< Yooʼeel 2 >
1 Xiyoon keessatti malakata afuufaa; gaara koo qulqulluu irratti sagalee akeekkachiisaa dhageessisaa. Guyyaan Waaqayyoo dhufaa jiraatii; warri lafa irra jiraatan hundi haa hollatan. Guyyaan sun dhiʼaateera;
Piga tarumbeta katika Sayuni, na piga kelele juu ya mlima wangu mtakatifu! Wakazi wote wa nchi watetemeke kwa hofu; maana siku ya Bwana inakuja; Hakika iko karibu.
2 guyyaan dukkanaatii fi dimimmisaa, guyyaan duumessaatii fi dukkana hamaa ni dhufa. Sabni guddaa fi jabaan tokko akkuma ifa ganama tulluuwwan irratti baʼuutti ni dhufa; wanni akkasii takkumaa bara durii keessa taʼee hin beeku yookaan dhaloota dhufuuf jiru keessatti illee hin taʼu.
Ni siku ya giza na weusi, siku ya mawingu na giza nene. Kama asubuhi inayoenea kwenye milima, jeshi kubwa na la nguvu linakaribia. Hakujawahi kuwako jeshi kama hilo, na hakutakuwa tena, hata baada ya vizazi vingi.
3 Fuula isaanii duraa ibiddi ni barbadeessa; dugda isaanii duubaan immoo arraba ibiddaatu bobaʼa. Fuula isaanii duraan lafti iddoo biqiltuu Eeden fakkaata; dugda isaanii duubaan immoo lafti akkuma gammoojjii onee ti; wanni tokko iyyuu isaan duraa hin miliqu.
Moto unatumia kila kitu mbele yake, na nyuma yake moto unawaka. Nchi hiyo ni kama bustani ya Edeni mbele yake, lakini nyuma yake kuna jangwa lililoharibika. Hakika hakuna chochote kitakayotoroka.
4 Isaan bifa fardeenii qabu; akkuma fardeen lolaas ni gulufu.
Muonekano wa jeshi ni kama farasi, na wanakimbia kama wapanda farasi.
5 Isaan sagalee akka gaarii waraanaatiin fiixee tulluu irra utaalu; akkuma ibidda yeroo qarmii gubutti xaaxaʼuu, akkuma waraana jabaa lolaaf baʼe tokkoo ti.
Wanaruka kwa kelele kama ile ya magari juu ya vilele vya milima, kama kelele za muale wa moto ambao huangamiza majani, kama jeshi la nguvu lililo tayari kwa vita.
6 Saboonni jara arginii dhiphatu; fuulli nama hundaas ni gurraachaʼa.
Mbele yao watu wako katika maumivu na nyuso zao zote zinakuwa za rangi.
7 Isaan akkuma namoota jajjaboo fiigu; akkuma loltootaa dallaa yaabbatanii seenu. Hundi isaanii tarree galanii deemu; isaan keessaa tokko iyyuu daandii isaa irraa hin jalʼatu.
Wanakimbia kama wapiganaji wenye nguvu; wanapanda kuta kama askari; wanasonga, kila mmoja kwa hatua, na hawavunji safu zao.
8 Isaan wal hin dhiiban; hundi isaanii qajeelanii fuula duratti deemu. Utuu toora isaanii hin dhiisin ittisa cabsanii seenu.
Wala hakuna mmoja anayemsukuma mwingine kando; wanasonga, kila mmoja katika njia yake; wao huvunja kwa njia ya ulinzi na si kuanguka nje ya mstari.
9 Isaan magaalaa keessa asii fi achi fiigu; dallaa irra fiigu. Isaan mana yaabbatu; akkuma hattuus foddaadhaan ol seenu.
Wanakimbilia jiji, wanakimbia kwenye ukuta, wanapanda ndani ya nyumba, na hupita kupitia madirisha kama wezi.
10 Fuula isaanii duratti lafti ni sochooti; samiin ni raafama; aduu fi jiʼi ni dukkanaaʼu; urjiiwwan deebiʼanii hin ibsan.
Nchi hutikisika mbele yao, mbingu hutetemeka, jua na mwezi ni giza, na nyota zinaacha kuangaza.
11 Waaqayyo fuula loltoota isaa duratti sagalee dhageessisa; loltoonni isaa akka malee baayʼee dha; warri ajaja isaa eegan jajjaboo dha. Guyyaan Waaqayyoo guddaa dha; guyyaan sun akka malee nama sodaachisa. Eenyutu dura dhaabachuu dandaʼa?
Bwana huinua sauti yake mbele ya jeshi lake; maana wapiganaji wake ni wengi sana; kwa maana wao ni wenye nguvu, wale wanaofanya amri zake. Kwa maana siku ya Bwana ni kubwa na ya kutisha sana. Nani anayeweza kuishi?
