< Yohannis 12 >

1 Faasiikaa dura guyyaa jaʼaffaatti Yesuus gara Biitaaniyaa ganda Alʼaazaar, kan Yesuus duʼaa isa kaase sun jiraachaa turee dhaqe.
Then Jesus, six days before the passover, came to Bethany, where Lazarus was who had been dead, whom he raised from the dead.
2 Achitti irbaata qopheessaniif. Maartaanis ni tajaajilti turte; Alʼaazaaris warra isa wajjin irbaatatti dhiʼaatan keessaa tokko ture.
There they made him a supper; and Martha served: but Lazarus was one of them that sat at the table with him.
3 Maariyaamis shittoo Naardoos qulqulluu gatiin isaa guddaa kan gara liitirii walakkaa taʼu fiddee miilla Yesuus dibde; rifeensa mataa isheetiinis miilla isaa haqxe. Manichis urgaa shittoo sanaatiin guutame.
Then Mary took a pound of ointment of spikenard, very costly, and anointed the feet of Jesus, and wiped his feet with her hair: and the house was filled with the odor of the ointment.
4 Barattoota isaa keessaa tokko kan dabarsee isa kennuuf jiru Yihuudaa Keeriyotichi garuu akkana jedhe;
Then saith one of his disciples, Judas Iscariot, Simon's [son], who was to betray him,
5 “Shittoon kun maaliif diinaarii dhibba sadiitti gurguramee hiyyeeyyiif hin kennamne?”
Why was not this ointment sold for three hundred pence, and given to the poor?
6 Akkana jechuun isaa waan hattuu tureef malee hiyyeeyyiif yaade miti. Innis sababii korojoon maallaqaa harka isaa tureef, waan achi keessa buufamu irraa ofii isaatii fudhachaa ture.
This he said, not that he cared for the poor; but because he was a thief, and had the bag, and bore what was put in it.
7 Yesuusis deebisee akkana jedhe; “Isheen shittoo kana guyyaa awwaala kootiitiif haa tursituutii ishee dhiisaa.
Then said Jesus, Let her alone: against the day of my burial hath she kept this.
8 Hiyyeeyyii yeroo hunda of biraa qabdu; ana garuu yeroo hunda of biraa hin qabdan.”
For the poor ye have always with you; but me ye have not always.
9 Yihuudoonni baayʼeen akka Yesuus achi jiru beekanii Yesuus qofaaf jedhaanii utuu hin taʼin, Alʼaazaar isa inni duʼaa kaases ilaaluuf dhufan.
Many people of the Jews therefore knew that he was there: and they came, not for Jesus' sake only, but that they might see Lazarus also, whom he had raised from the dead.
10 Kanaafuu luboonni hangafoonni Alʼaazaarinis ajjeesuuf mariʼatan;
But the chief priests consulted that they might put Lazarus also to death;
11 Yihuudoota keessaa namoonni baayʼeen sababii isaatiif dhaqanii Yesuusitti amanaa turaniitii.
Because that by reason of him many of the Jews went away, and believed on Jesus.
12 Guyyaa itti aanutti namoonni Ayyaanichaaf dhufanii turan baayʼeen akka Yesuus gara Yerusaalem dhufaa jiru dhagaʼan.
On the next day, many people that had come to the feast, when they heard that Jesus was coming to Jerusalem,
13 Isaanis damee meexxii harkatti qabatanii isa simachuu baʼan; iyyaniis akkana jedhan; “Hoosaaʼinaa!” “Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!” “Mootiin Israaʼel eebbifamaa dha!”
Took branches of palm-trees, and went forth to meet him, and cried, Hosanna; Blessed [is] the King of Israel that cometh in the name of the Lord.
14 Yesuusis ilmoo harree tokko argatee yaabbate; kunis akkuma akkana jedhamee barreeffamee dha;
And Jesus, when he had found a young ass, sat thereon; as it is written,
15 “Yaa Intala Xiyoon, hin sodaatin; kunoo, mootiin kee, ilmoo harree yaabbatee dhufuutti jira.”
Fear not, daughter of Sion: behold, thy King cometh, sitting on an ass's colt.
16 Barattoonni isaa jalqabatti waan kana hin hubanne. Erga Yesuus ulfina argatee booddee garuu akka wanni barreeffame kun waaʼee isaa taʼee fi akka isaanis waanuma kana isaaf godhan yaadatan.
These things his disciples understood not at the first: but when Jesus was glorified, then they remembered that these things were written concerning him, and [that] they had done these things to him.
17 Namoonni baayʼeen yommuu inni Alʼaazaarin awwaala keessaa waamee duʼaa kaasetti isa wajjin turanis ittuma fufanii dhugaa baʼan.
