< Yohannis 15 >

1 “Ani muka wayinii dhugaa ti; kan dhaabes Abbaa koo ti.
“Nine itacen inabi na hakika, Ubana kuwa shi ne manomin.
2 Inni damee koo kan ija hin naqanne hunda muree gata; damee ija naqatu immoo akka inni caalaatti naqatuuf irraa qora.
Yakan cire duk wani rashe a cikina da ba ya bada 'ya'ya, mai bada 'ya'ya kuwa ya kan gyara shi domin ya kara bada 'ya'ya.
3 Isin dubbii ani isinitti dubbadheen amma qulqulluu dha.
Kun rigaya kun tsarkaka saboda maganar da na yi muku.
4 Na keessa jiraadhaa; anis isin keessa nan jiraadhaa. Akkuma dameen yoo muka wayiniitti jiraate malee ofuma isaatiin ija naqachuu hin dandeenye, isinis yoo na keessa jiraattan malee ija naqachuu hin dandeessan.
Ku zauna ciki na, Ni kuma cikin ku. Kamar yadda reshe ba ya iya bada 'ya'ya shi kadai sai ya zauna cikin itacen, haka kuma ba za ku iya ba, sai kun zauna ciki na.
5 “Ani muka wayinii ti; isini immoo dameewwan. Namni yoo na keessa jiraate, anis yoon isa keessa jiraadhe inni ija baayʼee naqata; isin narraa gargar baatanii homaa gochuu hin dandeessaniitii.
Ni ne itacen inabi, ku ne rassan. Wanda ya zauna ciki na, ni kuma cikin sa, yana bada 'ya'ya dayawa, gama in ba tare da ni ba, ba za ku iya yin kome ba.
6 Namni na keessa hin jiraanne akka damee gad gatamee goguu ti. Dameewwan akkanaa walitti qabamanii ibiddatti naqamu; ni gubamus.
Wanda kuma bai zauna a ciki na ba, akan jefar da shi kamar reshe, ya bushe, kuma sukan tattara rassan su jefa a wuta, su kone.
7 Isin yoo na keessa jiraattan, dubbiin koos yoo isin keessa jiraate, waanuma feetan kadhadhaa; innis isiniif ni kennama.
In kun zauna a ciki na, maganata kuma ta zauna a cikin ku, sai ku roki duk abinda kuke so, za a kuwa yi maku.
8 Isin yoo ija baayʼee naqattanii fi yoo barattoota koo taatan, kanaan Abbaan koo ulfina argata.
Ta haka ake daukaka Ubana: cewa ku bada 'ya'ya dayawa, kuma cewa ku almajiraina ne.
9 “Akkuma Abbaan na jaallatetti anis akkasuma isin jaalladheera. Egaa jaalala koo keessa jiraadhaa.
Kamar yadda Ubana ya kaunace ni, haka Ni ma na kaunace ku; Ku zauna cikin kaunata.
10 Akkuma ani ajajawwan Abbaa kootii eegee jaalala isaa keessa jiraadhu, isinis yoo ajajawwan koo eegdan jaalala koo keessa ni jiraattu.
Idan kun kiyaye dokokina, za ku zauna cikin kaunata kamar yadda Na kiyaye dokokin Ubana, na kuma zauna cikin kaunarsa.
11 Akka gammachuun koo isin keessa jiraatuu fi akka gammachuun keessanis guutuu taʼuuf ani waan kana isinitti himeera.
Ina gaya maku wadannan al'amura domin farincikina ya kasance a cikin ku, kuma domin farincikinku ya zama cikakke.
12 Ajajni koo isa kana: Akkuma ani isin jaalladhetti isinis wal jaalladhaa.
“Wannan shine umarnina, cewa ku kaunaci juna kamar yadda na kaunace ku.
13 Eenyu iyyuu jaalala guddaa kan namni lubbuu isaa dabarsee michoota isaatiif kennu sana irra caalu hin qabu.
Babu wanda ke da kaunar da tafi haka, wato ya bada ransa domin abokansa.
14 Waan ani isin ajaje yoo raawwattan isin michoota koo ti.
Ku abokaina ne idan kuna yin abubuwan da na umarce ku.
