< Yohannis 19 >
1 Phiilaaxoosis Yesuusin fuudhee garafsiise.
So then Pilate took Jesus and had Him flogged.
2 Loltoonnis gonfoo qoraattii micciiranii dhaʼanii mataa isaa irra kaaʼan. Isaanis uffata dhiilgee isatti uffisanii,
And the soldiers twisted a crown out of [poisonous] thorns and put it on His head; they also threw a purple robe around Him
3 “Akkam ree, yaa Mootii Yihuudootaa!” jechaa gara isaatti deddeebiʼaa turan. Isas ni kabalan.
and started saying, “Hail, O King of the Jews!” And they slapped Him repeatedly.
4 Phiilaaxoos amma illee gad baʼee Yihuudootaan, “Akka ani balleessaa tokko illee isa irratti hin argatin akka beektaniif kunoo ani isa gad isiniifin baasa” jedhe.
Pilate then went out again and says to them, “Look, I am bringing him out to you so that you may know that I find no crime in him at all.”
5 Yesuusis gonfoo qoraattii kaaʼatee, wayyaa dhiilgees uffatee gad baʼe; Phiilaaxoosis, “Namichi kunoo ti!” isaaniin jedhe.
Then Jesus came out wearing the crown of thorns and the purple robe; and Pilate says to them, “Look at the man!”
6 Luboonni hangafoonnii fi qondaaltonni isaanii yommuu isa arganitti, “Fannisi! Fannisi!” jedhanii iyyan. Phiilaaxoos immoo deebisee, “Isin ofuma keessanii fuudhaatii isa fannisaa malee ani balleessaa tokko iyyuu isa irratti hin arganne” jedheen.
Well when the chief priests and the operatives saw Him they shouted, saying, “Crucify! Crucify him!” Pilate says to them, “You take and crucify him, because I find no crime in him.”
7 Yihuudoonnis deebisanii, “Nu seera qabna; namichi kun waan Ilma Waaqaa of godheef akka seera keenyaatti duʼuu qaba” jedhan.
The Jews answered him, “We have a law, and according to our law he ought to die, because he made himself ‘Son of God’!”
8 Phiilaaxoosis yommuu dubbii kana dhagaʼetti ittuma caalchisee sodaate.
Hey, when Pilate heard this statement he was more afraid than ever!
9 Innis masaraatti ol deebiʼee, “Ati nama eessaati?” jedhee Yesuusin gaafate. Yesuus garuu deebii tokko iyyuu hin kennineef.
So back into the Praetorium he went and says to Jesus, “Where are you from?” But Jesus did not answer him.
10 Phiilaaxoosis, “Ati na jalaa dubbachuu diddaa? Akka ani gad si dhiisuuf taayitaa qabuu fi akka ani si fannisuuf taayitaa qabu ati hin beektuu?” jedheen.
So Pilate says to Him: “Are you not speaking to me? Don't you know that I have authority to crucify you and authority to release you?”
11 Yesuus immoo, “Ati utuu olii siif kennamuu baatee silaa taayitaa tokko illee narratti hin qabdu ture. Kanaaf inni dabarsee sitti na kenne sun cubbuu cubbuu caalu qaba” jedhee deebiseef.
Jesus answered: “You would have no authority over me at all if it had not been given to you from Above. Therefore the one who handed me over to you has the greater sin.”
12 Phiilaaxoosis yeroo sanaa jalqabee Yesuusin gad dhiisuu barbaada ture; Yihuudoonni garuu, “Ati yoo namicha kana gad dhiifte michuu Qeesaar miti. Namni mootii of godhu kam iyyuu Qeesaariin morma” jedhanii iyyan.
From that moment Pilate really tried to release Him; but the Jews kept shouting, saying: “If you release this fellow you are no friend of Caesar's! Whoever makes himself a king is opposing Caesar!”
13 Phiilaaxoosis yommuu dubbii kana dhagaʼetti Yesuusin gad baasee, iddoo “Dhagaa Afamaa” kan afaan Ibraayisxiitiin “Gabataa” jedhamutti barcuma murtii irra taaʼe.
Well, upon hearing this statement Pilate led Jesus outside and sat down on the judgment seat, in a place called ‘Stone Pavement’, while in Hebrew ‘Gabatha’
14 Guyyaan sunis guyyaa Qophii Faasiikaa ture; yeroon isaas gara saʼaatii jaʼaa ture. Phiilaaxoosis Yihuudootaan, “Mootiin keessan kunoo ti!” jedhe.
(now it was the day of preparation for the Passover; the hour was about six a.m.), and he says to the Jews, “Look at your king!”
