< Iyyoob 6 >
1 Iyyoobis akkana jedhee deebise:
Sa’an nan Ayuba ya amsa,
2 “Utuu gaddi koo safaramee dhiphinni koo hundis madaalii irra kaaʼamee jiraatee!
“Da kawai za a iya auna wahalata a kuma sa ɓacin raina a ma’auni!
3 Waan inni cirracha galaanaa caalaa ulfaatuuf, ariitiin dubbachuun koo nama hin dinqisiisu ture.
Ba shakka da sun fi yashin teku nauyi, shi ya sa nake magana haka.
4 Xiyyawwan Waaqa Waan Hunda Dandaʼuu na keessa jiru; hafuurri koo summii isaanii dhuga; sodaachisuun Waaqaa natti hiriireera.
Kibiyoyin Maɗaukaki suna a kaina, ruhuna yana shan dafinsa; fushin Allah ya sauka a kaina.
5 Harreen diidaa utuu marga qabuu halaakaa? Yookaan qotiyyoon utuu okaa qabuu baroodaa?
Jaki yakan yi kuka sa’ad da ya sami ciyawar ci, ko saniya takan yi kuka in ta sami abincinta?
6 Nyaanni hin miʼoofne soogidda malee nyaatamaa? Yookaan bishaan hanqaaquu ni miʼaawaa?
Akan cin abinci marar ɗanɗano ba tare da an sa gishiri ba, ko akwai wani ƙanshin daɗi a cikin farin ruwan ƙwai?
7 Ani isa tuquu hin fedhu; nyaanni akkasii na dhukkubsa.
Na ƙi in taɓa shi; irin wannan abinci zai sa ni rashin lafiya.
8 “Utuu kadhannaan koo deebii argatee, Waaqnis waan ani hawwu naa kennee jiraatee,
“Kash, da ma Allah zai ba ni abin da nake fatar samu, da ma Allah zai biya mini bukatata,
9 utuu na caccabsuun fedhii Waaqaa taʼee, utuu harki isaa hiikamee na galaafatee!
wato, Allah yă kashe ni, yă miƙa hannunsa yă yanke raina!
10 Silaa kun jajjabina naa taʼa ture; dhukkuba hamaa keessatti iyyuu nan gammada ture; ani dubbii Qulqullicha sanaa hin ganneetii.
Da sai in ji daɗi duk zafin da nake sha ban hana maganar Mai Tsarkin nan cika ba.
11 “Ammas akkan abdadhuuf jabinni koo maali? Akkan obsuufis humni koo maali?
“Wane ƙarfi nake da shi, har da zan ci gaba da sa zuciya? Wane sa zuciya ne zai sa in yi haƙuri?
12 Ani jabina dhagaa qabaa? Foon koos naasiidhaa?
Da ƙarfin dutse aka yi ni ne? Ko jikina tagulla ne?
13 Ani of gargaaruuf humna tokko illee qabaa? Ogummaan na keessaa badeera mitii?
Ina da wani ikon da zan iya taimakon kai na ne, yanzu da aka kore nasara daga gare ni?
14 “Namni michuu isaatiif garaa hin laafne Waaqa Waan Hunda Dandaʼu iyyuu sodaachuu dhiiseera.
“Duk wanda ya ƙi yă yi alheri ga aboki ya rabu ta tsoron Maɗaukaki.
15 Obboloonni koo garuu akka doloolloo, akkuma laga yeroof guutee darbuu gowwoomsitoota;
Amma’yan’uwana sun nuna ba zan iya dogara gare su ba, kamar rafin da yakan bushe da rani,
16 isaan laga cabbiidhaan booraʼee yommuu cabbiin sun baqutti immoo guutee irra yaaʼuu ti.
kamar rafin da yakan cika a lokacin ƙanƙara, yă kuma kumbura kamar ƙanƙarar da ta narke,
17 Lageen yeroo bonni cimutti ni goggogu; yeroo hoʼaatti immoo iddoo isaaniitii badu.
amma da rani sai yă bushe, lokacin zafi ba a samun ruwa yana gudu a wurin.
18 Warri gaalaan daldalan karaa isaanii irraa jalʼatu; gammoojjiitti namʼanii dhumu.
Ayari sukan bar hanyarsu; sukan yi ta neman wurin da za su sami ruwa, su kāsa samu har su mutu.
19 Daldaltoonni Teemaa kanneen gaalaan daldalan bishaan barbaadu; karaa adeemtonni Shebaa immoo isaan abdatu.
Ayarin Tema sun nemi ruwa, matafiya’yan kasuwa Sheba sun nema cike da begen samu.
20 Isaan waan abdatanii turaniif ni qaanaʼan; achi gaʼaniis waan jedhan wallaalan.
Ransu ya ɓace, domin sun sa zuciya sosai; sa’ad da suka kai wurin kuwa ba su sami abin da suka sa zuciyar samu ba.
21 Ammas isin akka waan faayidaa hin qabnee taatan; gidiraa koo argitanii sodaattan.
Yanzu kuma kun nuna mini ba ku iya taimako; kun ga abin bantsoro kuka tsorata.
22 Ani takkumaa, ‘Waa naaf kennaa’ yookaan ‘Qabeenya keessan furii naaf godhaa’ jedheeraa?
Ko na taɓa cewa, ‘Ku ba da wani abu a madadina, ko na roƙe ku, ku ba da wani abu domina daga cikin dukiyarku,
23 Yookaan, ‘Harka diinaa jalaa na baasaa’ yookaan, ‘Harka cunqursitootaa jalaa na furaa’ jedheeraa?
ko kuma kun taɓa kuɓutar da ni daga hannun maƙiyina, ko kun taɓa ƙwato ni daga hannun marasa kirki’?
24 “Na barsiisaa; ani nan calʼisa; iddoo ani itti dogoggores na argisiisaa.
“Ku koya mini, zan yi shiru; ku nuna mini inda ban yi daidai ba.
25 Dubbiin qajeelaan akkam ulfaataa dha! Falmiin keessan garuu maal mirkaneessa?
Faɗar gaskiya tana da zafi! Amma ina amfanin gardamar da kuke yi?
26 Isin waan ani jedhu qajeelchuu, dubbii nama abdii kutatees akka bubbeetti heduu barbaadduu?
Ko kuna so ku gyara abin da na faɗi ne, ku mai da magana wanda yake cikin wahala ta zama ta wofi?
27 Isin ijoollee abbaa hin qabnetti ixaa buufattu; michoota keessaniifis boolla qottu.
Kukan yi ƙuri’a a kan marayu ku kuma sayar da abokinku.
28 “Amma garuu yoo fedhii keessan taʼe na ilaalaa. Ani fuula keessan duratti nan sobaa?
“Amma yanzu ku dube ni da kyau, zan yi muku ƙarya ne?
29 Deebiʼaa; murtiis hin jalʼisinaa; hubadhaa; ani nama qajeelaadhaatii.
Ku bi a hankali, kada ku ɗora mini laifi; ku sāke dubawa, gama ba ni da laifi.
30 Jalʼinni arraba koo irra jiraa? Afaan koo daba addaan baasuu hin dandaʼuu?
Ko akwai wata mugunta a bakina? Bakina ba zai iya rarrabewa tsakanin gaskiya da ƙarya ba?