< Yohannis 11 >

1 Namichi Alʼaazaar jedhamu kan Biitaaniyaa keessa jiraatu tokko dhukkubsatee ture. Biitaaniyaan ganda Maariyaamii fi obboleettiin ishee Maartaan keessa jiraatanii dha.
Il y avait un malade, Lazare, de Béthanie, village de Marie et de Marthe, sa sœur.
2 Maariyaam isheen obboleessi ishee Alʼaazaar dhukkubsate kun, isheedhuma Gooftaa shittoo dibdee rifeensa mataa isheetiin miilla isaa haqxee sanaa dha.
— Marie est celle qui oignit de parfum le Seigneur, et lui essuya les pieds avec ses cheveux; et c’était son frère Lazare qui était malade. —
3 Kanaaf obboleettonni isaa, “Yaa Gooftaa, inni ati jaallattu kunoo dhukkubsatee jira” jedhanii Yesuusitti dhaaman.
Les sœurs envoyèrent dire à Jésus: « Seigneur, celui que vous aimez est malade. »
4 Yesuusis yommuu waan kana dhagaʼetti, “Dhibeen kun akka Ilmi Waaqaa ittiin ulfaatuuf, ulfina Waaqaatiif dhufe malee duʼaan hin gaʼu” jedhe.
Ce qu’ayant entendu, Jésus dit: « Cette maladie ne va pas à la mort, mais elle est pour la gloire de Dieu, afin que le Fils de Dieu soit glorifié par elle. »
5 Yesuusis Maartaa fi obboleettii ishee, Alʼaazaarinis ni jaallata ture.
Or, Jésus aimait Marthe, et sa sœur Marie, et Lazare.
6 Innis yommuu akka Alʼaazaar dhukkubsate dhagaʼetti guyyaa lama idduma jiru sana ture.
Ayant donc appris qu’il était malade, il resta deux jours encore au lieu où il était.
7 Innis ergasii barattoota isaatiin, “Kottaa Yihuudaatti deebinaa” jedhe.
Il dit ensuite à ses disciples: « Retournons en Judée. »
8 Barattoonni isaa immoo, “Yaa Barsiisaa, Yihuudoonni dhiʼeenya kana dhagaadhaan si tumuu barbaadaa turan; ati amma illee deebitee achi dhaqxaa?” jedhaniin.
Les disciples lui dirent: « Maître, tout à l’heure les Juifs voulaient vous lapider, et vous retournez là? »
9 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Guyyaan tokko saʼaatii kudha lama qaba mitii? Namni guyyaan deemu waan ifa addunyaa kanaatiin arguuf hin gufatu.
Jésus répondit: « N’y a-t-il pas douze heures dans le jour? Si quelqu’un marche pendant le jour, il ne se heurte point, parce qu’il voit la lumière de ce monde.
10 Kan halkaniin deemu garuu sababii ifni isa keessa hin jirreef ni gufata.”
Mais s’il marche pendant la nuit, il se heurte, parce qu’il manque de lumière. »
11 Innis erga waan kana dubbatee booddee, “Michuun keenya Alʼaazaar rafeera; ani garuu hirribaa isa kaasuu nan dhaqa” isaaniin jedhe.
Il parla ainsi, et ajouta: « Notre ami Lazare dort, mais je me mets en route pour le réveiller. »
12 Barattoonni isaas, “Yaa Gooftaa, yoo rafee jiraate ni fayya” jedhaniin.
Ses disciples lui dirent: « S’il dort, il guérira. »
13 Yesuus waaʼee duʼa Alʼaazaar dubbate; barattoonni isaa garuu waan inni waaʼee rafiitii hirribaa dubbate seʼan.
Mais Jésus avait parlé de sa mort, et ils pensaient que c’était du repos du sommeil.
