< Yohannis 10 >
1 “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni balbalaan gola hoolotaa hin seennee, garuu karaa biraatiin koree seenu inni hattuu fi saamtuu dha.
내가 진실로 진실로 너희에게 이르노니 양의 우리에 문으로 들어가지 아니하고 다른데로 넘어가는 자는 절도며 강도요
2 Namni balbalaan seenu immoo tiksee hoolotaa ti.
문으로 들어가는 이가 양의 목자라
3 Eegduunis balbala isaaf bana; hoolonnis sagalee isaa ni dhagaʼu. Innis hoolota isaa maqaa maqaan waamee gad yaasa.
문지기는 그를 위하여 문을 열고 양은 그의 음성을 듣나니 그가 자기 양의 이름을 각각 불러 인도하여 내느니라
4 Erga warra kan isaa taʼan hunda gad yaasee booddee isaan dura deema; hoolonni isaas waan sagalee isaa beekaniif isa faana buʼu.
자기 양을 다 내어 놓은 후에 앞서 가면 양들이 그의 음성을 아는고로 따라 오되
5 Orma garuu ni baqatu malee faana hin buʼan; sagalee ormaa hin beekaniitii.”
타인의 음성은 알지 못하는고로 타인을 따르지 아니하고 도리어 도망하느니라'
6 Yesuus fakkeenya kana isaanitti hime; isaan garuu akka inni maal isaanitti himaa ture hin hubanne.
예수께서 이 비유로 저희에게 말씀하셨으나 저희는 그 하신 말씀이 무엇인지 알지 못하니라
7 Kanaafuu Yesuus ammas akkana jedheen; “Dhuguman, dhuguman isinitti hima; ani balbala hoolotaa ti.
그러므로 예수께서 다시 이르시되 `내가 진실로 진실로 너희에게 말하노니 나는 양의 문이라
8 Warri na dura dhufan hundi hattootaa fi saamtota; hoolonni garuu isaan hin dhageenye.
나보다 먼저 온 자는 다 절도요 강도니 양들이 듣지 아니하였느니라
9 Balballi ana; namni karaa kootiin ol seenu kam iyyuu ni fayya. Inni ni seena; ni baʼas; lafa dheedaas ni argata.
내가 문이니 누구든지 나로 말미암아 들어가면 구원을 얻고 또는 들어가며 나오며 꼴을 얻으리라
10 Hattichi hatuuf, ajjeesuu fi balleessuu qofaaf dhufa; ani garuu akka isaan jireenya qabaataniif, jireenya irraa hafaas akka qabaataniif dhufeera.
도적이 오는 것은 도적질하고 죽이고 멸망시키려는 것뿐이요 내가 온 것은 양으로 생명을 얻게 하고 더 풍성히 얻게 하려는 것이라
11 “Tikseen gaariin ana. Tikseen gaariin hoolota isaatiif jedhee lubbuu isaa dabarsee kenna.
나는 선한 목자라! 선한 목자는 양들을 위하여 목숨을 버리거니와
12 Namni qacaramaan kan tiksee hin taʼin garuu waan hoolonni kan isaa hin taʼiniif yommuu dhufaatii yeeyyii argutti hoolota dhiisee baqata. Yeeyyiinis bushaayee ni butata; ni bittinneessas.
삯군은 목자도 아니요 양도 제 양이 아니라 이리가 오는 것을 보면 양을 버리고 달아나나니 이리가 양을 늑탈하고 또 헤치느니라
13 Namichi waan qacaramaa taʼeef ni baqata; dhimma hoolotaas hin qabu.
달아나는 것은 저가 삯군인 까닭에 양을 돌아보지 아니함이나
14 “Tikseen gaariin ana; ani hoolota koo beeka; hoolonni koos na beeku;
나는 선한 목자라! 내가 내 양을 알고 양도 나를 아는 것이
15 kunis akkuma Abbaan na beekuttii fi akkuma ani Abbaa beekutti. Anis lubbuu koo hoolotaaf nan kenna.
