< Iyyoob 1 >
1 Biyya Uuzi jedhamu keessa nama Iyyoob jedhamu tokkotu ture. Namichi kunis nama hirʼina hin qabnee fi qajeelaa, nama Waaqa sodaatuu fi hammina irraa fagaate ture.
In the land of Uz lived a man whose name was Job. He was an upright and good man, fearing God and departing from evil.
2 Innis ilmaan torbaa fi intallan sadii qaba ture;
He had seven sons and three daughters.
3 akkasumas hoolota kuma torba, gaala kuma sadii, qotiyyoo cimdii dhibba shanii fi harroota dhibba shan, tajaajiltoota hedduus qaba ture; innis namoota biyya Baʼa Biiftuu jiraatan hunda keessaa nama guddaa ture.
His substance was seven thousand sheep, three thousand camels, five hundred yoke of oxen, five hundred she-asses, and a great number of servants; so that he was the greatest of all the inhabitants of the East.
4 Ilmaan isaas mana isaaniitti dabaree dabareedhaan cidha qopheessanii akka isaan wajjin nyaatanii dhuganiif obboleettota isaanii sadan affeeru ture.
Now it was the custom of his sons to make a feast in their houses, each on his day, and to send and invite their three sisters to eat and to drink with them.
5 Erga yeroon cidha sanaa raawwatamee booddee Iyyoob itti ergee ijoollee isaa waamsisuudhaan, “Tarii ijoolleen koo cubbuu hojjetanii garaa isaaniittis Waaqa abaaraniiru taʼa” jedhee ganama barii waaʼee tokkoo tokkoo isaaniitiif aarsaa gubamu dhiʼeessuudhaan isaan qulqulleessa ture. Iyyoob yeroo hunda waan kana godha ture.
And when the days of their feasting had gone round, Job used to send for them and sanctify them, and to rise up early in the morning and offer burnt-offerings according to the number of them all; for Job said, It may be that my sons have sinned, and have renounced God in their hearts. Thus did Job continually.
6 Gaaf tokko yeroo ergamoonni Waaqayyoo fuula Waaqayyoo duratti dhiʼaachuuf dhufanitti Seexannis isaan wajjin dhufe.
Now on a certain day the sons of God came to present themselves before Jehovah, and Satan also came among them.
7 Waaqayyos seexanaan, “Ati Eessaa dhufte?” jedhe. Seexannis, “Ani lafa hunda irra jooraa, asii fi achis deddeebiʼaa tureen dhufe” jedhee Waaqayyoof deebise.
And Jehovah said to Satan, Whence comest thou? Then Satan answered Jehovah, and said, From wandering over the earth, and walking up and down in it.
8 Waaqayyos Seexanaan, “Ati tajaajilaa koo Iyyoobin qalbeeffatteertaa? Namni isa fakkaatu tokko illee lafa irra hin jiru; inni nama hirʼina hin qabnee fi qajeelaa, nama Waaqa sodaatuu fi hammina irraa fagaatee dha” jedhe.
And Jehovah said to Satan, Hast thou observed my servant Job, that there is none like him in the earth, an upright and good man, fearing God and departing from evil?
9 Seexanni immoo deebisee akkana jedhe, “Iyyoob akkasumaan Waaqa sodaataa?
Then Satan answered Jehovah, Is it for nought that Job feareth God?
10 Ati naannoo isaatti, warra mana isaa jiraatanii fi waan kan isaa taʼe hundatti dallaa ijaarteerta mitii? Ati akka bushaayee fi loon isaa biyyicha guutaniif hojii harka isaa eebbifteertaaf.
Hast thou not placed a hedge around him, and around his house, and around all his possessions? Thou hast prospered the work of his hands, and his herds are greatly increased in the land.
11 Garuu ati mee harka kee diriirsiitii waan inni qabu hunda dhaʼi; inni dhugumaan ifaan ifatti si abaara.”
But only put forth thy hand, and touch whatever he possesseth, and to thy face will he renounce thee.