14 Kanaafuu Yesuus akkana jedhee ifatti baasee isaanitti hime; “Alʼaazaar duʼeera;
Alors Jésus leur dit clairement: « Lazare est mort;
15 akka isin amantaniif ani waan achi hin turiniif waaʼee keessaniif nan gammada. Taʼus kottaa gara isaa dhaqnaa.”
et je me réjouis à cause de vous de n’avoir pas été là, afin que vous croyiez; mais allons vers lui. »
16 Toomaas inni Didimoos jedhamu immoo barattoota kaaniin, “Nus akka isa wajjin duunuuf kaʼaa ni dhaqnaa” jedhe.
Et Thomas, appelé Didyme, dit aux autres disciples: « Allons-y, nous aussi, afin de mourir avec lui. »
17 Yesuus yommuu achi gaʼetti Alʼaazaar erga awwaalamee guyyaa afur akka ture beeke.
Jésus vint donc et trouva Lazare depuis quatre jours dans le sépulcre.
18 Biitaaniyaan Yerusaalem irraa gara kiiloo meetira sadii fagaatti turte;
Or Béthanie était près de Jérusalem, à quinze stades environ.
19 Yihuudoonni baayʼeen Maartaa fi Maariyaamin sababii obboleessa isaaniitiif isaan jajjabeessuu dhaqanii turan.
Beaucoup de Juifs étaient venus près de Marthe et de Marie pour les consoler au sujet de leur frère.
20 Maartaan yommuu dhufaatii Yesuus dhageessetti isa simachuu gad baate; Maariyaam garuu mana teesse.
Dès que Marthe eut appris que Jésus arrivait, elle alla au-devant de lui, tandis que Marie se tenait assise à la maison.
21 Maartaanis Yesuusiin akkana jette; “Yaa Gooftaa, utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture.
Marthe dit donc à Jésus: « Seigneur, si vous aviez été ici, mon frère ne serait pas mort.
22 Ammas taanaan akka waan ati Waaqa kadhattu hunda Waaqni siif kennu nan beeka.”
Mais maintenant encore, je sais que tout ce que vous demanderez à Dieu, Dieu vous l’accordera. »
23 Yesuusis, “Obboleessi kee ni kaʼa” jedheen.
Jésus lui dit: « Votre frère ressuscitera. —
24 Maartaanis deebiftee, “Akka inni duʼaa kaʼuu guyyaa dhumaa sanatti kaʼu anuu beeka” jetteen.
Je sais, lui répondit Marthe, qu’il ressuscitera lors de la résurrection, au dernier jour. »
25 Yesuus immoo akkana isheedhaan jedhe; “Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana. Namni natti amanu yoo duʼe iyyuu ni jiraata;
Jésus lui dit: « Je suis la résurrection et la vie; celui qui croit en moi, fût-il mort, vivra;
26 kan na keessa jiraatuu fi kan natti amanu hundinuu bara baraan hin duʼu. Kana ni amantaa ree?” (aiōn g165)
et quiconque vit et croit en moi, ne mourra point pour toujours. Le croyez-vous? — (aiōn g165)
27 Isheenis, “Eeyyee yaa Gooftaa, akka ati Kiristoos Ilma Waaqaa kan gara addunyaa dhufu sana taate nan amana” jetteen.
Oui, Seigneur, lui dit-elle, je crois que vous êtes le Christ, le Fils de Dieu, qui devait venir en ce monde. »
28 Isheenis erga akkas jettee dhaqxee obboleettii ishee Maariyaamin kophaatti waamtee, “Barsiisaan dhufeera; si waamas” jetteen.
Lorsqu’elle eut ainsi parlé, elle s’en alla, et appela en secret Marie, sa sœur, disant: « Le Maître est là, et il t’appelle. »
29 Maariyaamis yommuu waan kana dhageessetti ariitiin kaatee gara isaa dhaqxe.
Dès que celle-ci l’eut entendu, elle se leva promptement et alla vers lui.
30 Yesuus yeroo sana iddoo Maartaan itti isa simatte ture malee amma illee ganda sana hin seenne.
Car Jésus n’était pas encore entré dans le village; il n’avait pas quitté le lieu où Marthe l’avait rencontré.
31 Yihuudoonni Maariyaamin jajjabeessaa mana keessa ishee wajjin turanis yommuu akka isheen ariitiidhaan kaatee gad baate arganitti waan isheen achitti booʼuuf jettee gara awwaalaa dhaqxu seʼanii ishee duukaa buʼan.
