< Iyyoob 9 >
1 Iyyoob akkana jedhee deebise:
Sai Ayuba ya amsa,
2 “Ani akka wanni kun dhugaa taʼe beeka. Namni garuu akkamitti fuula Waaqaa duratti qajeelaa taʼuu dandaʼa?
“Lalle, na san wannan gaskiya ne. Amma ta yaya mutum zai iya zama mai adalci a gaban Allah?
3 Namni tokko yoo isa wajjin falmuu barbaade kuma keessaa siʼa tokko illee isaaf deebisuu hin dandaʼu.
Ko da mutum yana so yă yi gardama da shi, ba zai taɓa amsa masa ba ko da sau ɗaya cikin dubu.
4 Ogummaan isaa gad fagoo dha; humni isaas guddaa dha. Namni isaan mormee utuu hin miidhamin hafu jiraa?
Hikimarsa tana da zurfi, ikonsa yana da yawa. Wane ne ya taɓa yin faɗa da shi har ya yi nasara?
5 Inni utuu isaan hin beekin tulluuwwan iddoo isaaniitii buqqisa; dheekkamsa isaatiinis isaan gaggaragalcha.
Yana matsar da manyan duwatsu kafin su sani kuma yana juya su cikin fushinsa.
6 Lafa iddoo isheetii ni sochoosa; utubaawwan ishees ni raasa.
Yana girgiza ƙasa, yana girgiza harsashenta.
7 Inni biiftuu ni ajaja; isheenis hin baatu; urjiiwwanis chaappaadhaan ni cufa.
Yana magana da rana sai ta ƙi yin haske; yana hana taurari yin haske.
8 Isa qofatu samiiwwan diriirsa; dambalii galaanaa irras ni deema.
Shi kaɗai ya shimfiɗa sammai ya kuma yi tafiya a kan raƙuman ruwan teku.
9 Urjiiwwan Amaaketaa fi urjii sadee, Urjii torbii fi tuuta ‘Urjiiwwan Kibbaa’ jedhaman isatu uume.
Shi ne ya halicci Mafarauci da Kare da Zomo, da Kaza, da’Ya’yanta da tarin taurari a sama, da taurarin kudu.
10 Inni wantoota gurguddaa qoratanii bira gaʼuun hin dandaʼamne, dinqiiwwan hin lakkaaʼamne hojjeta.
Yana yin abubuwan banmamaki waɗanda ba a iya ganewa, mu’ujizai waɗanda ba a iya ƙirgawa.
11 Yommuu inni na bira darbu ani isa arguu hin dandaʼu; yommuu inni na cina deemus ani isa hubachuu hin dandaʼu.
Ba na iya ganinsa lokacin da ya wuce ni; ba na sani ya wuce lokacin da ya wuce.
12 Yoo inni butee deeme eenyutu isa dhowwuu dandaʼa? Eenyutus, ‘Ati maal hojjettaa?’ isaan jechuu dandaʼa?
Wane ne ya isa yă hana shi in ya ƙwace abu? Wa zai ce masa, ‘Me kake yi?’
13 Waaqni dheekkamsa isaa hin deebisu; warri Raʼaabin gargaaran iyyuu gad deebiʼu.
Allah ba ya danne fushinsa; ko dodannin ruwan da ake kira ayarin Rahab ya tattake su.
14 “Yoos ani akkamittan isatti falmuu dandaʼa? Isatti falmuufis akkamittan dubbii filachuu dandaʼa?
“Ta yaya zan iya yin faɗa da shi? Ina zan iya samun kalmomin da zan yi gardama da shi?
15 Ani nama balleessaa hin qabne utuun taʼe iyyuu, isaaf deebisuu hin dandaʼu; abbaa Murtii koo araara kadhachuu qofa nan dandaʼa.
Ko da yake ba ni da laifi, ba zan iya amsa masa ba; sai dai roƙon jinƙai zan iya yi ga mahukuncina.
16 Yoo ani isa waammadhee inni naa deebise illee, akka inni na dhagaʼu ani hin amanu.
Ko da na yi kira gare shi ya amsa mini, ban yarda cewa zai saurare ni ba.
17 Inni bubbee hamaadhaan na caccabsa; madaa koos sababii malee natti baayʼisa.
Zai sa hadari yă danne ni yă ƙara mini ciwona ba dalili.
18 Inni waan hadhaaʼaadhaan na guute malee akka ani hafuura fudhadhuuf illee yeroo naaf hin kennine.
Ba zai bari in yi numfashi ba, sai dai yă ƙara mini azaba.
