< Yohannis 18 >
1 Yesuus wantoota kanneen dubbatee barattoota isaa wajjin Sulula Qeediroon gama iddoo biqiltuun ture tokkotti ceʼe; innis, barattoonni isaas achi keessa seenan.
When Jesus had spoken these words, he went forth with his disciples over the brook Cedron, where was a garden, into the which he entered, and his disciples.
2 Yesuus yeroo baayʼee barattoota isaa wajjin achitti wal argaa waan tureef, Yihuudaan inni Yesuusin dabarsee kennu sunis iddoo sana beeka ture.
And Judas also, which betrayed him, knew the place: for Jesus ofttimes resorted thither with his disciples.
3 Kanaafuu Yihuudaan tuuta loltootaatii fi qondaaltota luboota hangafootaa fi Fariisota biraa ergaman dura deemaa achi dhufe. Isaanis guca, ibsaa fi miʼa lolaa qabatanii turan.
Judas then, having received a band [of men] and officers from the chief priests and Pharisees, cometh thither with lanterns and torches and weapons.
4 Yesuusis waan isa irra gaʼuuf jiru hunda beeknaan gad baʼee, “Isin eenyun barbaaddu?” jedhee isaan gaafate.
Jesus therefore, knowing all things that should come upon him, went forth, and said unto them, Whom seek ye?
5 Isaanis deebisanii, “Yesuus isa Naazreeti” jedhan. Yesuus immoo, “Ani isaa dha” jedhe. Yihuudaan inni dabarsee isa kennu sunis jara wajjin achi dhaabachaa ture.
They answered him, Jesus of Nazareth. Jesus saith unto them, I am [he]. And Judas also, which betrayed him, stood with them.
6 Yommuu Yesuus, “Ani isaa dha” isaaniin jedhetti dugda duubatti deebiʼanii lafatti kukkufan.
As soon then as he had said unto them, I am [he], they went backward, and fell to the ground.
7 Inni ammas, “Isin eenyun barbaaddu?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Yesuus isa Naazreeti” jedhan.
Then asked he them again, Whom seek ye? And they said, Jesus of Nazareth.
8 Yesuusis deebisee, “Ani, ‘Ani isaa dha’ isiniin jedheera. Kanaafuu, isin yoo na barbaaddan namoota kanneen dhiisaa haa deemanii!” jedhe.
Jesus answered, I have told you that I am [he]: if therefore ye seek me, let these go their way:
9 Kunis akka dubbiin inni, “Ani warra ati naa kennite keessaa tokko illee hin ganne” jedhee dubbate sun raawwatamuuf taʼe.
That the saying might be fulfilled, which he spake, Of them which thou gavest me have I lost none.
10 Simoon Phexros goraadee qabu luqqifatee garbicha luba ol aanaa dhaʼee gurra isaa mirgaa irraa kute. Maqaan garbicha sanaas Maalkoosii dha.
Then Simon Peter having a sword drew it, and smote the high priest’s servant, and cut off his right ear. The servant’s name was Malchus.
11 Yesuusis Phexrosiin, “Goraadee kee manʼee isaatti deebisi! Ani xoofoo Abbaan naa kenne hin dhuguu?” jedhe.
Then said Jesus unto Peter, Put up thy sword into the sheath: the cup which my Father hath given me, shall I not drink it?
12 Tuunni loltootaa, ajajaan isaaniitii fi eegdonni Yihuudootaas Yesuusin qabanii hidhan.
Then the band and the captain and officers of the Jews took Jesus, and bound him,
13 Isaanis duraan dursanii Haannaasitti isa geessan; Haannaas abbaa niitii Qayyaaffaa ti; Qayyaaffaan immoo bara sana luba ol aanaa ture.
And led him away to Annas first; for he was father in law to Caiaphas, which was the high priest that same year.
14 Qayyaaffaan isa akka namni tokko uummataaf duʼuun wayyu Yihuudoota gorsee turee dha.
Now Caiaphas was he, which gave counsel to the Jews, that it was expedient that one man should die for the people.
15 Simoon Phexrosii fi barataan biraa Yesuus faana buʼan. Barataan sunis waan luba ol aanaa biratti beekamaa tureef, Yesuus wajjin dallaa luba ol aanaa keessa seene;
And Simon Peter followed Jesus, and [so did] another disciple: that disciple was known unto the high priest, and went in with Jesus into the palace of the high priest.
