< Yohannis 13 >
1 Yeroon sun Ayyaana Faasiikaatiin dura ture. Yesuusis akka addunyaa kana keessaa gara Abbaa dhaquudhaaf saʼaatiin isaa gaʼe ni beeke. Innis warra kan isaa taʼan kanneen addunyaa keessa turan ni jaallate; hamma dhumaattis isaan jaallate.
逾越節慶日前,耶穌知道他離此世歸父的時辰已到,他既然愛了世上屬於自己的人,就愛他們到底。
2 Yeroo irbaataatti diiyaabiloos akka inni Yesuusin dabarsee kennuuf Yihuudaa Keeriyoticha ilma Simoon keessa duraan dursee yaada kaaʼe.
正吃晚餐的時候──魔鬼已使依斯加略人西滿的兒子猶達斯決意出賣耶穌─
3 Yesuusis akka Abbaan waan hunda harka isaatti kenne, akka Waaqa biraa dhufee fi akka gara Waaqaatti deebiʼu illee beeka ture;
耶穌因知道父把一切已交在他手中,也知道自己是從天主來的,又要往天主那裡去,
4 kanaaf irbaata irraa kaʼee, wayyaa isaa kan irraan uffate of irraa fuudhee lafa kaaʼe; fooxaas mudhiitti hidhate.
就從席日間起來,脫上外衣,拿起一條手巾束在腰間,
5 Ergasii gabateetti bishaan naqatee miilla barattootaa dhiquu fi fooxaa mudhiitti hidhate sanaanis haquu jalqabe.
然後把水倒在盆裏,開始洗門徒的腳,用束著的手巾擦乾。
6 Inni gara Simoon Phexros dhufe; Phexrosis, “Yaa Gooftaa, situ miilla koo naa dhiqaa?” jedheen.
及至來到西滿伯多祿跟前,伯多祿對他說: 「主! 你給我腳嗎?」
7 Yesuus immoo deebisee, “Waan ani hojjechaa jiru ati amma hin beektu; booddee garuu ni hubatta” jedheen.
耶穌回答說: 「我所做的你現在不明白,以後你會明白。」
8 Phexrosis, “Hin taʼu; ati gonkumaa miilla koo naa hin dhiqxu” jedheen. Yesuusis deebisee, “Yoo ani siif dhiquu baadhe ati na biraa qooda hin qabaattu” jedheen. (aiōn )
伯多祿對他說:「不,你永遠不可給我洗腳!」耶穌回答說: 「我若不洗你,你就與我無分。」 (aiōn )
9 Simoon Phexrosis deebisee, “Yaa Gooftaa, yoos harka koo fi mataa koos malee miilla koo qofa hin taʼin” jedheen.
西滿伯多祿遂說:「主! 不但我的腳,而且連手帶頭,都給我洗罷! 」
10 Yesuusis, “Namni dhagna isaa dhiqate tokko miilla isaa qofa dhiqachuu isa barbaachisa; dhagni isaa guutuun qulqulluu dha. Isin qulqulluu dha; garuu hunda keessan miti” jedheen.
耶穌向他說:「沐浴過的人,已全身清潔,只需洗腳就夠了。你們原是潔淨的,但不都是。」
11 Innis nama dabarsee isa kennuuf jiru beeka tureetii; sababiin inni, “Qulqulluun hunda keessan miti” jedheefis kanuma.
原來,耶穌知道誰要出賣他,為此說: 你們不都是潔淨的。
12 Innis erga miilla isaanii dhiqee booddee, uffata isaa uffatee iddoo isaatti deebiʼee taaʼe. Akkanas jedheen; “Isin waan ani isiniif godhe hubattanii?
及至耶穌洗完了他們的腳,穿上外衣,又去坐下,對他們說: 「你們明白我給你們所做的嗎?
13 Isin, ‘Barsiisaa’, ‘Gooftaas’ naan jettu; anis waan isuma isin jettan taʼeef isin dhuguma jettan.
你們稱我「師傅」、「主子」,說得正對:我原來是。
14 Yoos erga ani Gooftaa fi Barsiisaan keessan miilla keessan isinii dhiqee, isinis akkasuma miilla walii dhiquu qabdu.
若我為主子,為師傅的話,給你們洗腳,你們也該彼此洗腳;
15 Akkuma ani isinii godhe kana isinis akka gootaniif ani fakkeenya isinii kenneera.
我給你們立了榜樣,叫你們也照我給你們所做的去做。
16 Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; garbichi gooftaa isaa hin caalu; ergamaanis kan isa erge hin caalu.
我實實在在告訴你們: 沒有僕人大過主人的,也沒有奉使的大過派遣他的。
17 Egaa isin yoo waan kana beektanii hojii irra oolchitan isin eebbifamoo dha.
你們既知道了這些事,如果實行,便是有福的。
18 “Ani waaʼee hunda keessanii dubbachaa hin jiru; ani warran filadhe nan beeka. Kun garuu dubbiin Katabbii Qulqulluu kan, ‘Inni buddeena koo nyaate koomee isaa natti ol fudhate’jedhu sun akka guutamuuf.
我不是說你們全體,我認識我所揀選的;但經上所記載的必須應驗:『吃過我飯的人,也舉腳踢我。』
19 “Isin yommuu wanni kun taʼutti akka ani Isa taʼe akka amantaniif utuu inni hin taʼin amma isinitti nan hima.