The people therefore that were with him when he called Lazarus out of his grave, and raised him from the dead, bore testimony.
18 Namoonni baayʼeenis sababii mallattoo kana gochuu isaa dhagaʼaniif isa simachuu baʼan.
For this cause the people also met him, for that they heard that he had done this miracle.
19 Kanaafuu Fariisonni, “Isin akka waa tokko illee gochuu hin dandeenye argitanii? Ilaa, addunyaan guutuun akkamitti akka isa duukaa buʼe ilaalaa!” waliin jedhan.
The Pharisees therefore said among themselves, Perceive ye how ye prevail nothing? behold, the world is gone after him.
20 Warra yeroo Ayyaanichaatti waaqeffachuuf ol baʼan keessaa tokko tokko Giriikota turan.
And there were certain Greeks among them, that came to worship at the feast.
21 Isaanis Fiiliphoos namicha Beetisayidaa Galiilaatii dhufe sanatti dhiʼaatanii, “Yaa gooftaa, Yesuusin arguu barbaanna” jedhaniin.
The same came therefore to Philip, who was of Bethsaida of Galilee, and desired him, saying, Sir, we would see Jesus.
22 Fiiliphoosis dhaqee Indiriiyaasitti hime; Indiriiyaasii fi Fiiliphoos immoo dhaqanii Yesuusitti himan.
Philip cometh and telleth Andrew: and again, Andrew and Philip tell Jesus.
23 Yesuus immoo akkana jedhee isaaniif deebise; “Saʼaatiin Ilmi Namaa itti ulfina argatu gaʼeera.
And Jesus answered them, saying, The hour is come, that the Son of man should be glorified.
24 Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; iji qamadii tokko yoo lafa buʼee duʼuu baate kophaa isaa hafa. Yoo duʼe garuu ija baayʼee naqata.
Verily, verily, I say to you, Except a corn of wheat fall into the ground and die, it abideth alone: but if it die, it bringeth forth much fruit.
25 Namni lubbuu isaa jaallatu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; kan addunyaa kana irratti lubbuu isaa jibbu immoo jireenya bara baraatiif lubbuu isaa kaaʼata. (aiōnios g166)
He that loveth his life shall lose it; and he that hateth his life in this world, shall keep it to life eternal. (aiōnios g166)
26 Namni na tajaajilu kam iyyuu na faana haa buʼu; iddoo ani jiru tajaajilaan koos ni jiraata. Abbaan koo nama na tajaajilu kamiif iyyuu ulfina ni kenna.
If any man serve me, let him follow me; and where I am, there shall also my servant be: if any man serve me, him will [my] Father honor.
27 “Amma lubbuun koo dhiphatteerti; egaa ani maal jedhu ree? ‘Yaa Abbaa, saʼaatii kana jalaa na baasi;’ garuu ani sababii kanaafan gara saʼaatii kanaa dhufe.
Now is my soul troubled; and what shall I say? Father, save me from this hour: but for this cause I came to this hour.
28 Yaa Abbaa, maqaa kee ulfeessi!” Ergasii sagaleen, “Ani isa ulfeesseera; ammas nan ulfeessa” jedhu tokko samiidhaa dhufe.
Father, glorify thy name. Then came there a voice from heaven, [saying], I have both glorified [it], and will glorify [it] again.
29 Tuunni achi dhaabachaa ture yommuu sagalee kana dhagaʼetti, “Ni kakawwise” jedhe. Warri kaan immoo, “Ergamaa Waaqaatu isatti dubbate” jedhan.
The people therefore that stood by, and heard [it], said that it thundered. Others said, An angel spoke to him.
30 Yesuus akkana jedhee deebise; “Sagaleen kun sababii keessaniif dhufe malee sababii kootiif miti.
Jesus answered and said, This voice came not because of me, but for your sakes.
31 Yeroon itti addunyaa kanatti muramu amma; bulchaan addunyaa kanaas amma gad gatama.
Now is the judgment of this world: now shall the prince of this world be cast out.
32 Ani garuu yeroon lafa irraa ol fuudhamutti nama hunda ofitti nan harkisa.”
And I, if I shall be lifted up from the earth, will draw all [men] to me.
33 Innis akka duʼa akkamii duʼuuf jiru argisiisuuf kana jedhe.
(This he said, signifying what death he should die.)