15 Isaan garuu, “Isa balleessi! Isa balleessi! Isa fannisi!” jedhanii iyyan. Phiilaaxoos immoo, “Mootii keessan fannisu moo?” jedhee gaafate. Luboonni hangafoonnis, “Nu Qeesaar malee mootii biraa hin qabnu” jedhanii deebisaniif.
But they shouted, “Out! Out! Crucify him!” Pilate says to them, “Shall I crucify your king?” The chief priests answered, “We have no king but Caesar!”
16 Kanaaf Phiilaaxoos akka inni fannifamuuf dabarsee isaanitti kenne. Isaanis Yesuusin fuudhanii deeman.
So then he handed Him over to them to be crucified. So they took Jesus and lead Him away.
17 Innis fannoo ofii isaa baadhatee iddoo Buqqee Mataa kan afaan Ibraayisxiitiin Golgootaa jedhamutti ol baʼe.
And carrying His cross He went out to the place called ‘Skull’, which in Hebrew is called ‘Golgotha’;
18 Isaanis achitti isa fannisan; isa wajjinis namoota biraa lama, isa tokko garanaan, kaan immoo garasiin, Yesuusin immoo gidduu isaaniitti fannisan.
there they crucified Him, and two others with Him, one on either side, with Jesus in the middle.
19 Phiilaaxoosis Katabbii, Yesuus Isa Naazreeti, Mooticha Yihuudootaa, jedhu tokko barreessee fannoo sanatti maxxanse.
Now Pilate had also written a notice, and put it on the cross; and the inscription was: JESUS THE NATSOREAN THE KING OF THE JEWS.
20 Iddoon Yesuus itti fannifame waan magaalaatti dhiʼoo tureef Yihuudoonni hedduun katabbii sana dubbisaniiru; katabbiin sunis afaan Ibraayisxiitiin, Laatiinii fi Giriikiin barreeffame.
So many of the Jews read this notice, because the place where Jesus was crucified was near the city; further, it was written in Hebrew, Greek and Latin!
21 Luboonni Yihuudootaa hangafoonni Phiilaaxoosiin, “Namichi kun, ‘“Ani mootii Yihuudootaa ti” jedheera’ jedhii barreessi malee, ‘Inni Mootii Yihuudootaa ti’ jettee hin barreessin” jedhan.
So the chief priests of the Jews said to Pilate, “Don't write, ‘The king of the Jews’, but that the fellow said, ‘I am the king of the Jews.’”
22 Phiilaaxoosis, “Ani waanan barreesse, barreesseera” jedhee deebise.
Pilate answered, “What I have written, I have written!”
23 Loltoonni sunis erga Yesuusin fannisanii booddee kittaa isaa hambisanii wayyaa isaa fuudhanii akka tokko tokko isaan gaʼuuf iddoo afuritti hiratan. Kittaan sun hin hodhamne; olii hamma gadiittis dhaʼaa tokko ture.
Now when the soldiers had crucified Jesus they took His clothes and made four parts, a part for each soldier. They also took His tunic, but the tunic was seamless, woven in one piece from the top.
24 Kanaafuu isaan, “Kottaa hin tarsaasnuu; garuu ixaa buufannee akka inni kan eenyuu taʼu ilaallaa” waliin jedhan. Kunis akka Katabbiin Qulqulluun, “Isaan wayyaa koo hiratan; uffata koottis ixaa buufatan” jedhu sun raawwatamuuf taʼe. Wanni loltoonni godhanis kanuma.
So they said among themselves, “Let's not rip it, but toss for it, to see whose it will be,” so that the Scripture might be fulfilled which says: “They divided my clothes among themselves, and for my clothing they cast a lot.” That is why the soldiers did these things.
25 Fannoo Yesuus biras haati isaa, obboleettiin haadha isaa, Maariyaam niitiin Qilophaatii fi Maariyaam isheen Magdalaa dhaabatanii turan.
Now Jesus' mother and her sister, Mary of Clopas, and Mary Magdalene were standing by His cross.
26 Yesuusis yommuu haadha isaatii fi barataa inni jaallatu sana utuu inni ishee cina dhaabatuu argetti haadha isaatiin, “Dubartii nana! Kunoo, ilma kee” jedhe.
So Jesus, seeing His mother, and the disciple whom He loved standing by, He says to His mother, “Woman, there is your son!”
27 Barataa sanaan illee, “Kunoo haadha kee” jedhe; barataan sunis saʼaatii sanaa jalqabee gara mana isaatti ishee fudhate.
Then He says to the disciple, “There is your mother!” And from that hour the disciple took her into his home.
