< Yohannis 21 >

1 Wantoota kanneen booddee Yesuus ammas galaana Xibeeriyaas biratti barattoota isaatti of mulʼise. Haalli inni ittiin of mulʼises akkana ture:
ויהי אחרי כן ויסף ישוע הגלות אל תלמידיו על ים טיבריה וכה נגלה אליהם׃
2 Simoon Phexros, Toomaas inni Didimoos jedhamu, Naatnaaʼel namichi Qaanaa Galiilaa, ilmaan Zabdewoosii fi barattoonni biraa lama walii wajjin turan.
שמעון פטרוס ותומא הנקרא דידומוס ונתנאל מקנה אשר בארץ הגליל ובני זבדי ועוד שנים אחרים מתלמידיו ישבו יחדו׃
3 Simoon Phexrosis, “Ani qurxummii qabuu nan dhaqa” isaaniin jedhe; isaanis, “Nus si wajjin dhaqna” jedhaniin. Gad baʼaniis bidiruu yaabbatan; halkan sana garuu homaa hin qabne.
ויאמר אליהם שמעון פטרוס הנני הלך לדיג ויאמרו אליו גם אנחנו נלך עמך ויצאו וימהרו לרדת אל האניה ובלילה ההוא לא אחזו מאומה׃
4 Ganama bariidhaanis Yesuus qarqara galaanichaa irra dhaabachaa ture; barattoonni garuu akka inni Yesuus taʼe hin beekne.
הבקר אור וישוע עמד על שפת הים ולא ידעו התלמידים כי ישוע הוא׃
5 Innis isaan waamee, “Ijoolle, qurxummii tokko illee hin qabdanii?” jedhee gaafate. Isaan immoo, “Hin qabnu” jedhanii deebisan.
ויאמר אליהם ישוע בני היש לכם אכל מאומה ויענו אתו אין׃
6 Innis, “Karaa mirga bidiruutiin kiyyoo gad darbadhaa; qurxummii ni argattuu” jedheen. Kanaafuu isaan kiyyoo sana gad darbatan; sababii baayʼina qurxummiitiifis kiyyoo sana harkisuu dadhaban.
ויאמר להם השליכו המכמרת מימין לאניה ותמצאו וישליכו ולא יכלו עוד למשך אתה מרב הדגים׃
7 Barataan inni Yesuus isa jaallachaa ture sunis, “Inni Gooftaa dha!” jedhee Phexrositti hime. Kanaafuu Simoon Phexros yommuu “Inni Gooftaa dha” jechuu isaa dhagaʼetti waan marxoo isaa of irraa baasee tureef, marxoo isaa marxifatee bishaanitti gad utaale.
ויאמר התלמיד ההוא אשר ישוע אהבו אל פטרוס זה הוא האדון ויהי כשמע שמעון פטרוס כי הוא האדון ויחגר את מעילו כי עירום היה ויתנפל אל הים׃
8 Barattoonni kaan garuu waan qarqara galaanaa irraa dhundhuma dhibba lama caalaa hin fagaatiniif kiyyoo qurxummiin keessa guute sana harkisaa bidiruudhaan dhufan.
והתלמידים הנשארים באו בספינה כי לא הרחיקו מן היבשה כי אם כמאתים אמה וימשכו את המכמרת עם הדגים׃
9 Yommuu lafatti baʼanittis ibidda cilee kan qurxummiin irra jiruu fi buddeena achitti argan.
ויהי כצאתם אל היבשה ויראו שם גחלי אש ערוכים ודגים עליהם ולחם לאכל׃
10 Yesuusis, “Mee qurxummii amma qabdan irraa waa fidaa!” isaaniin jedhe.
ויאמר אליהם ישוע הביאו הלם מן הדגים אשר אחזתם עתה׃
11 Simoon Phexrosis bidiruu sana yaabbatee kiyyoo qurxummiin gurguddaan 153 guute sana gara lafaatti harkise. Kiyyoon sunis qurxummii akkas baayʼattuun guutamu illee hin tarsaane.
ויעל שמעון פטרוס וימשך את המכמרת אל היבשה והיא מלאה דגים גדולים מאה וחמשים ושלשה ולא נקרעה המכמרת אף כי רבים היו׃
12 Yesuusis, “Kottaa ciree nyaadhaa!” isaaniin jedhe. Barattoota keessaas namni ija jabaatee, “Ati eenyu?” jedhee isa gaafate tokko iyyuu hin turre. Isaan akka inni Gooftaa taʼe beekaniiruutii.
ויאמר אליהם ישוע באו ברו לחם ואין גם אחד בתלמידים אשר מלאו לבו לשאל אתו מי אתה כי ידעו אשר הוא האדון׃
13 Yesuusis dhufee buddeena sana fuudhee isaaniif kenne; qurxummichas akkasuma godhe.
ויבא ישוע ויקח את הלחם ויתן להם וגם את הדגים׃
14 Egaa Yesuus erga duʼaa kaafamee, kana wajjin yeroo sadaffaa barattoota isaatti mulʼate.
וזאת היא הפעם השלישית אשר נגלה ישוע אל תלמידיו אחרי קומו מעם המתים׃
15 Yesuus erga isaan ciree nyaatanii booddee Simʼoon Phexrosiin, “Yaa Simoon ilma Yohannis, ati warra kana caalaa na jaallattaa?” jedhe. Innis, “Eeyyee, yaa Gooftaa; akka ani si jaalladhu atuu ni beekta” jedheen. Yesuusis, “Ilmoolee hoolaa koo soori” jedheen.
