu isa irra jiraata malee jireenya hin argu.” (aiōnios g166)
One who believes in the Son has eternal life, but one who disobeys the Son won’t see life, but the wrath of God remains on him.” (aiōnios g166)

< Yohannis 3 >