Les Juifs qui étaient avec Marie, et la consolaient, l’ayant vue se lever en hâte et sortir, la suivirent en pensant: « Elle va au sépulcre pour y pleurer. »
32 Maariyaamis yommuu iddoo Yesuus ture sana geessee isa argitetti, miilla isaa irratti kuftee, “Yaa Gooftaa utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture” jetteen.
Lorsque Marie fut arrivée au lieu où était Jésus, le voyant, elle tomba à ses pieds, et lui dit: « Seigneur, si vous aviez été ici, mon frère ne serait pas mort. »
33 Yesuusis yommuu booʼuu ishee, Yihuudoonni ishee wajjin dhufanis booʼuu isaanii argetti hafuuraan akka malee jeeqame; ni dhiphates.
Jésus la voyant pleurer, elle et les Juifs qui l’accompagnaient, frémit en son esprit, et se laissa aller à son émotion.
34 Innis, “Eessa isa keessan?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Yaa Gooftaa, kottuu ilaali” jedhaniin.
Et il dit: « Où l’avez-vous mis? — Seigneur, lui répondirent-ils, venez et voyez. »
35 Yesuusis imimmaan dhangalaase.
Et Jésus pleura.
36 Yihuudoonnis, “Inni hammam akka isa jaallatu mee ilaalaa!” jedhan.
Les Juifs dirent: « Voyez comme il l’aimait! »
37 Isaan keessaa tokko tokko garuu, “Inni kan ija namicha jaamaa sanaa bane, akka namichi kunis hin duune gochuu hin dandaʼu turee?” jedhan.
Mais quelques-uns d’entre eux dirent: « Ne pouvait-il pas, lui qui a ouvert les yeux d’un aveugle-né, faire aussi que cet homme ne mourût point? »
38 Yesuus ammas akka malee jeeqamee gara awwaala sanaa dhaqe. Awwaalli sunis holqa balballi isaa dhagaadhaan cufame tokko ture.
Jésus donc, frémissant de nouveau en lui-même, se rendit au sépulcre: c’était un caveau, et une pierre était posée dessus.
39 Yesuusis, “Dhagaa kana achi irraa fuudhaa!” jedhe. Maartaan obboleettiin isa duʼe sanaa garuu, “Yaa Gooftaa, inni erga awwaalamee waan guyyaa afur tureef yoona ni ajaaʼa” jetteen.
« Ôtez la pierre », dit Jésus. Marthe, la sœur de celui qui était mort, lui dit: « Seigneur, il sent déjà, car il y a quatre jours qu’il est là. »
40 Yesuus immoo, “Ati yoo amante akka ulfina Waaqaa argitu ani sitti hin himnee?” jedheen.
Jésus lui dit: « Ne vous ai-je pas dit que si vous croyez, vous verrez la gloire de Dieu? »
41 Kanaafuu isaan dhagicha irraa kaasan. Yesuusis ol ilaalee akkana jedhe; “Yaa Abbaa, waan ati na dhageesseef sin galateeffadha.
Ils ôtèrent donc la pierre; et Jésus leva les yeux en haut et dit: « Père, je vous rends grâces de ce que vous m’avez exaucé.
42 Akka ati yeroo hunda na dhageessu ani beekeera; garuu akka namoonni as dhadhaabatan kunneen akka ati na ergite amananiif ani isaaniif jedheen waan kana dubbadhe.”
Pour moi, je savais que vous m’exaucez toujours; mais j’ai dit cela à cause de la foule qui m’entoure, afin qu’ils croient que c’est vous qui m’avez envoyé. »
43 Yesuusis waan kana dubbatee, “Alʼaazaar, as baʼi!” jedhee sagalee guddaadhaan iyye.
Ayant parlé ainsi, il cria d’une voix forte: « Lazare, sors! »
44 Namichi duʼe sunis akkuma harki isaatii fi miilli isaa huccuudhaan kafanamee, fuulli isaas wayyaadhaan marametti gad baʼe. Yesuusis, “Isa hiikaa, haa deemu” isaaniin jedhe.
Et le mort sortit, les pieds et les mains liés de bandelettes, et le visage enveloppé d’un suaire. Jésus leur dit: « Déliez-le, et laissez-le aller. »
45 Kanaafuu Yihuudoota gara Maariyaam dhufanii waan Yesuus hojjete argan keessaa hedduun isatti amanan.
Beaucoup d’entre les Juifs qui étaient venus près de Marie et de Marthe, et qui avaient vu ce qu’avait fait Jésus, crurent en lui.
