< Iyyoob 9 >

1 Iyyoob akkana jedhee deebise:
Then Job answered,
2 “Ani akka wanni kun dhugaa taʼe beeka. Namni garuu akkamitti fuula Waaqaa duratti qajeelaa taʼuu dandaʼa?
"Truly I know that it is so, but how can man be just with God?
3 Namni tokko yoo isa wajjin falmuu barbaade kuma keessaa siʼa tokko illee isaaf deebisuu hin dandaʼu.
If he is pleased to contend with him, he can't answer him one time in a thousand.
4 Ogummaan isaa gad fagoo dha; humni isaas guddaa dha. Namni isaan mormee utuu hin miidhamin hafu jiraa?
For he is wise in heart, and mighty in strength: who has hardened himself against him, and prospered?
5 Inni utuu isaan hin beekin tulluuwwan iddoo isaaniitii buqqisa; dheekkamsa isaatiinis isaan gaggaragalcha.
He removes the mountains, and they do not know it, when he overturns them in his anger.
6 Lafa iddoo isheetii ni sochoosa; utubaawwan ishees ni raasa.
He shakes the earth out of its place. Its pillars tremble.
7 Inni biiftuu ni ajaja; isheenis hin baatu; urjiiwwanis chaappaadhaan ni cufa.
He commands the sun, and it doesn't rise, and seals up the stars.
8 Isa qofatu samiiwwan diriirsa; dambalii galaanaa irras ni deema.
He alone stretches out the heavens, and treads on the waves of the sea.
9 Urjiiwwan Amaaketaa fi urjii sadee, Urjii torbii fi tuuta ‘Urjiiwwan Kibbaa’ jedhaman isatu uume.
He makes Osh, Kesil, and Kimah, and the chambers of the south.
10 Inni wantoota gurguddaa qoratanii bira gaʼuun hin dandaʼamne, dinqiiwwan hin lakkaaʼamne hojjeta.
He does great things past finding out; yes, marvelous things without number.
11 Yommuu inni na bira darbu ani isa arguu hin dandaʼu; yommuu inni na cina deemus ani isa hubachuu hin dandaʼu.
Look, he goes by me, and I do not see him. He passes on also, but I do not perceive him.
12 Yoo inni butee deeme eenyutu isa dhowwuu dandaʼa? Eenyutus, ‘Ati maal hojjettaa?’ isaan jechuu dandaʼa?
Look, he snatches away. Who can hinder him? Who will ask him, 'What are you doing?'
13 Waaqni dheekkamsa isaa hin deebisu; warri Raʼaabin gargaaran iyyuu gad deebiʼu.
"God will not withdraw his anger. The helpers of Rahab stoop under him.
14 “Yoos ani akkamittan isatti falmuu dandaʼa? Isatti falmuufis akkamittan dubbii filachuu dandaʼa?
How much less shall I answer him, And choose my words to argue with him?
15 Ani nama balleessaa hin qabne utuun taʼe iyyuu, isaaf deebisuu hin dandaʼu; abbaa Murtii koo araara kadhachuu qofa nan dandaʼa.
Though I were righteous, yet I wouldn't answer him. I would make petition to my judge.
16 Yoo ani isa waammadhee inni naa deebise illee, akka inni na dhagaʼu ani hin amanu.
If I had called, and he had answered me, yet I wouldn't believe that he listened to my voice.
17 Inni bubbee hamaadhaan na caccabsa; madaa koos sababii malee natti baayʼisa.
For he bruises me with a storm, and multiplies my wounds without cause.
18 Inni waan hadhaaʼaadhaan na guute malee akka ani hafuura fudhadhuuf illee yeroo naaf hin kennine.
He will not allow me to catch my breath, but fills me with bitterness.
19 Waaʼee jabinaa taanaan inni jabaa dha! Waaʼee murtii qajeelaas taanaan eenyutu isa waamuu dandaʼa?
If it is a matter of strength, look, he is mighty. And if of justice, who will summon him?
20 Utuu ani nama balleessaa hin qabne taʼe iyyuu afaan koo natti mura; utuma ani hirʼina hin qabaannes yakkamaa taʼuu koo hima.
Though I am righteous, my own mouth shall condemn me. Though I am blameless, it shall prove me perverse.
21 “Ani hirʼina qabaachuu baadhu iyyuu, waaʼee ofii kootii hin yaaddaʼu; jireenya koos nan tuffadha.
I am blameless. I do not regard myself. I despise my life.
22 Wanni hundinuu tokkuma; kanaafuu ani, ‘Inni isa hirʼina hin qabnes, isa hamaas ni balleessa’ nan jedha.
"It is all the same. Therefore I say he destroys the blameless and the wicked.
23 Yommuu dhaʼichi buʼee duʼa tasaa fidutti, inni badiisa warra yakka hin qabneetti ni qoosa.
If the scourge kills suddenly, he will mock at the trial of the innocent.
24 Yommuu lafti harka hamootaa jala galtutti, inni ija abbootii murtii ishee ni jaamsa; kun yoo isa taʼuu baate, egaa eenyu ree?
The earth is given into the hand of the wicked. He covers the faces of its judges. If not he, then who is it?
25 “Barri jireenya koo nama fiigu caalaa ariifata; utuu gammachuu tokko illee hin argin darba.
"Now my days are swifter than a runner. They flee away, they see no good,
26 Inni akkuma bidiruu dhallaadduu irraa hojjetamee, akkuma risaa waa butachuuf gad barrisuu ariifata.
They have passed away as the swift ships, as the eagle that swoops on the prey.
27 Yoo ani, ‘Guungummii koo nan dhiisa; nyaara guuruus dhiisee nan seeqa’ jedhe,
If I say, 'I will forget my complaint, I will put off my sad face, and cheer up;'
28 ani amma iyyuu dhiphina koo hunda nan sodaadha; akka ati akka nama balleessaa hin qabneetti na hin hedne nan beekaatii.
I am afraid of all my sorrows, I know that you will not hold me innocent.
29 Erga yakkamaa taʼuun koo beekamee, ani maaliifin akkasumaan dadhaba ree?
I shall be condemned. Why then do I labor in vain?
30 Utuma ani saamunaadhaan dhiqadhee handoodeedhaanis harka koo qulqulleeffadhe iyyuu,
If I wash myself with snow water, and cleanse my hands with lye,
31 ati hamma uffanni koos na balfutti, boolla keessa na dhidhimsita.
yet you will plunge me in the ditch. My own clothes shall abhor me.
32 “Akka ani isaa deebisuu fi mana murtiittis wal falminuuf, inni akka koo nama foonii miti.
For he is not a man, as I am, that I should answer him, that we should come together in judgment.
33 Utuu namni nu lamaan irra harka kaaʼu, kan gidduu keenyattis araara buusu tokko jiraatee,
There is no umpire between us, that might lay his hand on us both.
34 utuu Waaqni ulee isaa narraa kaasee silaa naasisuun isaa na hin sodaachisu ture.
Let him take his rod away from me. Let his terror not make me afraid;
35 Silaa ani utuun isa hin sodaatin nan dubbadhan ture; haalan amma keessa jiruun garuu hin dandaʼu.
then I would speak, and not fear him, for I am not so in myself.

< Iyyoob 9 >