16 Phexros garuu balbala dura ala dhaabachaa ture. Barataan luba ol aanaa biratti beekamaa ture kaan gad baʼee intala balbala eegdutti himee Phexrosin ol seensise.
But Peter stood at the door without. Then went out that other disciple, which was known unto the high priest, and spake unto her that kept the door, and brought in Peter.
17 Intalli balbala eegdu sunis Phexrosiin, “Atis barattoota namicha kanaa keessaa tokko mitii?” jette. Inni immoo deebisee, “Ana miti” jedhe.
Then saith the damsel that kept the door unto Peter, Art not thou also [one] of this man’s disciples? He saith, I am not.
18 Yeroon isaa waan dhaamocha tureef garboonnii fi eegdonni ibidda qabsiifatanii dhadhaabatanii qaqqaammachaa turan. Phexrosis isaan wajjin dhaabatee qaqqaammachaa ture.
And the servants and officers stood there, who had made a fire of coals; for it was cold: and they warmed themselves: and Peter stood with them, and warmed himself.
19 Yommus lubni ol aanaan Yesuusin waaʼee barattoota isaatii fi waaʼee barsiisa isaa gaafate.
The high priest then asked Jesus of his disciples, and of his doctrine.
20 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Ani ifaan ifatti addunyaatti dubbadheera; iddoo Yihuudoonni hundi itti walitti qabamanitti, manneen sagadaattii fi mana qulqullummaa keessattis ani yeroo hunda barsiisaan ture. Ani waan tokko illee icciitiidhaan hin dubbanne.
Jesus answered him, I spake openly to the world; I ever taught in the synagogue, and in the temple, whither the Jews always resort; and in secret have I said nothing.
21 Ati maaliif na gaafatta? Warra waan ani isaaniin jedhe dhagaʼan gaafadhu. Kunoo isaan waan ani jedhe beeku.”
Why askest thou me? ask them which heard me, what I have said unto them: behold, they know what I said.
22 Yommuu Yesuus wantoota kanneen jedhetti qondaaltota achi ijaajjaa turan keessaa tokko, “Luba ol aanaaf akkana deebiftaa?” jedhee isa kabale.
And when he had thus spoken, one of the officers which stood by struck Jesus with the palm of his hand, saying, Answerest thou the high priest so?
23 Yesuusis deebisee, “Yoo ani waan hamaa dubbadhee jiraadhe, waan hamaa sana dhugaa baʼi. Yoo ani waan qajeelaa dubbadhee jiraadhe garuu ati maaliif na rukutta?” jedhe.
Jesus answered him, If I have spoken evil, bear witness of the evil: but if well, why smitest thou me?
24 Haannaasis Yesuusin akkuma inni hidhamee jirutti gara lubicha ol aanaa, gara Qayyaaffaatti erge.
Now Annas had sent him bound unto Caiaphas the high priest.
25 Simoon Phexros dhaabatee ibidda qaqqaammachaa ture. Kanaafuu isaan, “Atis barattoota isaa keessaa tokko mitii?” jedhaniin. Inni immoo, “Ana mitii” jedhee haale.
And Simon Peter stood and warmed himself. They said therefore unto him, Art not thou also [one] of his disciples? He denied [it], and said, I am not.
26 Garboota luba ol aanaa keessaas firri namicha Phexros gurra isaa irraa kute sanaa tokko, “Ani iddoo biqiltuutti isa wajjin si hin arginee?” jedheen.
One of the servants of the high priest, being [his] kinsman whose ear Peter cut off, saith, Did not I see thee in the garden with him?
27 Phexros ammas ni gane; yommusuma indaanqoon iyye.
Peter then denied again: and immediately the cock crew.
28 Yihuudoonnis Yesuusin mana Qayyaaffaatii fuudhanii masaraa bulchaa warra Roomaatti geessan. Yeroon sun ganama barii ture; Yihuudoonnis akka hin xuroofneef jedhanii masaraa ol hin seenne; kunis akka Faasiikaa nyaachuu dandaʼaniif.