12 “Amma iyyuu garaa guutuudhaan, soomaan, booʼichaa fi gaddaan gara kootti deebiʼaa” jedha Waaqayyo.
“Lakini hata sasa,” asema Bwana, “Nirudieni mimi kwa mioyo yenu yote. Haraka, lia na omboleza.”
13 Isin utuu wayyaa keessan hin taʼin garaa keessan tarsaasaa. Gara Waaqayyo Waaqa keessaniitti deebiʼaa; inni arjaa fi gara laafessaatii; inni dafee hin aaru; jaalalli isaa baayʼee dha; inni badiisa erguu irraa of qusata.
Rarueni miyoyo yenu, si mavazi yenu tu, na kurudi kwa Bwana Mungu wenu. Kwa maana ni mwenye neema na mwenye huruma, si mwepesi wa hasira na wingi katika uaminifu wa agano, na angependa kugeuka kutokana na adhabu.
14 Maaltu beeka? Tarii inni deebiʼee gaabbee eebba, kennaa midhaaniitii fi kennaa dhugaatii kan Waaqayyo Waaqa keessaniif taʼu isiniif hambisa taʼa.
Nani anajua? Labda angegeuka na kuwa na huruma, na kuacha baraka nyuma yake, sadaka ya unga na sadaka ya kinywaji kwa Bwana, Mungu wenu?
15 Xiyoon keessatti malakata afuufaa; sooma qulqulluu labsaa; waldaa qulqulluu waamaa.
Piga tarumbeta huko Sayuni, itisha kwa ajili ya funga takatifu, na itisheni kusanyiko takatifu.
16 Saba walitti qabaa; waldaa sana qulqulleessaa; maanguddoota walitti fidaa; ijoollee walitti qabaa; daaʼimman harma hodhan illee hin hambisinaa. Misirrichi kutaa isaa keessaa haa baʼu; misirrittiinis diinqa isheetii haa baatu.
Kusanyeni watu, wito kwa kusanyiko takatifu. Kusanya wazee, kukusanya watoto na watoto wachanga. Bwana arusi waweze kutoka nje ya vyumba vyao, na bibi arusi kutoka kwenye vyumba vyao.
17 Luboonni fuula Waaqayyoo dura tajaajilan gardaafoo fi iddoo aarsaa gidduutti haa booʼan. Isaan akkana haa jedhan; “Yaa Waaqayyo saba kee baraari. Handhuuraa kee waan qoosaa, saboota gidduuttis waan kolfaa hin godhin. Isaan maaliif namoota gidduutti, ‘Waaqni isaanii eessa jira?’ jedhu?”
Basi makuhani, watumishi wa Bwana, waliao kati ya patakatifu na madhabahu. Wawaambie, Waitie watu wako, Ee Bwana, wala usitoe urithi wako kwa aibu, ili mataifa watawawale juu yao. Kwa nini wanapaswa kusema kati ya mataifa, “Yuko wapi Mungu wao?”
18 Waaqayyo biyya isaatiif ni hinaafa; saba isaatiifis garaa laafa.
Ndipo Bwana alikuwa mwenye bidii kwa nchi yake na kuwahurumia watu wake.
19 Waaqayyo akkana jedhee deebii kennaaf: “Ani midhaan, daadhii wayinii haaraa fi zayitii ejersaa kan isin quubsu isiniif nan erga; ani lammata saboota gidduutti waan qoosaa isin hin godhu.
Bwana akawajibu watu wake, Tazama, nitawaletea nafaka, divai mpya, na mafuta. Utaridhishwa nao, wala sitawafanya kuwa aibu kati ya mataifa.
20 “Ani loltoota kaabaa isin duraa balleessee gara lafa gogaa fi duwwaatti isaan ariʼa; loltoonni fuula duraan yaaʼan galaana baʼa biiftuu, kanneen dugda duubaan yaaʼan immoo galaana gama lixa biiftuu seenu. Reeffi isaanii ni xiraaʼa; xiraan isaaniis ol baʼa.” Dhugumaan inni waan guddaa hojjeteera!
Nitawaondoa washambuliaji wa kaskazini mbali nanyi, na nitawapitisha katika nchi kavu na iliyoachwa. Sehemu ya mbele ya jeshi lao itaingia bahari ya mashariki, na sehemuya nyuma itaingia bahari ya magharibi. Uvundo wake utainuka juu, na harufu yake mbaya itainuka juu. Hakika, amefanya mambo makuu.
