< Yohannis 14 >

1 “Garaan keessan hin raafamin. Waaqatti amanaa; nattis amanaa.
"Do not let your heart be troubled. Believe in God. Believe also in me.
2 Mana Abbaa koo keessa iddoo jireenyaa baayʼeetu jira; utuu akkana taʼuu baatee silaa isinittin hima ture. Ani iddoo isinii qopheessuuf achin dhaqaatii.
In my Father's house are many mansions. If it weren't so, I would have told you; for I go to prepare a place for you.
3 Anis yoon dhaqee iddoo isinii qopheesse, akka isinis iddoo ani jiru jiraattaniif deebiʼee dhufeen ofitti isin fudhadha.
And if I go and prepare a place for you, I will come again, and will receive you to myself; that where I am, you may be there also.
4 Isinis karaa iddoo ani dhaquu ni beektu.”
And you know the way where I am going."
5 Toomaasis, “Yaa Gooftaa, ati eessa akka dhaqxu nu hin beeknu; yoos akkamitti karaa sana beekuu dandeenya ree?” jedheen.
Thomas said to him, "Lord, we do not know where you are going. How can we know the way?"
6 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Karaa fi dhugaan, jireenyis anuma. Yoo anaan taʼe malee eenyu iyyuu gara Abbaa hin dhufu.
Jesus said to him, "I am the way, the truth, and the life. No one comes to the Father except through me.
7 Utuu na beektanii silaa Abbaa koos akkasuma ni beektu turtan; ammaa jalqabdaniis isa beektu; isas argitaniirtu.”
If you know me, you will know my Father also. From now on you do know him and have seen him."
8 Fiiliphoos, “Yaa Gooftaa, Abbaa nutti argisiisi; kun nu gaʼaatii” jedheen.
Philip said to him, "Lord, show us the Father, and that will be enough for us."
9 Yesuusis akkana isaan jedhe; “Yaa Fiiliphoos, ani yeroo dheeraa akkanaa isin wajjin jiraadhee, ati amma illee na hin beeknee? Namni na arge Abbaas argeera. Yoos ati akkamitti, ‘Abbaa nutti argisiisi’ jechuu dandeessa ree?
Jesus said to him, "Have I been with you all this time, and still you do not know me, Philip? He who has seen me has seen the Father. How can you say, 'Show us the Father?'
10 Akka ani Abbaa keessa jiru, Abbaanis akka na keessa jiru ati hin amantuu? Ani dubbii isinitti dubbadhu kana ofuma kootiin hin dubbadhu. Garuu Abbaa isa na keessa jiraatutu hojii isaa hojjeta.
Do you not believe that I am in the Father, and the Father is in me? The words that I say to you I do not speak from myself; but the Father who lives in me does his works.
11 Akka ani Abbaa keessa jiru, Abbaanis akka na keessa jiru na amanaa; yookaan sababii hojii sanaatiif na amanaa.
Believe me that I am in the Father, and the Father is in me; or else believe because of the works themselves.
12 Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni natti amanu hojii ani hojjedhu ni hojjeta. Ani waanan gara Abbaa dhaquuf inni waan kana caalu iyyuu ni hojjeta.
Truly, truly, I tell you, he who believes in me, the works that I do, he will do also; and he will do greater works than these, because I am going to the Father.
13 Akka Abbaan Ilmaan ulfina argatuuf ani waan isin maqaa kootiin kadhattan kam iyyuu nan raawwadha.
And whatever you ask in my name, this I will do, that the Father may be glorified in the Son.
14 Yoo isin maqaa kootiin waan kam iyyuu na kadhattan ani nan raawwadha.
If you ask me anything in my name, I will do it.
15 “Isin yoo na jaallattan ajaja koo eegaa.
If you love me, you will keep my commandments.
16 Ani Abbaa nan kadhadha; innis akka inni bara baraan isin wajjin jiraatuuf Jajjabeessaa biraa isinii kenna; (aiōn g165)
I will pray to the Father, and he will give you another Helper, that he may be with you forever, — (aiōn g165)
17 inni Hafuura dhugaa ti. Addunyaan waan isa hin arginee fi waan isa hin beekneef isa fudhachuu hin dandaʼu. Isin garuu waan inni isin wajjin jiraatuuf, isin keessas waan jiruuf isa ni beektu.
the Spirit of truth, whom the world cannot receive; because it neither sees him nor knows him; but you know him, for he lives with you, and will be in you.
