< Iyyoob 7 >

1 “Jireenyi namaa lafa irratti qabsoo cimaa mitii? Barri isaas akkuma bara nama qacaramaa tokkootii mitii?
הלא צבא לאנוש על ארץ וכימי שכיר ימיו׃
2 Akkuma garbicha gaaddisa galgalaa hawwuu, yookaan akkuma hojjetaa mindaa isaa eegatu tokkoo,
כעבד ישאף צל וכשכיר יקוה פעלו׃
3 jiʼoonni faayidaa hin qabne naa qoodaman; halkanoonni dhiphinaas naa ramadaman.
כן הנחלתי לי ירחי שוא ולילות עמל מנו לי׃
4 Yommuun ciisutti, ‘Ani yoomin kaʼa?’ jedheen yaada. Halkan natti dheerata; anis hamma bariʼutti nan gaggaragala.
אם שכבתי ואמרתי מתי אקום ומדד ערב ושבעתי נדדים עדי נשף׃
5 Nafni koo raammoo fi qonyanyaa uffateera; gogaan koo babbaqaqee malaʼaa jira.
לבש בשרי רמה וגיש עפר עורי רגע וימאס׃
6 “Barri koo kolloo wayya dhooftuu caalaa ariifata; innis abdii malee dhuma.
ימי קלו מני ארג ויכלו באפס תקוה׃
7 Egaa yaa Waaqayyo, akka jireenyi koo akkuma qilleensaa taʼe yaadadhu; iji koo lammata waan gaarii hin argu.
זכר כי רוח חיי לא תשוב עיני לראות טוב׃
8 Iji amma na argu siʼachi na hin argu; ati na barbaadda; garuu ani hin jiru.
לא תשורני עין ראי עיניך בי ואינני׃
9 Akkuma duumessi bittinnaaʼee badus namni awwaalame hin deebiʼu. (Sheol h7585)
כלה ענן וילך כן יורד שאול לא יעלה׃ (Sheol h7585)
10 Inni lammata mana isaatti hin deebiʼu; iddoon isaas siʼachi isa hin beeku.
לא ישוב עוד לביתו ולא יכירנו עוד מקמו׃
11 “Kanaafuu ani cal hin jedhu; ani hafuura koo dhiphate sanaan nan dubbadha; hadhaaʼummaa lubbuu kootiinis nan guunguma.
גם אני לא אחשך פי אדברה בצר רוחי אשיחה במר נפשי׃
12 Ati eegduu natti ramaduun kee, ani galaana moo yookaan bineensa galaanaa ti?
הים אני אם תנין כי תשים עלי משמר׃
13 Yommuu ani, ‘Sireen koo na jajjabeessa; wanni ani irra ciisu guungummii koo naa xinneessa’ jedhutti,
כי אמרתי תנחמני ערשי ישא בשיחי משכבי׃
14 ati abjuu keessa na sodaachifta; mulʼataanis na rifachiifta.
וחתתני בחלמות ומחזינות תבעתני׃
15 Kanaafuu ani akkasitti jiraachuu irra of hudhee duʼuu nan filadha.
ותבחר מחנק נפשי מות מעצמותי׃
16 Jireenya koo nan jibba; ani bara baraan hin jiraadhu. Na dhiisi; jiraachuun koo faayidaa hin qabuutii.
מאסתי לא לעלם אחיה חדל ממני כי הבל ימי׃
17 “Akka ati isa leelliftuuf, akka qalbii kee isa irra keessuufis namni maali?
מה אנוש כי תגדלנו וכי תשית אליו לבך׃
18 Ati ganama ganama isa xiinxaltee yeroo yerootti isa qorta.
ותפקדנו לבקרים לרגעים תבחננו׃
19 Ati ija kee narraa hin buqqiftuu? Hamma ani hancufa liqimsutti kophaa koo na hin dhiiftuu?
כמה לא תשעה ממני לא תרפני עד בלעי רקי׃
20 Yaa isa nama eegdu, yoon cubbuu hojjedhe iyyuu ani maalan si godha? Ati maaliif waan itti akeekkattu na godhatte? Ani baʼaa sitti taʼeeraa?
חטאתי מה אפעל לך נצר האדם למה שמתני למפגע לך ואהיה עלי למשא׃
21 Ati maaliif balleessaa koo irra dabartee cubbuu koo illee naaf hin dhiifne? Yeroon ani itti biyyoo keessa ciisu gaʼeeraatii; ati na barbaadda; garuu ani hin argamu.”
ומה לא תשא פשעי ותעביר את עוני כי עתה לעפר אשכב ושחרתני ואינני׃

< Iyyoob 7 >