아버지께서 나를 아시고 내가 아버지를 아는 것 같으니 나는 양을 위하여 목숨을 버리노라
16 Ani warra gola kanatti galan malees hoolota gara biraan qaba. Isaanis fiduun qaba. Isaanis sagalee koo ni dhagaʼu; karra tokkos ni taʼu; tikseen isaaniis tokko taʼa.
또 이 우리에 들지 아니한 다른 양들이 내게 있어 내가 인도하여야 할 터이니 저희도 내 음성을 듣고 한 무리가 되어 한 목자에게 있으리라
17 Kanaafuu Abbaan waan ani deebisee fudhachuuf lubbuu koo dabarsee kennuuf na jaallata.
아버지께서 나를 사랑하시는 것은 내가 다시 목숨을 얻기 위하여 목숨을 버림이라
18 Lubbuu koo anumatu ofii kootiin dabarsee kenna malee eenyu iyyuu narraa hin fudhatu. Ani lubbuu koo dabarsee kennuuf taayitaan qaba; deebisee fudhachuufis taayitaan qaba. Ajaja kanas Abbaa koo biraa fudhadheera.”
이를 내게서 빼앗는 자가 있는 것이 아니라 내가 스스로 버리노라 나는 버릴 권세도 있고 다시 얻을 권세도 있으니 이 계명은 내 아버지에게서 받았노라' 하시니라
19 Amma illee sababii dubbii kanaatiif Yihuudoota gidduutti garaa garummaan uumame.
이 말씀을 인하여 유대인 중에 다시 분쟁이 일어나니
20 Baayʼeen isaaniis, “Hafuura hamaatu isa keessa jira; inni maraateera. Isin maaliif isa dhageessu?” jedhan.
그 중에 많은 사람이 말하되 `저가 귀신 들려 미쳤거늘 어찌하여 그 말을 듣느냐?' 하며
21 Warri kaan immoo, “Kun jecha nama hafuura hamaadhaan qabame miti. Hafuurri hamaan ija nama jaamaa banuu ni dandaʼaa?” jedhan.
혹은 말하되 `이 말은 귀신들린 자의 말이 아니라 귀신이 소경의 눈을 뜨게 할 수 있느냐?' 하더라
22 Yeroo sana Ayyaanni mana qulqullummaa haaromsuu Yerusaalemitti ayyaaneffamee ture. Yeroon sunis ganna ture;
예루살렘에 수전절이 이르니 때는 겨울이라
23 Yesuusis mana qulqullummaa keessa gardaafoo Solomoon keessa deddeebiʼaa ture.
예수께서 성전 안 솔로몬 행각에서 다니시니
24 Yihuudoonnis isa marsanii, “Hamma yoomiitti qalbii nu rarraaftaa? Ati yoo Kiristoos taate ifatti baasii nutti himi” jedhaniin.
유대인들이 에워싸고 가로되 `당신이 언제까지나 우리 마음을 의혹케 하려나이까? 그리스도여든 밝히 말하시오' 하니
25 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Ani isinitti himeera; isin garuu hin amantan. Hojiin ani maqaa Abbaa kootiitiin hojjedhu waaʼee koo dhugaa baʼa.
예수께서 대답하시되 `내가 너희에게 말하였으되 믿지 아니하는도다 내가 내 아버지의 이름으로 행하는 일들이 나를 증거하는 것이어늘
26 Isin garuu waan hoolota koo hin taʼiniif hin amantan.
너희가 내 양이 아니므로 믿지 아니하는도다
27 Hoolonni koo sagalee koo ni dhagaʼu; anis isaan beeka; isaanis na faana buʼu.
내 양은 내 음성을 들으며 나는 저희를 알며 저희는 나를 따르느니라
28 Anis jireenya bara baraa nan kennaaf; isaanis gonkumaa hin badan. Eenyu iyyuu harka koo keessaa isaan hin butatu. (aiōn , aiōnios )
내가 저희에게 영생을 주노니 영원히 멸망치 아니할 터이요 또 저희를 내 손에서 빼앗을 자가 없느니라 (aiōn , aiōnios )
29 Abbaan koo kan natti isaan kenne sun hunduma caala; namni tokko iyyuu harka Abbaa kootii keessaa isaan butachuu hin dandaʼu.
