< Yohannis 2 >
1 Guyyaa sadaffaatti Qaanaa Galiilaa keessa cidha gaaʼelaatu ture. Haati Yesuusiis achi turte;
Trois jours après, il se fit des noces à Cana en Galilée, et la mère de Jésus y était.
2 Yesuusii fi barattoonni isaa gara cidha sanaatti waamamanii turan.
Jésus fut aussi convié aux noces avec ses disciples.
3 Yommuu Daadhiin wayinii dhumetti haati Yesuus, “Jarri daadhii wayinii hin qaban” isaan jette.
Le vin ayant manqué, la mère de Jésus lui dit: «Ils n'ont point de vin.»
4 Yesuus immoo deebisee, “Dubartii nana! Maal godhi naan jetta? Yeroon koo amma illee hin geenye” jedheen.
Jésus lui dit: «Femme, qu'y a-t-il entre toi et moi? Mon heure n'est pas encore venue.»
5 Haati isaas tajaajiltootaan, “Waanuma inni isinitti himu hunda godhaa” jette.
Sa mère dit aux serviteurs: «Faites ce qu'il vous dira.»
6 Gaaniiwwan dhagaa jaʼa sirna qulqulleessuu Yihuudootaatiif achi dhaabamanii turan; tokkoon tokkoon isaaniis gara liitiroo 75 hamma 115 qabata ture.
Or, il y avait là six vases de pierre servant aux ablutions des Juifs, de la contenance de deux ou trois métrètes chacun.
7 Yesuus tajaajiltootaan, “Gaaniiwwanitti bishaan guutaa” jedhe; isaanis hamma afaan gaaniiwwaniitti guutan.
Jésus leur dit: «Remplissez d'eau ces vases; » et ils les remplirent jusqu'au bord.
8 Innis, “Egaa budduuqsaatii abbaa cidhaatti kennaa” jedheen. Isaanis akkasuma godhan;
«Puisez maintenant, leur dit-il, et portez-en au chef de table; » et ils en portèrent.
9 abbaan cidhaas bishaan gara daadhii wayiniitti geeddarame sana afaaniin qabee ilaale. Daadhiin wayinii sun eessaa akka dhufe tajaajiltoota bishaan waraabanitu beeka malee abbaan cidhaa sun hin beeku ture. Innis misirricha waamee
Dès que le chef de table eut goûté de cette eau changée en vin (il ne savait pas d'où venait ce vin, mais les serviteurs le savaient bien, eux qui avaient puisé l'eau), il interpella l'époux,
10 akkana jedheen; “Namni hundi daadhii wayinii isa gaarii jalqabatti dhiʼeessee, erga keessumoonni machaaʼanii booddee immoo daadhii isa laafaa dhiʼeessa; ati garuu daadhii gaarii hamma ammaatti tursite.”
et lui dit: «Tout le monde sert d'abord le bon vin, et, quand on a beaucoup bu, le moins bon; mais toi, tu as gardé le bon vin jusqu’à cette heure.»
11 Yesuus mallattoowwan isaa keessaa isa jalqabaa kana Qaanaa Galiilaa keessatti hojjete. Ulfina isaas ni mulʼise; barattoonni isaas isatti amanan.
Ce fut là le premier des miracles de Jésus, et il le fit à Cana en Galilée: il manifesta sa gloire, et ses disciples crurent en lui.
12 Kana booddees inni haadha isaa, obboloota isaatii fi barattoota isaa wajjin Qifirnaahomitti gad buʼe. Isaanis guyyoota muraasa achi turan.
Ensuite, il descendit à Capernaoum avec sa mère, ses frères et ses disciples, et ils n'y demeurèrent que peu de jours.
13 Yesuusis waan Faasiikaan Yihuudootaa dhiʼaateef Yerusaalemitti ol baʼe.
La Pâque des Juifs étant proche, Jésus monta à Jérusalem.
14 Mana qulqullummaa keessattis warra loon, hoolotaa fi gugee gurguratanii fi warra taaʼanii maallaqa geeddaran arge.
Il trouva dans le temple des marchands de boeufs, de moutons et de pigeons, ainsi que les changeurs tout établis;
15 Innis quncee irraa qaccee dhaʼatee nama hundumaa hoolotaa fi loon wajjin mana qulqullummaa keessaa ariʼe; saantima warra maallaqa geeddaraniis bittinneesse; minjaala isaaniis garagalche.
et, ayant fait un petit fouet de cordes, il les chassa tous du temple, moutons et boeufs, il jeta par terre la monnaie des changeurs, renversa leurs banques,
16 Warra gugee gurguraniinis, “Kana hunda asii baasaa! Mana Abbaa koo mana daldalaa hin godhinaa!” jedhe.
et il dit aux marchands de pigeons: «Otez cela d'ici; ne faites pas de la maison de mon Père une maison de trafic»
17 Barattoonni isaas, “Hinaaffaan mana keetii na gugguba” jedhamee akka barreeffame yaadatan.
Ses disciples se souvinrent qu'il est écrit: «Le zèle de ta maison me dévore.»
18 Yihuudoonnis deebisanii, “Kana hunda hojjechuuf akka taayitaa qabdu mirkaneessuuf mallattoo maalii nutti argisiisuu dandeessa?” jedhanii isa gaafatan.
Les Juifs prenant la parole, lui dirent: «Par quel miracle nous prouves-tu que tu as le droit d'agir de la sorte?»
19 Yesuus, “Mana qulqullummaa kana jigsaa; ani immoo guyyaa sadiitti olin dhaabaa” jedhee deebiseef.
Jésus leur répondit: «Détruisez ce temple, et, en trois jours, je le relèverai.»
20 Yihuudoonnis deebisanii, “Mana qulqullummaa kana ijaaruun waggaa afurtamii jaʼa fudhate; ati immoo guyyaa sadii keessatti ol dhaabdaa?” jedhaniin.
Les Juifs repartirent: «On a mis quarante-six ans à bâtir ce temple, et toi, en trois jours, tu le relèveras!»
21 Manni qulqullummaa kan inni waaʼee isaa dubbate sun garuu dhagna isaa ti.
Mais lui parlait du temple de son corps.
22 Erga inni duʼaa kaʼee booddee barattoonni isaa waan inni dubbatee ture sana yaadatan. Isaanis Katabbii Qulqulluu fi dubbii Yesuus dubbate amanan.
Quand donc il fut ressuscité des morts, ses disciples se souvinrent qu'il avait dit cela, et ils ajoutèrent foi à l'Écriture, et à la parole que Jésus avait prononcée.
23 Yeroo inni Ayyaana Faasiikaatiif jedhee Yerusaalem turetti namoonni baayʼeen mallattoo inni hojjete arganii maqaa isaatti amanan.
Pendant qu'il était à Jérusalem, à la fête de Pâque, plusieurs crurent en son nom, en voyant les miracles qu'il faisait;
24 Yesuus garuu waan nama hunda beekuuf, amanee isaanitti of hin dhiifne.
mais Jésus ne se fiait point à eux, parce qu'il les connaissait tous,
25 Akka namni tokko iyyuu waaʼee namaa isaaf dhugaa baʼu isa hin barbaachifne; inni waan nama keessa jiru beeka tureetii.
et qu'il n'avait pas besoin qu'on lui rendît témoignage d'aucun homme: il connaissait lui-même ce qu'il y a dans l'homme.