12 Waaqayyos Seexanaan, “Kunoo, wanti inni qabu hundi si harka jira; isa garuu qubaanuu hin tuqin” jedhe. Sana booddee Seexanni fuula Waaqayyoo duraa baʼee deeme.
And Jehovah said to Satan, Behold, all that he hath is in thy power; but upon him lay not thy hand. So Satan went forth from the presence of Jehovah.
13 Gaaf tokko utuu ilmaanii fi intallan Iyyoob mana obboleessa isaanii isa hangafaatti nyaachaa, daadhii wayinii dhugaa jiranuu,
Now on a certain day the sons and daughters of Job were eating and drinking wine in their eldest brother's house,
14 ergamaan tokko gara Iyyoob dhufee akkana jedhe; “Utuu qotiyyoon qotaa, harroonni immoo naannuma sana dheedaa jiranuu,
when a messenger came to Job, and said, The oxen were ploughing, and the asses feeding beside them,
15 namoonni Shebaa balaa buusanii isaan fudhatanii deeman. Tajaajiltootas goraadeedhaan fixan; ana qofatu miliqee sitti himuuf dhufe!”
and the Sabaeans fell upon them, and took them away; the servants also they slew with the edge of the sword; and I only am escaped alone to tell thee.
16 Utuma inni dubbachaa jiruu ergamaan biraa dhufee, “Ibiddi Waaqaa samiidhaa buʼee hoolotaa fi tajaajiltoota gubee fixe; ana qofatu miliqee sitti himuuf dhufe!” jedhe.
While he was yet speaking, there came also another, and said, The fire of God hath fallen from heaven, and hath burned up the sheep and the servants, and consumed them; and I only am escaped alone to tell thee.
17 Utuu inni dubbachaa jiruu ammas ergamaan biraa dhufee, “Kaldoonni garee sadiitti qoodamanii gaalawwan kee irra yaaʼanii isaan oofatanii deeman; tajaajiltootas goraadeedhaan fixan; ana qofatu miliqee sitti himuuf dhufe!” jedhe.
While he was yet speaking, there came also another, and said, The Chaldaeans made out three bands, and fell upon the camels, and carried them away; the servants also they slew with the edge of the sword; and I only am escaped alone to tell thee.
18 Utuma inni dubbachaa jiruu ergamaan biraa dhufee akkana jedheen; “Ilmaanii fi intallan kee mana obboleessa isaanii isa hangafaatti nyaachaa, daadhii wayinii dhugaa turan;
While he was yet speaking, there came also another, and said, Thy sons and thy daughters were eating and drinking wine in their eldest brother's house;
19 yeroo kanattis bubbee hamaan akka tasaa gammoojjiidhaa kaʼee golee mana sanaa afran dhaʼe; manni sunis isaan irratti jigee dhuman; ana qofatu miliqee sitti himuuf dhufe!”
and, lo! there came a great wind from the desert, and smote the four corners of the house, and it fell upon the young men, and they are dead; and I only am escaped alone to tell thee.
20 Kana irratti Iyyoob uffata isaa tarsaasee mataa isaa haaddate. Lafatti gombifamee sagadee
Then Job arose, and rent his mantle, and shaved his head, and fell down upon the ground, and worshipped;
21 akkana jedhe: “Ani qullaa koon gadameessa haadha kootiitii baʼe; qullaa koos nan deema. Waaqayyotu kenne; Waaqayyotu fudhate; maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu.”
and said, Naked came I forth from my mother's womb, and naked shall I return thither. Jehovah gave, and Jehovah hath taken away; blessed be the name of Jehovah!
22 Wantoota kanneen hunda keessatti Iyyoob hojii dogoggoraatiin Waaqa himachuudhaan cubbuu hin hojjenne.
In all this Job sinned not, nor uttered vain words against God.