< Yooʼeel 1 >

1 Dubbii Waaqayyoo kan gara Yooʼeel ilma Phetuuʼeel dhufe.
耶和华的话临到毗土珥的儿子约珥。
2 Yaa maanguddoota, waan kana dhagaʼaa; warri biyyattii keessa jiraattan hundinuu dhaggeeffadhaa. Wanni akkanaa takkumaa bara keessan keessa yookaan bara abbootii keessanii keessa taʼee beekaa?
老年人哪,当听我的话; 国中的居民哪,都要侧耳而听。 在你们的日子, 或你们列祖的日子, 曾有这样的事吗?
3 Isin waan kana ijoollee keessanitti himaa; ijoolleen keessanis ijoollee ofii isaaniitti haa himan; ijoolleen isaanii immoo dhaloota itti aanutti haa dabarsan.
你们要将这事传与子, 子传与孙, 孙传与后代。
4 Waan tuunni hawwaannisaa dhiise, hawwaannisni guddaan fixe; waan hawwaannisni guddaan dhiise, hawwaannisni xixinnaan nyaatee fixe; waan hawwaannisni xixinnaan dhiise immoo hawwaannisni biraa dhufee nyaate.
剪虫剩下的,蝗虫来吃; 蝗虫剩下的,蝻子来吃; 蝻子剩下的,蚂蚱来吃。
5 Yaa machooftota, kaʼaatii booʼaa! Isin warri daadhii wayinii dhugdan hundinuu wawwaadhaa; sababii daadhii wayinii haaraatiif wawwaadhaa; inni afaan keessan irraa butameeraatii.
酒醉的人哪,要清醒哭泣; 好酒的人哪,都要为甜酒哀号, 因为从你们的口中断绝了。
6 Sabni jabaan akka malee baayʼeen tokko biyya koo weerareera; inni ilkaan leencaa, qarriffaa leenca dhalaa qaba.
有一队蝗虫又强盛又无数, 侵犯我的地; 它的牙齿如狮子的牙齿, 大牙如母狮的大牙。
7 Inni muka wayinii koo onsee harbuu koos barbadeesseera. Inni qola isaanii irraa quncisee lafatti gatee dameelee isaanii duwwaa hambise.
它毁坏我的葡萄树, 剥了我无花果树的皮, 剥尽而丢弃,使枝条露白。
8 Isin akkuma durba wayyaa gaddaa uffattee dhirsa ijoollummaa isheetiif gaddituutti booʼaa.
我的民哪,你当哀号,像处女腰束麻布, 为幼年的丈夫哀号。
9 Kennaan midhaaniitii fi dhibaayyuun mana Waaqayyoo irraa citaniiru. Luboonni fuula Waaqayyoo dura tajaajilan booʼaa jiru.
素祭和奠祭从耶和华的殿中断绝; 事奉耶和华的祭司都悲哀。
10 Lafti qotiisaa oneera; laftis gogeera; midhaan barbadaaʼeera; daadhiin wayinii haaraan dhumeera; zayitiinis dhabameera.
田荒凉,地悲哀; 因为五谷毁坏, 新酒干竭,油也缺乏。
11 Yaa qonnaan bultoota, isin raafamaa; warri wayinii dhaabbattan booʼaa; sababii midhaan lafa qotiisaa keessanii barbadaaʼeef qamadii fi garbuudhaaf booʼaa.
农夫啊,你们要惭愧; 修理葡萄园的啊,你们要哀号; 因为大麦小麦与田间的庄稼都灭绝了。
12 Wayiniin gogeera; harbuunis coollageera; roomaaniin, meexxii fi hudhaan, mukkeen lafa qotiisaa hundinuu goganiiru. Dhugumaan gammachuun ilmaan namaa irraa badeera.
葡萄树枯干; 无花果树衰残。 石榴树、棕树、苹果树, 连田野一切的树木也都枯干; 众人的喜乐尽都消灭。
13 Yaa luboota, wayyaa gaddaa uffadhaatii booʼaa; isin warri iddoo aarsaa dura tajaajiltan wawwaadhaa. Isin warri fuula Waaqa koo dura tajaajiltan kottaatii wayyaa gaddaa uffadhaa bulaa; kennaan midhaaniitii fi dhibaayyuun mana Waaqaa irraa hambifamaniiruutii.
祭司啊,你们当腰束麻布痛哭; 伺候祭坛的啊,你们要哀号; 事奉我 神的啊,你们要来披上麻布过夜, 因为素祭和奠祭从你们 神的殿中断绝了。
14 Sooma qulqulluu labsaa; waldaa qulqulluu waamaa. Maanguddootaa fi warra biyyattii keessa jiraatan hunda gara mana Waaqayyoo Waaqa keessaniitti waamaatii Waaqayyootti booʼaa.
你们要分定禁食的日子, 宣告严肃会, 招聚长老和国中的一切居民 到耶和华—你们 神的殿, 向耶和华哀求。
15 Badne kaa! Guyyaan sun dhiʼaateera. Guyyaan Waaqayyoo gaʼeeraatii; inni akkuma badiisaatti Waaqa Waan Hunda Dandaʼu biraa dhufa.
哀哉!耶和华的日子临近了。 这日来到,好像毁灭从全能者来到。
16 Ijuma keenya duratti nyaanni cite; ilillee fi gammachuunis mana Waaqa keenyaa irraa hin cinnee?
粮食不是在我们眼前断绝了吗? 欢喜快乐不是从我们 神的殿中止息了吗?
17 Sanyiin lafa keessatti tortoree hafe. Mankuusni diigameera; gombisaan caccabeera; midhaan gogee hafeeraatii.
谷种在土块下朽烂; 仓也荒凉,廪也破坏; 因为五谷枯干了。
18 Loon akkam marʼatu! Karri loonii sababii waan dheedu dhabeef asii fi achi joora; bushaayeenis dhiphataniiru.
牲畜哀鸣; 牛群混乱,因为无草; 羊群也受了困苦。
19 Yaa Waaqayyo ani sin waammadha; ibiddi lafa dheedaa barbadeessee arrabni ibiddaa immoo mukkeen diidaa hunda gubee fixeeraatii.
耶和华啊,我向你求告, 因为火烧灭旷野的草场; 火焰烧尽田野的树木。
20 Bineensonni bosonaa sitti gaggabu; lagni bishaanii gogeera; ibiddis dirree dheedaa gubee balleesseera.
田野的走兽向你发喘; 因为溪水干涸, 火也烧灭旷野的草场。

< Yooʼeel 1 >