19 Waaʼee jabinaa taanaan inni jabaa dha! Waaʼee murtii qajeelaas taanaan eenyutu isa waamuu dandaʼa?
In maganar ƙarfi ne, shi babban mai ƙarfi ne! In kuma maganar shari’a ne, wa zai kai kararsa?
20 Utuu ani nama balleessaa hin qabne taʼe iyyuu afaan koo natti mura; utuma ani hirʼina hin qabaannes yakkamaa taʼuu koo hima.
Ko da ni marar ƙarfi ne, bakina ya isa yă sa in zama mai laifi; in ba ni da laifi, zai sa in yi laifi.
21 “Ani hirʼina qabaachuu baadhu iyyuu, waaʼee ofii kootii hin yaaddaʼu; jireenya koos nan tuffadha.
“Ko da yake ba ni da laifi, ban damu da kaina ba; na rena raina.
22 Wanni hundinuu tokkuma; kanaafuu ani, ‘Inni isa hirʼina hin qabnes, isa hamaas ni balleessa’ nan jedha.
Ba bambanci; shi ya sa na ce, ‘Yana hallaka marasa laifi da kuma mugaye.’
23 Yommuu dhaʼichi buʼee duʼa tasaa fidutti, inni badiisa warra yakka hin qabneetti ni qoosa.
Lokacin da bala’i ya kawo ga mutuwa, yakan yi dariyar baƙin cikin marasa laifi.
24 Yommuu lafti harka hamootaa jala galtutti, inni ija abbootii murtii ishee ni jaamsa; kun yoo isa taʼuu baate, egaa eenyu ree?
Lokacin da ƙasa ta faɗa a hannun mugaye, yakan rufe idanun masu shari’a. In ba shi ba wa zai yi wannan?
25 “Barri jireenya koo nama fiigu caalaa ariifata; utuu gammachuu tokko illee hin argin darba.
“Kwanakina sun fi mai gudu wucewa da sauri; suna firiya babu wani abin jin daɗi a cikinsu.
26 Inni akkuma bidiruu dhallaadduu irraa hojjetamee, akkuma risaa waa butachuuf gad barrisuu ariifata.
Suna wucewa kamar jirgin ruwan da aka yi da kyauro, kamar jahurma da ta kai wa namanta cafka.
27 Yoo ani, ‘Guungummii koo nan dhiisa; nyaara guuruus dhiisee nan seeqa’ jedhe,
‘In na ce zan manta da abin da yake damu na, zan yi murmushi in daina nuna ɓacin rai,’
28 ani amma iyyuu dhiphina koo hunda nan sodaadha; akka ati akka nama balleessaa hin qabneetti na hin hedne nan beekaatii.
duk da haka ina tsoron duk wahalata, domin na san ba za ka ɗauke ni marar laifi ba.
29 Erga yakkamaa taʼuun koo beekamee, ani maaliifin akkasumaan dadhaba ree?
Tun da an riga an ɗauke ni mai laifi, duk ƙoƙarina a banza yake.
30 Utuma ani saamunaadhaan dhiqadhee handoodeedhaanis harka koo qulqulleeffadhe iyyuu,
Ko da na wanke jikina duka da sabulu, na wanke hannuwana kuma da soda,
31 ati hamma uffanni koos na balfutti, boolla keessa na dhidhimsita.
duk da haka za ka jefa ni cikin ƙazamin wuri, yadda ko rigunan jikina ma za su ƙi ni.
32 “Akka ani isaa deebisuu fi mana murtiittis wal falminuuf, inni akka koo nama foonii miti.
“Shi ba mutum ba ne kamar ni wanda zan iya amsa masa, har da za mu yi faɗa da juna a wurin shari’a.
33 Utuu namni nu lamaan irra harka kaaʼu, kan gidduu keenyattis araara buusu tokko jiraatee,
In da akwai wanda zai iya shiga tsakaninmu, ya ɗora hannunsa a kanmu tare,
34 utuu Waaqni ulee isaa narraa kaasee silaa naasisuun isaa na hin sodaachisu ture.
wani wanda zai sa Allah yă daina duka na, don yă daina ba ni tsoro.
35 Silaa ani utuun isa hin sodaatin nan dubbadhan ture; haalan amma keessa jiruun garuu hin dandaʼu.
Sa’an nan ne zan iya yin magana ba tare da jin tsoronsa ba, amma a yadda nake a yanzu ba zan iya ba.