Then led they Jesus from Caiaphas unto the hall of judgment: and it was early; and they themselves went not into the judgment hall, lest they should be defiled; but that they might eat the passover.
29 Kanaafuu Phiilaaxoos gara isaaniitti gad baʼee, “Himanni isin namicha kana irratti dhiʼeessitan maali?” jedhee gaafate.
Pilate then went out unto them, and said, What accusation bring ye against this man?
30 Isaanis, “Utuu namichi kun yakka hojjechuu baatee nu silaa isa dabarsinee sitti hin kenninu ture” jedhanii deebisaniif.
They answered and said unto him, If he were not a malefactor, we would not have delivered him up unto thee.
31 Phiilaaxoosis, “Isin ofuma keessanii isa fuudhaatii akka seera keessaniitti itti muraa” jedheen. Yihuudoonnis, “Nu garuu nama tokko illee ajjeesuuf mirga hin qabnu” jedhaniin.
Then said Pilate unto them, Take ye him, and judge him according to your law. The Jews therefore said unto him, It is not lawful for us to put any man to death:
32 Kunis wanni Yesuus akka duʼa akkamiitiin duʼuuf jiru argisiisuuf jedhee dubbate sun akka raawwatamuuf taʼe.
That the saying of Jesus might be fulfilled, which he spake, signifying what death he should die.
33 Phiilaaxoos ammas masaraa mootummaa seene; Yesuusinis ofitti waamee, “Ati mootii Yihuudootaatii?” jedhee isa gaafate.
Then Pilate entered into the judgment hall again, and called Jesus, and said unto him, Art thou the King of the Jews?
34 Yesuusis, “Waan kana sumatu jedhe moo namoota biraatu waaʼee koo sitti hime?” jedhee gaafate.
Jesus answered him, Sayest thou this thing of thyself, or did others tell it thee of me?
35 Phiilaaxoosis deebisee, “Anatu Yihuudiidhaa ree? Kan dabarsee natti si kenne sabuma keetii fi luboota hangafoota. Garuu ati maali gooteeti?” jedheen.
Pilate answered, Am I a Jew? Thine own nation and the chief priests have delivered thee unto me: what hast thou done?
36 Yesuusis, “Mootummaan koo kan addunyaa kanaati miti. Utuu kan addunyaa kanaa taʼee silaa akka ani dabarfamee Yihuudootatti hin kennamneef tajaajiltoonni koo naa lolu turan. Amma garuu mootummaan koo kan addunyaa kanaa miti” jedhe.
Jesus answered, My kingdom is not of this world: if my kingdom were of this world, then would my servants fight, that I should not be delivered to the Jews: but now is my kingdom not from hence.
37 Phiilaaxoosis, “Yoos ati mootii dha kaa!” jedheen. Yesuus immoo, “Akka ani mootii taʼe atuu jette. Dhugumaan wanni ani dhaladhee gara addunyaa dhufeefis dhugaadhaaf dhugaa baʼuuf. Namni dhugaaf dhaabatu hundinuu sagalee koo dhagaʼa” jedhee deebise.
Pilate therefore said unto him, Art thou a king then? Jesus answered, Thou sayest that I am a king. To this end was I born, and for this cause came I into the world, that I should bear witness unto the truth. Every one that is of the truth heareth my voice.
38 Phiilaaxoosis, “Dhugaan maal inni?” jedheen. Innis erga waan kana dubbatee booddee amma illee Yihuudootatti gad baʼee akkana jedheen; “Ani balleessaa tokko illee isa irratti hin arganne.
Pilate saith unto him, What is truth? And when he had said this, he went out again unto the Jews, and saith unto them, I find in him no fault [at all].
39 Garuu isin akka ani yeroo Faasiikaatti nama tokko gad isinii dhiisu bartee godhattaniirtu. Kanaafuu akka ani, ‘Mootii Yihuudootaa’ gad isiniif dhiisu barbaadduu?”
But ye have a custom, that I should release unto you one at the passover: will ye therefore that I release unto you the King of the Jews?
40 Isaan amma illee iyyanii, “Lakki, Barabbaas malee isa miti!” jedhan. Barbaas kun saamtuu ture.
Then cried they all again, saying, Not this man, but Barabbas. Now Barabbas was a robber.