< Yohannis 17 >

1 Yesuus wantoota kanneen dubbatee gara samii ol ilaalee akkana jedhe: “Yaa Abbaa, saʼaatiin sun gaʼeera. Akka Ilmi kees ulfina siif kennuuf, ati Ilma keetiif ulfina kenni.
These things Jesus spoke, and lifting up his eyes to heaven, he said: Father, the hour is come, glorify thy Son, that thy Son may glorify thee.
2 Akka inni warra ati isaaf kennite hundaaf jireenya bara baraa kennuuf, nama hunda irratti taayitaa isaaf kenniteertaatii. (aiōnios g166)
As thou hast given him power over all flesh, that he may give eternal life to all whom thou hast given him. (aiōnios g166)
3 Jireenyi bara baraas kana: innis akka isaan siʼi Waaqa dhugaa tokkichaa fi Yesuus Kiristoos isa ati ergite sana beekaniif. (aiōnios g166)
Now this is eternal life: That they may know thee, the only true God, and Jesus Christ, whom thou hast sent. (aiōnios g166)
4 Ani hojii ati akka ani hojjedhuuf natti kennite sana raawwachuudhaan lafa irratti ulfina siif kenneera.
I have glorified thee on the earth; I have finished the work which thou gavest me to do.
5 Yaa Abbaa, amma immoo ati ulfina ani utuu addunyaan hin uumaminiin dura si biratti qabaadhe sanaan of biratti na ulfeessi.
And now glorify thou me, O Father, with thyself, with the glory which I had, before the world was, with thee.
6 “Ani namoota ati addunyaa keessaa naa kennitetti maqaa kee beeksiseera. Isaan kan kee turan; ati isaan naa kennite; isaanis dubbii kee eeganiiru.
I have manifested thy name to the men whom thou hast given me out of the world. Thine they were, and to me thou gavest them; and they have kept thy word.
7 Isaan akka wanni ati anaaf kennite hundumtuu si biraa dhufe amma beekaniiru.
Now they have known, that all things which thou hast given me, are from thee:
8 Ani dubbii ati anaaf kennite isaaniif kenneeraatii; isaanis fudhataniiru. Akka ani si biraa baʼes dhugumaan beekaniiru; akka ati na ergites amananiiru.
Because the words which thou gavest me, I have given to them; and they have received them, and have known in very deed that I came out from thee, and they have believed that thou didst send me.
9 Ani isaaniif nan kadhadha. Warri ati naa kennite waan kan kee taʼaniif isaaniifin kadhadha malee addunyaaf hin kadhadhu.
I pray for them: I pray not for the world, but for them whom thou hast given me: because they are thine:
10 Wanni ani qabu hundinuu kan kee ti; wanni ati qabdu hundinuus kan koo ti. Anis kanaan ulfina nan argadha.
And all my things are thine, and thine are mine; and I am glorified in them.
11 Ani siʼachi addunyaa keessa hin turu; isaan garuu amma iyyuu addunyaa keessa jiru; ani gara kee nan dhufa. Yaa Abbaa Qulqulluu, akkuma nu tokko taane sana isaanis tokko akka taʼaniif maqaa kee kan naa kennite sanaan isaan eegi.
And now I am not in the world, and these are in the world, and I come to thee. Holy Father, keep them in thy name whom thou has given me; that they may be one, as we also are.
12 Ani yeroo isaan wajjin turetti, maqaa kee kan ati naa kennite sanaan isaan nan eege; isaan eegeeras. Akka Katabbiin Qulqulluun raawwatamuufis ilma badii sana malee isaan keessaa namni tokko iyyuu hin badne.
While I was with them, I kept them in thy name. Those whom thou gavest me have I kept; and none of them is lost, but the son of perdition, that the scripture may be fulfilled.
13 “Amma garuu ani gara kee nan dhufa; gammachuun koos akka isaan keessatti guutuu taʼuuf, ani amma iyyuu utuman addunyaa keessa jiruu wantoota kanneen nan dubbadha.
And now I come to thee; and these things I speak in the world, that they may have my joy filled in themselves.
14 Ani dubbii kee isaaniif kenneera; akkuma ani kan addunyaa hin taʼin, isaanis waan kan addunyaa hin taʼiniif, addunyaan isaan jibbeera.
I have given them thy word, and the world hath hated them, because they are not of the world; as I also am not of the world.
15 Ani akka ati isa hamaa sana isaan irraa eegduuf malee akka ati addunyaa keessaa isaan baaftuuf si hin kadhadhu.
I pray not that thou shouldst take them out of the world, but that thou shouldst keep them from evil.
16 Akkuma ani kan addunyaa hin taʼin isaanis akkasuma kan addunyaa miti.
They are not of the world, as I also am not of the world.
17 Dhugaadhaan isaan qulqulleessi; dubbiin kee dhugaa dha.
Sanctify them in truth. Thy word is truth.
18 Akkuma ati gara addunyaatti na ergite sana anis gara addunyaatti isaan ergeera.
As thou hast sent me into the world, I also have sent them into the world.
19 Akka isaanis dhugumaan qulqullaaʼaniif, ani isaaniif jedhee of nan qulqulleessa.
And for them do I sanctify myself, that they also may be sanctified in truth.
20 “Ani warra dubbii isaaniitiin natti amananiifis malee isaan kana qofaaf hin kadhadhu;
And not for them only do I pray, but for them also who through their word shall believe in me;
21 kunis yaa Abbaa, akkuma ati na keessa jirtu, anis si keessa jiru sana, akka hundi isaanii tokko taʼaniif. Akka ati na ergite addunyaan akka amanuuf isaanis nu keessa haa jiraatan.
That they all may be one, as thou, Father, in me, and I in thee; that they also may be one in us; that the world may believe that thou hast sent me.
22 Akkuma nu tokko taane isaanis tokko akka taʼaniif, ulfina ati naaf kennite sana anis isaaniif kenneera;
And the glory which thou hast given me, I have given to them; that they may be one, as we also are one:
23 kunis akka isaan guutummaatti tokko taʼaniif ani isaan keessa nan jiraadha; ati immoo na keessa jiraatta. Yoos akka ati na ergitee fi akkuma na jaallattetti akka isaanis jaallatte addunyaan ni beeka.
I in them, and thou in me; that they may be made perfect in one: and the world may know that thou hast sent me, and hast loved them, as thou hast also loved me.
24 “Yaa Abbaa, akka warri ati naa kennite kunneen iddoo ani jiru na wajjin jiraatanii fi akka isaan ulfina koo kan ati utuu addunyaan hin uumaminiin dura waan na jaallatteef naa kennite sana arganis nan barbaada.
Father, I will that where I am, they also whom thou hast given me may be with me; that they may see my glory which thou hast given me, because thou hast loved me before the creation of the world.
25 “Yaa Abbaa Qajeelticha, addunyaan si hin beeku; ani garuu sin beeka; isaan kunis akka ati na ergite ni beeku.
Just Father, the world hath not known thee; but I have known thee: and these have known that thou hast sent me.
26 Akkan jaalalli ati ittiin na jaallatte sun isaan keessa jiraatuuf, anis akka isaan keessa jiraadhuuf ani akka maqaan kee isaan biratti beekamu godheera; akka beekamus nan godha.”
And I have made known thy name to them, and will make it known; that the love wherewith thou hast loved me, may be in them, and I in them.

< Yohannis 17 >