< Iyyoob 8 >
1 Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise:
Kisha Bildadi Mshuhi akajibu:
2 “Ati hamma yoomiitti waan akkasii dubbatta? Dubbiin kee bubbee jabaa dha.
“Hata lini wewe utasema mambo kama haya? Maneno yako ni kama upepo mkuu.
3 Waaqni murtii qajeelaa jalʼisaa ree? Waaqni Waan Hunda Dandaʼu waan qajeelaa jalʼisaa?
Je, Mungu hupotosha hukumu? Je, Mwenyezi hupotosha kile kilicho haki?
4 Yommuu ijoolleen kee cubbuu isatti hojjetanitti, inni adabbii cubbuu isaaniitti dabarsee isaan kenne.
Watoto wako walipomtenda dhambi, aliwapa adhabu ya dhambi yao.
5 Ati garuu yoo Waaqa barbaadatte, Waaqa Waan Hunda Dandaʼu yoo waammatte,
Lakini ukimtafuta Mungu, nawe ukamsihi Mwenyezi,
6 yoo ati qulqulluu fi qajeelaa taate, inni waaʼee keetiif ammuma kaʼa; jireenya qajeelummaa kees siif deebisa.
ikiwa wewe ni safi na mnyofu, hata sasa atainuka mwenyewe kwa niaba yako, na kukurudisha katika mahali pako pa haki.
7 Jalqabni kee xinnaa taʼu illee, dhumni kee baayʼee guddaa taʼa.
Ijapokuwa mwanzo wako ulikuwa mdogo, lakini mwisho wako utakuwa wa mafanikio.
8 “Dhaloota darbe gaafadhu; waan abbootiin isaanii qoratanii bira gaʼanis hubadhu;
“Ukaulize vizazi vilivyotangulia na uone baba zao walijifunza nini,
9 nu waan kaleessa dhalanneef waa tokko illee hin beeknuutii; baroonni keenyas lafa irratti akkuma gaaddidduu ti.
kwa kuwa sisi tumezaliwa jana tu na hatujui lolote, nazo siku zetu duniani ni kama kivuli tu.
10 Isaan si hin barsiisanii? Sittis hin himanii? Dubbii garaa isaanii keessa jirus hin dubbatanii?
Je, hawatakufundisha na kukueleza? Je, hawataleta maneno kutoka kwenye kufahamu kwao?
11 Dhallaadduun lafa caffee hin taʼinitti guddataa? Shambaqqoonis bishaan malee lalisaa?
Je, mafunjo yaweza kumea mahali pasipo na matope? Matete yaweza kustawi bila maji?
12 Isaan utuma guddachaa jiranuu, utuu hin muramin, biqiltuuwwan kaan dura dafanii gogu.
Wakati bado yanaendelea kukua kabla ya kukatwa, hunyauka haraka kuliko majani mengine.
13 Dhumni warra Waaqa irraanfataniis akkasuma taʼa; abdiin warra Waaqa hin beeknees ni bada.
Huu ndio mwisho wa watu wote wanaomsahau Mungu; vivyo hivyo matumaini ya wasiomjali Mungu huangamia.
14 Abdiin isaa akkuma salphaatti cita; ofitti amanachuun isaas manʼee sariitii ti.
Lile analolitumainia huvunjika upesi; lile analolitegemea ni utando wa buibui.
15 Inni manʼee isaatti irkata; manʼeen sun garuu hin dhaabatu; itti maxxanas; manʼeen sun garuu dandaʼee isa hin baatu.
Huutegemea utando wake, lakini hausimami; huungʼangʼania, lakini haudumu.
16 Inni akka biqiltuu aduu keessatti bishaan obaafamee lalisuutti, dameewwan isaa lafa biqiltuu irra diriirfatuu ti.
Yeye ni kama mti ulionyeshewa vizuri wakati wa jua, ukieneza machipukizi yake bustanini;
17 Hidda isaa tuullaa dhagaatti marata; kattaa gidduus iddoo jiraatu ni barbaaddata.
huifunganisha mizizi yake kwenye lundo la mawe, na kutafuta nafasi katikati ya mawe.
18 Yommuu inni iddoo isaatii badutti garuu, iddoon sun, ‘Ani si argee hin beeku’ jedhee isa gana.
Unapongʼolewa kutoka mahali pake, ndipo mahali pale huukana na kusema, ‘Mimi kamwe sikukuona.’
19 Kunis dhuma jireenya isaa ti; biqiltuuwwan biraas lafaa ni biqilu.
Hakika uhai wake hunyauka, na kutoka udongoni mimea mingine huota.
20 “Waaqni nama hirʼina hin qabne hin gatu; yookaan harka jalʼootaa hin jabeessu.
“Hakika Mungu hamkatai mtu asiye na hatia, wala kuitia nguvu mikono ya mtenda mabaya.
21 Inni afaan kee kolfaan, arraba kee immoo ililleedhaan ni guuta.
Bado atakijaza kinywa chako na kicheko, na midomo yako na kelele za shangwe.
22 Warri si jibban salphina uffatu. Dunkaanni jalʼootaas siʼachi hin jiraatu.”
Adui zako watavikwa aibu, nazo hema za waovu hazitakuwepo tena.”