< Iyyoob 8 >

1 Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise:
Then Bildad the Shuhite answered,
2 “Ati hamma yoomiitti waan akkasii dubbatta? Dubbiin kee bubbee jabaa dha.
“How long will you speak these things? Shall the words of your mouth be a mighty wind?
3 Waaqni murtii qajeelaa jalʼisaa ree? Waaqni Waan Hunda Dandaʼu waan qajeelaa jalʼisaa?
Does God pervert justice? Or does the Almighty pervert righteousness?
4 Yommuu ijoolleen kee cubbuu isatti hojjetanitti, inni adabbii cubbuu isaaniitti dabarsee isaan kenne.
If your children have sinned against him, he has delivered them into the hand of their disobedience.
5 Ati garuu yoo Waaqa barbaadatte, Waaqa Waan Hunda Dandaʼu yoo waammatte,
If you want to seek God diligently, make your supplication to the Almighty.
6 yoo ati qulqulluu fi qajeelaa taate, inni waaʼee keetiif ammuma kaʼa; jireenya qajeelummaa kees siif deebisa.
If you were pure and upright, surely now he would awaken for you, and make the habitation of your righteousness prosperous.
7 Jalqabni kee xinnaa taʼu illee, dhumni kee baayʼee guddaa taʼa.
Though your beginning was small, yet your latter end would greatly increase.
8 “Dhaloota darbe gaafadhu; waan abbootiin isaanii qoratanii bira gaʼanis hubadhu;
“Please inquire of past generations. Find out about the learning of their fathers.
9 nu waan kaleessa dhalanneef waa tokko illee hin beeknuutii; baroonni keenyas lafa irratti akkuma gaaddidduu ti.
(For we are but of yesterday, and know nothing, because our days on earth are a shadow.)
10 Isaan si hin barsiisanii? Sittis hin himanii? Dubbii garaa isaanii keessa jirus hin dubbatanii?
Shall they not teach you, tell you, and utter words out of their heart?
11 Dhallaadduun lafa caffee hin taʼinitti guddataa? Shambaqqoonis bishaan malee lalisaa?
“Can the papyrus grow up without mire? Can the rushes grow without water?
12 Isaan utuma guddachaa jiranuu, utuu hin muramin, biqiltuuwwan kaan dura dafanii gogu.
While it is yet in its greenness, not cut down, it withers before any other reed.
13 Dhumni warra Waaqa irraanfataniis akkasuma taʼa; abdiin warra Waaqa hin beeknees ni bada.
So are the paths of all who forget God. The hope of the godless man will perish,
14 Abdiin isaa akkuma salphaatti cita; ofitti amanachuun isaas manʼee sariitii ti.
whose confidence will break apart, whose trust is a spider’s web.
15 Inni manʼee isaatti irkata; manʼeen sun garuu hin dhaabatu; itti maxxanas; manʼeen sun garuu dandaʼee isa hin baatu.
He will lean on his house, but it will not stand. He will cling to it, but it will not endure.
16 Inni akka biqiltuu aduu keessatti bishaan obaafamee lalisuutti, dameewwan isaa lafa biqiltuu irra diriirfatuu ti.
He is green before the sun. His shoots go out along his garden.
17 Hidda isaa tuullaa dhagaatti marata; kattaa gidduus iddoo jiraatu ni barbaaddata.
His roots are wrapped around the rock pile. He sees the place of stones.
18 Yommuu inni iddoo isaatii badutti garuu, iddoon sun, ‘Ani si argee hin beeku’ jedhee isa gana.
If he is destroyed from his place, then it will deny him, saying, ‘I have not seen you.’
19 Kunis dhuma jireenya isaa ti; biqiltuuwwan biraas lafaa ni biqilu.
Behold, this is the joy of his way. Out of the earth, others will spring.
20 “Waaqni nama hirʼina hin qabne hin gatu; yookaan harka jalʼootaa hin jabeessu.
“Behold, God will not cast away a blameless man, neither will he uphold the evildoers.
21 Inni afaan kee kolfaan, arraba kee immoo ililleedhaan ni guuta.
He will still fill your mouth with laughter, your lips with shouting.
22 Warri si jibban salphina uffatu. Dunkaanni jalʼootaas siʼachi hin jiraatu.”
Those who hate you will be clothed with shame. The tent of the wicked will be no more.”

< Iyyoob 8 >