34 Tuunnis deebisee, “Akka Kiristoos bara baraan jiraatu nu Seera irraa dhageenyeerra; yoos ati akkamitti, ‘Ilmi Namaa ol fuudhamuu qaba’ jetta? ‘Ilmi Namaa’ kunis eenyu?” jedheen. (aiōn g165)
The people answered him, We have heard out of the law that Christ abideth for ever: and how sayest thou, The Son of man must be lifted up? Who is this Son of man? (aiōn g165)
35 Yesuus immoo akkana jedheen; “Ifni yeroo gabaabaadhaaf isin bira jira. Akka dukkanni isin hin liqimsineef utuu ifa qabdanuu deddeebiʼaa. Namni dukkana keessa deddeebiʼu eessa akka dhaqu hin beekuutii.
Then Jesus said to them, Yet a little while is the light with you. Walk while ye have the light, lest darkness come upon you: for he that walketh in darkness knoweth not whither he goeth.
36 Ijoollee ifaa akka taataniif utuu ifa qabdanuu ifa sanatti amanaa.” Yesuusis erga waan kana dubbatee fixee booddee iddoo sanaa kaʼee isaan duraa dhokate.
While ye have light, believe in the light, that ye may be the children of light. These things spoke Jesus, and departed, and concealed himself from them.
37 Yesuus fuula isaanii duratti mallattoo hedduu hojjetu iyyuu, isaan isatti hin amanne.
But though he had done so many miracles before them, yet they believed not on him:
38 Kunis dubbiin Isaayyaas raajichaa kan: “Yaa Gooftaa, ergaa keenya eenyutu amane? Irreen Gooftaas eenyutti mulʼate?” jedhu sun akka raawwatamuuf ture.
That the saying of Isaiah the prophet might be fulfilled, which he spoke, Lord, who hath believed our report? and to whom hath the arm of the Lord been revealed?
39 Sababii kanaaf isaan amanuu hin dandeenye; Isaayyaas iddoo biraatti akkana jedheeraatii;
Therefore they could not believe, because that Isaiah said again,
40 “Ija isaaniitiin akka hin argineef, qalbii isaaniitiin akka hin hubanneef, akka ani isaan fayyisuufis akka gara kootti hin deebineef, inni ija isaanii jaamseeraatii; garaa isaaniis jabeesseera.”
He hath blinded their eyes, and hardened their heart; that they should not see with [their] eyes, nor understand with [their] heart, and be converted, and I should heal them.
41 Isaayyaas sababii ulfina isaa argee waaʼee isaas dubbateef waan kana jedhe.
These things said Isaiah, when he saw his glory, and spoke of him.
42 Taʼus hooggantoota keessaa iyyuu namoonni baayʼeen isatti amanan. Garuu waan mana sagadaatii nu baasu jedhanii Fariisota sodaataniif amantii isaanii ifatti hin baafne;
Nevertheless, among the chief rulers also many believed on him; but because of the Pharisees they did not confess [him], lest they should be put out of the synagogue:
43 isaan ulfina Waaqaa irra ulfina namaa jaallataniiruutii.
For they loved the praise of men more than the praise of God.
44 Yesuusis iyyee akkana jedhe; “Namni natti amanu isa na erge sanatti amana malee natti miti.
Jesus cried, and said, He that believeth on me, believeth not on me, but on him that sent me:
45 Kan na argus isa na erge sana arga.
And he that seeth me, seeth him that sent me:
46 Akka namni natti amanu hundinuu dukkana keessa hin jiraanneef ani ifa taʼee gara addunyaa dhufeera.
I am come a light into the world, that whoever believeth on me should not abide in darkness.
47 “Namni yoo dubbii koo dhagaʼee eeguu baate kan isatti muru ana miti; ani addunyaa fayyisuufin dhufe malee itti muruuf hin dhufneetii.
And if any man hear my words, and believe not, I judge him not: for I came not to judge the world, but to save the world.
48 Namni na didu kan dubbii koos hin fudhanne abbaa murtii tokko qaba; dubbiin ani dubbadhe sun guyyaa dhumaatti isatti mura.
He that rejecteth me, and receiveth not my words, hath one that judgeth him: the word that I have spoken, the same shall judge him in the last day.
49 Garuu Abbaa isuma na erge sanatu akka ani waanan dubbadhe sana jedhu na ajaje malee ani ofii kootiin hin dubbanne.
For I have not spoken from myself; but the Father who sent me, he gave me a commandment, what I should say, and what I should speak.
50 Akka ajajni isaa jireenya bara baraa taʼe nan beeka. Kanaafuu wanni ani dubbadhu kam iyyuu waan akka ani dubbadhuuf Abbaan natti himee dha.” (aiōnios g166)
And I know that his commandment is life everlasting: whatever I speak therefore, even as the Father said to me, so I speak. (aiōnios g166)

< Yohannis 12 >