21 Yaa biyya Yihuudaa, hin sodaatin; gammadiitii ililchi. Waaqayyo dhugumaan waan guddaa hojjeteera!
Msiogope, nchi, shangilieni na kufurahi, kwa kuwa Bwana atafanya mambo makuu.
22 Yaa bineensota bosonaa, isinis hin sodaatinaa; dirreen dheedaa gabbachaa jiraatii. Mukkeen ija naqachaa, harbuu fi wayiniinis ija kennaa jiru.
Usiogope, wanyama wa kondeni, kwa kuwa malisho ya jangwa yatakua, miti itazaa matunda yake, na miti ya mizabibu na mizabibu itazaa mavuno yao yote.
23 Yaa uummata Xiyoon gammadi; Waaqayyo Waaqa keetti gammadi; inni qajeelummaadhaan rooba arfaasaa siif kenneeraatii. Inni akkuma durii bokkaa baayʼee, rooba arfaasaa fi kan birraa siif erga.
Furahini, enyi watu wa Sayuni, na kufurahi katika Bwana, Mungu wenu. Kwa maana atakupa mvua ya vuli kwa kiasi na kuleta mvua kwa ajili yenu, mvua ya vuli na mvua ya masika kama hapo awali.
24 Oobdiin midhaaniin guutama; boolli itti wayinii cuunfanis daadhii wayinii haaraa fi zayitiidhaan guutamanii dhangalaasu.
Sakafu ya kupepetea zitajaa ngano, na vyombo vitafurika kwa divai mpya na mafuta.
25 “Ani waan bara hawwaannisni nyaate, waan hawwaannisni gurguddaa fi xixinnaan nyaate, waan hawwaannisni kaanii fi tuunni hawwaannisaa jechuunis loltoonni koo jajjaboon ani gidduu keessanitti erge sun nyaatan iddoo isiniif nan buusa.
“Nitawawezesha miaka ya mazao ambayo nzige walikula, Palale, nzige, na nzige wakuteketeza - jeshi langu lenye nguvu ambalo nimelituma kati yenu.
26 Isin waan hamma quuftanitti nyaattan baayʼee ni qabaattu; maqaa Waaqayyo Waaqa keessanii kan waan dinqii isiniif hojjete sanaa ni galateeffattu; uummanni koo lammata hin qaaneffamu.
Mutakula chakula tele na kushiba, na kulitukuza jina la Bwana, Mungu wenu, aliyefanya miujiza kati yenu, wala sitawaletea tena watu wangu.
27 Ergasii isin akka ani Israaʼel keessa jiru akka ani Waaqayyo Waaqa keessan taʼe, akka ana malee Waaqni biraa hin jirre ni beektu; uummanni koo lammata hin qaaneffamu.
Utajua ya kwamba mimi niko kati ya Israeli, na kwamba mimi ni Bwana, Mungu wako, wala hakuna mwingine, wala sitawaletea aibu watu wangu.
28 “Anis kana booddee, Hafuura koo nama hunda irratti nan dhangalaasa. Ilmaanii fi intallan keessan raajii dubbatu; jaarsoliin keessan abjuu abjootu; dargaggoonni keessan mulʼata argu.
Itakuwa baada ya hayo nitamimina Roho yangu juu ya wenye mwili yote, na wana wenu na binti zenu watatabiri. Wazee wenu wataota ndoto, vijana wenu wataona maono.
29 Bara sana keessa, garboota koo warra dhiiraa fi dubartii irratti illee Hafuura koo nan dhangalaasa.
Pia juu ya watumishi na watumishi wa kike, siku hizo nitaimimina Roho wangu.
30 Ani ol samii irratti dinqii, gad lafa irrattis dhiiga, ibiddaa fi hurrii aaraa nan argisiisa.
Nitaonyesha maajabu mbinguni na duniani, damu, moto na nguzo za moshi.
31 Utuu guyyaan Waaqayyoo inni guddichii fi sodaachisaan sun hin dhufin dura, aduun dukkanatti geeddaramti; jiʼi immoo dhiigatti geeddarama.
Jua litakuwa giza na mwezi kuwa damu, kabla ya siku kuu na ya kutisha ya Bwana itakapokuja.
32 Namni maqaa Waaqayyoo waammatu hundinuu ni fayya; akkuma Waaqayyo dubbatettis Tulluu Xiyoon irraa fi Yerusaalem keessa, furamatu jiraata; hambaa gidduuttis warri Waaqayyo isaan waame ni argamu.
Itakuwa kwamba kila mtu anayeita jina la Yahweh ataokolewa. Kwa maana juu ya Mlima Sayuni na Yerusalemu watakuwa na wale waliokoka, kama Bwana alivyosema, na kati ya wale walisalia, wale ambao Bwana anawaita.