15 Garbichi waan gooftaan isaa hojjetu waan hin beekneef, ani siʼachi garboota isiniin hin jedhu. Qooda kanaa ani michoota isiniin jedheera; ani waanan Abbaa koo irraa dhagaʼe hundumaa isin beeksiseeraatii.
Nan gaba ba zan kara ce da ku bayi ba, don bawa bai san abinda Ubangijinsa ke yi ba. Na kira ku abokaina, domin na sanar da ku duk abinda na ji daga wurin Ubana.
16 Isinis akka dhaqxanii ija naqattaniif, iji keessanis akka jiraatuuf anatu isin filatee isin muude malee isin na hin filanne. Kunis akka Abbaan waan isin maqaa kootiin kadhattan kam iyyuu isinii kennuuf.
Ba ku kuka zabe ni ba, amma Ni ne na zabe ku, na aike ku don ku je ku bada 'ya'ya, 'ya'yanku kuma su tabbata. Wannan ya zama domin duk abinda kuka roki Uba a cikin sunana, zai baku.
17 Ajajni koo isa kana: Wal jaalladhaa.
Na baku wannan umarni: domin ku kaunaci juna.
18 “Yoo addunyaan isin jibbe, akka inni isin dura na jibbe beekaa.
In duniya ta ki ku, ku sani cewa ta kini kafin ta ki ku.
19 Utuu isin kan addunyaa taatanii silaa addunyaan kan ofii isaa ni jaallata ture. Amma garuu waan ani addunyaa keessaa isin filadheef isin kan addunyaa miti. Kanaafuu addunyaan isin jibba.
Da ku na duniya ne, da duniya ta kaunace ku kamar nata. Amma saboda ku ba na duniya bane, na kuma zabe ku daga duniya, don haka duniya take kin ku.
20 Dubbii ani, ‘Garbichi gooftaa isaa hin caalu’jedhee isinitti hime sana yaadadhaa. Isaan erga na ariʼatanii, isinis ni ariʼatu. Yoo dubbii kootiif ajajaman, dubbii keessaniifis ni ajajamu.
Ku tuna da maganar da na yi muku, 'Bawa ba ya fi Ubangijinsa girma ba.' Idan sun tsananta mani, ku ma za su tsananta maku; Idan sun kiyaye maganata, za su kuma kiyaye maganarku.
21 Isaan waan Isa na erge sana hin beekneef, sababii maqaa kootiitiif waan kana hunda isin irratti raawwatu.
Za su yi maku duk wadannan abubuwa saboda sunana, don basu san wanda ya aiko ni ba.
22 Utuu ani dhufee isaanitti himuu baadhee silaa cubbuu isaanitti hin taʼu ture. Amma garuu cubbuu isaaniitiif sababii dhiʼeeffatan hin qaban.
Da ban zo na yi masu magana ba, da basu da zunubi, amma yanzu, basu da wata hujja don zunubinsu.
23 Namni na jibbu Abbaa koos ni jibba.
Duk wanda ya ki ni ya ki Ubana.
24 Utuu ani hojii namni biraa tokko iyyuu hin hojjetin gidduu isaaniitti hojjechuu baadhee silaa cubbuu isaanitti hin taʼu ture. Amma garuu utuma waan ani hojjedhe arganuu anas Abbaa koos jibbaniiru.
Da ban yi ayyukan da babu wanda ya taba yinsu a cikin su ba, da basu da zunubi, amma yanzu sun gani, sun kuma ki ni da Ubana duka.
25 Kunis akka dubbiin Seera isaanii keessatti, ‘Isaan akkasumaan na jibban’jedhamee barreeffame sun raawwatamuuf taʼe.
An yi wannan kuwa domin a cika maganar da ke rubuce a cikin shari'arsu, ' Sun ki ni ba dalili.'
26 “Jajjabeessaan ani Abbaa biraa isinii ergu, jechuunis Hafuurri Dhugaa inni Abbaa keessaa baʼu sun yommuu dhufutti waaʼee koo dhugaa baʼa.
Sa'adda Mai Ta'aziya- wanda zan aiko maku daga wurin Uban, wato, Ruhun gaskiya, wanda ke fita daga wurin Uban-ya zo, zai bada shaida a kai na.
27 Isinis jalqabaa kaaftanii waan na wajjin turtaniif dhugaa baatu.
Ku ma kuna bada shaida saboda kuna tare da ni tun daga farko.

< Yohannis 15 >