就在現在,事未發生以前,我告訴你們,好叫事發生以後,你們相信我就是那一位。
20 Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; kan nama ani ergu kam iyyuu simatu hundinuu na simata; kan na simatu hundis isa na erge sana simata.”
我實實在在告訴你們:凡接待我所派遣的,就是接待我;接待我的,就是接待那派遣我來的。」
21 Yesuusis erga kana dubbatee booddee hafuuraan jeeqamee, “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; isin keessaa tokko dabarsee na kenna” jedhee dhugaa baʼe.
耶穌說了這些話,心神煩亂,就明明地說: 「我實實在在告訴你們: 你們中有一個要出賣我。」
22 Barattoonni akka inni waaʼee eenyuu dubbate wallaalanii wal ilaalan.
門徒便互相觀望,猜疑他說的是誰。
23 Barattoota keessaas inni Yesuus isa jaallatu tokko Yesuusitti irkatee maaddiitti dhiʼaatee ture.
他門徒中有一個是耶穌所愛的,他那時斜倚在耶穌的懷裏,
24 Simoon Phexrosis, “Mee eenyuu jechuu isaa akka taʼe isa gaafadhu!” jedhee nyaaraan barataa sanatti hime.
西滿伯多祿就向他示意說: 「你問他說的是誰?」
25 Innis qoma Yesuusiitti hirkatee, “Yaa Gooftaa, eenyu innii?” jedhee gaafate.
那位就緊靠在耶穌的胸膛上,問他說: 「主!是誰?」
26 Yesuusis deebisee, “Namichi ani buddeena afaan kaaʼata tokkoo caabii keessa cuuphee kennuuf isa” jedhe. Innis buddeena caabii keessa cuuphee Yihuudaa ilma Simoon Keeriyotichaatiif kenne.
耶穌答覆說: 「我蘸這片餅遞給誰,誰就是。」耶穌就蘸了一片餅,遞給依斯加略人西滿的兒子猶達斯。
27 Yihuudaas akkuma inni buddeenicha fudhateen Seexanni itti gale. Yesuusis, “Waan gochuuf jirtu dafii godhi” isaan jedhe.
隨著那片餅,撒殫進入了他的心,於是耶穌對他說: 「你所要做的,你快去做罷!」
28 Warra nyaataaf tataaʼan keessaas namni tokko iyyuu waan inni akkas isaan jedheef hin hubanne.
同席的人誰也沒有明白耶穌為什麼向他說了這話。
29 Sababii Yihuudaan korojoo maallaqaa baachaa tureefis isaan keessaa namoonni tokko tokko waan Yesuus, akka inni waan Ayyaanaaf barbaachisu bitu yookaan akka inni hiyyeeyyiif waa kennu isatti hime seʼan.
不過,有人因為猶達斯掌管錢囊,以為耶穌是給他說: 「你去買我們過節所需要的」,或者,要他給窮人施捨一些東西。
30 Yihuudaanis akkuma buddeena sana fudhateen gad baʼe. Yeroon sunis halkan ture.
猶達斯一吃了那一片餅,就立時出去了;那時,正是黑夜。
31 Erga Yihuudaan gad baʼee booddee Yesuus akkana jedhe; “Amma Ilmi Namaa ulfaateera; Waaqnis isaan ulfina argateera.
猶達斯出去以後,耶穌就說:「現在人子受到了光榮,天主也在人子身上受到了光榮。
32 Waaqni erga isaan ulfina argatee, Waaqni ofuma isaatiin Ilma ulfeessa; inni takkumaan isa ulfeessa.
天主既然在人子身上得到了光榮,天主也要在自己內使人子得到光榮,並且立時就要光榮他。
33 “Yaa ijoolle, ani yeroo gabaabaaf isin wajjinan jira. Isin na barbaaddu; ani akkuma Yihuudootaan, ‘Iddoo ani dhaqu isin dhufuu hin dandeessan’ jedhe sana ammas isiniin nan jedha.
孩子們!我同你們在一起的時候不多了;以後你們要尋找我,就如我曾向猶太人說過:我所去的地方,你們不能去;現在我也給你們說。
34 “Akka isin wal jaallattaniif ani ajaja haaraa isiniifin kenna. Akkuma ani isin jaalladhetti isinis akkasuma wal jaalladhaa.
我給你們一條新命令: 你們該彼此相愛如同我愛了你們,你們也該照樣彼此相愛。
35 Yoo isin jaalala waliif qabaattan namoonni hundinuu akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.”
如果你們之間彼此相親相愛,世人因此就可認出你們是我的門徒。」
36 Simoon Phexrosis, “Yaa Gooftaa, eessa dhaqxa?” jedhee isa gaafate. Yesuusis, “Ati amma iddoo ani dhaqu na faana dhaquu hin dandeessu; gara booddeetti garuu na duukaa buuta” jedhee deebiseef.
西滿伯多祿問耶穌說: 「主! 你往那裡去?」耶穌回答說: 「我所去的地方,你如今不能跟我去,但後來卻要跟我去。」
37 Phexrosis, “Yaa Gooftaa, ani maaliifan amma si duukaa buʼuu hin dandeenye? Ani siif jedhee lubbuu koo nan kenna” jedheen.
伯多祿向他說: 「主! 為什麼現在我不能跟你去?我要為你捨掉我的性命! 」
38 Yesuusis deebisee, “Ati dhuguma naaf jettee lubbuu kee ni kennitaa? Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; ati utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta” jedheen.
耶穌答覆說: 「你要為我捨掉你的性命嗎?我實實在在告訴你: 雞未叫以前,你要三次不認我。」