저희를 주신 내 아버지는 만유보다 크시매 아무도 아버지 손에서 빼앗을 수 없느니라!
30 Anii fi Abbaan tokkuma.”
나와 아버지는 하나이니라' 하신대
31 Yihuudoonni isa dhaʼuuf jedhanii ammas dhagaa guurratan.
유대인들이 다시 돌을 들어 치려 하거늘
32 Yesuusis, “Ani hojii Abbaa kootii gaarii baayʼee isinitti argisiiseera. Hojii kana keessaa isin sababii isa kamiitiif dhagaadhaan na dhooftu?” jedheen.
예수께서 대답하시되 `내가 아버지께로 말미암아 여러 가지 선한 일을 너희에게 보였거늘 그 중에 어떤 일로 나를 돌로 치려 하느냐?'
33 Yihuudoonnis, “Nu hojii gaariif jennee dhagaadhaan si hin dhoofnu; garuu waan ati Waaqa arrabsitee utumaa nama taatee jirtuu Waaqa of gooteef si dhoofna” jedhanii deebisaniif.
유대인들이 대답하되 `선한 일을 인하여 우리가 너를 돌로 치려는 것이 아니라 참람함을 인함이니 네가 사람이 되어 자칭 하나님이라 함이로라'
34 Yesuus immoo akkana jedhee deebiseef; “Seera keessan keessatti, ‘Anuu isin, “waaqota” jedheera’jedhamee barreeffameera mitii?
예수께서 가라사대 `너희 율법에 기록한바 내가 너희를 신이라 하였노라 하지 아니하였느냐
35 Inni erga warra dubbiin Waaqaa isaaniif dhufeen ‘waaqota’ jedhee, Katabbiin Qulqulluun immoo waan hin diigamneef,
성경은 폐하지 못하나니 하나님의 말씀을 받은 사람들을 신이라 하셨거든
36 sababii ani, ‘Ani ilma Waaqaa ti’ jedheef, isin maaliif isa Abbaan qulqulleessee gara addunyaatti erge sanaan ‘Ati Waaqa arrabsita’ jettu?
하물며 아버지께서 거룩하게 하사 세상에 보내신 자가 나는 하나님 아들이라 하는 것으로 너희가 어찌 참람하다 하느냐?
37 Yoo ani hojii Abbaa kootii hojjechuu baadhe na hin amaninaa.
만일 내가 내 아버지의 일을 행치 아니하거든 나를 믿지 말려니와
38 Yoo ani hojii sana hojjedhe garuu yoo na amanuu baattan illee hojicha amanaa; kunis akka Abbaan na keessa jiru, akka anis Abbaa keessa jiru beektanii akka hubattaniif.”
내가 행하거든 나를 믿지 아니할지라도 그 일은 믿으라! 그러면 너희가 아버지께서 내 안에 계시고 내가 아버지 안에 있음을 깨달아 알리라' 하신대
39 Isaan amma illee isa qabuu barbaadan; inni garuu isaan harkaa miliqe.
저희가 다시 예수를 잡고자 하였으나 그 손에서 벗어나 나가시니라
40 Yesuus ergasii deebiʼee Yordaanos gama iddoo Yohannis jalqabatti itti cuuphaa ture sana dhaqee achis ture.
다시 요단강 저편 요한이 처음으로 세례 주던 곳에 가사 거기 거하시니
41 Namoonni baayʼeenis gara isaa dhufanii, “Yohannis mallattoo tokko illee hin hojjenne; garuu wanni inni waaʼee namicha kanaa dubbate hundinuu dhugaa dha” jedhan.
많은 사람이 왔다가 말하되 `요한은 아무 표적도 행치 아니하였으나 요한이 이 사람을 가리켜 말한 것은 참이라' 하더라
42 Achittis namoonni hedduun Yesuusitti amanan.
그리하여 거기서 많은 사람이 예수를 믿으니라