28 Ergasii Yesuus akka wanni hundinuu raawwatame beekee akka Katabbiin Qulqulluun raawwatamuuf, “Nan dheebodhe” jedhe.
After this, knowing that everything was now accomplished so that the Scripture might be fulfilled, Jesus says, “I'm thirsty!”
29 Qodaan dhangaggaaʼaa qabu tokko achi ture; isaanis dhangaggaaʼaa sana keessa ispoonjii cuuphanii hiisophiitti kaaʼanii afaan isaatti qaban.
Now a vessel full of sour wine was sitting there; so they filled a sponge with sour wine, placed it on a hyssop, and put it to His mouth.
30 Yesuusis dhangaggaaʼaa sana fudhatee, “Raawwateera” jedhe. Mataa buusees hafuura isaa kenne.
Then, when He had received the sour wine, Jesus said, “Paid in full!” And bowing His head He dismissed His spirit.
31 Guyyaan sun guyyaa Qophii ture; guyyaan itti aanus Sanbataa addaa ture. Kanaafuu akka reeffi isaanii Sanbataan fannoo irra hin oolle gochuuf jedhanii akka miilli isaanii cabsamee fannoo irraa gad buufamuuf Yihuudoonni Phiilaaxoosin kadhatan.
Now then, because it was Preparation Day, so that the bodies should not remain on the cross on the Sabbath (for that Sabbath was a high day), the Jews requested Pilate that their legs might be broken and they be removed.
32 Kanaafuu loltoonni dhaqanii miilla namicha jalqabaa, miilla namicha Yesuus wajjin fannifame kaaniis cabsan.
Then the soldiers came and broke the legs of the first man and of the other one who had been crucified with Him.
33 Yommuu gara Yesuus dhufanitti garuu inni duʼe waan arganiif miilla isaa hin cabsine.
But upon coming to Jesus, they did not break His legs, since they saw that He had already died.
34 Loltoota sana keessaa inni tokko garuu eeboodhaan cinaacha isaa waraane; yeruma sana dhiignii fi bishaan baʼe.
But one of the soldiers pierced His side with a spear, and immediately blood and water came out.
35 Namni waan kana arge rageesseera; ragaan isaas dhugaa dha. Inni akka dhugaa dubbatu ni beeka; inni akka isinis amantaniif dubbata.
And the one who saw has testified, and his testimony is true (yes, he knows he is telling the truth), so that you may believe.
36 Kunis wanni Katabbiin Qulqulluun, “Lafeen isaa tokko iyyuu hin cabsamu” jedhe sun akka raawwatamuuf taʼe.
Because these things happened so that the Scripture should be fulfilled: “Not a bone of His will be broken.”
37 Ammas Katabbiin Qulqulluun biraa, “Isaanis isa waraanan sana ni ilaalu” jedha.
And again another Scripture says: “They will look on Him whom they pierced.”
38 Ergasii Yoosef namni Armaatiyaa kan sababii Yihuudoota sodaateef dhoksaan barataa Yesuus ture sun reeffa Yesuus fudhachuuf Phiilaaxoosin kadhate. Phiilaaxoosis isaaf eeyyame; kanaafuu inni dhaqee reeffa Yesuus fudhate.
After these things Joseph, the one from Arimathea (being a disciple of Jesus, but secretly for fear of the Jews), requested Pilate that he might remove the body of Jesus; and Pilate gave permission. So he came and removed Jesus' body.
39 Niqoodemoos inni duraan halkaniin gara Yesuus dhufee tures walmakaa qumbiitii fi argeessa gara kiiloo giraamii soddomii afur ulfaatu qabatee dhufe.
Now Nicodemus also came (the one who at first came to Jesus by night), bringing a mixture of myrrh and aloes, about a hundred pounds.
40 Isaanis reeffa Yesuus fuudhanii akka duudhaa Yihuudootaatti awwaaluuf urgooftuu wajjin huccuu quncee talbaa irraa hojjetameen kafanan.
Then they took Jesus' body and wrapped it in linen strips, with the aromatic spices, according to the burial custom of the Jews.
41 Iddoo Yesuus itti fannifames lafa biqiltuu tokkotu ture; lafa biqiltuu sana keessas iddoo awwaalaa haaraa kan namni tokko iyyuu duraan itti hin awwaalamin tokkotu ture.
Now at the place where He was crucified there was a garden, and in the garden a new tomb in which no one had yet been buried.
42 Sababii guyyaan sun guyyaa Qophii Yihuudootaa turee fi iddoon awwaalaa sunis waan dhiʼoo tureef Yesuusin achi keessa kaaʼan.
So that is where they put Jesus, because of the Jews' Preparation Day, since the tomb was nearby.