46 Isaan keessaa tokko tokko garuu Fariisota bira dhaqanii waan Yesuus hojjete itti himan.
Mais quelques-uns d’entre eux allèrent trouver les Pharisiens, et leur racontèrent ce que Jésus avait fait.
47 Kana irratti luboonni hangafoonnii fi Fariisonni yaaʼii Yihuudootaa waaman. Isaanis akkana jedhanii gaafatan; “Namichi kun mallattoo baayʼee argisiisaa jira. Maal haa goonu?
Les Pontifes et les Pharisiens assemblèrent donc le Sanhédrin et dirent: « Que ferons-nous? Car cet homme opère beaucoup de miracles.
48 Yoo akkasumatti isa dhiifne namni hundi isatti amana; warri Roomaas dhufanii iddoo keenyaa fi saba keenya nurraa fudhatu.”
Si nous le laissons faire, tous croiront en lui, et les Romains viendront détruire notre ville et notre nation. »
49 Isaan keessaas namichi Qayyaaffaa jedhamu kan bara sana luba ol aanaa ture tokko akkana isaaniin jedhe; “Isin waan tokko illee hin beektan!
L’un d’eux, Caïphe, qui était grand prêtre cette année-là, leur dit: « Vous n’y entendez rien;
50 Sabni guutummaatti dhumuu irra namni tokko sabaaf duʼuun akka isinii wayyu hin hubattan.”
vous ne réfléchissez pas qu’il est de votre intérêt qu’un seul homme meure pour le peuple, et que toute la nation ne périsse pas. »
51 Inni bara sana waan luba ol aanaa tureef, akka Yesuus saba sanaaf duʼu raajii dubbachuu isaati malee dubbii kana of keessaa fuudhee hin dubbanne;
Il ne dit pas cela de lui-même; mais étant grand prêtre cette année-là, il prophétisa que Jésus devait mourir pour la nation; —
52 kunis ijoollee Waaqaa kanneen bittinnaaʼan walitti qabee tokko gochuuf malee saba sana qofaaf miti.
et non seulement pour la nation, mais aussi afin de réunir en un seul corps les enfants de Dieu qui sont dispersés.
53 Kanaafuu isaan gaafasii jalqabanii isa ajjeesuuf malachaa turan.
Depuis ce jour, ils délibérèrent sur les moyens de le faire mourir.
54 Kanaafuu Yesuus ifatti baʼee Yihuudoota gidduu hin deddeebine. Achii kaʼee gara magaalaa Efreem jedhamu kan gammoojjiitti dhiʼaatu tokkoo dhaqe; barattoota isaa wajjinis achi ture.
C’est pourquoi Jésus ne se montrait plus en public parmi les Juifs; mais il se retira dans la contrée voisine du désert, dans une ville nommée Ephrem, et il y séjourna avec ses disciples.
55 Faasiikaan Yihuudootaa waan dhiʼaatee tureef, namoonni hedduun utuu Faasiikaan hin gaʼin of qulqulleessuuf jedhanii baadiyyaadhaa Yerusaalemitti ol baʼan.
Cependant la Pâque des Juifs était proche, et beaucoup montèrent de cette contrée à Jérusalem, avant la Pâque, pour se purifier.
56 Isaanis Yesuusin barbaadaa turan; mana qulqullummaa keessas dhaabatanii, “Isin maal seetu? Inni gara Ayyaana kanaa hin dhufuu laata?” waliin jedhan.
Ils cherchaient Jésus et ils se disaient les uns aux autres, se tenant dans le temple: « Que vous en semble? Pensez-vous qu’il ne viendra pas à la fête? »
57 Luboonni hangafoonnii fi Fariisonni garuu Yesuusin qabuuf jedhanii namni iddoo inni jiru beeku yoo jiraate akka isaanitti himuuf ajaja kennanii turan.
Or, les Pontifes et les Pharisiens avaient donné l’ordre que, si quelqu’un savait où il était, il le déclarât, afin qu’ils le fissent prendre.

< Yohannis 11 >