< Yooʼeel 3 >
1 “Bara sana keessa, yeroo sanatti, ani yommuun boojuu Yihuudaatii fi Yerusaalem deebisutti,
「到那日,我使猶大和耶路撒冷被擄之人歸回的時候,
2 saboota hunda walitti qabeen gara Sulula Yehooshaafaaxitti gad isaan nan buusa. Anis achitti sababii dhaala koo, sababii Israaʼeliif isaanitti nan mura; isaan saboota gidduutti saba koo bittinneessanii biyya koos gargar qooddataniiruutii.
我要聚集萬民,帶他們下到約沙法谷,在那裏施行審判;因為他們將我的百姓,就是我的產業以色列,分散在列國中,又分取我的地土,
3 Isaan uummata kootti ixaa buufatanii ijoollee dhiiraas sagaagalummaatti geeddarataniiru; akka dhuganiif dubara illee daadhii wayiniitti gurguratan.
且為我的百姓拈鬮,將童子換妓女,賣童女買酒喝。
4 “Yaa Xiiroosii fi Siidoonaa, isin kutaaleen Filisxeem hundinuu, amma maal narraa qabdu? Isin waan ani godheef haaloo na baafachaa jirtuu? Yoo isin haaloo na baafachaa jirtu taʼe ani dafee ariitiidhaan waan isin hojjettan sana matuma keessanittin deebisa.
「泰爾、西頓,和非利士四境的人哪,你們與我何干?你們要報復我嗎?若報復我,我必使報應速速歸到你們的頭上。
5 Isin meetii fi warqee koo guurrattanii qabeenya koo filatamaas mana waaqeffannaa keessanitti geeffattaniirtuutii.
你們既然奪取我的金銀,又將我可愛的寶物帶入你們宮殿,
6 Isin biyya isaanii irraa isaan fageessitanii uummata Yihuudaatii fi Yerusaalem Giriikotatti gurgurattan.
並將猶大人和耶路撒冷人賣給希臘人,使他們遠離自己的境界。
7 “Kunoo, ani biyya isin itti isaan gurgurattan keessaa isaan baasee waan isin hojjettan sana matuma keessanitti nan deebisa.
我必激動他們離開你們所賣到之地,又必使報應歸到你們的頭上。
8 Ani ilmaanii fi intallan keessan saba Yihuudaatti nan gurgura; isaan immoo saba fagoo jiru kan Saabaa jedhamutti dabarsanii isaan gurguratu.” Waaqayyo dubbateeraatii.
我必將你們的兒女賣在猶大人的手中,他們必賣給遠方示巴國的人。這是耶和華說的。」
9 Waan kana saboota gidduutti labsaa: Waraanaaf qophaaʼaa! Gootota kakaasaa! Loltoonni hundi dhiʼaatanii haa lolan.
當在萬民中宣告說: 要預備打仗; 激動勇士, 使一切戰士上前來。
10 Maarashaa keessan tumaatii goraadee godhadhaa; haamtuu keessanis tumaatii eeboo godhadhaa. Namni laafaan, “Ani jabaa dha!” haa jedhu.
要將犂頭打成刀劍, 將鐮刀打成戈矛; 軟弱的要說:我有勇力。
11 Isin saboonni qixa hundaan dafaa kottaattii achitti walitti qabamaa. Yaa Waaqayyo, loltoota kee gad ergi!
四圍的列國啊, 你們要速速地來, 一同聚集。 耶和華啊, 求你使你的大能者降臨。
12 “Saboonni haa kaʼan; isaan dafanii gara Sulula Yehooshaafaax haa dhufan; ani saboota gama hundaan jiranitti muruuf achi nan taaʼaatii.
萬民都當興起, 上到約沙法谷; 因為我必坐在那裏, 審判四圍的列國。
13 Midhaan gaʼeeraatii haamtuu itti kaaʼaa. Kottaatii ija wayinii dhidhiitaa; boolli itti wayinii cuunfan guuteeraatii; sababii hamminni isaanii guddaa taʼeef boolli itti wayinii cuunfan guutee irra dhangalaʼeera!”
開鐮吧!因為莊稼熟了; 踐踏吧!因為酒醡滿了。 酒池盈溢; 他們的罪惡甚大。
14 Waldaan guddaan, waldaan nama baayʼee sulula murtii keessatti wal gaʼeera! Guyyaan Waaqayyoo sulula murtii keessatti dhufuu gaʼeeraatii.
許多許多的人在斷定谷, 因為耶和華的日子臨近斷定谷。
15 Biiftuu fi addeessi ni dukkanaaʼu; urjiiwwanis siʼachi ifa hin kennan.
日月昏暗, 星宿無光。
16 Waaqayyo Xiyoon irraa ni iyya; Yerusaalem keessaas sagalee dhageessisa; lafaa fi samiin ni raafamu. Waaqayyo garuu saba isaatiif iddoo itti baqatan, saba Israaʼeliif immoo daʼoo ni taʼa.
耶和華必從錫安吼叫, 從耶路撒冷發聲, 天地就震動。 耶和華卻要作他百姓的避難所, 作以色列人的保障。
17 “Ergasii isin akka ani Waaqayyo Waaqni keessan Xiyoon keessa, gaara koo qulqulluu sana irra jiraadhu ni beektu. Yerusaalem qulqulluu taati; namoonni biyya alaa gonkumaa lammata ishee hin weeraran.
你們就知道我是耶和華-你們的上帝, 且又住在錫安-我的聖山。 那時,耶路撒冷必成為聖; 外邦人不再從其中經過。
18 “Gaafas tulluuwwan daadhii wayinii haaraa ni coccobsu; gaarranis aannan yaasu; lageen Yihuudaa hundinuu bishaaniin guutamu. Burqaan tokko mana Waaqayyoo keessaa burqee sulula Shixiim ni obaasa.
到那日,大山要滴甜酒; 小山要流奶子; 猶大溪河都有水流。 必有泉源從耶和華的殿中流出來, 滋潤什亭谷。
19 Gibxi garuu ni onti; Edoomis duwwaa hafti; isaan dhiiga nama yakka hin qabnee biyyattii keessatti dhangalaasuudhaan saba Yihuudaatti daba hojjetaniiruutii.
埃及必然荒涼, 以東變為悽涼的曠野, 都因向猶大人所行的強暴, 又因在本地流無辜人的血。
20 Yihuudaan bara baraan, Yerusaalemis dhaloota hundaaf iddoo jireenyaa ni taati.
但猶大必存到永遠; 耶路撒冷必存到萬代。
21 Ani dhiiga isaanii kan yakka hin qabne sana utuun haaloo hin baʼin nan dhiisaa? Lakkii, hin dhiisu.”
我未曾報復流血的罪, 現在我要報復, 因為耶和華住在錫安。