18 Ani akka ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabneetti isin hin dhiisu; gara keessan nan dhufa.
I will not leave you orphans. I will come to you.
19 Yeroo muraasa booddee addunyaan deebiʼee na hin argu; isin garuu na argitu. Sababii ani jiraadhuuf isinis ni jiraattu.
Yet a little while, and the world will see me no more; but you will see me. Because I live, you will live also.
20 Akka ani Abbaa koo keessa jiru, akka isin na keessa jirtan akka anis isin keessa jiru gaafas ni beektu.
In that day you will know that I am in my Father, and you in me, and I in you.
21 Namni ajajawwan koo qabu, isaanis kan eegu, inni na jaallata. Nama na jaallatu Abbaan koo ni jaallata; anis isa nan jaalladha; isattis of nan mulʼisa.”
The one who has my commandments and keeps them is the one who loves me. And the one who loves me will be loved by my Father, and I will love him, and will reveal myself to him."
22 Yihuudaa Keeriyoticha utuu hin taʼin inni Yihuudaan kaan, “Yaa Gooftaa, ati maaliif addunyaatti utuu hin taʼin nutti of mulʼisuu barbaadda?” jedheen.
Judas (not Iscariot) said to him, "Lord, what has happened that you are about to reveal yourself to us, and not to the world?"
23 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Namni na jaallatu kam iyyuu dubbii koo ni eega. Abbaan koo isa ni jaallata; nus gara isaa ni dhufna; iddoo jireenyaas isa wajjin ni godhanna.
Jesus answered and said to him, "If anyone loves me, he will keep my word; and my Father will love him, and we will come to him and make our dwelling place with him.
24 Namni na hin jaallanne dubbii koo hin eegu. Dubbiin isin dhageessan kunis kan Abbaa na erge sanaati malee kan koo miti.
He who does not love me does not keep my words. The word which you hear is not mine, but the Father's who sent me.
25 “Ani utuman isin wajjin jiruu waan kana isinitti dubbadheera.
All this I have spoken to you while I am still with you.
26 Jajjabeessaan sun, Hafuurri Qulqulluun kan Abbaan maqaa kootiin ergu garuu waan hunda isin barsiisa; waan ani isinitti hime hundas isin yaadachiisa.
But the Helper, the Holy Spirit, whom the Father will send in my name, he will teach you all things, and will remind you of all that I said to you.
27 Ani nagaa isin biratti nan hambisa; nagaa koos isiniif nan kenna. Ani akka addunyaan kennutti isiniif hin kennu. Garaan keessan hin raafamin; hin sodaatinis.
Peace I leave with you. My peace I give to you. I do not give to you as the world gives. Do not let your heart be troubled, neither let it be afraid.
28 “Isin akka ani, ‘Ani nan deema; deebiʼees gara keessan nan dhufa’ jedhe dhageessaniirtu. Utuu na jaallattanii silaa gara Abbaa dhaquu kootti ni gammaddu turtan; Abbaan na caalaatii.
You heard how I told you, 'I am going away, and I will come to you.' If you loved me, you would rejoice that I am going to the Father; for the Father is greater than I.
29 Akka yommuu wanni kun taʼutti isin amantaniif utuu wanni kun hin taʼin ani amma duraan dursee isinitti himeera.
Now I have told you before it happens so that, when it happens, you may believe.
30 Waan bulchaan addunyaa kanaa dhufuuf, ani siʼachi isin wajjin baayʼee hin dubbadhu; inni narraa homaa hin qabu;
I will not speak with you much longer, for the ruler of this world is coming, and he has no hold on me.
31 garuu akka ani Abbaa jaalladhu addunyaan akka beekuuf, ani akkuma Abbaan na ajajetti nan hojjedha. “Kaʼaa, asii ni deemnaa.
But that the world may know that I love the Father, and as the Father commanded me, so I do. Arise, let us go from here.

< Yohannis 14 >