ויהי אחרי אכלם אמר ישוע אל שמעון פטרוס שמעון בן יונה התאהב אתי יותר מאלה ויאמר אליו כן אדני אתה ידעת כי אהבתיך ויאמר אליו רעה את טלאי׃
16 Yesuus amma illee, “Yaa Simoon ilma Yohannis, ati na jaallattaa?” jedheen. Innis deebisee, “Eeyyee, yaa Gooftaa, akka ani si jaalladhu atuu ni beekta” jedheen. Yesuus immoo, “Hoolota koo tiksi” jedheen.
ויאמר אליו עוד הפעם שמעון בן יונה התאהב אתי ויאמר אליו כן אדני אתה ידעת כי אהבתיך ויאמר אליו נהג את צאני׃
17 Yeroo sadaffaas, “Yaa Simoon ilma Yohannis, ati na jaallattaa?” jedheen. Phexrosis sababii Yesuus yeroo sadaffaa, “Ati na jaallattaa?” jedhee isa gaafateef gaddee, “Yaa Gooftaa, ati waan hunda beekta; akka ani si jaalladhus ni beekta” jedheen. Yesuusis akkana jedheen; “Hoolota koo soori.
ויאמר אליו פעם שלישית שמעון בן יונה התאהב אתי ויתעצב פטרוס על כי אמר אליו בשלישית התאהב אתי ויאמר אליו אדני את כל אתה יודע וידעת כי אהבתיך ויאמר אליו ישוע רעה את צאני׃
18 Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; ati yeroo dargaggeessa turtetti, ofuma keetiin mudhii kee hidhattee lafa barbaadde dhaqxa turte; yeroo dulloomtutti garuu harka kee ni diriirfatta; namni biraas mudhii kee siif hidhee lafa ati hin barbaannetti si geessa.”
אמן אמן אני אמר לך בהיותך צעיר לימים אתה חגרת את עצמך ותלך אל אשר חפצת והיה כאשר תזקן ופרשת כפיך ואחר יחגרך ונשאך אל אשר לא תחפץ׃
19 Yesuusis akka Phexros duʼa akkamiitiin Waaqa ulfeessu argisiisuuf jedhee waan kana dubbate; ergasii, “Na duukaa buʼi” jedheen.
וכל זאת דבר לרמז על המיתה אשר יכבד בה את האלהים ויהי ככלותו לדבר ויאמר אליו לך אחרי׃
20 Phexrosis garagalee utuu barataan inni Yesuus isa jaallatu sun isaan duukaa buʼuu arge. Barataan kunis isa yeroo irbaataatti qoma Yesuusiitti irkatee, “Yaa Gooftaa, inni dabarsee si kennu eenyu?” jedhe sanaa dha.
ויפן פטרוס וירא את התלמיד אשר ישוע אהבו הלך אחריהם הוא הנפל על לבו בעת הסעודה וגם שאל אדני מי הוא זה אשר ימסרך׃
21 Phexrosis yommuu isa argetti, “Yaa Gooftaa, namichi kun hoo?” jedhee Yesuusin gaafate.
ויהי בראות אתו פטרוס ויאמר אל ישוע אדני וזה מה הוא׃
22 Yesuusis deebisee, “Hamma ani dhufutti akka inni jiraatu yoo fedhii koo taʼe, maaltu si dhibe? Ati na duukaa buʼi” jedheen.
ויאמר אליו ישוע אם חפצי כי ישאר עד באי מה לך ולזאת אתה לך אחרי׃
23 Kanaaf oduun, “Barataan kun hin duʼu” jedhu obboloota gidduutti odeeffame. Yesuus garuu, “Hamma ani dhufutti akka inni jiraatu yoo fedhii koo taʼe maaltu si dhibe?” jedhe malee, “Inni hin duʼu” hin jenne.
על כן יצא הדבר הזה בין האחים כי התלמיד ההוא לא ימות וישוע לא אמר לו כי לא ימות אך אמר אם חפצי כי ישאר עד באי מה זה לך׃
24 Inni dubbii kana dhugaa baʼu, kan waan kanas barreesse barataadhuma kana. Akka dhuga baʼumsi isaa dhugaa taʼes nu beekna.
זה הוא התלמיד המעיד על אלה ואשר כתב כל זאת וידענו כי עדותו נאמנה׃
25 Kana malees Yesuus waan biraa baayʼee hojjeteera. Utuu tokkoon tokkoon isaanii barreeffamanii jiraatanii silaa ani waan addunyaan mataan ishee iyyuu kitaabota barreeffaman sanaaf iddoo gaʼu qabdu hin seʼu.
ויש עוד מעשים רבים אחרים אשר עשה ישוע ואם יכתבו כלם לאחד אחד אחשבה כי גם העולם כלו לא יכיל את הספרים אשר יכתבו אמן׃

< Yohannis 21 >